Coba Yaadaa💧


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Искусство


✍️ Maxxansa, Sagaleewwanii fi barruuwwan nama sissi'eessan, Seenaa barsiisoo fi barruuwwan gaggabaaboo asirraa ni argattu.
✍️ Kan isinitti tole hiriyoota keessaniif qooduu hin dagatinaa.

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Искусство
Статистика
Фильтр публикаций


🌹 Amaloota dubara ogeettii waliin ilaalla... See More

👉 See More
       See More


💍 Amaloota gurguddoo 7,... See more


Say Thank you!

Isaan kaleessa si gargaaran,
Isaan kufaatiin mana baruumsaa ta'uu sitti himan,
Isaan kufanii hafuun kufaatii akka tahe si barsiisan,
Isaan ati nama moo'ichaa akka taate sitti himan,
Isaan akka si cinaa jiran sagalee isaanii si dhageessisan,
Isaan ati nama guddaa akka taate sitti himuuf duubatti hin jenneen...

Say Thank you!

Isaan qarshiidhaan si gargaaran,
Isaan humna isaaniin si gargaaran,
Isaan beekumsa isaaniin si gargaaran,
Isaan yaadaan si gargaaran,
Isaan fayyuu madaa keetitiif sibira dhaabbatan,
Isaan uffata kee irraa awwaara sirraa rurrukutan,
Isaan "Jabaadhu!" siin jedhan,
Isaan beeluu fi dhebuu si baasan,
Isaan karaa irraa si kaasaan,
Isaan imimmaan ija kee irraa siif haxaa'an.

Say Thank you!

Isaan amma si bira jirra siin jedhan,
Isaan borus sibira jirra siin jedhan,
Isaan yeroo kamiyyuu haala kam keessattuu si waliin jirra siin jedhaniin...

Say Thank you again!

Haalota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Namoota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Fayyaa dhaba kee kaleessaan, Nagaa dhabuu kee kaleessaan,
Dhaba kee kaleessaa hundumaan...

Say Thank you!

Ofii keetiin galatoomi jedhiin.
Waaqa keetiif galata guddaa dhiyeessi.

Coba Yaadaa 💧✍️


✍Wanti sirratti ta'aa jiru waan ta'uu qabuuf ta'aa jira.
✍Don't be in another person shoes; have your own shoes.
✍Don't allow your self to live once definition.
✍The gap between you and you is the real you.
✍Namni Waaqa/Uumaa isaa waliin walii galuu danda'u nama kamiyyuu waliin walii galuu ni danda'a.
✍ Michuu keenya eenyu caalaa waan kam irraa ofitti dhiyoo taasifachuu kan qabnu Waaqa/Uumaa dha.
✍ Ofii keenya nama biraa waliin wal dorgomsiisuun waan fuulduratti nu deemsisu kan fakkaatu garuu, saffisa guddaadhaan duubatti akka kufnuuf karaa guddaa jireenya keenya keessatti saaqaa deema.

Coba Yaadaa 💧✍️


Репост из: Dubartii Ogeettii
Obboleettii koo gatiin kee guddaa dha. Gatiin kee:
✍️ Qabeenyaan hin madaalamu
✍ Gogaa fuulaa keetii, uffannaa ati uffattuun, haala jireenya kee alaan ofii kee irratti dabaaltuun hin madaalamu.
✍ Nama waliin jiraattu, jiraachuuf jirtuunis hin madaalamu.
✍ Fungachuu fi konkolummaa funyaan keetiin hin madaalamu
✍ Gatiin kee furdinaa fi haphina qaama keetiin hin madaalamu.
✍ Maatii irraa dhufteen, hawaasa keessatti guddatteen, keessa jiraattuun hin madaalamu.
✍ Dubartummaa kee miti.
✍ Dandeettii, hubannaa, beekumsa, kee miti.

📌 Ati nama nama irraa yookiin dubartoota irraa adda taate miti. Nama tuuta namummaa jalatti tuuta dubartii keessa jirtu dha.

