GAGGEESSUMMAA


Гео и язык канала: Эфиопия, Амхарский
Категория: Психология


Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://adsly.me/@gaggeessummaa
Website: gaggeessummaa.com
Buy ads: https://telega.io/c/Gaggeessummaa
Contact: @Getu_Abera

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Амхарский
Категория
Психология
Статистика
Фильтр публикаций


❤️ Nama jaalataniif sababiilee jaalalaa shamarran dhiheessan keessaa 10 ... See More

▶️  See More
       See More


❓ Maaliif jaalalli miira Namaa Akka to'atu?... See More


🗣️ Barataa fi Barsiisaa

Barataan Yunivarsiitii tokko barsiisaa isaa kan ta'e "piroofeesera tokko wajjiin iddoo bashannanaa taa'ee haasa'a. "Piroofeesarichi, kun barattoota isaa hunda keessaa barataa kana waan sirriitti jaalatuuf akka hiriyyaatti ofitti dhiheessa. Osoo taa'anii wajjin haasa'anii fuuldura isaaniitiin hojjataa qulqulleessaa kan ta'e namichi tokko kophee isaa baafatee kan biqiltuu fi marga naannoo haara galfannaa sana jiru kunuunsaa jiru argan.

Barataan kun barsiisaa isaatiin akkana jedhe. "Barsiisaa nuti lachuu har'a mukoofnee jirra. Maaliif akkana hin goone? Namicha kana kophee isaa kana jalaa fuunee erga dhoksinee booda yommuu kophee isaa dhabu waan inni ta'u maaf hin ilaalle?" Piroofeesarichis, barataa isaa gateettii irra qaqqabaa "Yaa jaala koo hagam tokko iyyuu mukoofnee jiraannus harka qalleeyyii dararaatiin mukuu ba'uu yookiin immoo gammaduu hin qabnu.

Mee haga san nuti maallaqa qabna waan ta'eef maallaqa keenya kanaan gammachuu kanaa olii haa barbaannu! Deemii kophee namicha kanaa keessa osoo inni hin argin maallaqa keessa kaa'iitii deebi'i! Sana booda yommuu kophee isaa deebi'ee godhatu waan inni ta'u dhokannee wajjin ilaalla jedheen. Barataanis deemee akka barsiisaan isaa jedhe sanatti maallaqa hedduu fuudheetiin osoo namichi isa hin argin kophee namichaa keessa kaa'ee deebi'e. Sana booda dhokatanii haala namichaa cal jedhanii hordofuu jalqaban.

📌 Namichis dalagaa isaa xumuree kootii isaa godhatee kophee isaa kaawwachuu eegale. Haa ta'u garuu kopheen isa quuqee jennaan mulqatee gadi hurgufe. Yommuu kophee isaa gadi hurgufu maallaqni hedduun keessaa gadi harca'e. Namichi ni rifate. Naannawa isaa yommuu ilaalu homtuu hin jiran. Irra deddeebi’ee bitaa fi mirga isaa ilaale. Garuu nama tokkoyyuu arguu hin dandeenye. Namichis mataa isaa raasee mallaqa guurratee kophii isaa keessatti kaawwate. Sana booda kophee isa lammaffaas yommuu kaawwachuuf jedhu bifa walfakkaataa ta'een maallaqa keessatti argate. Namichi amanuu hin dandeenye! yoosuu jilbaan lafatti gadi jilbiiffatee morma isaa gara samiitti ol qabuu dhaan akkana jechuun iyye. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi dhukkubsachuu haadha manaa kootii argiteetii mii. Si malee eenyuu ishee akka hin gargaarre waan beektuufii mii. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi ijoolleen koo daabboo nyaatan dhabanii akka rakkatanii jiran argiteetii mii. "Yaa Gooftaa koo galanni siif haa ta'u!" jedhe.

