Baankiin Siinqee Qooda Fudhattoota Wajjin Gamaaggama
Raawwii Hojii Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Adeemsise
==================
Baankiin Siinqee guyyaa har’aa Gurraandhala 12 Bara 2017 Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Bul/Magaalaa Shaggaritti gamaaggama raawwii hojii carraa hojii uumuu fi ogummaa kan waggaa lamaa fi walakkaa adeemsise. Baankii Siinqee dabalatee qooda fudhattoonni kan akka Oromiyaa Kaappitaal Guuds fi Dhaabbileen Miti-mootummaa adda addaa waltajjicharratti hirmaataniiru. Baankiin Siinqee lammiilee hedduudhaaf carraa hojii uumuu fi leenjii ogummaa hojii uummachuu fi dhiyeessii liqaatiin gahee guddaa bahaa turee fi ammas itti jiru gamaaggama taasifamerratti ibsameera. Itti Aanaan Pirezidaantii Baankii Siinqee Obbo Geetaachoo Dheeressaa waltajjicharratti argamanii ergaa dabarsaniin, tajaajilli gama Baankii Siinqeetiin kennamaa jiru qooda fudhattoota hunda fayyadamaa taasisuuf daran cimee kan itti fuufu ta'uusaa ibsaniiru.