Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa! Jaalala obbolummaatiin ho'isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa! Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa'inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu'aa hojjedhaa! Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa! Warra Waaqayyoof qulqullaa'an rakkina isaaniitti gargaaruu keessaa qooda qabaadhaa! Keessummoota simachuutti dhimmaa!
Warra isin ari'atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa! Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa! Waa'ee walii keessaniif yaada tokko qabaadhaa; isin ol of qabuu hin yaadinaa, warra gad deebi'anii wajjin jiraachuu baraa! Nuyi ogeessota ofiin jettanii, ogummaa keessan of duwwaadhaaf hin godhatinaa! Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta'e yaadatti qabadhaa! Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa! Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa'aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, “Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa” jedhee dubbateera. Iddoo tokkotti immoo, “Diinni kee yoo beela'e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeella'u in goota” jedhamee caafameera. Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!
Roomaa 12:9-21
t.me//Youth4Christ1