✉️ Baratichi yommuu haala namichaa kana dhokatee daawwatuu fi dhaga'u onneen isaa ni xuqamte. Ijji isaa imimmaan guurte. Piroofeesarichis, akkana isaan jedhe "wanta duratti isa irratti yaadde dalaguun mukuu ba'uu fi itti gammaduu barbaadde caalaa isa kanaan akka gammachuu argatte shakkii hin qabu" jedheen. Baratichis imimmaan isaa ija irraa haqataa, "piroofeeser dhugaa isiniin jedha wantoota hanga har'aatti na barsiiftan keessaa kan barumsa akka har'atti na barsiiftanii hin beektan. Dhugaa dha fudhachuu irra kennuun caaltuu dha" jechuun deebiseef. "Nutis maaloo wantoota gaggaarii qofa haa yaadnuu! bori matuma keenyaaf deebitiiti!

@Barruu_Beektotaa 📔


👍 Dubbiilee Barsiisoo
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▶️ "Ol ka'iinsa kee kan murteessu dandeettii kee osoo hin taane ilaalcha keeti" — Zig Ziglar

▶️ "Milkaa'inni kan dhumaa miti, kufaatiin kan nama ajjeesu miti, kan lakkaa'amu ammallee itti fufuu dha"  — Wuniston Chunchil

▶️ "Boru dhugoomsuudhaaf, daangaan shakkii keenyaa har'a qofa" — Firaankiliin D

▶️ "Milkaa'inni quuqama tokko malee kufaatii iraa gara kufaatii gufachuu dha" — Winistoon S.

▶️ "Yeroon kee daangeffaa dha; jireenya nama biraa jiraachuun hin qisaasessin" — Isteev Joobs

▶️ "Milkaa'inni hangam akka ol baate osoo hin taane, addunyaa kanaaf jijjiirama akka fidduu dha" — Rooyii T.

▶️ "Bakki milkaa'inni dura itti dhufu, galmee jechootaa qofa"  — Viidaal

▶️ "Hojii guddaa hojjachuuf karaan jiru, waan hojjattu jaallachuu qofa" — Isteev Joobs

▶️ "Garaa garummaan nama milkaa'aa fi namoota gidduu jiru, humna dhabuu osoo hin taane, beekumsa dhabuus osoo hin taane fedhii dhabuudha"  — Viins Loombardii

@Gaggeessummaa


🗣️ Six Leadership Principles that we can learn from an Eagle
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Eagles fly Alone and at High Altitudes.
They don't fly with sparrows, ravens, and other small birds.

▶️ MEANING; Stay away from narrow-minded people, those that bring you down. Eagle flies with Eagles. Keep good company.

2. Eagles have an Accurate Vision. They have the ability to focus on something as far as 5km away. No matter the obstacles, the eagle will not move his focus from the prey until he grabs it.

MEANING; Have a vision and remain focused no matter what the obstacles and you will succeed.

3. Eagles do not Eat Dead things. They Feed only on Fresh Prey.

MEANING; Do not rely on your past success, keep looking for new frontiers to conquer. Leave your past where it belongs, in the past.

4. Eagles Love the Storm.
When clouds gather, the eagle gets excited, the eagle uses the storms wind to lift itself higher. Once it finds the wind of the storm, the eagle uses the raging storm to lift itself above the clouds. This gives the eagle an opportunity to glide and rest its wings. In the meantime, all the other birds hide in the branches and leaves of the tree.

MEANING; Face your challenges head on knowing that these will make you emerge stronger and better than you were. We can use the storms of life to rise to greater heights. Achievers are not afraid to rise to greater heights. Achievers are not afraid of challenges, rather they relish them and use them profitably.

5. Eagles Prepare for Training;
They remove the feathers and soft grass in the nest so that the young ones get uncomfortable in preparation for flying and eventually flies/ when it becomes unbearable to stay in the nest./

MEANING; Leave your Comfort Zone, there is No Growth there.

