Фильтр публикаций


🔵"mallattoon nama guddaa irraa calaqqisu jaalalaa fi kabaja, gadi ofdeebisuu,..▶️ See More

✉️ "Haati manaa ogeettiin wantoota gurguddoo afran kana yommuu gootu caalatti abbaa manaa isheetiin jaalatamti",... ↪️ See More

            👇👇👇👇
     👉✨See More✨👈
     👉✨See More ✨👈
             👆👆👆👆


Abbaa manaa cimaa duuba haadha manaa ogeettii jira,...
           ⬇️
➡️ See More
      See More


Rakkataan rakkatee
Rakkina baqatee
Rakkinnis rakkatee
Wajjiniin baqate

@asoosamaafiwalaloo ☑️


Rakkoof baldhoon
Duruu dhufaa.
Jabaan namaa
Yoom gadi ta'aa
Yaalee kufaa

Dhibba yaalee
Tokko ka'aa.
Gaara rakkoo
Obsaan ba'aa

Hedduu yaaluun
Obsa fedhaa.
Gariin namaa
Tokko yaale
Dhibba jedhaa

Milkaa'inaaf
Gafa kaatuu.
Rakkoon kankee
Daran cimee
Kan jabaatu

Gabroomani
Bilisoomuu.
Huqqatanii
Booda coomuu

Yoo beelofte
Beela bartaa.
Yoo rakkatte
Rakkoo sanaaf
Jette fala garta

Galma gahuuf
Kun dirqama.
Yaadaan mitii
Kun hojiidhaan
Bar argamaa

Kan galmaan
Nu gahu rabbi
Nuti sababaaf malee.🆗
Abshira hundi
keessanuu Isin
hin cabin hamileen

Wolaloo adda addaa
argachuuf link armaan
gadii Tuquun hiryootaa
ta'aa 👇

@asoosamaafiwalaloo


Jaalala Keessatti Wantoota Kana Hin Irraanfatiin Love ❤️

#Sagalee kee yaade!
#Kolfa kee yaade!
#Fuula kee yaade!
#Qoosaa kee yaade!
#Na hammachuu kee yaade!
#Waan hunda kee yaade!
#Love❤️
....
I'm miss your voice.
I'm miss your smile.
I'm miss your face.
I'm miss your.
I'm miss your jokes.
I'm miss your hungs.
I'm miss your everything.

Join US


✍️ Dhugumaan Gammachuu dhugaa jireenya kee irraa argachuudhaaf maal gochuu Akka qabdu,... See More

➡️ See More
See More


☑️ Jaalalaa fi Tasgabbii Kan hin hawwine hin jiru, meeqaa keessantu adeemsa kana adeemuuf riqicha kanneen ta'an qoratee irra gahe laata?...▶️ See More

See More
See More


➡️ Ergaalee Jaalalaa,... See More


#BAACOO

😱 Barsiisaa tokkotu Asmii qaba. Yeroo daree ol seenu hunda "hattishoo" jedha.
Yeroo inni "hattishoo jedhu barattooni hundi itti kolfu. Yeroo kana barsiisaan mufatee akkas jedheen, "yeroo ani hattishoo" jedhu harka naaf rukutaa malee natti hin kolfinaa!" jedheen.
👏 Barattoonnis waan baay'ee sodaataniif tole jedhanii yeroo inni "hattishoo'' jedhu mara harka rukutuu baran.
😅 Guyyaa tokko akkuma mana fincaanii dhaqetti bilbilli mana fincaanii keessa jalaa buute.
😎 Yeroo kana barattoota isaa waamee, "isin miila koo anaaf qabaa ani mataa kiyyaan gad seeneen fudha" jedheen.
😁 Barattoonnis tole jedhanii qabanii dhaabachuu eegalan. Yeroo mataan gad seenu foolin mana fincaanii waan funyaan seenteef akkuma amala isaa, "hattishoo" yeroo jedhu barrattonni yoo maal godhan gaariidhaa? Miila isaa gad dhiisanii harka rukutuu hin jalqaban seetanii? 😁
😁

