Фильтр публикаций


Waldorgommii Asbeks – Qarshii 10,000!

Asbeks badhaasa garaa garaa kennuun hojjettoota isaa jajjabeessa. Amma immoo, nama marsaa kana tokkoffaa ta’eef qarshii 10,000 badhaasa!

Marsaan kun adda – ulaagaa tokko malee, namni 1ffaa ba’e ni injifata. Namoonni biroon akkuma duraatti qarshii isaanii baafachuu danda’u.

Injifachuuf 1ffaa ta’uu qofa gaafata!


Eegaluu – Qarshii 10,000 mo’achuu!

Faayidaa guutuu argachuuf @asbeksplatform hordofaa!

Asbeks Waliin Fuulduratti!


📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Qondaaltoota olaanoo duraanii WBO'f Muudamni kenname.

Qondaaltoota Waraana Bilisumma Oromoo waliigaltee araaraa fudhachuun galaniif mootummaan naannoo Oromiyaa muudama kenneera.

Haaluma kanaan:-

1. Obbo Yaadasaa Nagaasaa Sadarkaa Hogganaa Biirootti gorsaa nageenyaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa,

2. Obbo Oromiyaa Rabbumaa Tasammaa Hogganaa Itti Aanaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa,

3. Obbo Toleeraa Raggaasaa Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa ta’uudhaan muudamaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

31.7k 1 21 50 474

Paaspoortii Haaraa

Paaspoortii Haaraan Itiyoophiyaatti oomishame ifoome

Paaspoortiin Haaraa fi ammayyaan Itiyoophiyaatti oomishame ifoomeera.

Paaspoortiin kun teeknooloojii ammaayyaan kan oomishame yoo ta’uu har’a Bakka Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen argamanitti ifoomeera.

Paaspoortiin kun ragaa nama dhuunfaa fi ashaaraa qubaa kan qabu yoo ta’u, Viizichi Itiyoophiyummaa beeksiisu akka ta’e eerameera.

Hojiin Dizzaayinii isaa guutummaan guutuutti Mootummaa Itiyoophiyaan kan uwwifame ta’uus ibsameera.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


#Kutaa_12ffaa

Qormaati kutaa 12ffaa bara kanaa (2017) yoom kennama?

"Qormaatichi sadarkaa isaa, nageenya isaa, fi iccitii isaa eeguun qophaa'aa jira" - Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa

Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Qormaataa Biyyoolessaa"Barattoonni qormaata bara 2017 kutaa 9-10tti kaarikulamii duriin, kutaa 11-12tti ammoo kaarikulamii haaraatiin barataniiru," jedhe.

"Haa ta'u malee bara 2015tti barattoonni kutaa 10ffaa manneen barnootaa akka Saampilii filataman keessatti kaarikulammii haaraa hojiirra ooleera" jechuun ibsaniiru.

Barattoonni bara barnootaa 2016 naannoo Amaaraatti qormaata fudhachuu qabu turan garuu sababa rakkoo nageenyaatiin kan hin qoramnee fi manneen barnootaa kaarikulamii durii kutaa 11ffaa barsiisaa turan keessatti barachaa turan bara 2017tti kan qoramanis ni jiru.

"Qormaanni Intiraansii bara 2017 haalawwan jiran sadan armaan olitti ibsaman tilmaama keessa galchuun, ulaagaa, nageenya, fi iccitiinnisaa haala eegameen qophaa'aa jira" jechuun Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa biyyolessaa beeksiseera.

Qophiin qormaataa:

1) Kutaa 9ffaa kaarikulamii duraan jiru irratti hundaa'a.

2) kutaa 10ffaa irraa Qabiyyee walfakkaataa kaarikulamii duraanii fi haaraa.

3) kutaa 11ffaa irraa Qabiyyee walfakkaataa kaarikulamii duraanii fi haaraa.

4) Kutaa 12ffaan guutummaan guutuutti kaarikulamii haaraa irratti hundaa’uun akka qophaa’u ibsamee jira.

Adeemsi qormaata qopheessuu armaan olitti ibsame gosoota barnootaa hundaaf kan hojjetu yoo ta’u, gosti barnootaa Ikooniomiksii garuu kaarikulamii keessatti haaraa kan seene sababa ta’eef qabiyyee kutaa 12ffaa qofa irratti hundaa’uun kan qophaa’u ta’uun isaa ibsameera.