6. When the Eagle Grows Old,
His feathers becomes weak and cannot take him as fast and as high as it should. This makes him weak and could make him die. So he retires to a place far away in the mountains. While there, he plucks out the weak feathers on his body

@Gaggeessummaa


⭕ Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isaanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jechuun carraa isaanii komatu! Egaa atis bor yaa anaa jettee akka ofi komachaa hin jiraanneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jettee yaaddu gahii argami! Jireenyi dorgommii miti, namni hunduu daandii mataa isaa qaba. Akkaataa filannoo kee, humna kee, sona kee fi amaleefannaa keetii jiraachuu itti fufi! Namni baay'een jireenya mataa isaa dhiisee, abjuu isaa milkeessuu dhiisee waa’ee jireenya namaa cinqamaa oola! #Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

✔️ Yeroon itti hojjechuu qabdu, yeroon ati guddina kee boriitiif itti yaaddee hojjettu har'a dha. Har'a humna hojjechuu qabda! Har'a carraa argattetti fayyadamtee milkaa'ina kee fuulduraaf cichoominaan tarkaanfachuu sirra jiraata! Yoos ati abbaa milkii taata!

@Gaggeessummaa


Dhiibbaa Uumuu

↪️ "Balbala manaa cufaa ta'e dhiibaa ooluu dhiisii, furtuu balbala sanaa argachuuf dhiibbaa uumi!"

@Gaggeessummaa


Kennaa Kee Adda Baasii Beeki! Itti Fayyadami! ✍️
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔵 Dhalli namaa kamiyyuu ogummaa dhokataa fi kennaa garaagaraatiin kuulamee gara dachee kanaatti afeeramee dhufe. Dirqamni hireen kenniteen baay'een namootaa carraa irratti utuu himata banuu, himata galmeen isaa hin cufamneen hawwii fi fedhii isaa qofaan hidhii sochoosaa jiraata. Kanaaf abjuu hanga har'aatti hin abjoonneen, hanga har'aatti qooda kee adda hin baafatin jirta taanaan of barbaaduutti deebi'i, kennaan kee suma keessa jira.

Kennaa dhokatee awwaalame abbummaatiin kan isa barbaadu dhabee jiru barbaaddee baasuun kee siin olitti dhaloota si booda jiraniif hojii kennaa ofii barbaaduu uumtaaf! Kennaa kee argattee mul'ata kee waliin walqunnamsiisuuf haalota danqaa taa'anii gaara sitti fakkaatan qalbii fi ogummaadhaan hurriitti akka inni jijjiiramuuf tooftaa dha'i!

Qormaata Si Mudachuu Malaniif Of Qopheessi!

👍 Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabanii immoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ilaaltu jara kana akkamitti ilaalta? Akka natti fakkaatutti waan sitti toluu miti. Atis egaa yeroo waan tokko yaaltee osoo fiixaan hin baasiin of duuba deebitu kanuma fakkaatta.

Oromoon yeroo mammaaku “Qeerransa eegee hin qaban, qabnaan hin gadhiisan!” jedha. Akkuma kana jabinni namaas kan beekamu gaafa waan dadhabe deebisee irbaata dandeettii isaa taasifatudha. Gootummaan nama tokkoos kan beekamu yeroo waan salphaa fiixaan baasu osoo hin taane, yeroo waan maqaa qabuu fi sammuu namaa gararraa tahe hojjatee agarsiisudha. Akka beektonni jedhanitti waan fiixaan baasuu hin dandeenye jalqabuurra waan fixuu danda'an jalqabuu yookaan immoo dhiisuu wayya jedhu. Namoonni nuti jaboodha jennee waamaa oolluu fi namoonni addunyaa kanaaf fakkeenya ta'anii wantota adda addaa hojjetanii lafa kaa'an baay'een isaanii namoota kufaatiin michuu taasifatee tureedha. Hammuma kufan dogoggora ofii irraa barataa adeemu. Jireenyi immoo mana barnootaa gaariidha waan ta'eef, haala gaariidhaan nama barsiifti. Osoo kufaatiin hin jirree jireenyi hin jiru. Qorteetu nama qoraafti. Qoraaftees gaara nama baafti. Qormaanni qoraasuma milkiiti. Kufaatiin immoo yaaliirraa dhufa. Sammuun teessu gidiraa qofa yaaddi! Namni taa'uu guddisus huuba lafaa fuudhee ka'a jedhama mitiiree?

