Jaalala Dhugaa


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Религия


🎯 Ergaa Macaafa Qulqulluu
🎯 Ergaa Ganamaa
🎯 Guddina Hafurraa
🎯 Karaa Guddina
🎯 Kaayyon jiraachuu
ContactUs: @Jaala_Dhugaa

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Религия
Статистика
Фильтр публикаций


Wantoota Waaqayyoon dheekkamsiisan.

📖 Erm 22: 1-30

Akkuma Raajichi Ermiyaas mooti Yihudaa kan ta'e Zedeqiiyaatti dubbate wantootni Waaqayyoon dheekkamsiisan boqonnaa 22 gutuummaasaa yoo dubbisne ni argina jechuu dha. 
Isaan keessaa :- 
1. Waaqayyoon dhaga'uu diduu. 📖 Erm 22:20-21.
2. Jal'inni yaada garaa namaa hammaachuu fi bu'aa karaa dalgaan sooromuu. 📖 Erm 22:13-17.
3. Gaa'elli salphachuu fi Ejjummaa. 📖 Erm 5:7-9 , 📖 Ibr 13:4. 
4. Ulfina Waaqayyootti kan bu'u waaqa tolfamaatti waaqessuu : 📖 1mot 11:5-7
5. Raajota sobduu fi hordoftoonni isaanii baay'achuu. 📖 Erm 5:31 , Erm 23: 9-32.
6. Firdii qajeelaa jal'isuu. 📖 Erm 5:1-5,  lakk 28. 
7. Dhiiga qajeelotaa akkasumaan dhangalaasuu. 📖 Fak 29:10, 📖 Mik 7:2.
Kana ooluuf maal gochuu qabna ???
A. @Waaqayyoon dhaga'anii jiraachuu. 📖 2Sen 24:26. 📖 His 33:11.
B. Qajeelummaa , dhugaa fi Hafuuraan Waaqayyoon qofa waaqessuu. 📖 Uma 8:20-21
C. Qalbii diddiirrachuu. 📖 Erm 18:8 fi 11 , 📖 Yoe 2:12-17. 



Join  👥  @Jaala_Dhugaa


Garuu nama moo
😭😭😭😭😭😭😭
Garuu namumaa moo
Beneensaan tokkomnee.
Akkamiin bineensaan
Biyya tokkoo taanee.

Bulguun nama nyaatti
Dur san kan dhageenye.
Edaanuu isaanii
Amma irra geenyee.

Ethiopian tuni
Hedduudha badhaatti.
Bineensa nama fakkatuus
Edaanuu ni qabdii.

Wly
Dubbiifuu hin toluu
Namni kana arkee.
Laata namuumaayii
Wly niin shakkee.

Garuu way fokkinaa
Wanuma akkasii.
Yaa rabbii bineensaan
Gar gar mee nu baasi.

        Salaalee
😭😭😭😭😭😭😭😭


“Fuulli kee garbicha kee irratti akka ibsu godhi, gaarummaa keetiin ana gargaari!”
— Far. 31:16
“Waaqayyo fuula isaa isiniif haa ibsu, isinitti haa araaramu!”
— Lak. 6:25


HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬▬
❏ AARIIN:
⁃ Amala namaa jijjiira.
⁃ Fira nama dhabsiisa.
⁃ Sammuu jeeqa.
⁃ Qabeenya barbadeessa.
⁃ Badiif nama saaxila.
⁃ Du’aaf nama kenna.

❏ JIBBIINSI:
⁃ Walirraa nama fageessa.
⁃ Qofa galeessa nama taasisa.
⁃ Walitti dhufeenya booressa.
⁃ Dogongoraaf karaa bana.
⁃ Firiin isaas gaabbii ta’a.

❏ RAKKINNI:
⁃ Amala namaa jijjiira.
⁃ Waan hin qabne si barsiisa.
⁃ Abdii si kutachiisa.
⁃ Obsa si fixachiisa.
⁃ Biyyarraa siin bada.

❏ OBSI:
⁃ Taajjabbii irraa si hambisa.
⁃ Hamtuu irraa nama eega.
⁃ Of-eeggannoo namaaf labsa.
⁃ Amala qabeessa nama taasisa.
⁃ Gara laafummaa nama barsiisa.
⁃ Sammuu namaa bal'isa.
⁃ Madaaluuf nama gargaara.
⁃ Olaantummaa nama gonfachiisa!
«KANAAFUU OBSA QABAADHU!»

❏ JAALALLI:
⁃ Gammachuu namaaf laata.
⁃ Waan gaarii nama yaachisa.
⁃ Jireenya hawaasummaa cimsa.
⁃ Kaayyoo fiixaan baasa.
⁃ Galma qaqqabsiisa.
⁃ Bilisummaa yaadaa laata.
«KANAAFUU JAALALLI FURTUU JIREENYAATI.»

@Jaala_Dhugaa


Biyya kanaaf Waaqayyoon kadhachuu qofaatu furmaata isa dhumaa fida natti fakkaata!
Sababni isaa; nagaa kan kennu nama miti namni ofiinuu nagaa barbaada malee nagaa hin qabu.
Kanaafuu hundumtuu akka akka amantii isaatti gara uumaa waan hundumaa isa ta’e, gara Waaqayyootti iyyuutu furmaata fida!

Abboonnii Amantaa fi geggeessitoonni mana amantaa saba hiraarfamni itti baay’ate kanaaf utuu kadhatan gaarii ta’uu mala
Waaqayyo nu haa gargaaru!
AMEEN🙏

@Jaala_Dhugaa
       🔺ᴊᴏɪɴ🔺


🎵 Gadhiisii Hin Ta'u - Niftalem Tafesse New 2024 🎧

╰──⌊  💻
@Jaala_Dhugaa ☑️


“Kanaaf jarri waan mootichi jedhe erga dhaga'anii booddee karaa isaanii irra bu'an; kunoos urjiin isaan ba'a-biiftuutti arganii turan hamma iddoo mucichi ture sana irra ga'ee dhaabatutti isaan dura in adeeme.”
— Mat. 2:9


Qol. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁶ Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas, qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!
¹⁷ Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin haa ta'u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi'eessaa!