Walumaagalatti barattoonni kutaa 9-12 jiran hundi qormaanni kun qabiyyee kaarikulamii baratan (akkuma itti baratan) irratti hundaa’uun kan qophaa’u ta’uu beekanii qophii barbaachisaa ta’e akka godhan Tajaajilichi dhaameera.

Warri, barsiisonni, fi hawaasni guutuun barattoonni qophii barbaachisaa akka godhan deeggarsa barbaachisaa ta’e akka gootan dhaamnas jedheera Tajaajilichi.

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara kanaa yoom akka ta’e haga yoona kan hin beekamne yoo ta’u, miidiyaan @Abdii_Sabaa hordofuun kan isin beeksisu ta’a.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

43.7k 1 166 15 331

Qubee Afaan Oromoo Eenyutu Bice? Seenaa Abbaa Qubee Oromoo

Kabajamoo Dr. Muhammed Rashaad Abdullee,

Namoota seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti, yeroo jalqabaaf adda durummaan Qubee Afaan Oromoo boocanii akka babal'atu fi guddatu taasisan ta’uu seenaa isaanii ni yaadatama.

Kitaabni seenaa Dr. Muhammed Rashaad Abdullee eebbifamuuf akka jiru barreessaan kitaabichaa, Kaalid Dr. Muhammed Rashaad beeksise. Kitaabni kun seenaa dhalootaa Dr. Muhammed Rashaad irraa jalqabee hanga boqonnaa isaanii booda hojjetan irratti xiyyeeffatee qophaa'ee jira. Kaalid Dr. Muhammed Rashaad Abdulleen kitaaba kana barreessuun, hojiiwwan seenaa, aadaa, fi afaan Oromoo keessatti isaan godhan ibseera.

Kitaabni Seenaa Dr. Muhammed Rashaad Abdullee Gurraandhala 23, bara 2025 ykn ALItti Gurraandhala 16, bara 2017, hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti eebbifama.

Hojiilee Dr. Muhammed Rashaad Abdullee keessatti, muraasni bara 1958, biyya Misraa irraa Raadiyoo Afaan Oromoo banuu, bara 1965 Moqaadishoo irraa Raadiyoo Afaan Oromoo banuun dabarsuu fi hayyoota biroo waliin qubee Afaan Oromoo qopheessuu, bara 1968 kitaaba Afaan Oromoo jalqabaa "Furaa" jedhamu barreessuu fi Qur'aanaa Afaan Oromootti hiikuun barsiisaa turuu fi hojiiwwan biroo babal'isuun isaanii ni yaadatama.

Dr. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee, namoota qubee Afaan Oromoo bocuun sabni Oromoo qubee mataa isaa akka qabaatu taasisan keessaa isa tokko yoo ta'u, gama amantaa Islaamaatiinis Qur'aana Afaan Oromootti hiikuun barsiisaa ture.

Ummanni Oromoo hundi eebba kitaaba seenaa hayyuu Oromoo kana irratti hirmaachuu akka qabu waamichi dhiyaateera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

87.3k 2 100 108 1.3k

Badhaasa qarshii 10,000 @asbeksplatform irratti adeemsifamaa jiru carraa injifachuu keessanii guddisuuf jecha sekondii 45 irraa gara sekondii shanii gadiitti gadi butuu Asbeks beeksiseera.

Waldorgommii badhaasa qarshii 10,000 akkuma yeroo darbe beeksisne bifa ho’aan adeemsifamaa jira. Akka kaalaandara Awuroopaatti March 7 ka goolabamu waldorgommiin kun namni injifate badhaasa qarshii 10,000 kan badhaafamu ta’a. Waldorgommii kanas namoota maraaf laafaa taassisuuf sekondii 45 irraa gara sekondii 5 gadiitti gadi butamuu gareen Asbeks beeksiseera.

Namoonni yeroo Earn Asbeks cuqaasanitti continueakkuma tuqaniin reward clicks 1 ka kennamuuf yemmuu ta’u kun ammoo haala salphaan sekondii shanii gaditti Reward clicks tokkoofi isaa ol akka argatan haala mijeesseera.