@Gaggeessummaa


❤️ Kufaatiin Qaama Jireenyaati!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔔 "Hin kufnu taanan hin barannu, hin barannu taanan gonkumaa hin jijjiiramnu."

GALMA qabuuf namni cimsee hojjechuu danda'u nama kayyoo qabudha. Namni kaayyoo qabu immoo rakkoo miti; rakkoof furmaata arga; jireenya hadhaa'aa har'aan miti qabeenya, har’a qabuunis miti kaayyoo jiraatuuf beekee jireenya guutuu abdii keessa isaan jiraata. Yeroo tokko tokko taatee har’a raawwannu ilaalamee namoota tokko tokkoof waan kaayyoo hin qabne itti fakkaata; dhugaan isaa garuu jireenya keessatti dogoggorri karaa lama akka uumamu beekuudhaan kan jalqabaa maatii, oollaa, hiriyoota yookiin gaggeessaa keenyaan dhiibbaa nurra ga'uu danda'u ta'uu mala; kan lammaffaa jireenya nuti haalota bakkeen mul'atan to'achuuf taasifnudha. Yoo ati amantee ni fudhatta taate ilaalchi jal'aan jireenya kee irratti dhiibbaa hamaa ati tasumaa mo'achuu hin dandeenye siif uumee darba.

▶️ Namootni si qeequf aangoo guutuu qabu; Sababni isaa eenyummaa kee isa sirrii si caala kan beeku hin jiru; kanaaf namootan, "na hin qeeqin jechuuf aangoo hin qabdu; guddummaa fi kabaja kee garuu situ eeggachuu danda'uu qaba. Yoo Dhuguma kaayyoo hin qabdu taate galma hin qabdu ceephoon namootaa jireenya kee irratti ba'aa guddaa ta'uu danda'a. Jireenyi kaayyoo hin qabne garba nama godha garbummaan immoo nama qofaan miti; Wantootni jireenya namaa hin jijjiirre kamiyyuu garba nama godhatanii kaayyoo ofii irraa adda nama baasu. Namni kaayyoo isaa hin beekne immoo jireenyi isaa borii duwwaadha kanaafan jiraadha waan jedhu tokko hin qabu. Namni waan bor jiraatuuf hin qabne immoo abdii hin qabu; namni abdii hin qabne jireenyi isaa gammachuu hin qabu; namni gammachuu hin qabne uumaa wajjin wal komata. Qabeenyi gatii jabeessi karaa duraa hin jiru bu'aa ba'ii hedduu bodaa kan argachuun danda'amu yoo Dhugumaa badhadhummaan jirachuu barbadnaa taane dandeetti dhokataa keessa keenya jiru beeknee itti hojjechuu qofaan. 👍

@Gaggeessummaa


👍 Guyyaa Gaarii akka Qabaattuuf Ganama kee Galataan Jalqabi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔔 Kana gochuun guyyaa kee miira gaariin akka jalqabdu si gargaara. Yoo hubatte ganama miira gaariin yoo hin jalqabne guyyaa guutuu waan gadhee si mudata. Ganama waldhabdeedhaan manaa yoo baate guyyaa guutuu dhiphataa oolta. Wanti xiqqoon ganama ta'u guyyaa guutuu si faana itti fufa. Kanaafidha ganama kee waan gaariin jalqabuu kan qabduuf. Akkasumas karaan tokkoo fi hundarra gaariin sana gochuuf nagaa ta'uudha... Mee galataan haa jalqabnu🙏
•••

