🔻 Albert Einstein 'kaleessa irraa baradhu; har'a akka gaariitti jiraadhu, boru abdii godhadhu' jechuun nutti hima.
Hedduun keenya kaleessa keenya keessa jiraachaa jirra. Dogoggora waggoota dura hojjenne ammas gaabbaa jiraanna. Gariin keenya immoo boru keessa seennee dambali'aa jirra; Waa'ee borii yaaduun yoo gocha keenya har'aa irratti dhiibbaa geessifne qofadha. Guyyaan har'aa jireenya keenya keessatti wanta hunda caalaa barbaachisaadha! Yoo xiqqaate harka keenya keessa jira. Kanaaf har'a akka gaaritti, akka ta'uu qabutti jiraadhu!
(Waan darbe haasa'uu dhiisi! Mul'ata kee ofitti haasa'i!)
༄ Wanta darbe deebisuu hin dandeessu! Tokkicha darbe taanan, dhiisii adeemi! Wanti darbe jiruu fi jireenya kee har'aa akka hin miine eeggannoo godhi! "Wanta darbe hin darbatan" jedha Oromoon. Waan darbe hin haasa'in! Dhiisi! Waa'ee fuuldura kee haasa'i! Waa'ee mul'ata keetii ofirratti dubbadhu! Wanti darbe maaliif dhiibbaa hamaa sirratti uumaa? Maaliif si jeeqa?
❍ Namoonni baay'een mudannoo isaanii darbe sababeeffachuun jireenya jiraachuu danda'an akka jiraachuu hin dandeenyetti, naaf dhumeera jedhanii abdii kutannaa cimaa keessa seenu! Lakki dhiisi! Baga ta'e, "once it is past let go!"
❍ Yeroo baay'ee namoonni mudannoo isaanii darbeen dhiphachuun, akkasumas sammuu isaanii keessatti waan darbe irra deddeebi'anii ofitti hasaasuun, fuuldura isaanitti tarkaanfachuurraa duubatti of gototu! Namoonni akkasii milkaa'inaaf yookiin waan haaraa gochuuf ni rakkatu.
Ergaa:
➊. Miidhama kaleessaa dagadhu!
➋. Guyyaan dhufu kamiyyuu haaraa dha. Waan haaraa qabatee dhufa. Hojiidhaaf of qopheessi!
➌. Yeroon ati qabdu muraasa. Itti hojjedhu!
➍. Waan gochuu dandeessu of amansiisii hojjedhu! Itti hin gaabbin!
➎. Gaarii godhi! Gaarummaan gara jireenya kee dhufa.
➏. Dogoggora sirreessi! Ariifadhuu dhiifama godhi!
➐. Namoota hundumaa waliin nagaadhan jiraadhu!
➑. Ciminaa fi hanqina kee adda baasii beeki!
➒. Gorsa namoota gurguddoo irraa fudhadhu!
@Abbulaa