OROMMUUMMAA
hunda Ilmaan oromoo
Yaa Qarreef qeerroo
Wallisaa wallalee
Biillisummaaf roorroo
Maali, maaf callisna?
lakkii saa akka kana
Maaloo yaa warra koo
Orommummaan akkanaa?
Dukkanni lammii fixee
akkamin callisna?
Amma maaltu dhufe
duroo wal abdannaa
Maali yaa saba koo
maali yaa jarana
Maali maal taatani
Beenya wayi nyaatani
Silaawoo…
akka saba tokkootti
iyyaa walii birmanna
Maaloo yaa lammii koo
maaf kan kolfaa taana?
Kaleessaa…
Bara fagoo miti,
reefuu waggaa torba
Siikko Mandoo hin jenne,
Maccaa fi Tuulama
Arfan Qalloo hin jenne,
yookaan Iluu fi Jimma
Waaqeffataa hin jenne,
Kiristaana, Islaama
Wal duukaa hiriiree,
gidiraa hirmaate waliif amanamaa
Gamtaadhaan hiriiree
wal duukaa socho’ee
“Down! Down!” Jedhe
tokkoo ta’ee yaa’ee
Dawootti ishee galche
aangoorraa haxaayee
Akkuma yeroo sanaa
walitti rarra’ee
Yeroo achii madaawu
asii dhiigan se’ee
Yeroo asii waraanan
achii dhiigan se’ee
Hardha…
Salallee yeroo du’u,
maaf dhoobamee taa’ee?
Gaddaa fi gammachuu
hin hirmaannaa hin jennee?
Rakkinaa fi gidiraa
qixxee baanna hin jenne?
Yeroo dhiphuu sana
wal cina dhaabbannee
Fuul-dura amajaajii
akka dhagaa ijjaajne
Otoo boquu hin buusin,
diina ijatti hin tufnee?
Maarree…
Guyyaa dukkanaa kana
maaliif ukkaamamne?
Eebbo fi gachaanan
maaf walii hin biramanne?
https://t.me/justicefor_oromo
https://t.me/justicefor_oromo
hunda Ilmaan oromoo
Yaa Qarreef qeerroo
Wallisaa wallalee
Biillisummaaf roorroo
Maali, maaf callisna?
lakkii saa akka kana
Maaloo yaa warra koo
Orommummaan akkanaa?
Dukkanni lammii fixee
akkamin callisna?
Amma maaltu dhufe
duroo wal abdannaa
Maali yaa saba koo
maali yaa jarana
Maali maal taatani
Beenya wayi nyaatani
Silaawoo…
akka saba tokkootti
iyyaa walii birmanna
Maaloo yaa lammii koo
maaf kan kolfaa taana?
Kaleessaa…
Bara fagoo miti,
reefuu waggaa torba
Siikko Mandoo hin jenne,
Maccaa fi Tuulama
Arfan Qalloo hin jenne,
yookaan Iluu fi Jimma
Waaqeffataa hin jenne,
Kiristaana, Islaama
Wal duukaa hiriiree,
gidiraa hirmaate waliif amanamaa
Gamtaadhaan hiriiree
wal duukaa socho’ee
“Down! Down!” Jedhe
tokkoo ta’ee yaa’ee
Dawootti ishee galche
aangoorraa haxaayee
Akkuma yeroo sanaa
walitti rarra’ee
Yeroo achii madaawu
asii dhiigan se’ee
Yeroo asii waraanan
achii dhiigan se’ee
Hardha…
Salallee yeroo du’u,
maaf dhoobamee taa’ee?
Gaddaa fi gammachuu
hin hirmaannaa hin jennee?
Rakkinaa fi gidiraa
qixxee baanna hin jenne?
Yeroo dhiphuu sana
wal cina dhaabbannee
Fuul-dura amajaajii
akka dhagaa ijjaajne
Otoo boquu hin buusin,
diina ijatti hin tufnee?
Maarree…
Guyyaa dukkanaa kana
maaliif ukkaamamne?
Eebbo fi gachaanan
maaf walii hin biramanne?
https://t.me/justicefor_oromo
https://t.me/justicefor_oromo