👩🎓👨🎓 Qo’annaa Wangeela Yohaannis Kutaa 6ffaa 📖Boqonnaa 1ffaa
📍Koottaa Ilaalaa [Yohaannis 1:35-51]
🪧Dubbiin dhuga bahumsa Yohaannis Cuuphaa
Dhugaa isaaf mul'ate irraa ka'uusa kutaawwan qo'annaa keenyaa darban irratti ilaalleerra. Kanas Yohaannis akkas jedhee dubbata
"Ani ofii kootii kana argeera, inni kun ilma Waaqayyoo ta'uu isaas dhugaa ba'eera” jedhe (Yoh 1:34).
🔸Dhugaa ta'uu waan tokko gaafa arginu waa'ee wanta sana nu caalaa dhibbaan dhibbatti amanee kan dhugaa ba'u hin jiru.
📌Dhugaa baatii Yohaannis cuuphaan gara Yesuus kan dhufan akkuma Gooftaan
"koottaa ilaalaa" isaanin jedheen isaanis isa wajjiin oolanii arganiiru waan ta'eef cal jedhanii taa'uu hin dandeenye. Kanaanis isaan warra kaaniifis dubbachuu jalqaban (Yoh 1:37-41).
🪧Yeroo baay'ee lallaba akkasumas mul'ata namootaan aja'iba jennee beekna ta'a; Garuu Nuti mataan keenya
akkuma Gooftaan jedhe itti siqne ilaaluuf osoo yaalle; Waanta namoota biroof haasofnu, Gooftaa biraa isa safaramee hin dhumne
Mul'ata Jireenyaa baay'ee ni arganna.
🔸
Har'a waa'ee Gooftaa dhugaa bahuuf duubatti kan hafne; Gooftaatti Siquu dadhabuu keenyaan goginsi mul'ataa nu mudatee ta'uu danda'a. Furmaanni Isaas Gooftaatti Dhihaachuudha.
📌Mee Laaluuf Akka nuuf Mijatutti Kutaa Kana (Yohaannis 1:35_51) Bakka saditti qooduun mata duree kennineefii haa ilaallu.
1. Hoolaa Waaqayyoo[Yohaannis 1:35-37]
35 Borumtaas immoo Yohannis bartoota isaa keessaa namoota lamaa wajjin in dhaabata ture.
36 Yohannis utuu Yesus achiin darbuu ilaalee,
“Ilaa hoolicha Waaqayyoo” jedhe.
37 Bartoonni isaa lamaan kana dubbachuu isaa dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an.
🪧Yohaannis Cuuphaan kan inni arge
Hoolaa Waaqayyooti. Abrahaam akkuma Waaqayyo isa ajaje mucaa isaa aarsaa gochuuf yeroo jedhutti, Waaqayyo ofi isaati gidduu galee dhiisi erga jedheeni booda ofii isaa Hoolaa aarsaa isa qopheesse itti argisiise (Seera Uumama 22:12-13).
🔸Eeyyee aarsaan keenya xiqqoonii fi guutummaatti jireenya keenyaan Waaqayyoof of kennuun
; Waaqayyo irraa isa ta'ee fi
Dhalootaaf kan ga'u akka
arginuuf nu gargaara.
📌Waaqayyo biyya lafaa oolchuudhaaf gara biyya lafaa kan inni erge;
Hoolichi Aarsaa Cubbuutiif ta'u Yesuus Kiristoosidha. Bara kakuu moofaa keessatti namni cubbuu yoo hojjete akka seerichaatti dhagaadhaan wagaramee haa du'u jedha; Haa ta'u malee Karaan inni ittiin adaba du'aa jalaa ba'uu danda'uu fi abdiin isaa Hoolaa gara Luba qabatee dhufu qofaadha. Namni cubbamaan kun du'a hoolichi bakka isaa du'uufiin qofa Jireenya isaa itti fufsiifachuu danda'a (Seera Leewwotaa 4:32-35).
🪧Waaqayyo biyya lafaaf kan inni kenne
Hoolichi Faasikaa qalamee, Humna du'aa waan mo'ateef;
Amantiidhaan gara isa kan dhufan hundumaaf bara baraan sababa fayyina isaanii in ta'a. Sababni isaa Inni Du'aa Ka'uu fi Jireenya ta'uu isaatiini (Roomaa 6:5, Yohaannis 11:25)
✨Eebbifamaa ⭐
| Kutaa 6ffaa Boqonnaa 2ffaan itti fufa |
|Kutaa darbe (5ffaa) argachuuf |
👉🏼
Kutaa 5ffaa📝 Robera
|
JOIN kan jettu tuquun Chaanaalii Keenyatti makamaa |
LIKE | JOIN | SHARE 📣
GWP MEDIA