👉📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖 Waaqayyoon Ofirratti Moosisuu.📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖
Waaqayyoon ofiratti moosisuu jechuun amala Waaqayyo nurraa barbaadu hundumaa hojjechuudh. Waaqayyoon ofirratti moosisuun , Waaqayyoof qofa amanamuudha. Waaqayyoof hin amanamtu yoota’e Waaqayyo siif hin amanamu. Yeroo baay'ee iccitiin Waaqayyoon ofirratti moosisuu dadhabuu inni guddaan; lafa Waaqayyo si kaa’e irratti amanamummaa dhabuudha. Mootichi Saa’ol waan Waaqayyo isa abboome hunda amanamummaadhaan raawwachuu waan hin dandeenyeef Waaqayyo isa ajjeese. 👉📖 1Sen 10:13.
Argitee? asirratti waan hubachuu qabnu inni guddaan , sababa Waaqayyoon ofirratti hin moosifneef Waaqayyoof amanamuu hin dandeenyu. Mee jireenya Saa’ol mooticha irraa waan hedduu hubanna.
1ffaan Eker-dubbiftuu bira dhaquudhaan Waaqayyo irraa amanamummaa dhabe. 👉📖 1Sen 10:13 irratti akkuma arginu jechuudha.
2ffaan Hojii Waaqayyo isaaf hin laanne hojjechuudhaan. 👉📖 1sam 13:12-14.
3ffaan utuu danda'u Waan abboomame raawachuu dhiisuudhaan.
jedheen.
Waaqayyoon ifirratti moosisuuf wantoota armaan olitti ilaalaa turre irraa bilisa ta’uu qabna. Itti dabalee
Waaqayyoon ofirratti moosisuuf maal gochuu qabna ?
1. Lafa Waaqayyo nu fide beekuu. 👉📖 Far 124:1-8
2. Waan waaqayyo hin jaallanne irraa adda bahuu. 👉📖 Izr 10:1-12 akkasumas 👉📖2Qor 6:14-17.
Bara keenya kanatti amala tokkotu jira. Amala sana hamma ofkeessaa baafnutti hinfayyinu. Sababiinsaa Waaqayyo jala utuu jirruu ;
A) waaqolii tolfamoo waaqessuu,
Fakkeenyaaf qabeenya barabaraan nama hin oolchine barbaacha Jawwee sooruu fi itti sagaduu, beekaa yookaan Eker-dubbiftuu(Xibaartota) bira dhaquu jechuudha.
B) Namoota hin amannetti hidhachuu. Tajaajilaa taanee utuu jirruu warra hin amannetti hidhachuu. Warra hin amanne wajjiin walfuudhuu fi heerumuu, wantoonni kuniyyuu Waaqayyoon hingammachiisan. Bara lubicha Izraa waan akkasii kun ta'ee ture. 👉📖 Izr 10:1-13. Yeroo sanattis Waaqayyo akka adda bahaniif karaa lubicha Izraa Israa'elota abboomee ture. Nutillee waan baay'ee irraa adda bahuutu nuuf mala.

1Sen. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Saa'ol Waaqayyoof amanamuu waan dideef in du'e; inni eker-dubbiftuu barbaadee gaafatate malee, dubbii Waaqayyoof hin abboomamne.
¹⁴ Inni Waaqayyoon gaafatachuu hin barbaanne; kanaaf Waaqayyo isa ajjeesee, mootummaa isaa Daawit ilma Iseyitti in dabarse.
Argitee? asirratti waan hubachuu qabnu inni guddaan , sababa Waaqayyoon ofirratti hin moosifneef Waaqayyoof amanamuu hin dandeenyu. Mee jireenya Saa’ol mooticha irraa waan hedduu hubanna.
1ffaan Eker-dubbiftuu bira dhaquudhaan Waaqayyo irraa amanamummaa dhabe. 👉📖 1Sen 10:13 irratti akkuma arginu jechuudha.
2ffaan Hojii Waaqayyo isaaf hin laanne hojjechuudhaan. 👉📖 1sam 13:12-14.
3ffaan utuu danda'u Waan abboomame raawachuu dhiisuudhaan.
1Sam. 15
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ "Saa'ol na duukaa bu'uu dhiisee deebi'eera; inni akka dubbii kootiitti waan hin raawwatiniif, isa moosisuu kootiif nan gadda" jedhe; Saamu'elis dubbii dhaga'e kanaaf gaddee, halkan sana guutuu gara Waaqayyootti in iyye.
…
¹⁸ Inni, 'Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana raawwadhuu balleessi! Hamma isaan dhumanittis isaan waraani!' jedhee si erge.
¹⁹ Egaa maaliif dubbii Waaqayyoo dhaga'uu diddee, boojuu irratti lafa dhooftee, Waaqayyo duratti wanta hamaa hojjette ree?" jedhe.
…
²² Saamu'el immoo, "Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhaga'ee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree? Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa dhi'eessuu irra in wayya;
²³ abboomamuu diduun cubbuu hooda sobaa ti; xiiqeffachuunis jal'ina akka Waaqayyo tolfamaa waaqeffachuu ti; sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, innis akka ati mootii hin taaneef si tuffateera"
jedheen.
Waaqayyoon ifirratti moosisuuf wantoota armaan olitti ilaalaa turre irraa bilisa ta’uu qabna. Itti dabalee
Waaqayyoon ofirratti moosisuuf maal gochuu qabna ?
1. Lafa Waaqayyo nu fide beekuu. 👉📖 Far 124:1-8
2. Waan waaqayyo hin jaallanne irraa adda bahuu. 👉📖 Izr 10:1-12 akkasumas 👉📖2Qor 6:14-17.
2Qor. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁴ Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?
¹⁵ Kristosii fi Seexanni² attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree?
¹⁶ Manni qulqullimmaa Waaqayyoo immoo waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? Waaqayyo jiraataa dha, nuyis mana qulullummaa isaa ti; Waaqayyo ofii isaatii, "Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan deddeebi'a; ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u" jedheera.
¹⁷ Iddoo biraattis immoo, "Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas;wanta xuraa'aa harkaan hin qabinaa!