Dabalataan task jalatti bifa salphaa ta’een point 500 sekondii muraasa gidduutti akka sassaabbattaniif haalli mijateera.

Asbeks carraawwan hedduu fidee dhufaa kan jiru yommuu ta’u, yeroo dhihootti Asbeks shop eegalchiisuun namoonni Asbeks isaanii fayyadamuun meeshaalee dhihaatan bitachuun lafa jiranitti akka ergamuuf hojjetamaa jiraachuu odeeffannoo Garecharra arganne ni mullisa.

Ammuma hordofaa @asbeksplatform
Asbeks Waliin Fuulduratti!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

105.6k 1 13 57 621

Barattoota Yuunivarsiitii Dhuunfaa: "Bu’aan Qormaataa Maaliif Nuuf Hin Lakkifamne?"

Barattoonni yuunivarsiitii dhuunfaa bu’aan qormaata bahiinsaa isaanii (Exit Exam) hanga ammaa akka hin ifaayin hafuu ibsaa jiran. Ministeerri Barnootaa bu’aan qormaata barattoota yuunivarsiitii mootummaa akka gadi lakkifamu beeksisee jira, garuu bu’aan barattoota yuunivarsiitii dhuunfaa immoo hin ergamneef, akka barattooti miidiyaa @Abdii_Sabaa f gabaasanitti. Kunis barattoota dhuunfaa fi maatii isaanii keessa yaaddoo fi dhiphina uumeera.

Barattoonni Dhuunfaa Akka Lammaffaatti Ilaalamuu?

Barattoonni dhuunfaa sababa dhaabbata barnoota isaanii dhuunfaatti barataniif ilaalcha lammaffaa fi kabajaa dhabuun isaanii yeroo dheeraaf waan mul’atuudha. Yuunivarsiitiin dhuunfaa biyya keessaa seera qabeessa ta’ee hojii baruufi barsiisuu hojjata, barattoonni isaa garuu mirga barattoota mootummaa waliin wal qixxaa ta’e argachuu hin qaban jedhu.

Barattoonni fi maatiin isaanii gaaffii gurguddoo dhiyeeffachaa jiru:
🔹 Qormaata yeroo tokkotti fudhatanii bu’aan maaliif gar gar dhiyaata?
🔹 Mirgi barattoota dhuunfaa maaf dhiitama?
🔹 Ministeerri Barnootaa maaliif adda isaan baasa?
🔹 Maalif barattoonni dhuunfaa yeroo hunda kabaja dhabuu?

“Barataan dhuunfaa nama lammaffaa miti! Akka barattoota mootummaa mirga guutuu qaba.”
jechuun barattoonni fi maatiin isaanii ibsaa jiru.

Barnoonni Dhuunfaa Ethiopia Keessa haqa Hin Qabanii?


Barattoonni dhuunfaa yeroo hunda tuffatamuu fi gad xiqqeessuutu mul’ataa dhufaa jira. “Barataan dhuunfaa qarshii kafaleet barate malee, barumsi isaa salphaa miti. Inniis akka barattoota biroo dhiibbaa qormaataa, qo’annoo, fi jireenya keessa darbuun qormaata fudhata.” jedhu. Haa ta’u malee, yeroo hunda ilaalcha lammaffaa argachuun haqa irraa fagaata.

Barattoonni mootummaa fi dhuunfaa qormaata tokkichatti hirmaatanii turan. Garuu bu’aan barattoota mootummaa hatattamaan ifa ba’ee, kan dhuunfaa garuu lafarra gototamuun haqa hin qabu jedhu barattoonni.

Ministeerri Barnootaa Maal Jedha?

Ministeerri Barnootaa dhimma kana irratti ibsa guutuu kennuu hin dandeenye. Haa ta’u malee, qabxiin baratttootaa Yuunivarsitiilee dhuunfaa kaffaltii barbaachisu raawwataniin akka ifoomu himeera.

### Barattoonni Maal Gaafachaa Jiru?
📢 Bu’aan qormaataa hatattamaan nuuf haa lakkifamu!
📢 Barataan dhuunfaa kabaja haa argatu!
📢 Mirgi barattoota dhuunfaa akka mootummaa kabajamuu qaba!
📢 Dhalli namaa hunduu ija takkaan haa ilaalamu!

