Sodaan deebii yaada keetiti. Sodaan yeroodhaan hin kolaafamne taanaan humna yaaduu fi waa kalaquu namarraa mulqa. Inni jabaan sodaachuu dhiisuudha, gootummaa. Icitiin sodaa kee injifattuun keessaa tokkoo fi jabaan wanta sodaattu hojjechuudha.
Maalummaa sodaa tolchii adda baafadhu. Sodaa sumatu uuma, sammuu kee keessa malee eessa iyyuu hin jiru. Sammuu kee keessaa dhabamsiisnaan eessallee hin jiru jechuudha. Sodaa of keessaa balleessite taanaan bakka garaa keetii, bakka abjuu fi Mul'ata keetii ni geessa. Kun immoo jireenya kee keessatti gammachuu fi nageenya guddaa siif kenna.
Madda:The monk Who Sold His Ferarri
Barreessan:Robin Sharma