Oromia Education Bureau


Гео и язык канала: Эфиопия, Амхарский
Категория: Криптовалюты


Oromia Education Bureau is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the Country.
Tolla Berisso:-http://t.me/tollaberisso

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Амхарский
Категория
Криптовалюты
Статистика
Фильтр публикаций


#Ads

Carraa star 🪙 kan walitti qabaachu kun akka sin jelaa dabaree!

Star ⬆️ kun garaa fuulduratti gatii guddaa qabaata jedhame kan yaadamuudha! 😀.

Claim More star - 🌟 https://t.me/major/start?startapp=639994151




#BEEKSISA_WAAMICHA #LEENJII_BARSIISUMMAA
#######
Onkoloolessa 20/2017, Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2014, 2015fi 2016tti Fudhataniifi Kanneen #Ulaagaa guutan filatee Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa 13 Qabu keessatti ogummaa barsiisummaan agantaa Dippiloomaafi Sartifikeetiin leenjisuu barbaada.

Kanaaf, Barattoonni Ulaagaa armaan gadii guuttan Onkoloolessa 25-27/2017tti #Kolleejjii #Barnoota_Barsiisotaa 13fi Iddoowwan #Galmee_Kolleejjonni_Mijeessanitti galmaa'uu kan dandeessan ta'uu hubachiifna.

https://t.me/major/start?startapp=1146885920

Oromia Education Bureau 💠




Beeksisa Barsiisotaa Ramdamanii NEW.pdf
28.6Мб
BEEKSISA
---------
14/02/2017
#Barsiisotni Biiroon Barnootaa Oromiyaa Yeroo dabre qacarrii raawwate guyyaa 18/02/2017 irraa eegalee gara #Ramaddii_keessanii_akka_deemtan isin beeksifna!

Oromia Education Bureau 💠


Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Korporeetii Biroodkaastingii Faanaa Ijaarsa Istuudiyoo Ammayyaaf Waliigaltee Mallatteessan


#BBO,Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Korpooreetii Biroodkaastingii Faanaa istuudiyoo poodkast ammayyaa ijaaruuf bakka Hog.BBO Dr. #Tolaa_Bariisoofi Hojii Gaggeessaa Korpooreetii Biroodkaastingii Faanaa Obbo #Admaasuu_Daamxoofi ogeeyyiin manneen hojii lamaanii argamanitti walii galtee mallatteessaniiru.
Hoogganaan BBO Dr.Tolaa Bariisoo kaayyoo waliigaltee ijaarsaa kana yeroo ibsan; miidiyaan dhageettii guddaa qabuufi qaqqabamaa waan ta’eef, hojii Barnootaa milkeessuufi hawaasa ittiin barsiissufi kakaasuuf humni miidiyaan qabu guddaa waan ta’eef; barnoota keenya miidiyaadhaan deeggaruun murteessaa akka ta’e ibsaniiru.
Akkasumas jedhan Dr.Tolaan istuudiyoo haaraa ijaaruuf qophoofnu kun dhalootaaf barnoota karaa miidiyaa ammayyaa ta’een qaqqabamaa gochuuf bu’aa guddaa qaba waan ta’eef; Korpooreetii Biroodkaastingii Faanaa waliin yeroo dhiyoo keessatti ijaarsi isaa raawwatee gara hojiitti akka galamuuf waliigalamuu ibsaniiru.
Hojii Gaggeessaan Korpooreetii Biroodkaastingii Faanaa Obbo Admaasuu Daamxoo dhaabbanni isaanii dhaloota karaa miidiyaan ijaaruu keessatti gahee mataa isaa bahataa jira waan ta’eef; akkasumas istuudiyoolee ammayyaa garaa garaa ijaaruu keessattis muuxannoo gahaa waan qabuuf, Istuudiyoo Poodkastii ammayyaa yeroo waliin deemu ijaaruun gara hojiitti akka seenamu ibsaniiru.

Oromia Education Bureau 💠


#Guyyoota_Barnootaa_Sem. 1ffaa 99 -18 = #81 yoo hafu, guyyaan barnootaa 19ffaan boru itti fufa.
-------=----
BBO- Onkololeessa 03/2017 Biiron Barnootaa Oromiyaa adeemsi baruufi barsiisuu bara 2017 sagantaafi karooraan akka deeggaramu gochuuf guyyoota barnootaa semisteera 1ffaafi 2ffaan addaan qoqqoodee kaalandarii guyyoota barnootaa hanga MBtti gadi buusuun ni beekama.
Kanuma bu'uureeffachuun guyyoota barnootaa bara 2017 semisteera 1ffaa baay'inni guyyootaa 99 yoo ta'u, Fulbaana 07/2017 irraa eegalee adeemsi baruufi barsiisuu jalqabameera.

