Ramaddii hoggantoota yuunivarsiitii "naannoo fi gandaan" taasifamu dhaabuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira
Ministirri Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa sirna ramadii hoggantoonni yuunivarsiitii "naannoo fi gandaan" taasifamu dhaabuuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamaa jiraachuu beeksisan.
Pirof. Birhaanuun marii miseensota hawaasa Yuunivarsiitii Gaambeellaa waliin taasisaniin, “Yuunivarsiitiiwwan dhaabbilee beekumsa baruu fi barsiisuu idil-addunyaa malee kanneen namoota ganda tokko fudhatanii keessummeessan miti” jedhan.
Hojimaanni kunis ergama bu'uuraa yunivarsiitii waliin akka hin deemne ta’uu eeruun, pirezidaantonni yuunivarsiitii haaraa ramadamanii fi jijjiiraman akka qajeelfamaatti ramaddiin kun bu’uura dandeettii fi dorgommii qofaan raawwatamaa akka jiru mirkaneessaniiru.
Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Gaambeellaa rakkoo bu’uuraa isa mudate irraa bilisa baasuuf jijjiirama hoggansa taasifame booda hojiiwwan abdachiisaa hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.
Piroofesar Birhaanuu Naggaan yuunivarsiitiiwwan dhaabbilee barnootaa fi qorannoo beekumsi irraa fudhatamu ta’uu akka qaban cimsanii dubbataniiru. #AS
http://t.me/OromiaStudent_shttp://t.me/OromiaStudent_s