📌 Gatiin namaa iccitii dha. Gatii kee namummaa keessatti eeggadhu. Gatii kee waan baduun, waan kufuun, harca'uun, darbuun hin madaaliin.

📌 Gatii kee kan argattu harka namaa irraa, haalota keessa, yeroo keessa, si harkas miti. Gatiin kee harka Waaqa jira. Ati ishee fuula Waaqaatti gatii jabduu qabdu dha.

📌 Bara dachee irra jiraattutti gabaa qajeelummaan, jaalalli, nageenyi, araarri, simboon namummaa, tola ooltummaa, arjummaan, eebbisuun itti bitamee gurguramu ba'uu/bituu yookiin gurguruu hin dhiisin.

Dubartii Ogeettii🌹


Jireenyi project Waaqni nama hundumaaf bara dachee irra jiraatu keessatti namaaf kennee dha.

Coba Yaadaa 💧✍️


Репост из: Dubartii Ogeettii
Adunyaan kun dirree barattootaa fi barsiisota hedduu gosa barnootaa tokko itti baranii irraa darbani dha.


Dubartii Ogeettii🌹


Репост из: Ethio Book Review
Oduu Gammachiisaa!
Kitaabni 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐨𝐨 𝐆𝐞𝐞𝐭𝐚𝐚𝐜𝐡𝐨𝐨 (#Hirkoo) 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐀𝐣𝐣𝐞𝐞𝐬𝐮𝐮 jedhu PDF'n qophaa'ee karaa diijitaalaa isiniif dhiyaatee jira. Biyya keessas ta'ee kanneen biyya alaa jirtaan haala salphaan marsariitii keenya irraa bitattanii dubbisuu dandeessu.

Argachuuf liinkii kana fayyadamaa:
https://www.ethiobookreview.com/book/mirga-ajjeesuu-janko-getachew


Namoota ibbidda jibbaa afaan kaa'atan, isaan uffata hammeenyaa uffatan, isaan ulee balleessuu qabatan irraa fagaadhu.

Namummaan uffata bittaa qarshii malee, hawwa malee, yaaddoo malee namni tokko nama ta'uu isaa qofaaf Waaqni uffata taasisee kenneefi dha.


Jireenyi namaa abdii keessa dhokkattee jiraatti.


Coba Yaadaa 💧✍️


Gaa'elli iddoo itti ija dunuunfatanii seenanii erga keessa lixanii banatan miti!

Baayyeen keenya ija dunuunfannee itti seennee eenyummaa nama sanaa fi maalummaa gaa'ela sanaa utuu hin barin gaafa itti lixnee arginu akka hin fudhanne nu taasisan ni jirra. Gaa'elli gola nama beekan beekanii itti hin xumurre dha. Dachee kana irratti namni iddoo itti walitti dhiyeena dhiyoo qabu; akka barsiisa kitaaba qulqulluutti immoo kan namoonni saala faallaa lama nama tokko ta'an gaa'ela keessatti dha. Maarree, namoonni kun tokko haa ta'anii/jedhaman malee guyyaadhaa guyyaatti walii isaaniitiif haaradha, waan aara walii isaanii irraa baratu. Gaa'elli mana baruumsaa umurii dachee irra jiraannu keeessatti barataa jirannu dha. Gaa'ela keessatti kan kabajamuu/eegamuu/kunuunfamuu qabu nama jaalannee waliin jiraannu utuu hin taane gaa'ela qaama lamaan walitti hidhee jiru sana dha. Qaamni lamaan itti gaafatamummaa qixa ta'e gaa'ela sana eeguuf/kunuunsuuf/tiksuu keessatti qabu. Gaa'elli tokko kan diigamu yeroo namoota gaa'ela sana utubanii akka waliin jiraataniif kennameef keessaa tokko yookiin lamaan isaanii dirqama bahachuu qaban bahachuu dhiisani dha.

Gaa'elatti yeroo seenan ija dunuunfamaan; jecha jaalalli jaaamaa dhaa jedhamu waan dhugoomsu fakkaatuun itti seennamee guyyaa itti seenname immoo ijji jaalalaa jaame banamu fakkaatuun erga keessa seenanii ija itti banatan miti.

