Jecha Beektoota Addunyaa👍❤️


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Telegram


Jaalalaan haa jiranuu______

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Telegram
Статистика
Фильтр публикаций





Jaarsi du'uu ka'e
sin abaarin, Daa'imni
ol guddatu sin jibbin!!



AMIIN JEDHAA😋




Akka waliif qodaan Abdiin Qabbaa kitaabaa @HIN GAABBU kan jedhuu share Waliif Godhaa


Ajaa'iba,...

Qaamaan bareedduudha, ijji ishee garuu, dhaloota irraa kaasee lafa hinargu ture. Addunyaa kana irraa kan ishee gammachiisuufi abdii isheef kennu jaalalleeshee dhiiraa kan yeroo hunda ishee biraa hindhabambe sana ture. "Utuun gaaftokkoo ija koo banadhee si argee sitti heerume....." jetti turte. Guyyaa gaaaftokko namni ija arjoomeefii, ija lamaan argatte, ijjishee banamee ifa addunyaa argite....jaalallee ishee kan duraan arguuf hawwaa turte sanaas yoo ilaaltu, innis ijji isaa lamaanuu lafa hinargu, qaro-dhabeessaadha. Eega kana argite booda itti heerumuu diddee biraa deemte. Innis akkas jedhee xalaayaa barreesseef " Ijoota koo lamaan kunuunsii qabadhu....." jedhe. Ija lamaan isaatuu kenneef ture, ofiisaa jaamee qaroosaa kenneef.

@Jecha_Beektoota_Addunya


Abjuu

Abjuunan si arge
rafeetoo galgala
Teenyee yoo haasofnu
da’oo Odaa jala

Sinsinniin yoo wal-laalan
agartuun keenya lachuu
Gadda fageessanii
yoo oomishan gammachuu

Wanta garaa keenyaa
hundumaa haasofnee
Danqaa nu gidduudhaa
haasawaan furannee

Imaluu eegalle
walitti sissiquu
Keessaa u…utaalaa
gammachuun burraaquu

Gaafan xuuxuuf jedhu
hidhiikee bareedduu
Hirriibaan dammaqe
adda cite hunduu😍


Nama tahi! Of ta'i
...Ofi kabaji!
...Ofiikee ,ofiikeef dursi!
...Of eebbisaa imali!
...Of dhaggeeffadhu!
...Of mil'adhu!
...Of yaadi ofii yaadi!
...Of beeki ofii beeki!
...Of hinjibbin of jaaladhu(+ve)
...Of qabi of dhaabi!
...Of gaafadhu Of argadhu!
...Of badin of barbaadi!
...Of hindaangeessin deemi!
...Of yayyabi ofi ijaari!
...Of mararfadhu
"""""
"""""""" Of Ofiikoo ofiikootif"""@JechaBeektoota_Addunya 🤌


QAJEELFAMOOTA DADAMMAQIINSA JIREENYA ILMA NAMAATIIN WALQABATAN:

➊. Kaayyoo ofiitiif bitamuu!
➋. Xiyyeeffannoo qabaachuu!
➌. Galma ofii beekuu!
➍. Ejjennoo qabaachuu!
➎. Jalqaba haaraan eegaluu
➏. Karaa salphaa adeemuu
➐. Mul'ata qabaachuu
➑. Waan addaa uumuu
➒. Beekumsa ofiitti fayyadamuu
➓. Ofitti amanamummaa qabaachuu
Ati yoo of hin kakaafne homtuu si hin kakaasu!

@JechaBeektoota_Addunya 🤌


“SI’A BAAY’EE KUFUUN KOO ANAAF KARAA FIIXAAN BA’IINSAA NAAF TA’E"

(Jecha Toomaas Edisoon ─ Abbaa kalaqaa fi argannoowwan 15 ol addunyaaf gumaache)

… Waa’ee namicha kanaa irra deddeebi’ee kanan barreessuuf waan baay’ee waanan irraa hubadheef isinis waa irraa barattu jedhee waanan yaadef malee ittiin isin jajjabeessuuf yookiin seenaa isaa isin barsiisuf miti.

