Dubbisuun Dirqama!🤏❤️
Abbaa manaaf haadha manaatu ture. Isaan lameenuu hiyyeessa (harka qalleessa) turan. Haatii mana isaa tun guyyaa tokkos rakkadheera jettee isa rakkistee tasuma hin beektu ture. Gaafa tokko garuu akka tasaa baay'ee waan cinqamteef, fala dhabnaan akkas jetteenii itti dubbatte; "Rifeensii koo garmalee dheeraa waan ta'eef dibata baay'ee fedha. Osoo birrii qabaattee waan rifeensatti dibatan naaf bittee baayyee natti tola" jetteen.
Inniniis baay'ee gaddee waan godhu wallaalee akkas jedheen; "anis taa'een waa'ee moofawuu kophee kootii kana yaadda'aa ture, Amma immoo daraniin yaadaan liqimfame" jedheen. Innii akkas jannaan; "Dhiisi hin yaadinii jaalallii qoftii nuuf gahaadha" jetteenii tasgabbeessite. Ganama hirribaa ka'ee osoma deemuu dukkaana kuusaa kophee bira gahe. Achumaan dukkaanichatti goree warra dukkaanaatiin akkas jedhe; "Adaraa ani hiyyeessa, waaniin konkolaataan yaabbadhee galuun dhabee karaatti rakkadhe, kopheen koo dulloomaa ta'us narraa bitaa qarshii ta'e naaf kennaa!" jedheen. Isaanis "tole" jedhanii qarshii kennaniifii kophicha irraa bitan.
Dukkaana biraa deemee birrii sanaan dibata rifeensaa isiidhaaf bitee miila qullaa karaa dheeraa qaxxaamuree gale.
Yeroo galu haatii manaa rifeensa ishee gabaabsitee jirti. "Maal goote rifeensakee? Maal taate? Ani dibata ati jette siif bitee dhufee" jedhee isii gaafate. Isheenis akka mana rifeensaa dubartootaa deemtee rifeensa ishee irraa kuttee gurgurtee, kophee haaraa isaaf bittee dhufte itti himte.
Lamaan isaaniyyuu imimmaan ta'anii hafan.
✉️ Mee xiinxalaa ilaalaa, jaalaluma isaan waliif qaban. Jaalallii dhugaa kan gaafa maallaqa qaban qofaa miti. Jaalallii isa onnee keessatti mana ijaarratee halkaniif guyyaa taa'uudha.
Ati hoo abbaa mana keetii qabeenya isaatiif jaalatta moo namummaa isaatiif jaalatta ???
Isii tana laaltee yeroo uf-ilaaltu maaltu sitti dhaga'ama?
@Gaaela_Gaarii ✅
@Marriage_Counseling✉️✍️
@Gaaelabot