Gaa'elli dhaabbata guddaa waaqayyo dachee kana irratti saala faallaa lamaaf; dhiiraa fi dubartiidhaa kenne dha. Gaa'ela nama jaalannutu nuuf kenna faallaa kanaa nama jaallannuuf kennina utuu hin taane Waaqatu kenna.

Coba Yaadaa 💧✍️


Dachee kana irraa wanti dhaabamuu/dhowwamuu hin danda'amne nama dha.

Dhoksaa fagoon keessoo namaati. Uumamaan namni iddoo hiixatamee hin gahamne, ilaalamee hin argamne iddoo dhoksaa tokko qaba.

Namni kamiyyuu nama biraaf qofa utuu hin taane ofii isaatiifuu dhokataa dha. Namni Waaqa/Uumaa isaa jalaa qofa dhokachuu hin danda'u.

Meeshaan waraanaa inni waa balleessu akkasuma humna waan gaarii qabu dubbii namaa ti.
Namni uumama addaa yeroo tokkotti waan hedduu yaaduu danda'u dha.

Namni yaada akka hin yaadne irraa dhorkuun hin danda'amu. Sammuun namaa galaana yaadatiin guutamee ummame.

Gatiin namaa kan madaalamu gatii Waaqni namaaf kennuuni dha.

Nama jechuun waan ijaan ilaalaanii oli dha. Namni uffata miti, dubbiis miti, oolmaa isaas miti. Namni foon ijaan ofirratti, nannoo keenyatti, nama keenya keessatti argu sana miti. Tokkoon tokkoo isaan sanaa meeshaa namummaa nama sanaa kan nama jechisiisu tokko baatanii socho'aniiti. Boci ofirratti arginu kun nama nu hin jechisiisu. Isaan boca dha. Boci sun immoo baattoo namummaa nama tokkooti.

Namni waan hin mul'atne garuu, kan argamu tokko qaba. Namummaan namaa namaan, namaafis ifatti hin hubatamu.

Nagaa guddaa qabaadhaa!

Coba Yaadaa 💧✍️


📌 Namni Waaqa irraa araara kan argatu nama biraatiif araara taasisuu yoo danda'e dha.

📌 Bu'aa ba'iin jireenya keessa jirru kamiyyuu hammam guddaa ta'us nuti guddina rakkoo sanaa oli dha.

📌 Waaqni waan nuti baachuu hin dandeenye nuuf hin kennu.

📌 Baduu/kufaatii/du'uu/raakama/ rakkina namaatti ni gammadda yoo ta'e ati nama fayyaa faakkaatu garuu, dhibamaa dha.

📌 Namni of jaalatu nama biraas jaalachuu qaba.

📌 Namni du'uu nama biraaf fiigicha tolu gufuu badiinsa sosocho'aa namoota dura bu'u ijji namoota hedduu ilaaltu fi ijji muraasni argitu dha.

📌 Hamaa ta'ee namni dhalate kamiyyuu hamma hin jirretti hamaa ta'anii jiraachuuf wanti nama dirqamsiisuu hin jiru.

📌 Adunyaa/dachee tokko kan taasise Waaqa dha.

📌 Iyyi ollaa keenyaa akkuma nu jeequ gammachuun isaaniis nu gammachiisuu qaba.

📌 Adunyaan kun namoota mirga isaanii baayyee beekanii fi dirqama isaanii hedduu dagan baayyee baattee jiraatti.

📌 Namni kan jiraatu jaalatee qofa utuu hin taane dirqama dha. Jireenyi/jiraachuun dirqama dha.

😳 Dhiironni waan tokko ibsuuf jechoota muraasa fayyadamu; dubartootni waan walfakkaataa sana ibsachuuf jechoota hedduu fayyadamu.


📌 Beekumsi kan Waaqa ti.

Beekumsi Waaqni namaaf kennu hin badu , hin dulloomu, hammeenya hin qabu, hin moofa'u/barri itti hin darbu. Beekumsi Waaqaan namaaf kennamu hubattee madda isaa guutummaatti dhuunfachuuf sammuu keetii ol ta'a, dacheedhaa olitti darba, hiixatanii bira hin qaqqabani, yaadaniis hin argatani, qaari'uun humna hubannaa/yaada namummaatii olitti darba. Beekumsi Waaqaa humna qaba, hin argamu garuu immoo waan argamu sochoosa.

Beekumsa Waaqaa dhuunfaatti fudhattee ifatti/baayyota fuulduratti immoo hojjata.

Beekumsi Waaqaan namaaf kennamu haalaan/wantootaan/yaadan hin daanga'u. Beekumsi Waaqaan kennamu yaada sammuu namaa oli dha.

📌 Maddi beekumsaa guddaan Waaqa dha.




📌Biiftuun siif jettee baatuu fi lixxu hin jirtu. Isheen galgalaa'uu fi bari'uu keessa seenaa jireenya ishee jijjiiruuf hojjattu garuu, goota dha. Goota bara keetii ta'uudhaaf jabaadhu!

📌Hirkoo kee nama(Ofii kee, Hiriyaa, fira, Jaalallee, abbaa manaa, maatii kee) utuu hin taane Waaqa yeroo taasifattu dubartummaan kee surraa qabaata!

📌Mana keetti maaliyyuu dura Waaqni mana kee akka seenuuf affeeri!

📌 Wanta hin barreeffamne dubbisuun waan hin dubbatamne dubbachuu irra waan barreefamuu qabu barreessuun waan dubbatamuu qabu dubbachuun wayyaa dha.

📌Wanti waaqa gaafattee siif hin kennamne waan siif hin kennamne waan ta'eef dha.

📌Waaqayyo waan gaafanne hundi akka nu hin barbaachisne waan beekuuf nuuf hin kennu!

📌 Namni baayyeen "Biyyaaf eebba ta'i." jedhamee uumamee dhalootatti abaarsa ta'aa jiraata!

📌Obboleettii koo, laphee jaalalli dhiiraa caccabse akka fayyuuf jaalalaaf dhiira biraatti hin kennamu. Fayyummaa qabeenya isaa iddootti kan deebisu Waaqayyo dha. kanaafuu, laphee kee isatti kennadhu!

📌Qajeelummaa namaa malee qajeelummaan Waaqaa xumura hin qabu!

📌Dubartii Ogeettiin abbaa manaa ishee ni kabajji.

📌Karaa/haalli ittiin dhalli namaa kun badu hedduu dha. Karaan ittiin fayyan garuu tokko dha.

📌Bishaan dhangala'e deebisanii akka hin waraabne guyyoota kaleessa darbanis hin deebisani. Jireenya keenya kaleessaa irratti utuu hin taane kan har'aa; ammaa irratti xiyyeeffachuu qabna!

Coba Yaadaa 💧✍️


Репост из: Dubartii Ogeettii
Dubartii Ogeettiin:
✍️Dadhabina ishee beekti.
✍️Dadhabina ishee irraa barattee fuulduratti deemti
✍️Maal naan jedhuun karaa deemuu qabdu irraa ishee hin maqsu
✍️Maaliif akkas naan jedhuu utuu hin taane waan jedhamte sana dhaggeeffachuu dhiisuu akka dandeesu ni beekti
✍️Waaqa ishee sirriitti beekti.
✍️Ogummaan isheedhaaf faaya dha.
✍️Ogummaan bareedina ishee irraa hin dabarredha.

@DubartiiOgeettii 🌷


✍️ Dhukkubni cimaan dhukkuba ilaalcha negetive waliin jiraachu dha.
✍ Ba'aa ulfaataan jibba dha.
✍️ Wanti uffatanii namatti hin taane fi nama irraa fokkisu eenyummaa nama biraa uffachuu dha.
✍ Wanti ta'anii nama irra hin teenye akka namni biraa ta'e ta'anii ofirra teesisuu dha.
✍ Wanti yeroo hundaa qulqullummaa isaa eeguu qabnu ilaalacha ofii ti.
✍ Wanti namni kamiyyuu ta'uu hin dandeenye nama biraa ta'uu dha.