Barattoonni dhuunfaa gaaffii haqa qabu dhiyeeffachaa jiru. Mirga barattoota dhuunfaa kabachiisuun mirga barattoota hundaa kabachiisuudha!

https://mostourigoatik.com/4/8938642

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

101.7k 1 62 92 807

Biyyoota guyyaa jaalalaa (Valentine Day) dhorkan
📌Maaleeziyaa,
📌 Iraan, .
📌 Raashiyaa naannoo Beelgorood,
📌Saudi Arabiyaa fi...
📌 Indooneezhiyaan biyyoota ayyaana kana dhorkan keessaa tokko.

Guyyaan jaalalaa (Valentine's Day) kan addunyaa warra dhihaa keessatti kabajamu har'a Gurraandhala 7 kabajama.

https://mostourigoatik.com/4/8938642

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

129.2k 1 27 114 1.1k

Bu’aa qormaata bahiinsaa Yuunivarsitiilee dhuunfaa.

Bu’aan qormaata bahiinsaa Yuunivarsitiilee dhuunfaa haga yoona hin ergamin jiraachuu odeeffannoon arganne ni mullisa.

Guyyaa kaleessaa ifoomuun bu’aan qormaata bahiinsaa Yuunivarsitiileef kan ergame yommuu ta’u , yuunivarsitiileen dhuunfaa bu’aa barattootaa guyyaa kaleessaa irraa eegaluun maxxansaa jiru. Bu’aawwan maxxananis karaa @Abdii_Sabaa_University gadhiisaa kan jirru yommuu ta’u odeeffannoo haga sa’a maxxansa kanaa qabnuun bu’aan qormaataa Yuunivarsitiilee dhuunfaa dabalatee , Yuunivarsitiilee rakkoon disippiliinii itti mullatan tokko tokkotti hin ergamin jira.

Dabalataan mooraalee tokko tokkotti dippartimentiin tokko tokko adda baafame kan hin ergamne ta’uu ragaaleen nu qaqqaban ni mullisu.

https://mostourigoatik.com/4/8938642

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

116.6k 1 77 88 765



Ministeera barnootaa gatii serveriitu itti qaalawe fakkaata kan qabxii barataa dirreetti tamsaasu. Erga akkas ta’e maaf onlayinii qoruu barbaachiseree? Qaroominaaf hin jennee sila? Maallaqa haga ta’e hambifachuufimoo akkam wantichi?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

111.1k 0 20 104 1.1k

#ExitExam

Bu’aa qormaata bahiinsaa Yuunivarsitiileen tokko tokko gadhiisaa kan jiran yommuu ta’u, bu’aawwan gadhiifaman karaa https://t.me/Abdii_Sabaa_University irratti ni argattu.

Yuunivarsitiin Arbaa Mincii gadhiifameera, kanneen hafanis hordofuun karaa @Abdii_Sabaa_University kan isiniif maxxansinu ta’a.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

106.1k 0 35 63 520

#exitexam

Ministeerri Barnootaa bu'aan qormaata bahiinsaa biyyoolessaa gara yunivarsiitiiwwanii maratti ergamuu miidiyaa @Abdii_Sabaa f himeera

Odeeffannoo odeessa keenya ministeerichaa irraa arganneen qormaanni gadhiifamee gara yunivarsiitiiwwaniitti ergameera.

Barattoonni guyyaa boruu gama rejistiraara mooraa isaaniin bu’aa qormaataa isaanii kan ilaallatan ta’uu ergaan odeessa keenya ministeerichaa irraa arganne ni ibsa. Yeroo ammaa kanas bu’aan barattootaa Yuunivarsitii maraaf ergameera.

Haala oonlaayiniin barattoonni bu’aa ittiin ilaallatan haga ammaatti wanti ifa ta’e kan hin jirreefi guyyaa boruu ifa akka ta’us ni eegama!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

105.3k 2 270 107 1.1k

Barattoonniifi maatiin barattootaa bu’aa qormaataa ilaaluuf dararamaa jiru.

