Waggaa 10'f tajaajila
Daarektarri Kominikeshinii Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa Itoophiyaa Obbo Maastawaal Gadaa yeroon tajaajila paaspoortii Itoophiyaa kanaan dura waggaa shan ture gara waggaa 10tti ol guddachuu BBCtti himan.
Kanaan booda paaspoortiin lammiilee umuriinsaanii waggaa 25 ol ta'ee hundi paasportii haaraa waggaa 10f tajaajilu akka argatan ibsaniiru daarektarri tun.
Haata'u malee lammiileen umuriinsaanii waggaa 25 gadi ta'e ammoo paasportii ''barame'' fi kan waggaa shan qofaaf tajaajilu akka argatan ibsaniiru.
Kana malees viizaa fi hayyamni jireenyaa lammiilee biyya biraatiif kennamus paasportii waliin ni jijjirama jedhameera
Tajaajilli Immigireshiniifi Lammummaa Itoophiyaa paaspoortii baafachuuf kanfaltiisaa dabaluu dhiheenya kan ifa taasisuun isaa ni yaadatama.
Kanaan dura paasportii haaraa baafachuudhaaf birrii kuma lama kan kanfalamu yoo ta'u amma garuu gara birri kuma shaniitti ol guddachuun ibsameera.
Kana malees paastortii ariifachiisaa argachuudhaa duraan kan birrii kumni shan kanfalamaa ture amma birrii kuma 20 (doolaara 200) ta'u beeksiiseera.
Akka odeeffannoo tajaajilichaatti yoo ta'e paaspoortii yeroonsaa kan hin dhumne ta'e garuu yoo sirreeffamni kan barbaachisu ta'e tajaajila saffiisaatiin birrii kuma 40,500 kanfalchiisa.
Haaluma walfakkaatuun paaspoortii bade bakka buusuuf akkuma sirreeffama guyyaa lamaatti akkasuma birrii 40,500 kanfalchiisa.
Lammiileen Itoophiyaa biyya biraa ta'uudhaan paasportii idilee Imbaasii biyyattii gaafatan ammoo doolaara 200 kanfalu. Guyyaa 15 keessatti saffiisaan argachuudhaaf ammoo doolaara 350 kanfalu.
https://t.me/ICS_Addisababahttps://t.me/ICS_Addisababa