ቆላስይስ 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁶ የእግዚአብሔር ቃል በሙላት ይኑርባችሁ፤ በጥበብ ሁሉ እርስ በርሳችሁ አስተምሩና ገሥጹ፤ በመዝሙርና በዝማሬ በመንፈሳዊም ቅኔ በጸጋው በልባችሁ ለእግዚአብሔር ዘምሩ፤
¹⁷ እግዚአብሔር አብን በእርሱ እያመሰገናችሁ፥ በቃል ቢሆን ወይም በሥራ የምታደርጉትን ሁሉ በጌታ በኢየሱስ ስም አድርጉት።

@Jaala_Dhugaa


Faayidaan Kitaaba Dubbisuun Maali?

📚 Faayidaaleen dubbisuu barbaachisummaa kitaaba dubbisuu ibsan 10 kunooti. Guyyaa guyyaan yeroo dubbistu ati:

1. Beekumsa gatii guddaa qabu argatta.
2. Sammuu kee dammaqaa taasifta.
3. Xiyyeeffannoo kee fooyyessita.
4. Yaadannoo kee cimsatta.
5. Sammuu kee bashannansiifta.
6. Dandeettii namaaf yaaduu fooyyessita.
7. Dandeettii walqunnamtii kee fooyyessita.
8. Dhiphina hir’ifta.
9. Fayyaa sammuu kee eeggatta.
10. Umurii dheeraa jiraatta.

@Jaala_Dhugaa




Waaqayyo koos akka badhaadhummaa isaa isa dinqisiisaatti karaa Kristos Yesus waanuma isin barbaachisu isiniif guutuuf jira.
Filiphisiiyus 4: 19


“Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.”
— Isa. 41:10
“Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo mul'ata keessa gara Abraam dhufee, "Yaa Abraam, hin sodaatin! Ani gaachana kee ti, gatiin kee baay'ee guddaa in ta'a" jedheen.”
— Uma. 15:1
“Egaa Waaqayyo gooftaan kee ofii isaatii waan siif loluuf ati isaan hin sodaatin!" nan jedhe.”
— Kes. 3:22
“Ani Waaqayyo gooftaan kee, 'Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin na'inis!' jedhee si hin abboomnee ree?" jedhe.”
— Iya. 1:9
“yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani sii wajjinan jira, yommuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, arrabni ibiddaas si hin qabatu;”
— Isa. 43:2
@Jaala_Dhugaa


✅Namni_waanuma_facaase_haammata.

➡️Facaasufis haammachufis yeroo qaba.
Qamadii kan facaases Buna kan dhaabes yeroo wal fakkata keessatti akka gahu hin eegu, lachufuu yeroo uumaman kennamef qaba.

✍Sammuun lafa biqiltuudha waan facaasne hunda kan biqilchu. Kanaaf hojiikoo jennee waan gaarii irratti haa facaasnu, waanta buqqa'uu qabus haa buqqisnu. Biqiltuu gaariin namoota hedduuf boqonnaa kenna. Sammuun kee namummaa keeti; abbaan arge waan barbaade akka irratti facaasu hin eeyyaminiif.

⤵️⤵️⤵️
@Jaala_Dhugaa


Nagaan Waaqayyo isiniif haa baay'atu!

Qo'annaan Macaafa Qulqulluu Macaafa Ergaa Efesoonif qophaa'e kana irratti hunda'uudhaan gareen Eegdu Obboloota hundumtu torbeen torbeen waliin dubbii Waaqayyo akka qo'attaniif isin jajjabeessina.

"Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dharra'aa!" 1 Phex 2:2


Torbee eebbifamaa qabaadha🫡


fira fakkaatanii kan nama balleessan jiru, firri obboleessa caalaa namatti aanus immoo jira.
✓Fak 18: 24


“Waaqayyo nu yaadateera, inni nu eebbisa; inni mana Israa'el in eebbisa, inni mana Aaron in eebbisa;”
— Far. 115:12

“Inni kakuu isaa bara baraan, dubbii abboommii isaas hamma dhaloota kumaatti in yaadata;”
— 1Sen. 16:15

“'Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata'.”
— Uma. 12:2

@Jaala_Dhugaa


" Waaqayyo ofuma isaatii si dura in adeema, sii wajjinis in ta'a, inni si hin dhiisu, si hin irraanfatus; hin sodaatin, hin na'inis!" jedheen.
Seera Keessa Deebii 31: 8


“inni immoo, "Namaaf kan hin danda'amne, Waaqayyoof in danda'ama" jedhee deebiseef.”
— Luq. 18:27

“Yesus immoo gara isaanii ilaalee, "Kun namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda'ama" isaaniin jedhe.”
— Mat. 19:26


17 Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, "Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana; 18 inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba.


Waaqayyo inni kan Israa'el isin dura bu'ee waan adeemuuf, isin booddeedhaanis waan isin eeguuf, ariitiidhaan achii hin ba'inaa, baqattaniis hin adeeminaa*! *7 40:9-10; 41:27; Rom 10:15; Efe 6:15 *8 40:3-5; 62:6; His 43:1-9 *10 Far 98:1-3 *11 48:20; 2Qor 6:17 *12 Bau 12:11; 13:21; Kes 16:3
Macaafa Isaayaas Raajichaa 52:12

Показано 20 последних публикаций.