Qabsoo jechuun Isa hin amaanne amansiistee gaara qabsootti fiiduu jechuu dha.
Qabsoo kee keessatti kan Amaane qofaarratti xiyyeeffattee hojjatta taanan ati qabsaa'aa osoo hin taane gargaaraa qabsaa'aati. Qabsoo jechuun qabsoo turerraa jijjiirama fi tarkaanfii haaraa argisiisuudha.
Injifannoo jaallan qaqqaaliin dhiigaa fi lafee isaaniin galmeessanii sitti laatan ati baattee, Osoo jijjiirama hin argisiisiin, osoo hir'uu isaan hanqisan itti hin guutiin, Osoodhuma waanna isaan sitti laatan duratti hin butiin hojiin kee yeroo hundumaa akka ulee jaarsaa itti rarra'uu qofaadha taanan dhuguman siin jedha ati qabsoof ba'aadha malee qabsoon siif ba'aa miti. Akkas taanan ati tasumattuu qabsaa'aa ta'uu hin dandeessu. Waanna qabsaa'aan qabsoon argamsiiserra dhaqxee teesse malee ati ofii keef itti hin qabsoofne jechuu dha.
#Sanyii_oromoo