Gulaallii Waancaa Afrikaa 2025 guyyaa har'aa Afrikaa Kibbaatti baheen Itoophiyaan ramaddii H jala ramadamte.
Itoophiyaa waliin Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo, Giiniifi Tanzaaniyaan ni jiru.
Walumaa gala ramaddiin 12 biyyoonni afur afur jalatti tarreeffaman adda baheera.
Ramaddii 12 keessaa biyyoonni sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan xumuran Waancaa Afrikaaf darbu.
Waancaan Afrikaa bara 2025 Mudde 2025 – Amajjii 2026 taasifama. Kana dura Mudde keessa taphatamee hin beeku.
Ramaddiin biyyootaa kunooti:Ramaddii A: Tuniziyaa, Madagaaskaar, Komoroos, Gaambiyaa
Ramaddii B: Morookoo, Gaabon, Afrikaa Giddugalaa, Lesotoo
Ramaddii C: Masrii, Keep Verdee, Moritaaniyaa, Botiswaanaa
Ramaddii D: Naayijeeriyaa, Beenin, Liibiyaa, Ruwaandaa
Ramaddii E: Aljeeriyaa, Ikuwaatoriyaal Giinii, Toogoo, Laayibeeriyaa
Ramaddii F: Gaanaa, Angoolaa, Sudaan, Niijer
Ramaddii G: Ayivorii Koost, Zaambiyaa, Siyeraa Liyoon, Chaad
Ramaddii H: RD Kongoo, Giinii, Tanzaaniyaa, ItoophiyaaRamaddii I: Maalii, Mozaambik, Giinii-Bisaawu, Iswaatinii
Ramaddii J: Kaameroon, Naamibiyaa, Keeniyaa, Zimbaabuwee
Ramaddii K: Afrikaa Kibbaa, Yugaandaa, Kongoo, Sudaan Kibbaa
Ramaddii L: Senegaal, Burkina Faaso, Maalaawi, Burundii