Dhugaan jireenyaa fi iccitiin milkaa’inaa inni sirriin isa kana waan ta’ee fi dargaggoota ciminaa fi humna addaa of keessaa qaban baay’een utuma jiranii garuu kaka’uumsa gara milkaa’inaatti isaan geessu dhabanii waan laayyotti of ilaaluu keessaa bahuu akka qaban hubachiisuuf!

» Rakkoon rakkoo ta’ee kan hafu gaafa ati karaa qajeeladhaan furmaata itti laachuu dhiiftee akka rakkootti ilaalte qofadha.
» Rakkoon siif carraa itti qaramtee baatu ta’uu qaba. Carraa ati itti mul’ata kee dhugoomsitu ta’uu qaba.
» Jireenya kee keessaa wanti baay’ee cimaan, wanta ati akka cimaatti ilaalte qofaadha.
» Kan baay’ee cimaa ta’e si mataa kee malee rakkoo si qunname miti. Anatu rakkoo CAALAA cimaa dha jedhi of amansiisi!
» Ati rakkinaaf hiika addaa kennuu qabda.

Toomaas Edisoon, “Si’a  baay’ee kufuun koo anaaf karaa fiixaan ba’iinsaa naaf ta’e; kana akka kufaatiitti hin fudhadhu; akka barnootaatti malee. Sababni isaa karaalee hin hojjenne kuma kudhanin irraa baradhe.” jedhee dubbata. Kanaafuu atis “HIN KUFNE NAN KA’E MALEE” jedhii of irratti dubbadhu!

Eeyyee:

» Si’a baay’ee kufuun isaa nama guddaa ta’uutti isa fide.
» Maalif rakkinni na qunnama jechuun maaliifan NAMA  ta’a jechuudha.
» NAMA ta’uuf rakkina keessa darbuun dubbii dhumaati.

@JechaBeektoota_Addunya @channel_join


͙͙JechaBeektoota_Addunya _channel
Kan ani calliseef
Moo'ameetii miti.
Nama nan hubanneef
Himuu dadhabeeti malee.


Daaloteedhaa jirtuu
Mukti dhagaan taatu
Baalageedhaa jirtuu
Durbi nagaan taatu!


彡• Hirriibni baay’atu, duumessa hiyyummaati.

彡•  Ijji dhugaan boosse, imimmaan hin dhabdu.

彡•  Gara jabeessa heexoon hin baasu.

📚
@echa_beektoota_addunyaa_@join _channel


Nama tahi! Of ta'i
...Ofi kabaji!
...Ofiikee ,ofiikeef dursi!
...Of eebbisaa imali!
...Of dhaggeeffadhu!
...Of mil'adhu!
...Of yaadi ofii yaadi!
...Of beeki ofii beeki!
...Of hinjibbin of jaaladhu(+ve)
...Of qabi of dhaabi!
...Of gaafadhu Of argadhu!
...Of badin of barbaadi!
...Of hindaangeessin deemi!
...Of yayyabi ofi ijaari!
...Of mararfadhu
"""""
"""""""" Of Ofiikoo ofiikootif"""


🔔Dubbiilee Hayyoota Addunyaa 16:
▬▬▬▬▬▬▬
1. "Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. "
— (Thomas Takias)

2. "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i!"
— (Jecha warra Ingilizii)

3. "Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama."
— (Wiiliyaam Sheekispir)

4. "Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha."
— (Maaksim Troobey)

5. "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu."
— (William Shekispir)

6. "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru."
— (Jecha warra Morookoo)

7. "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha."
— (Jecha warra Arabaa)

8. "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha."
— (Jecha warra Chaayinaa)

9. "Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!"
— (Jecha warra Ingilizii)

10. "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha."
— (Jecha warra Aayilaandii)

11. "Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti."
— (Maataammaa Gaandii)

12. "Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha."
— (Abrahan Liinkan)

13. "Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu."
— (Abraham Liinkan)

14. "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna."
— (Rey Liiman Wiilber)

15. "Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu."
— (Maaliif Waaltoo Imarsan)

16. "Maallaqni:
√ Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu!
√ Qoricha malee fayyaa hin bitu!
√ Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu!
√ Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu."
— (Heenriik Ibsan)

Gorsa dabalataaf @join na gochuu hindagatiinaa
👇👇
Digitalawa_channel_@Jecha_Beektoota_Addunya


