Isa guyyuma guyyaatti ba'aa keenya nuuf baatu/He who daily bears our burdens.📖 Far. 68:19 “Gooftichi inni guyyuma guyyaatti ba'aa keenya nuuf baatu, Waaqayyo inni nu oolchu, maqaan isaa haa eebbifamu!”
👉 Bartokko qofa baatee dhiisa utuu hin taane, yeroo hundumaa ba'aa keenya ofitti fudhatu.
👉 Namni ba'aa kee waliin si jaallatu hin jiru. Ba'aa namaa waliin kan nama jaallaatu ilma waaqayyoo Yesuusiin qofa.
👉 Kanaaf Mat. 11:28 irratti “Yesus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.” jedha.
🔊 Waamicha kana nama dadhabaautuu hin taane, ilma Waaqayyoo isa hundumaa danda'utu ba'aa kee sirraa fuudhee si boqachiisuudhaaf si waame.
✍️ Akkuma beekamu jireenya dhala namaatti ba'aa kanta'u hedduudha. Fakkeenyaaf: Abaarsi, dhukkubni, waanjoon seexanaa, cubbuunii fi kanneen kana fakkaatan hundi isaanii iyyuuba'aadha.
👉 Hundumaafuu deebii inni ta'e ilmi waaqayyoo ba'aa keenya hundumaa ofitti fudhate.
📖 Isa. 53:12 “inni cubbuu namoota baay'ee baatee, waa'ee cubbuu isaaniitiifis isaaniif in kadhate; lubbuu isaa du'atti dabarsee kennee, warra balleessaa qabanii wajjinis waan lakkaa'ameef, ani qooda isaa warra gurguddootaa wajjin nan godhaaf, warra jajjaboo wajjinis boojuu in hirmaata" jedhe.”
👉 Kanaafidha Yohaannis Cuuphaan utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, "Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.” jedhe.
English Translation📖 Psalms 68:19 (NIV) Praise be to the Lord, to God our Savior, who daily bears our burdens. Selah
👉 Not for sometimes only, but forever, he who bears our burden is Jesus, the Son of God. No one loves you with your burden except Him.
👉 That is why He said in Matthew 11:28, “Come unto me, all ye that labour and are heavy laden, and I will give you rest.”
🔊 This is not an invitation from an ordinary man or a casual friend, but from the Son of God, the omnipotent. It is He who called you to give you rest.
👉 Obviously, the burdens to human beings are many. Some of them may be: a burden of sickness, curses, demonic operations, sins, etc.
👉 But Jesus bore it all.
📖 Isaiah 53:12 “Therefore will I divide him a portion with the great, and he shall divide the spoil with the strong; because he hath poured out his soul unto death: and he was numbered with the transgressors; and he bare the sin of many, and made intercession for the transgressors.”
👉 That is why when John saw Jesus coming to him, he said, "Behold the Lamb of God, which taketh away the sin of the world.” (John 1:29).
@Arara_tv_World_Wide@Arara_tv_World_Wide ✅