Akkamitti Waaqayyoon Dhuunfaatti Beekuu dandeenya? Waaqayyo akkamitti akka isa beekuu dandeenyu Macaafa Qulqulluu keessatti baay’ee ifa godheera.
Qajeelfamoota armaan gadii kun akkamitti akka dhuunfaatti Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii jalqabuu akka dandeessu ibsu,
Qajeelfama 1faaWAAQAYYO INNI SI JAALATU JIREENYA KEETIIF KAROORA DINQISIISAA QABA.
Jaalalli Waaqayyoo hanga ilmasaa tokkicha siif kennutti dha.
📖“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuutti biyya lafaa jaallate, isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka baduuf miti.” W.Yoh 3:36
Karoora Waaqayyoo siif qabu. Karoorri isaa jireenya siif kennuuf dha.
[Kiristos yeroo dubbatu] “Jireenya akka qabaataniif, irraa hafaa akka qabaataniif” jedha
Namoonni Irra caalaan JIREENYA irraa hafaa fi mijataa ta'e keessatti hin argaman. Maalif Sababiinsaa cubbamoota waan taanef ture.
Qajeelfama 2ffaa…Hundi keenya cubbamootaa FI cubbuu keenyaanis Waaqayyorraa adda kan baane turre.
Nuti Cubbamoota dha. Namni hundumtuu qulqullummaa hin qabu. Sababa kanaa ulfinni Waaqayyoos namarraa hir'ate.
📖 “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, Ulfinni Waaqayyoos itti hir’ateera.” Rom 3:23.
Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akka qabaannutti uumamnee ture.
garuu, fedhii ofii keenyaa isa mata jabeessa ta’een, of dandeenya jenneetu karaa ofii keenyaa deemuu filanne, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenyi keenyas addaan cite.
Fedhiin ofii kun, ilaalcha finciluu ykn amala waan waa'ee hin baafneen wal qabatudha , wanta Macaafni Qulqulluun cubbuu jedhee waamufis ragaadha.
Kunis waaqayyo irraa adda nu baase.
📖 “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a;.”
— Rom. 6:23
carraaqqii mataa keenyaatiin, kan akka jireenya gaarii, falaasama, ykn jireenya irraa hafaa jiraachuuf yaalii guddaa taasisuu fi lubbuu ofiitti hir'isuun kufaatiidhaaf nu saaxilee nu kuffise.
📖 S.uma. boqonnaa 3
keessatti akka Waaqayyoo taatu isa bofni jedhe Hewaan amanteetu carraaqqii mataasheetiin Waaqayyo ta'uuf yaalte. Kun immoo kufaatii ykn du'a nutti fide jechuu dha.
Seerri inni sadaffaan karaan gara abbaatti geessu tokko qofa akka ta'e nu hubachiisa.Qajeelfama 3ffaaYESUS KIRISTOS CUBBUU KEENYAAF HOOLAA WAAQAYYO QOPHEESSE DHA.
KARA ISAA JAALALA WAAQAYYO FI KAROORA INNI NUUF QABU HUBACHUU NI DANDEENYA.
Yesus Bakka Keenya du'e.
📖 “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.”
— Rom. 5:8
Nuuf Du'aa Ka'e
“Kiristoos cubbuu keenyaaf du’e...Awwaalame...Guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e, akka Caaffanni Qulqullaa’ootti...Maariyaam , Pheexirositti mul’ate, achiis warra kudha lamaanitti.
Sana booda dhibba shanii ol mul’ate...”
Inni karaa gara Waaqayyotti geessu tokkichadha.
📖 “Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
— Yoh. 14:6
Qajeelfamoota armaan olii kana qofaas miti.
Qajeelfama 4ffaaYESUS KIRISTOSIIN AKKA GOOFTAA FI FAYYISAA KEENYAATTI FUDHACHUUDHAAN JAALALAA WAAQAYYOO FI KAROORA INNI JIREENYA KEENYAAF QABU BEEKUU NI DANDEENYA.
Kanaaf maal gochuu qabnaree ?
Kiristosiin Fudhachuu Qabna📖 “Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha.”
— Yoh. 1:12
Kiristosiin amannee fudhachuu qabna
Ayyaanaa fi amantiidhaan fayyine. Nuyi kan mataa keenyaa miti.
📖“Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiru ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti.”
— 1Qor. 6:19
📖 Rom. 3
²⁶ Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa ta'uu isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mul'iseera.
²⁷ Egaa maaliin of jajna ree? Waan ittiin of jajnu tokko illee hin qabnu, seera maaliitiin dhabna? Akka abboommii seeraatti hojjechuudhaanii? Waawuu, akka abboommii amantiitti jiraachuudhaan malee. Jedha.