Gorsa barbaachisaa Part 1️⃣
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Namoota gosa sadii kabaji
👉 Abbootii beekumsaa
👉 Maatii kee
👉 Manguddoota
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
2. Waan sadii qabaadhu
👉 Amanamummaa
👉 Amantii
👉 Hojii gaarii
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
3. Waan sadii irraa of fageessi
👉 Nama kabajuu dhabuu irraa
👉 gowwoomsuu irraa
👉 Liqii irraa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
4. Waan sadii to’adhu
👉 Arraba kee
👉 Aarii kee
👉 Miira kee
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
5. Waan sadii irraa of eegi
👉 hojii badaa irraa
👉 Nama Hamachuu irraa
👉 Inaaffaa irraa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
6. Waan sadii barbaadi
👉 Beekumsa
👉 Amala gaarii
👉 Abboomamuu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
7. Waan sadii qulqulleessi
👉 Qaama kee
👉 Uffata kee
👉 Haasaa kee
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
8. Waan sadii yaadadhu
👉 Du'a
👉 Tola namoonni siif Oolan
👉 Gorsa namoonni siif kennan.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬



Laayikiin Eenyuun Ajjeesee Beeka👍

♡ ㅤ   ⎙ㅤ  ⌲          🔕   
ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ    ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ


"#Kufaatiin qamaa #Jireenyaati,  hin kufnu taanan hin barannu, hin barannu taanan Gonkumaa hin jijjiiramnu. "

GALMA namni qabu nama kayyoo qabu namni kayyoo qabu immoo rakkoo miti rakkoof furmaata arga jireenya hadhaa'aa har'aan miti qabeenya  har’aa qabuuniis miti kayyoo jiraatuf beeke jireenya guutuu abdii keessa isaan jiraata

Yeroo tokko tokko taate har’aa rawwaatnu ilaalame namoota tokko tokkof waan kayyoo hin qabne itti fakkaata dhugaan isaa garuu jireenya keessatti dogoggorri karaa lamaa akka uumamu beekuudhaan kan jalqabaa maatii, oollaa, hiriyoota ykn gaggeessaa keenyaan dhiibbaa nurraa Ga'uu ta'u danda'a ; kan lammaaffaa jireenya nuti haalota bakkeen mul'atan to'aachuuf tasifnuudha . yoo ati amantee ni fudhaata taate ilaalchi jal'aan jireenya kee irraatti dhiibbaa hamaa ati tasumaa mo'aachu hin dandeenye siif uume darba.

Namootni si qeequf aango guutuu qabu Sababni isaa eenyummaa kee isaa sirri si caala kan beeku hin jiru Kanaaf namootan nan qeeqiin jechuuf aangoo hin qabdu guddummaa fi kabaja kee garuu situ eeggachuu danda'u qaba.

Yoo Dhugumaa kayyoo hin qabdu taate galma hin qabdu  ceephoon namoota jireenya kee irraatti ba'aa guddaa ta'uu danda'aa.

Jireenyi kayyoo hin qabne garba nama godhaa garbummaan immoo nama qofaan miti Waantootni jireenya nama hin jijjiirre kamiyyuu garba namaa godhaatanii kayyoo ofii irraa addaa nama baasu.

Namni kayyoo isaa hin beekne immoo jireenyi isaa borii duwwaadha Kanaafan jiraadha waan jedhuu tokko hin qabu.  namni waan bor jiraatuf hin qabne immoo abdii hin qabu namni abdii hin qabne jireenyi isaa gammaachuu hin qabu namni gammaachuu hin qabne uuma wajjiin wal komata.

Qabeenyi gatii jabeessi karaa duraa hin jiru bu'aa ba'ii hedduu bodaa kan argachuun danda'amu yoo Dhugumaa badhadhummaan jirachuu barbadnaa taane dandeetti dhokataa keessa keenya jiru beekne itti hojjeechu qofan.
@Jecha_Beektoota_Addunya


Gatii Yeroo

Yeroon al tokko dhumee waan hin deebineef gatii guddaa qaba. Al tokko badee bara baraan waan badeef ogummaadhaan itti fayyadamuu qabna. Yeroon hundi lakkaa'ama, kanaaf akka gaariitti itti fayyadamuu qabna. Yeroon kaayyoo fi abjuu keenya galmaan gahuuf nu gargaara. Akka maallaqaati; al tokko fixe, badeera. Yeroo qisaasuu jechuun carraa qisaasuu jechuudha. Hojiiwwan dursa kennuu fi yeroo keenya haala bu’a qabeessa ta’een bulchuu qabna. Yeroon qabeenya muraasa waan ta’eef, kunuunsuu fi kabajuu qabna. Gabaabumatti, gatii yeroo garmalee ibsuun hin danda'amu-jireenya keessatti milkaa'inaafi guutummaaf furtuudha.