Guyyootni barnootaaf karoorfaman manneen barnootaa hunda keessatti walqixa akka jalqabamu erga labsamee booda harcaatiin tokko tokko manneen barnootaa adda addaa keessatti mul'achuun hin hafne.

Hanga guyyaa har'aatti guyyoota barnootaa 18 dabarsineerra. Guyyoota barnootaa 18 darban keessatti adeemsi baruufi barsiisuu #mana_barnootaa_kiyyaa_maal_fakkaata? Barsiisaan barattoota isaatiif hangam hojjate? Barattootni barnoota isaanii hangam qoyyabatan kan jedhu guyyoota barnootaa 18 darban waliin wal cinaa qabnee of madaaluu qabna.

Guyyoota barnootaa semisteera 1ffaa 99 -18 = 81 kan hafe yoo ta'u, guyyaa 19ffaa immoo boru ganama wixata 04/02/2017 kan itti fufnu waan ta'eef #maal_fooyyessuufi_akkamitti_fooyyessuu akka qabnu, #cimina_jiru_akkamitti_itti_fufsiisuu akka qabnu kan yaaduufi madaaluu qabnu yeroon amma. Jalqaba ji'a Onkololeessaa kana ta'uu qaba.

#Hojiin_jalqabni_tole_xumurri_isaatis_bu'a #qabeessa ta'a.
Kanaafuu, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojii hojjatamu keessaa tokko qisaasama wayitii barnootaa hambisuudha.
Qisaasama wayitii barnootaa hambisuuf immoo, dura bu'aa MB, Barsiisota, Barattootaafi Supparvaayizarootni gahee isaanii bahuu qaban. Haala humnaa oliitin yoo qisaasa'amellee hatattamaan bakka buusuun murteessaadha.

#Keessattuu, barattootni #kutaa_12ffaa_8ffaafi_6ffaa qormaatni isaanii dursee waan jalqabuuf #xiyyeeffannoon_olaanan_akka_kennamuuf_dhaamsa_keenya ta'a.

Boru wixata 04/02/2017 guyyaan barnootaa 19ffaan itti fufa.
#Tokko_taanee_hojjachuun_qulqullina_barnoota_keenyaa_ni_mirkaneessina !

#Torban_Gaarii !

Next News.................?

rel='nofollow'>Https://t.me/major/start?startapp=639994151




Guyyaan Alaabaa Yeroo 17ffaaf Onkololeessa 04/2017 Waajjiraalee Barnootaa, Manneen Barnootaafi Kolleejjota Barnootaa keessatti ni kabajama.
------------
BBO-02/02/2017 Guyyaan Alaabaa yeroo 17ffaaf Onkololeessa 04/2017 akka biyyaatti kabajamu bu'uura gochuun waajjiraaleen barnootaa godinaa, bulchiinsa magaalaafi aanaa, Manneen Barnootaa, Kolleejjotni Barnootaa hunduu wixata 04/02/2017 ganama keessaa sa'aatii 4:30 irratti Alaabaa baasuun/fannisuun/ kabajuuf qophii xumuruun beekameera.

Haaluma kanaan kabaja ayyaanichaa irratti kaayyoo kabaja ayyaanichaa, maalummaafi hiikkaa Alaabaa hirmaattota/barattoota/ sirna kabaja ayyaanichaa irratti argamaniif ibsuun barbaachisaadha.

Alaabaan birmadummaa, bilisummaa, kabajaa biyya tokkootiif barbaachisummaan inni qabu olaanaa akkuma ta'e, waliigaltee biyyaalessaafi obbolummaa sabdaneessaa cimsuun tokkummaa biyyaalessaa dhugoomsuu keessatti gahee guddaa qaba.

Alaabaan keenya, ibsituu tokkummaa waloo biyyaalessaa, mallattoo birmadummaafi bilisummaa biyya keenyaa, agariiftuu heddumminaafi waliin jireenyaa, wabii itti fufiinsa bilisummaafi birmadummaa biyya keenyaati.
Alaabaan keenyaa lamnii biyya keenyaa sadarkaa addunyaatti mallattoo ta'ee kan mul'isuudha.

Kanaafuu, Lammiin jaalala biyyaa qabu alaabaa biyya isaatiif hanga wareegama lubbuutti dhaabbataaf. Kanaafis fakkeenya kan ta'u #Raayyaa_Ittisa_Biyyaafi_Atileetota byya keenyaa fudhachuun ni danda'ama.

