Inni siif xumuuraa fakkaatuu, waaqayyoof iddoo jalqaba hojiiti.
📖 Uma. 17 ¹ Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii yeroo ta'etti Waaqayyo isatti mul'atee, "Ani El-Shaadaayii dha" ["El-Shaadaayi" jechuun "Waaqayyo isa hundumaa danda'u" jechuu dha]; "Balleessaa kan hin qabne ta'i, fuula koo dura deddeebi'i!
👉 Waaqayyo Abrahaamiif mucaa akka kennu waggaa 75ffaa isaatti itti dubbate; haat'u malee kakuu isaa kana fiixaan baasuuf waggaa 100ffaa isaatti gara isaa dhufe. Kana jechuun kakuun isaa waggaa 25'n lafarra jalaa harkifate.
👉 Lafa isaan abdii kutatanitti gara isaa dhufee waaqayyo, Ani El-Shaadaayii, isa hundumaa danda'uudha;" jedheen.
❓Gooftaan waa meeqa danda'a? Hundumaa dandaa'a.
👉Aangoon, gooftummaa fi aboon hundinuu gooftummaa isaa jalatti argama.
📖 1Sen. 29:11 “Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan kee ti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan kee ti. Yaa Waaqayyo, mootummaan kan kee ti, ati waan hundumaa ol, mataa waan hundumaa tis.”
👉 Erga Saaraan lafa guurtee, daa'ima da'uun ishee akka saayinsiitti dadhabamee, Abrahaamis dulluumee waggaa 100 gahe booda, gara isaanii dhufee "Ani hundumaan danda'a;" jedheen Waaqayyo.
🔊 Misiraachoo! Gaaffii kee deebii dhabeef, Hidhaakee hiikamuu dideef, isatti itti dhamaatee dadhabde sana hundumaaf Waaqayyo, " Ani El-Shaadaayii dha." siin jechaa jira.
👉 Waaqayyo danda'aa waan hundumaa efga ta'ee, anaaf isinirraa maaltu eegama? Humna isaa isa aango qabeessatti amanuudha.
📖 Mar. 9 ¹⁴ Isaan gara bartoota warra kaanii yommuu dhufa namoonni baay'een isaanittti naanna'anii, barsiisonni seeraa tokkos isaanitti utuu falmanii argan. ¹⁵ Namoonni hundinuu akkuma Yesusin arganiin raajeffatanii, gara isaatti fiiganii nagaa gaafatan. ¹⁶ Inni immoo, "Maal isaanitti falmitu?" jedhee isaan gaafate. ¹⁷ Yommus tuuta sana keessaa namni tokko deebiseefii" Barsiisa! Ilma koo isa hafuura didaadhaan qabame gara keetti fideera. ¹⁸ Hafuurichis iddoodhuma isa qabutti lafaan isa dha'a; gurbichi immoo hoomacha afaaniin in yaasa, ilkaan in qara, dhagni isaas qaratti in goga. Ani illee akka isaan hafuuricha baasaniif bartoota kee gaafadheera isaan garuu isa baasuu hin dandeenye" jedhe. ¹⁹ Yesus deebisee, "Isin yaa dhaloota hin amannee nana, hamma yoomiittan isin bira jiraadha? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu? Gara kootti isa fidaa!" isaaniin jedhe. ²⁰ Yommus isaan gurbicha gara Yesusitti fidan. Hafuurichi immoo Yesusin yommuu arge, gurbicha wixxifachiisee lafaan dha'ee, gangalachiisees hoomacha afaaniin baase. ²¹ Yesus, "Kun isa qabuun isaa erga yoomiitii?" jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Inni immoo deebisee, "Mucummaa isaatii jalqabe. ²² Yeroo baay'ees isa balleessuudhaaf jedhee ibidda keessa, bishaan keessas buuseera; garuu waan tokko gochuu yoo dandeesse, nuuf oo'ii nu gargaari!" jedhe. ²³ Yommus, Yesus, "Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama" jedheen. ²⁴ Achumaan abbaan mucichaa sagalee isaa ol fudhatee, "Nan amana, amanti-dhabina kootti na gargaari!" jedheen. ²⁵ Yesus immoo namoonni akka itti dacha'an argee, hafuuricha hamaa⁷ sana ifatee, "Ati hafuura didaadhaa fi duudaa nana! Sin abbooma" isa keessaa ba'i deebites itti hin galin!" ittiin jedhe. ²⁶ Hafuurichi mucicha iyyisiisee baay'ees erga wixxifachiisee booddee keessaa in ba'e; yommus gurbichi akka waan du'ee taanaan, namoonni baay'een "Du'eera" jedhan. ²⁷ Yesus garuu harka gurbichaa qabee lafaa ol isa kaase, innis in ka'e.
👉 Yesus, "Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama" jedheen.
❓ Nama amanuuf Waa meeqatu dandaa'ama?
👉Namni, biyya lafaa kana irratti hammamuu yoo barate, hammamuu meeshaalee waraanaa jajjaboo yoo hojjete waaqayyoon malee yoo ta'e bittaa seexanaa jala jira. Haata'u malee wallaalaan harka waaqayyoo jala of-galche, seexanicha irratti aboo qaba. Sababiin isaas, aangoon kan Waaqayyooti.
📖 Far. 62:11 “Waaqayyo takkaa dubbateera, aangoon kan isaa akka ta'e, lammaffaas dubbateera, anis kana dhaga'eera.”
Ameen