Abjuu

Abjuun akka hasaasa lubbuu irraa, .

gara fedhii keenya isa gadi fagootti nu qajeelcha.

Isaan boba'aa ibidda qabsiisu

hawwii nu keessa jiru, galmaan ga’uuf nu oofaa jira

urjiileef. Abjuun kanfaasicha dibu

kan sammuu keenyaa mul’ata waan ta’uu danda’u waliin

ta’i, akka itti cimnu nu kakaasaa

rakkina. Isaan arkiteektoota callisaniidha

kan egeree keenyaa, bakka itti deemnu bocuu

tokkoon tokkoon yaada darbaa. Abjuun kan...

mul’achuu abdii keenyaa fi

hawwii, akka isaan hordofnu nu kakaasaa jira

kutannoo hin raafamneen. Keessatti

mootummaa abjuu, wanti kamiyyuu ni danda'ama, .

warra sana garagalchuunis kan keenya

carraawwan gara dhugaatti.@highlight


Ofitti amanamummaa

Ofitti amanamuun akka ifa qajeelchuuti

kan jireenya keessa akka deemnu nu gargaaru

qormaata. Dandeettii keenyatti amanuudha

fi gatii kan keenya hordofuuf nu kakaasu

duubatti deebi’iinsa qabaatus goolii galcheera. Of- .

ofitti amanamummaa, nuti dheeraa dura dhaabbanna

shakkii fi sodaa, hammachuu

carraawwan hamileedhaan. Innis kan...

bu’uura dandamachuu, nu humneessuu

kufaatii irraa cimee deebi’uuf

kan duraa caalaa. Of- .

ofitti amanamummaa keenya beekuu gaafata

cimina, mudaa keenya fudhachuu, fi

dandeettii keenyatti amanuudhaan. Yeroo itti amanamnu

ofii keenya, nama kakaasnee uumna

jireenya keenya keessatti bu’aa riphee gaarii fi

hawaasa@jecha_bektootaa_Addunya@join


sadertas.com irratti argamu

Jaarsa bosona keessa jiraatu tokkotu ture.

Akkuma guddachaa fi guddachaa deemuun rifeensi isaa dhabuu jalqabe, hanga guyyaa tokko, siree du'aa isaa irra, .

guutummaatti rifeensa mataa qaba ture. Guyyaa sana, ijoollee isaa walga'ii waamee... "Ilaalaa rifeensi koo. Duraan baay'ee nama dinqisiisa ture, amma garuu guutummaatti badeera. Rifeensi koo baraaramuu hin danda'u. Garuu ala bosona ilaalaa" jedheen. Bosona akkas jaalalaa mukkeen baay'ee qabuudha, garuu yeroo gabaabaa keessatti hundi isaanii ni murama bosonni kun akka rifeensa kootti rifeensa mataa natti mul'ata." "Waan akka ati gootu barbaadu..." jedhee itti fufe namichi.

"Jechuun, yeroo mukni tokko muramu ykn...@jechaa_bektootaa
@join


Namni tokko akka isaan gammachiisuuf carraaqqii guddaa gootus si gadi buusu yoo itti fufe, gadhiisi. Maaliif itti fufa? Cirracha lubbuu qabu fuuldura akka dhaabatte osoo beektee, akkanumatti utaaltee seenta?#join #jecha#Beektoota 😇


Репост из: DINQISISOO ADDUNYAA
Nuti meeshaa qabna Yukireen garuu 'goftoolii ishee meeshaa kadhataa jirti' jedhan Puutin
Siistama misaa’ela akkaan saffisaa nu qofatu qaba jedhan tarreessuun ibsaniiru.

𝚜𝚑𝚊𝚛𝚎➪ @Dinqisisoo_Addunyaa
𝚜𝚑𝚊𝚛𝚎➪  @Dinqisisoo_Addunyaa

Показано 20 последних публикаций.