መልካም ቀን እንዲኖራችሁ ቀናችሁን በምስጋና ጀምሩ።

💐 ይህንን ማድረግ በጥሩ mood ቀናችሁን እንድትጀምሩ ይረዳችኋል። አስተውላችሁ ከሆነ ጠዋት በጥሩ ሙድ ካልጀመራችሁ ቀኑን ሙሉ መጥፎ ነገር ሲያጋጥማችሁ ነው ሚውለው። ጠዋት ተጣልታችሁ ከቤት ከወጣችሁ ስትነጫነጩ ትውላላችሁ። የጠዎቷ ትንሽ ነገር ቀኑን ሙሉ አብራችሁ ትዘልቃለች። ለዛም ነው ጠዋታችሁን በመልካም ነገር መጀመር ያለባችሁ። ያንን ለማድረግ ደግሞ አንደኛውና ምርጡ መንገድ በሰላም ስላደራችሁ... በምስጋና መጀመር ነው🙏

@Gaggeessummaa


🟣 Yeroo Tokko Qofa!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Namoota jaalattutti al tokko qofa jaalala kee ibsi! Waan si sodaachisu al tokko qofa hojjedhu! Al tokko qofa xiyyeeffadhu! Al tokko qofa dubbisuu jalqabi! Abdii kutachuuf jirtaa? Miira kana al tokko qofa irra darbi! Laafinni kee si toʼachuuf yaala? Al tokko qofa fuulduratti ba'ii irra darbi! Sodaadhaan liqimfamaa jirtaa? Haala kamiinuu jabaattee tarkaanfii tokko qofa deemta. Hojii keetti dadhabdee? Guyyaa tokko qofaaf dabalataaf cimtee hojjedhu! Hiriyaan kee si mufachiisaa?  Deebii gadhee al tokkoof kennuudhaaf jette qofa yeroo biraatti dabarsuu.  Dhiibbaa namootaa isin nuffisiisee? Al tokko qofa obsi!

Eeyyee! Goota koo! Yeroo tokko qofa!  Miira kee jijjiiruuf, humna kee cimsuuf, gara fuulduraatti tarkaanfachuuf, of humneessuuf, milkaa'ina kee mirkaneessuuf, wantoota yeroof ta'an keessa darbi! Wanti carraaqqii kee tokko irraa dhufu hundi baay'ee kan adda ta'ee fi ajaa'iba ta'edha. Har'a mufachuu dandeessa, kanaaf haala kamiinuu mufachuu kee guyyaa tokkoof yeroo biraatti dabarsi!  Guyyaa itti aanutti mufannaan sun ni bada. Hojii barbaadde jalqabuuf kaka’umsaa fi dammaqiinsa yoo dhabde, daqiiqaa shaniif altokko qofa jalqabi! Nama jaallattu waliin haasa'uu yoo sodaatte, bakka hawwitu bira ga'uuf rakkadhu, namoota dinqisiifattu waliin wal arguuf kolfi, hamilee horadhuu qofa miira sana fuulduratti ba'i! Wanti ati barbaadde dhuguma barbaadamaa turee?  Dhuguma namoonni jaallattu akkas sodaachisoo turanii? Dhuguma namoonni ati dinqisiifattu akkas turanii? Erga yaaltanii booda yaada keessan ni kennitu. Itti fufuu yookiin dhaabuu yeroo sanatti murteessita.

Eeyyee! Yeroon waan tokko argachuuf hanga kornee sanaa deemuun si hin barbaachifne ni jiraata. Barbaachisummaa kitaabichaa fuula isaatiin yoo hin hubannellee qabiyyee isaa fuula jalqabaa irraa beekuu dandeessa; qulqullina nyaata kanaa kan beektu fal'aana tokko dhandhamuudhaan. Fuulonni jalqabaa fi mi’aan nyaata kitaabichaa dubbistee xumurtee nyaata sanatti akka gammaddu si gochuu danda’a. Wanti ati yaaluun jalqabdu eessa akka si geessu gonkumaa hin beektu. Humna waan tokkoo xiqqeessuu hin qabu. Al tokko qofa jiraatta. Carraan jireenya kee keessa yeroo tokko qofa dhufa. Guyyaa dhaloota kee waggaa digdamii shanaffaa al tokko kabajatta.