Walumaa galatti, Manneen Barnootaa keessatti dhaloota saayinsiifi teeknooloojiin gahoome, jaalalaafi kabajaa biyyaafi ummataa qabu, aadaa waliin jireenyaa amanu, birmadummaafi bilisummaa biyyaalessaa kabajuufi kabajsiisu, kan haqaaf dhaabbatu, kan naamusa qabu, sirna dimokiraatawaa dagaagsuu keessatti gahee kan fudhatu, alaabaaf kabajaafi jaalala qabu horachuuf sirni kabaja alaabaa waggaa waggaan gaggeeffamu kun faayidaa olaanaa waan qabuuf Onkololeessa wixata 04/2017 sa'aatii 4:30 irratti dhaabbilee barnootaa naannoo keenyaa keessatti haala ho'aan guyyaan Alaabaa ni kabajama.

rel='nofollow'>Https://t.me/major/start?startapp=639994151

Oromia Education Bureau




Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa Barattoota 9.8% Sagantaa ' Remedial'f Dabarsaniiru.
----------
BBO- Fulbaana 30/2017 Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa barattoota bara 2016 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qorsiise keessaa barattoota 3.5% Yunivarsiitiif yoo dabarsu, barattoota 9.8% immoo sagantaa Ramadiyaalii(Remedial)f dabarseera.
#Barattootni 8520 qabxii qormaataa 50fi ol fiduun Yunivarsiitii galanii sagantaa idileetiin kan baratan yoo ta'u, #barattootni 23817 qabxii qormaata 50% gadi fidan immoo sagantaa fooyya'insa dandeettii(Remedial Program) waggaa tokkoof akka baratan darbaniiru. Walumaa galatti $sagantaa_idileefi_sagantaa_fooyya'insa_danfeettii(remedial) n #barattootni 32337 (13.3%) yunivarsiitiif darbaniiru.

Kanuma bu'uureeffachuun qabxii qormaataa bara 2017 daran fooyyessuuf barsiisotni, barattootni, maatiin barattootaafi hawaasni barnootaa hunduu wal ta'uufi wal deeggaruun gahee keenya akka baanu Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhaamsa dabarseera.

Oromia Education Bureau 💠


#Beeksisa
Barattoota Yunivarsiitii Galaniif
#Guyyaan_Filannoo_Dhaabbilee_Barnootaafi Barnoota Barachuu barbaadanii #Dheerateera.

---------
BBO- 30/01/2017 Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa barattoota bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa fudhachuun qabxii sagantaa idileefi sagantaa remedial'n .Yunivarsiitii galaniif guyyaa filannoo dhaabbata itti barataniifi barnoota barachuu barbaadan guutan hanga Fulbaana 30/2017 jechuun beeksisuun ni yaadatama.

Haata'u malee guyyaan gabaabbachuusaa ibsuun hanga #guyyaa_Roobii_06/02/2017 tti akka dheeratu fuula FB isaanii irratti beeksiseera.

Kanaafuu, Barattootni ulaagaa taa'e guuttan #hanga_Onkololeessa_06/2017 akka galmaa'uu dandeessan isin beeksifna.

Oromia Education Bureau 💠


Barattoota Sagantaa '#Remedial' tiif dabartan hundaaf.
----------

BBO- 29/01/2017 Barattoota Qabxii Sagantaa fooyya'insa dandeettii(Remedial Program) fi Sagantaa Idileetiin barachuuf Yunivarsiitiif dabartan(50%fi ol) galmeessiftan hunduu filannoo dhaabbilee barnootaafi barnoota (field) barachuu barbaaddanii(feetanii) manneen barnootaa keessan keessatti barsiisota dhimma kanaaf qophaa'an(bakka bu'an) biratti hanga Fulbaana 30/2017tti akka guuttan Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Oromia Education Bureau


Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii bara 2017 ifoome

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii barattoota bara barnootaa 2016 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii ifoomeera.

Haaluma kanaan:-

1.Barattoota dhiiraa Saayinsii Uumamaa fi Haawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 204,

2.Barattoota Shamarranii Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192,

3.Barattoota dhiiraa naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192,

4.Barattoota Shamarranii naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 186,

5.Barattoota dhiiraa qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 160,

6.Barattoota Shamarranii qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 155,

7.Barattoota dhiiraa sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 238,

8.Barattoota Shamarranii sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 224 ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

👍 Kanneen birootiif............!

Oromia Education Bureau


Репост из: Students Books-(BBO)
Qajeelchotaafii maanuwaalota duula dubbisuu, barreessuufi qooyyabuu. Godinsaleefi magaalotaaf.







Показано 18 последних публикаций.