Faayidaawwan Qormaati Oonlaayinii ta’uu keessaa tokko barattoonni bu’aa isaanii yeroon akka baraniifi, bu’aan barattootaa malaammaltummaa tokko malee akka dhihaatuuf ture.

Barattoonni wayita qormaata xumuranitti bu’aa isaanii yerosuma baraniillee gadi ba’uu ni danda’u turan, haa ta’u malee “Analysis “ dalaguufi xiinsammiu barattootaaf jechaa guyyaa muraasi ni kennama! Kan ammaa kunoo maalif burjaajjii uume?

Akkuma beekamu bara darbe barattoonni muummee “Comprehensive Nursing “ heddumminaan darbaniiru, bara kana garuu ijoollee hedduun yaaddoo keessa galaniiru, sababni isaas qorumsi ba’e akka odeeffannoowwan nu qaaqqabaniitti “Blue Print” ala ture. Kun barattoota kuffisuuf ta’e jedhamee kan raawwatame fakkaata. Bu’aan barattoota hedduu kuffisuu irraa argamu barattoota hedduu digrii baachuun hoji dhaboo ta’anii lafa ta’an hirrisuuf yommuu ta’u , barattoonni kunniin waggaa tokko lafa ta’an akka barataatti akka lafa taa’an barbaadameeti. Kun ammoo miira barataa waggaa hedduu carraaqeefi miira maatii barattoota giddu gala kan hin taasifannedha. Qaamni dhimmi ilaallatu daba dhaloota irratti raawwatamu akkanaa sakatta’uun dirqama saaxiluu qaba.

Dabalataa Bu’aa qormaata ilaallachuuf maatiifi barattoonni kan rakkachaa jiran sababa dhaabbati marsaariiticha hoogganu akkaataa mootummaan bajata ramadeen hin dalagneefidha. Mootummaan serveriif bajata barbaachisa akka ramadu beekamaadha , haa ta’uyyuu malee maallaqa rakasaan serverii dadhaba kireessuun yeroofi miira maatii akkasumas barattoota miidhuun fudhatama hin qabaatu.

Mootummaan dhaabbata kana irratti qorannoo barbaachisaa taassisuun tarkaanfii fudhachuu qaba. Yeroo mara sababa Serverii dadhabaan kireeffameef barattoonniifi maatiin barattoota dararamaa kan oolan yommuu ta’u , sirnaan dalaguu diduu serverii rakashaaf barattoonni bu’aa isaanii ilaallachuuf qormaata sana caalaa cannaqamu.

Qaamni gochaa malaammaltummaa akkanaa raawwatu qoratamuun sirreeffamni barbaachisaan taassifamuu qaba.

Itoophiyaan keessumattuu Oromiyaan addunyaa waliin adeemuuf malammaltummaan gama maraan adeemsifamu dhaabbachuu qaba. Serverii dadhabaa kireessuun sababa bajati mootummaan ramade hanqateef ta’uufi rakkoo malaammaltummaa dhaabbata tajaajila kana kennaa jiruu ta’uun qoratamuu qaba.

Miidiyaa @Abdii_Sabaa qofa osoo hin taane dhimmi kun dhimma qaamni saba kana bakka bu’u marti irratti xiyyeeffachuun sakatta’uu qabudha.

Gamanumaan miidiyaan @Abdii_Sabaa barattootaafi maati barattootaaf bu’aa gaarii kan hawwu yommuu ta’u, odeeffannoowwan jiran hordofuun kan isiniin geenyu ni ta’a.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

98.1k 1 60 158 1.6k

#Exit_Exam

Guyyaa harraa sa’a 8:00 tti marsaariitiin bu’aa qormaataa ittiin ilaallatan result.ethernet.edu.et dalagee kan ture yommuu ta’u, daqiiqaa muraasaa boodaa garuu hojjechaa jiraachuu dhabuu isaa agarreerra. Kunis ka ta’e rakkoo teeknikaaf jecha yommuu ta’u barattoonni bu’aa keessan obsaan akka eeggattan isin ni beeksisna!

Rakkoowwan akkanaa yeroo bu’aan ifoomutti irra deddeebiin kan mudatu ta’uun isaa beekamaadha!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

96.9k 0 257 48 643
Показано 15 последних публикаций.