Eeyyee! Taateewwan murteessoo ta'aniif carraa erga hin kenninee, booda jireenya kee irratti madaa hin haqamne ni ta'ee darba. Yoo harka kennachuu qabda ta'e, daandii haaraa jalqabda. Garuu abdii kutannaa kee akka dhaabdu sittan hima. Akka duubatti deebitu, daandii hin danda'amne akka seentu yoo si taasise hin godhin. Irra deddeebiin yaaliiwwan tokko tokkoon of fuulduratti dhiibi! Hojii bakka barbaaddetti hojjechuu dandeessu yaaluuf baay'ee hin gaafatin! Dadhabdee jirtaa! Marsaa tokko qofa fiiguu fi xumuruu. Nuffitee jirtaa? Fuula tokko qofa dubbisiitii xumuri. Harki kee badeeraa? Hima tokko qofa barreessii dhaabi. Abdii qabda! Guyyaa tokko qabsoo kana xumurta. Jireenya kee guutuu yaalii tokkoon, carraa tokkoon, carraaqqii tokkoon, mul'ata fooyya'aa tokkoon jijjiiri! Eeyyee! Al tokko qofa yaali!

@Gaggeessummaa


💊 Qoricha hadhaawaa dafnee liqimsinee karameellaa mi'aawaa yeroo dheeraaf afaan keenya keessa tursiisna. Jireenya keessatti garuu yeroo gaarii dafnee dagannee yaadannoo hadhaa'aa bara baraan garaa keenya keessa taa'a.

Jireenya keessatti
🔵 Yaadi!
🔵Dhiifama godhi!
🔵 itti fufi.

@Gaggeessummaa


🟣 Akkamitti Dandeettii Keenya Fayyadamnee Hojjechuu Dandeenya?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Beekumsa qabdu garuu maaliif itti hin fayyadamtan? Sababoonni beekumsa keessan akka hin fayyadamne isin taasisaa jiran maal fa'a? Gaaffiilee fi deebiilee armaan gadii of gaafachuun barbaachisaadha:

1. Maal Hojjechuu Dandeessa?
• Waan hojjechuu dandeessu beektaa? Beekumsa qabdu irratti hundaa'uun, waan hojjechuu dandeessu fi hin dandeenye adda baaftee beektaa?
• Namoonni yookiin dhaabbileen hojiif yeroo itti dhihaattan, "Maal hojjechuu dandeessa?" jedhamtee gaafatamtee beektaa? Gaaffiin kun yeroo si mudatu deebiin kee maal ta'a?
2. Akkamitti Hojjechuu Beekta?
• Namoonni tokko tokko akkamitti akka hojjetamu hin beekan, garuu beekumsa qabu. Beekumsi qabdu hojiitti akkamitti akka jijjiirtu beektaa?
3. Maal Hojjechuu Jaallatta?
• Waan hojjechuu jaallattu adda baaftee beektaa? Hojii keessa kee gammachiisu filachuun baay'ee barbaachisaadha.
• Maaliif hojii sana jaallatta? Sababoota hojii sana jaallattu gadi fageenyaan beektaa?
4. Maal Hojjechaa Jirta?
• Hojiin ati hojjechaa jirtu maali? Hojii kee guyyaa guyyaan hojjettu maal akka ta'e sirriitti beekuu qabda.
• Hojiin kee kun eessatti si geessa? Guddina akkamii siif fida? Hojiin kee fagoo eessa akka si geessu tilmaamuu dandeessa?
5. Waan Hojjechuu Jaallattuu fi Waan Hojjechaa Jirtu Wal Siif Madaaleeraa?
• Wanti ati hojjechuu jaallattu fi hojiin ati hojjechaa jirtu wal simuu? Hojiin ati hojjechaa jirtu fedhii fi gammachuu kee guutaa?
• Wanti ati hojjechuu jaallattu yoo wal siif hin simne maaliif? Sababoonni hojiin kee fedhii kee hin guutne maal fa'a?
6. Furmaanni Isaa Maaliree?
• Rakkoo kana furuuf maal gochuu qabda? Akkamitti hojii ati jaallattu argachuu dandeessa? Yookiin, akkamitti hojii ati hojjechaa jirtu jaallachuu dandeessa?

