📆 Daily Devotional 63 | Spiritual Growth
╭════▪▪▪▪════╮
✔️ Fakkeenya 31:10 ✔️
╰════▪▪▪▪════╯
🌷 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
✅ Kutaa 1ffaa
“Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu danda'a ree? Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti;” (Fak. 31:10)
Waa'ee gaa'elaa ilaalchisee gaaffiin dargaggoota baay'ee, 'nama kan koo ta'e akkamittan adda baasee gaa'elatti gala' kan jedhu dha.
» Gaa'elli maalii? Eenyutu dhaabe, maalif hariiroo [gaa'elaa] akka dhaabe sirriitti yaadanii hubachuun baay'ee barbaachisa dha.
⚠️ Yoo kana hin taane fedhii Waaqayyoo dhiisnee fedha mataa keenyaa qofa gara dhaga'uutti deemna.
Waaqayyo fedhii mataa keenyaatti dabarsee yoo nu kenne immoo baay'ee ulfaataa dha. Kanaaf dargaggoonni "eenyun fuudha/eenyuttin heeruma?" kan jedhu yaaduun dursa, fedha Waaqayyoo waa'ee hariiroo gaa'elaa irratti qabuu fi hariiroo mataa isaanii Waaqayyo wajjin qaban maal akka fakkaatu ilaallachuutu ta'a.
Namni fayya-buleessi kamuu gaa'ela naga-qabeessa barbaada. Kanaafis yeroo, qabeenya, waan hundumaa isaa... aarsaa (invest) godha. Duudhaa (value) geeddaruun yoo barbaachises kana gochuu irraa duubatti hin deebi'u. Mee dursinee yaada Waaqayyo gaa'ela irratti qabu haa ilaallu.
🛑 Waa'ee Gaa'elaa irratti Yaadni Waaqayyoo maali?
» Gaa'elli yaada Waaqayyooti.
» Gaa'elli mucaa Waaqayyooti (Abbaan Gaa'elaa Waaqayyoo dha)
» Gaa'elli abjuu Waaqayyoof dhugoome dha.
» Boca (Design) gaa'elaa kan hojjete Waaqayyoo dha.
» Waaqayyo gaafa gaa'ela uume bifa eenyummaa isaa (trinity) calaqqisiisuuni dha.
» Namni gaaf gidduu seenuun boca (Design) isaa kanatti bu'u Waaqayyo ni dheekkama.
Addaamiin alatti uumamni hunduu "ta'aa" jedhamanii uumaman. Addaam (namni) garuu eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaa dhaan uumame. Innoo bifaa fi fakkaattii Waaqayyootiin biyyoo lafaa irraa tolfame (Uma. 1:26). Lubbuu akka qabaatuufis Waaqayyo hafuura jireenya itti godhu itti baafate. (Uma. 2:7)
⚠️ Uumamuu (tuttuqqaa Waaqayyoo) kana keessa namni (Addaam) hariiroo Waaqayyoon wajjin qaba ture. Jechuun, osoo Hewwaanin hin beekin dura Waaqayyoon beeka.
⚠️ Addaam qofa miti, Hewwaanis eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaadhaan lafee cinaachaa Addaam keessaa fuudhame irra tolfamte. (Uma. 2:21-22) Isheenis akkasuma uumamuu ishee keessa Waaqayyo wajjin hariiroo qabdi turte. Addaamiin osoo hin beekin dura Waaqayyoon beekti turte.
❗️ Egaa Addaamii fi Hewaan hariiroo walii isaanii waliin qabaachuun dura, dhuunfaa dhuunfaa isaaniitti Waaqayyo wajjin hariiroo qabu turan jechuu dha.
Kuni hariiroo gaa'elaa dura hariiroon Waaqayyo wajjin qabnu murteessaa ta'uu isaa argisiisa. Jaalalli jalqaba Waaqayyo wajjin shaakalamuu danda'uu qaba. Kanaaf waan hundumaa dursa ulaagaan jalqabaa turtii fi hariiroo namni gooftaa isaa wajjin qabu ta'uu qaba. Namni kun hammam na jaallata utuu hin jedhin dura hammam gooftaa jaallata isa jedhu gaafachun ba'eessa taha.
🛑 Ga'ee Waaqayyoo gaa'ela keessatti
Waaqayyo abbaa gaa'elaati erga jennee, ga'een akka abbaatti hojjete isaan armaan gadiiti:
• Dhiyeessuu (Providing)
Uma. 1:29
• Qajeelfama laachuu/barsiisuu (Giving guideline)
Uma. 2:16
• Eeggachiisuu (Warning) Uma. 2:17
• Karoora baasuu (Planning) Uma. 2:18
Karoora baasanii hojjechuun amala Waaqayyooti. Eegaan namnis amala kana Waaqayyo irraa barachuu qaba.
Walumaagalatti, namni hariiroo gaa'elaa uummachuun dura, hariiroo Waaqayyo wajjin qabu jabeeffachuu qaba. Amala Waaqayyo irraa baratee nama hojii ta'uutu irra jiraata.
Maqaan Waaqayyo bara baraan haa eebbifamu! Ameen 🙏🏻
Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
👇🌷👇🌷👇🌷👇🌷
@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio