Фильтр публикаций


Seerota Milkaa'ina Jireenyaa

Barruu kana wayita dubbistu, yaada kee gara kaayyoo jireenya keetti sassaabbadhu! Qalbii mana buleetiin dubbisi!

Seera 1ffaa: Wanti hundinuu Waqtiidha. Lafa irratti wanti hundi yeroodhaaf akka ta’e, wanti hundinuu immoo waqtii akka ta’e hubadhu. Yeroon olka’aan ni jira, yeroon gadi aanaanis ni jira. Yeroon gaariin ni jira, yeroon hamaanis ni jira. Yeroo ammaa kana yeroo hamaa keessa jirta taanaan hin turu. Yeroo ammaa kana hojii argachuu yoo dadhabde, sun yeroo tokkoof qofa. Yoo daldalli kee kallattii dogoggoraatiin deemaa jiraate, kunis waqtii qofa. Yeroo ammaa kana namni si waliin jaalala jalqabuu yoo hin barbaanne, sun bara tokkoof qofa. Waan hunda kan ajjeesu yeroo qofa.

Seera 2. Milkaa'inni Yaada. Milkaa’ina hin hordoftu. Namni milkaa'e jalqaba yaada tokkoon jalqabe. Milkaa'ina ykn maallaqa gonkumaa hin ari'an. Kanaa mannaa yaada tokko fidu, sana booda maallaqni dhufe. Maallaqa hin hordofiin, mul'ata tokko hordofi. Addunyaa kana irratti namoonni gosa sadii qabu: hiyyeessa, sooressa, fi badhaadhoota yaadaati. Namoonni hiyyeeyyiin yeroo hunda waa'ee maallaqaa ni dubbatu. Dureeyyiin waa'ee wantoota isaan jaallatan kan akka konkolaataa faashinii, mana gurguddaa fi kkf, yeroo hunda ni dubbatu. Namoonni sooreyyii garuu yaada irratti xiyyeeffatu. Kanaafidha namoonni dureeyyiin yaada bitachuuf maallaqa guddaa kan baasan.

Seera 3. Hojii Mataa Uumuu. Qaxarrii jechuun nama biraatiif hojjechuudha, kana jechuun nama biraa abjuu isaa galmaan ga’ee akka milkaa’u gargaaruuf qacaramte jechuudha. Dhuma guyyaa sanaatti dhaabbatichi kan kee waan hin taaneef ba’uuf dirqamta. Nama kaappitaala walitti qabuuf hojjedhu yoo dirqama ta'e garuu seera 2 yaadadhu.

Seera 4. Jijjiirama Gaarii Uumuu. Jijjiiramni qajeelfama jireenyaati. Jijjiiramni qaama jireenyaati. Jireenya keessatti guddina hiika qabu kamiyyuu argachuuf jijjiirama akka hammattu of hayyamuu qabda. “Jijjiirama yoo hin hammanne jijjiiramni si jijjiira.”




Maatama Gaandiin Wantootni Kudhan Jireenya Namaaf Balaadha Jedha!
▬▬▬▬▬▬▬▬

⓵. Qabeenya hojii malee argame (wealth without work)
⓶. Gammachuu sammuun hin fudhanne (enjoyment without conscience)
⓷. Beekumsa sirna isaa hin hordofne (knowledge without character)
⓸. Daldala hamilee malee (business without morality)
⓹. Saayinsii namummaan ala bahu (science without humanity)
⓺. Amantii miira amantummaa/osoo hin argin amanuu of keessaa hin qabne (religion without compassion)
⓻. Siyaasa qajeelcha/hoggansa hin qabne (politics without principle)
⓼. Mirga itti gaafatamummaa dhabe (right without responsibility)
⓽. Aangoo gaafatama hin qabne (power without accountability)
⓾. Guddina itti fufiinsa hin qabne (development without sustainability)

https://t.me/Gorsaa_Ganamaa


"Firaakshinii Jireenyaa"
.......Utuu jennuu, gosa barnootaa herreegaa keessatti hanga ammaa gatiin "X" barbaadamaa jira. Yoo hanga ammaa barbaadamaa jira ta'e, atis hanga gatiin "X" barbaadamuun dhaabbatutti, imala gara milkaa'inaa gootu hin dhiisiin.

🔗 @Gorsaa_Ganamaa


Namoota mul'ata isaaniif murtoo dhaabbataa hin qabne waantoota jahaan kanatu bitaaf mirgaan goolii itti lakkofsisa!.

Isaanis:
1.Sodaa Hiyyummaa
2.Sodaa Ceephoo
3.Sodaa Fayyaa dhabuu
4.Sodaa Jaalala nama tokko dhabuu
5.Sodaa dullumaafi
6.Sodaa du'aati.
Waanti nama dhibu! Sodaan hiyyummaa yaada sammuuti malee waan qabatamaatti mul'atu
miti. Waanti Rabbii gaditti biyya lafaa kana bitee jiru ammoo yaada waan ta'eef yaadni sodaan
guutame milkaa'ina kamuu mancaasuu danda'a. Humni yaadaa guddaa waan ta'eef.

✓Sodaan kutaa Muuxannoo sammuu laamshessa
✓Sodaan ofitti amanamummaa mancaasa
✓Sodaan dharraa waan tokko hojjechuuf qabdu hadoocha.
✓Sodaan kaka'umsa hirrisa
✓Sodaan kaayyoo ketti akka hin amanne si taasisa.
✓Sodaan karoora kee milkeessuuf carraaquu dhiistee teessee haala mijataa akka eegdu si taasisa.
✓Sodaan of too'achuu akka dadhabdu si taasisa.
✓Sodaan gammachuun akka si baqatu taasisa.
✓Sodaan daddeettii yaaduu kee dadhabsiisa.
✓Sodaan sammuuf qalbiin kee karoora tokkorratti akka hin xiyyeeffanne godha.
✓Sodaan kutannoo kee barbadeessa.
✓Sodaan miira jaalalaafi hiriyyummaa dhabamsiisa.
✓Sodaan hirriba gahaaf gammachuu akka dhabdu si taasisa.

√Kanaaf maal goota beektaa? Sodaadhuma mataasaa ofirraa sodaadhu!

🔗 @Gorsaa_Ganamaa




🍀 Dɑndeettiin sɑmmuu nɑmɑɑ dhokɑtɑɑdhɑ. Yommuu ittiin hojjetɑn bɑ'ee mul'ɑtɑ. Ittiin hin hojjenne tɑɑnɑɑn gɑruu dɑdhɑbɑɑ fɑkkɑɑtɑ.

🍀 Sɑmmuu ofii hojjechiisuun dɑndeettii horɑchiisuu utuu hin tɑɑne, dɑndeettii sɑmmuu
sɑnɑɑ hojiitti hiiksisuudhɑ.
🔗 @Gorsaa_Ganamaa




Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo qabaate, nama guutuu jedhama. Kunneenis..
1. Qaama Lubbuu /Sprit
2. Qaamaa Foonii/Body
3. Qaamaa Sammuu/Mind

Qaamni sammuu qaama leenjifamee, qaamota keenya biroo akka to'atuuf aangeffamudha qaamni sammuu kun bakka sadiiti qoqqoodama.

1. Sammuu dhokataa /Subconscious mind
2. Sammuu hatattamaa/Critical mind
3. Sammuu dammaqaa/conscious mind

Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.

Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi.

Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka
yaadaan gahuu qofaa miti.

Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha. Viv Tolasaa Burqaa

Positive mind find opportunity in everything.




💪Waan namoota hedduu irraa adda nu taasisutti yeroo hunda gammaduun waan haaraa hojjechuu akka dandeenyu nu taasisa. Ofii keenya waliin gaafa tokko ta'uu jalqabnu waan qabnuuf, waan namoota hedduu irraa adda nu taasisu maraanuu of mararuu jalqabna. Ofitti gammanna.

👉 🔗 @Gorsaa_Ganamaa


Soorata Sammuu maltuu barabachisaa.?

❏ Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaa fi dheerina isaa ni safara.
➢ Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu #sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

➢ Barnoota sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaa fi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

➢ Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin wal simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba.

➢ Sammuun dhala namaa   barnoota sirriin gabbatee jiruu fi jireenya namaa jijjiiruu qaba. Kana irraa maqnaan jireenyi dhala namaas milkii irraa maquun, guddinaaf gumaata dhiisee gufuu ta'a.

➢ Hamma kana hin argannetti garuu dhamaatii gatiif hiika hin qabne, jireenya furtuu malee  gad dhiisii ta'ee fi yaada hin hogganamneen raafamuudhaaf saaxilamna.
Share godhaa dubbisuun irraa baradhaa
👇👇
@Gorsaa_Ganamaa


Gorsa ❤️

Waa'ee ofii keetii akka qoosaattillee waan hamaa hin dubbatin. Qaamni kee garaagarummaa hin beeku. Akkaataa waa'ee ofii itti dubbattu jijjiiri jireenya kee jijjiiruu dandeessa.

_______
🔗 @Gorsaa_Ganamaa


Milkaa’uu yoo feete gatii milkiin gaafatu baruu fi baasuun sirra eegama..
         Iskoot Adaam

Take the risk or loss the chance.
Biyya lafaa irra waanti risk hin qabne harka maratanii taa’uu qofa,jijjiramuuf risk taker ta’uu feesisa Namoonni baay’een jijjiramuu ni barabaadu garuu jijjiramaaf aarsaa kanafalu hin barbaadanii

Namoonni baay’een Galii/Qarshii argachuu barabaadu garuu hojii/biizinaasii galii isiin argiisisuu hin hojjatan

Jireenyi filannoo lama siif laatti:
Jiraachuu yookaan jooruu! Filaadhu 🔗 @Gorsaa_Ganamaa




✅ Qomoo koo of sakatta’uuf yoo yeroo itti fudhatte gadi jettee hin haftu amani!

🔗 @Gorsaa_Ganamaa


Akkaataa Namoonni Milkaa'oon
Itti Guddatan" jedhu kan Jiim Koolinsi barreesse
1. Dandeettiiwwan ijoo kee guddifadhu. Maal irratti addatti dandeettii qabda? Wantoonni ati hojjettu kan warri kaan hin dandeenye maali? Dandeettiiwwan ijoo kana guddisuu irratti xiyyeeffadhu karaa milkaa’ina gaarii irra jirtaa.

2. Mul’ata ifaa ta’e qabaadhu. Jireenya kee keessatti maal galmaan gahuu barbaadda? Kaayyoon kee maali? Mul’ata ifaa ta’e qabaachuun kaayyoo kee galmaan ga’uuf kallattii fi kaka’umsa siif kenna.

3. Itti cichi. Abjuu keetiif abdii hin kutatin. Yeroo meeqa yoo kufteyyuu carraaqqii kee itti fufi. Cichoominni milkaa’inaaf furtuudha.

4. Balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaadhu. Waan gurguddaa galmaan gahuu yoo barbaadde balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Naannoo mijataa hin taane keessa tarkaanfachuun waan haaraa yaaluu hin sodaatiin.

5. Barataa umurii guutuu ta'i. Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa waan jirtuuf yeroo hunda barachuu qabda. Kitaaba dubbisi, konfiraansii irratti hirmaadhu, akkasumas koorsii fudhadhu dursitee turuuf.

6. Namoota yaada gaarii qabaniin of marsi. Namoota waliin yeroo dabarsitu jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa qabu. Kanaafuu namoota gaarii abjuu kee deeggaraniin of marsi.

7. Deebisii kenni. Hawaasa keetiif ykn waa'ee isaaniif dhimmaa jiraachuu keetiif karaa ittiin deebiftee kennitu barbaadi. Kana gochuu keetiif miira gaariitu sitti dhagahama akkasumas namoota biroo wajjin akka wal qunnamtuuf si gargaara.

8. Milkaa'ina kee kabaji. Yeroo galma tokko galmaan geessu yeroo fudhadhuutii milkaa'ina kee kabaji. Kunis kaka’umsa qabaachuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuun akka itti fuftuuf si gargaara.

9. Namoota biroo wajjin of hin madaalin. Hunduu imala mataa isaa irra jira. Kanaaf namoota biroo wajjin of hin madaalin. Kaayyoo mataa keetii fi guddina mataa keetii qofa irratti xiyyeeffadhu. Guutummaa isaa dubbisaa

Telegiramii t.me/Gorsaa_Ganamaa




☆ Didaa ta'uun diina si godha; Garuu didaa ta'uutu si milkeessa!

🔗 @Gorsaa_Ganamaa


✦ Milkooftee jirta taanaan namoonni ofii isaaniitiin gara kee dhufu; amma milkooftutti garuu namoota gara isaanii deemteen iyyuu hin simatamtu. Kanaaf amma sanaaf geessutti jabaadhu!✅🙏🏽

🔗 @Gorsaa_Ganamaa

Показано 20 последних публикаций.