Gorsa Furmaataa:

•  Of Baruuf Yaali: Waan hojjechuu dandeessu, waan jaallattu fi galma kee adda baafadhu.
•  Karoora Baafadhu: Hojii ati jaallattu argachuuf karoora qopheeffadhu. Barnoota dabalataa baradhu, dandeettii kee fooyyessi, yookiin hojii haaraa barbaadi.
•  Jajjabaadhu: Rakkoon yoo si mudate abdii hin kutatin. Jabaattee itti fufuu qabda.

Gaaffiilee kana of gaafachuun fi deebii sirrii kennuun, akkamitti dandeettii kee fayyadamtee hojjechuu akka dandeessu hubachuuf si gargaara.


#Akkam_bultani 🌄
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
⭕ Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isaanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jechuun carraa isaanii komatu! Egaa atis bor yaa anaa jettee akka ofi komachaa hin jiraanneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jettee yaaddu gahii argami! Jireenyi dorgommii miti, namni hunduu daandii mataa isaa qaba. Akkaataa filannoo kee, humna kee, sona kee fi amaleefannaa keetii jiraachuu itti fufi! Namni baay'een jireenya mataa isaa dhiisee, abjuu isaa milkeessuu dhiisee waa’ee jireenya namaa cinqamaa oola! #Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

✔️ Yeroon itti hojjechuu qabdu, yeroon ati guddina kee boriitiif itti yaaddee hojjettu har'a dha. Har'a humna hojjechuu qabda! Har'a carraa argattetti fayyadamtee milkaa'ina kee fuulduraaf cichoominaan tarkaanfachuu sirra jiraata! Yoos ati abbaa milkii taata!

@Gaggeessummaa


🚩 Namni channel yookiin garee telegram bitachuu barbaadu keessaan na dubbisaa!

🔔 Anyone who wants to buy a channel or group please contact me!

🔵Gosa: Telegram Channel
🔵Subscribers: 8K+ hanga 15K+

✍️Contact: @Getu_Abera

✔️ More info: @bittaafigurgurtaachannel 😀


☀️ Ganama Kana Maaliif Hirriibaa Kaate?
▬▬▬▬▬▬▬▬
🌐 “Yeroo hundumaa ganama hirriiba irraa yommuu kaatu, guyyaa gaarii Waaqayyo siif kennetti dhimma bahuuf qophoofta!” Waaqayyo isa nagaan si bulche, guyyaa dabalataa siif kenne immoo galateeffachuuf dursa ni kennitaaree? Akkuma hirriiba irraa kaateen maal hojjetta?

📑“… Ani barii lafaa nan dammaqsa! Ani namoota keessatti sin galateeffadha, yaa Waaqayyo saba lafa irraa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha!” (Far. 108:1-2)

🥇 Oolmaan keenya gaarii akka nuuf ta’u, milkaa'ina guyyicha keessatti argamu qooddachuuf, Waaqa guyyaa kana nuuf kenne, qajeelchaa keenya godhachuun yeroo hundumaa ganamaan kaanee galateeffachuun nurra jiraata. Ati maaliif hirriiba irraa kaate? Facebook, Telegram yookiin Miidiyaa hawaasaa kan biroo bantee ilaalufii? Maal hojjechuudhaaf dursa kennita?