Coba Yaadaa 💧✍️


Репост из: Dubartii Ogeettii
Obboleettii koo, ati dubartii waan taateef:
Heeruma qofaaf hin uumamne
Haadha ta'uu qofaaf hin uumamne,
Nyaata bilcheessuu qofaaf hin uumamne,
Haadha manaa qofa akka taatufis hin uumamne,
Gadi qabamtee akka jiraattuuf hin uumamne,
Sodaa keessa akka jiraattuuf hin uumamne,
Lolamaa akka jiraattuuf hin uumamne,
Eeggattuu nama biraa taatee akka jiraattuuf hin uumamne,
Uumama mul'ata hin qabne taatee hin uumamne,

Ati Dubartii:

Mul'ata qabdu.
Dubartii Mul'ata isheetti jiraattu,
Dubartii ofii ishee, hawaasa, bultii ishee jaalattu.
Dubartii adunyaa waltajjii ishee taasifattee uummata adunyaatti dubbattu.
Dubartii rakkinni mana baruumsaa akka tahe hubattu,
Dubartii dhabni dhaabuu hin dandeenye,
Dubartii humna yaada bilchaataa qabdu,
Dubartii gola nageenyaa fi jaalalaa taatu,
Dubartii qaaristee agartu dha.

Awwaarri si daalacheessee jiru, haalli si moo'achuuf jedhu,
Iddoo amma jirtutti wanta si sakaalanii qaban ofirraa ciruun fuulfura keetti tarkaanfadhu.
Haala amma si hudhaa jiran hundaaf balbala furmaataa barbaaduu jalqabi.
Balbaloota milkaa'inaa kee kan ittiin seentu argadhu.
Kennaa uumamaa Waaqayyo dhuunfatti siif kenne adunyaadhaaf qoodi.
Ka'i karaa dheeraa dura hin deemne sana deemuu jalqabi.

Ammuma jalqabi.

@DubartiiOgeettii 🌷


Dhukkubni hamaan yeroo ammmaa namoota dararaa jiru dhukkuba qurcii ykn dhukkuba daranyoo sombaa utuu hin taane dhukkuba namoota biratti fudhatama akka hin qabnetti of yaaduuti.

Maazaar tareezaa


Steven Harvey maxxansa bifa gaaffitiin fuulbarruu isaa irratti maxxanse kan;

'Yeroo umurii keessan jigdamaa keessa turtanitti wanti hedduu isin dhiphattaniif kan ammaa dhimma isaa homaayyuu hin qabne maali?'

Jedhu irratti yaadonni namoonni hedduun dhibbeentaa 70 ol qoodaniif; 🖐 Waa'ee namoota biroo dhiphachuu isaaniti.
🖐 Hubannoo namoonni biraa isaaniif qaban,
🖐 Namoota birootiin fudhatama argachuuf,
🖐 Namoota birootiin jaalatamuuf,
🖐 Waa'ee ofii isaanii utuu hin taane waa'ee nama biraa kan jedhu yaadota hangafummaan gaaffii gaafatameef deebii hawaasa bal'aa adunyaa kana irraa deebi'aa ture dha.
Namoonni umurii sana keessa jiran har'as bifuma sanaan yaaduu akka danda'an maddi kun nu hubachiisa. Barruun kana Jalatti yaadonni katabaman yaada qorannoo guddaa tokko gaggeessuuf oolani dha.

Wanti yeroo umurii kee 20 keessa yeroo turtetti hedduu dhiphataa turte kan Amma dhimma isaa hin qabne maali?

Wanti yeroo umurii kee 20 keessatti dhiphataa jirtu kan umurii kee boruu keessatti waan kanaaf dhimma hin qabaadhuuf jettu maali?

Coba Yaadaa 💧✍️


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


✍ Adunyaan kun fayyaa kudhan dhiistetu maraataa tokko dhageeffatti/dhageessi.

✍ Jireenyi "xumurame." yeroo jedhan jalqabama.

✍ Mul'atni alaa keessatti utuu hin taane keessaa alatti mul'ata.

Coba Yaadaa 💧✍️

Показано 20 последних публикаций.