Obboleettotni durbaa daandii hamma taakkuu dheeratuuf dibaabee ofirra qabdanii inni isin dhaabbattanii taaksii daqiiqaa 20 oliif eegdan tokko naan galu-Keessumaa ammoo warri “single”. Dibaabee keessan qabadhaatii, miidhagina naannoo keessanii daawwachaa luka hiikkadhaa! Tarii dargaggeessi ijatti tolu amalaan,”obboleetti… dibaabee kana jalatti baqadhuu?”jedhee yoo isin gaafates korojoo keessan sirriitti qabadhaatii,”eeyyee.. koottu waliin jalatti baqanna!”jedhaa.
Harmeen kee bar abbaa kee waliin lagatti wal baran. Dubbichi akkam seete? Bishaan waraabbachuu laga buute, harmeen kee! Abbaan kee ammoo qonna qotaa oolee luka dhiqachuuf laga bu’e. Iji isaanii walirra buute. In seeqxe. In seeqe. Okkotee irra kaa’e. Gammachuutiin utaalaa gale. Yoo mana ga’u miila tokko malee tokko hin dhiqanne. Ofitti kolfe. Guyyaa biraa laga taa’ee eeguu eegale. Dubbii luka hin dhiqatiin galuu isaa itti kaasee waliin kolfan. Tokko jedhanii eegalan.
Animmaa obboleettiiko… okkotee baadhu siin hin jedhu. Dibaabee kee sirkaa fuudhee akka aduun sin gubneef kan sirra qabeef garuu carraa laadhu. Iddootti midhaaniifi bishaan ofii argatan hin beekan.
Maal siin jechuufii… Daandii kiliomeetira 2 hin guutneef taaksii hin eeggatiin. Lukaan deemi. Fayyaa keefis gaariidha. Otoo qaama ijaarattuu bultii ijaarrachuu yaaddeettaa… 😂
@Qoosa430