✍️ Namni beekamaan tokko akkas jedhee barreesse, “Yeroo hundumaa Waaqayyoon keenya ganama kaanee kan ija keenya itti banannu dha. Afaan bule kan Waaqayyooti. Ganama utuu simbirroon hin wacin; hirriiba irraa ka’ee Waaqayyoon galateeffachuufan afaan saaqadha. Uumaa koo waliin nan haasa’a! Waaqayyo milkaa’ina kooti! Ganama utuun Waaqayyo waliin hin haasa’in hojii tokkollee hin hojjedhu; ‘even’ haadha manaa koo kanan waliin buleyyuu utuun hin dubbisin dura, uumaa koo waliinan dubbadha!” Dhugumayyuu Waaqni keenya ganama kaanee kan ija keenya itti banannu dha. Afaan bule kan Waaqayyooti!

✅ Ganamni gaariin Milkaa'ina guyyaa guutuuf sababa jalqabaati! Lafa nageenyi guute oolaa!

@Gaggeessummaa


✔️ Hubadhu! 💡
▬▬▬▬▬▬▬▬
• Barachuu qofa miti, shaakali!
• Dubbisuu qofa hin godhin, hubadhu!
• Jijjiiramaa qofa ta'in, jijjiiri!
• Walitti dhufeenya qofa hin godhin, leellisi!
• Waadaa qofa hin seenin, mirkaneessi!
• Qeequu qofa miti, jajjabeessi!
• Yaaduu qofa miti, xiinxali!
• Fudhachuu qofa miti, kenni!
• Arguu qofa miti, yaadatti qabadhu!
• Abjuu qofa hin abjootin, hojjedhu!
• Dhaga'uu qofa miti, dhaggeeffadhu!
• Dubbachuu qofa miti, gochaan argisiisi!
• Himuu qofa miti, argisiisi!
• Argamuu qofa hin miti, jiraadhu!

@Gaggeessummaa


Akkam Bultan 👋
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
⩩ Namoonni hedduun gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. (Thomas Takias)

⩩ Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i! (Jecha warra Ingilizii)

⩩ Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama. (Wiiliyaam Sheekispir)

⩩ Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha. (Maaksim Troobey)

⩩ Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu. (William Shekispir)

@Gaggeessummaa


🗣️ SIIF GALEERAA?

~ Nama gargaaruuf kaayyoo gadi fagoo qabaadhu. Namaaf iddoo qabaadhu. Namoota ofittoo keessaa tokko jedhamtee eessumattiyyuu hin waamamin! Nama baraari! Namoonni baay'een gargaarsa kee akka barbaadan hin dagatiin!💔 Jireenya kee keessaa fedhii waan qabduun nama gargaaruu yoo qabaatte, ati imala fagoo deemuuf akka murteeffatte hin dagatamu. ✅

Jabaadhu❌
Nama gargaaruuf yoo fedhii qabaatte, harki kee hin gabaabatu. ✍️

@Gaggeessummaa


#Hojii_Online 💯

🔴 Namoonni telegram channel keessan subscribers 1K+ ol qabdan, akkasumas channel keessan 'active subscribers' ta'e karaa keessaa nu qunnamuun channel keessan irraa hojii beeksisaatiin kaffaltii argachuu dandeessu! 🔗

🔵 1K+ Subscribers
🔵 Active Subscribers

Namoonni channel telegram kana qabdan keessaan ammuma na dubbisuu dandeessu!

✍️ @Getu_Abera 

✈️ @Gaggeessummaa


🗣️ Amaloota Namoota Bu'aa Ol'aanaa Fidan 7

Hojii fi jireenya keenya keessatti milkaa’ina dhugaa argachuuf ilaalchaa fi amala keenya irratti jijjiirama bu’uuraa gochuu qabna.
Amala bu’a qabeessa olaanaa ta’uuf si barbaachisu keessatti koorsii ciminaa barbaadaa jirtaa? Kunoo ilaalchi waliigalaa amala tokkoon tokkoon isaanii amala milkaa'inaa ijaaruu fi cimsuuf gargaaran kanatti fufee jira.
👇👇
https://gaggeessummaa.com/amaloota-namoota-buaa-olaanaa-fidan-7

Показано 20 последних публикаций.