@asoosamaafiwalaloo


•••••SIMALEE•••••
•••••KUTAA 12FFAA•••••
ISA XUMURAA



Utuun karaa deemuu gidduutti harki tokko dullaadhaan dudduubaan saggookoo dhayee na kuffise. Lafan kufee xiqqoo ol jedhee gaafan ilaalu dargaggoota sadii dhaabatanii achii gadi lafatti na ilaalantu natti mullate. Isaan keessaa inni tokko isa dullaa baatu sanaan "maaltu si ariifachiise? Maalif ariifattaa? Rukuti yooman siin jedhe?" Jennaaniin inni na rukute sunimmoo "erga diinakee ta'ee, maddiisaa akkan dhungadhu barbaaddeeree?" Jedheen. Anis yaada kootti namoota diina naan jechaa jiran kana lafan itti isaan beeku yaaduun jalqabe. Garuu fuulli isaanii naaf haaraadha. Mucaa inni maalif dhoofte jedheen sun mormakoo qabee lafaa ol na kaasee harka tokkoon uffata kootiin na hudhaa harka tokkoonimmoo quba isaa natti raasaa "iftuu jechuun naman lubbuu kootiin olitti jaalladhudha. Ishee irratti si'iin mitii ministeerri itiyoophiyaa yoo dhufeyyuu ofan wareega malee dabarsee namaaf hin kennu. Sababnisaas baayyeen jaalladha." Naan jedhee gad na dhiisee sokkan. Anis "yaa rabbi galatakee" jedheen utuu galagalee isaan hin ilaalin fiigichaan karaakoorra bu'een hoteelatti deebi'e. Akkuman jedhes abbaa iftuuf eegumsa barbaachisu gochisiiseefiin rafe. Ganama ka'ees fuulakoo dhiqadheen gadi bahaa utuun jiruu iftuun dhuftee "Abdii akkam bulte?" Naan jette. "Nagaa maal ganamaan dhufteewoo?"n jedheen "Abbaankoo hin kaanemoo?" naan jette. "Hin kaane taa'ii eegi ammasitti" jennaan teessee anis deemeen bira taa'ee haasaa jalqabne. Gaafuman haasaa jalqabu.
"Hiriyaa jaallattu qabdamoo?"
"Qaban ture. Maalif jette?"
"Ofumaati maalif adda baatanree mee seenicha na taphachiisi"
"Eebbaa jedhama. Baayyee wol jaallanna turre. Dur gaafan dhugus woliin dhugnee woliin caffarra turre. Garuu ergan jireenya kana dhiisee waaninni akkas na godhaa ture waan natti fakkaateef isas nan dhiise. Inni garuu sababakootiif dhugaatiis dhiisee kunoo dhiiseera akka ati feete nan ta'a naan jennaan calliseema dhiise."
"Mucichi dheeraa magaala irreefi qoma guddatu tokkoo?"
"Eeyyee nii beektamoo?"
"Eda galgala......."
"Ooo sorry. Turi gaafan argu likkiisaan itti himaa."
"Homaa miti" jennaaniin abbaanshee bahe. "Jedhigaan Abdii galgala asuman fidaa" naan jettee sokkite. Akkuma jettes galgalas wol agarree woliin haasa'aa turre. Utuuman jedhuu iftuu woliin baayyee wolitti siqaa dhufne. Wolii gadduus jalqabne. Utuuma jennuu gaafa wol hin argin oollu wol yaaduu jalqabne. Miirri nuti woliif qabnus woliinsaa hin beekamu.
Guyyaa tokko woliin oolla jennee beellama qabannees ganamaan dhuftee na waamtee woliin deemne. Iddoolee garaagaraa woliin daawwannee woliin nyaannee. Woliin taphachaa isa ganama baane sa'atii 12:00 geenye. Iftuunis "keessummaan qaba dafee galuun qaba " naan jette.
"Keessummaa akkamii?"
"Akkan jedhee sittimu hin beeku firadha baruu yoo barbaadde bor wolin isin barsiisa"
"Tole ha ta'u bor wol agarra jechuudhakaa"
"Eeyyee" jettee mana isaanii biraan gaheen haammadhee nagaa itti dhaamee sokke.
Keessikoo baayyees hin gammada baayyees na sossodaachisa. Ijikoo nii sirba. Maal akkan ta'aa jiru hin beeku. Sodaachaan jira ta'ee gammadaan jira ta'ee kamtu gaaffiidha kamtu deebiidha. Ganamaan ka'ee hojiilee garaagaraa hojjedheen sa'a 6 gaafa ta'u mucaan tokko na waamee kitaaba tokko fudhachuu deemeen achi jira. Gidduu kanatti iftuun bilbiltee.
"Hello... Akkam oolte"
"Nagaa...at akkam?"
"nagaa..eessa jirtaa?"
"Mucaa tokko biraan kitaaba fudhachuu deeme nagumaafii?"
"Dafii kottu hoteelan jiraa beellama qabnaam"
"Tole dhufe iftuuko" jedheen kitaaba koo fudhee gara hoteelaatti sokkee hoteela seeneen iftuu argee gara iftuutti adeemaa jira. ijikoo garuu mucaa iftuu bira teessu tokko eye glass gurraachaa fi dress adii uffattee mataashee gurguddaa kana ofirra ciibsitee Teessurra bu'e. Mucattiin bareedinashee an ajaayibsiifachaa jiru kun diingata gaafa na ilaaltu miira naasuutiin ijasheerraa eyeglass fuute. Gaafan ilaalu simaleedha. Ittuma siqee gaafan ilaalu simaleedhuma Uuuuuuuuu jedheen iyyee dhiisuu dide. "Abdiiii" naan jette.Gidduutti iftuun "wol beektumoo?" Jette...guutuuf
👉 @Asoosamaafiwalaloo


Kottaagaan hin deemnaa jedhanii nu fuudhanii deeman. akkuma mana tokko bira geenyeenis immuttiin barriisaa bantee "sabbiraayiz!" Naan jette. Isasheen akkas jettutti kolfaa maalif akkasheen jette gaaffii natti ta'e. itti seennee Gaafan manichatti ol galu abbaan iftuu miillarratti na kufe. Akka na joonjessuu woyii ta'e. "Dhiifama mucaakoo sitti balleesseera adaraa naaf dhiisi kanan godhetti gaabbeeraa kunoo naafis hin taane ijooleekoos woliin nagaa hin arganne. Kanan qabuttis hin boqonne." Jennaan Lafaa kaasee jennaan natti marame. Simaleenimmoo "ergati biyyaa baatee Abbaan iftuu dhufee si dhabee ture. Kanaaf anis si barbaachan carraa woliin dhufe. Gatii kanaan dura abbaakeerkaa dabaan fudhataniifis harraan booda manni akkas bareedu kun kankeessani. Waan ittiin hojii jalqabdus qarshii muraasa natti siif kennaniiru. Wan hundaafuu dhiifamatu caala." Jennaan abbaan iftuus harri guyyaa gammachuu kooti kottaa baanee nyaannee dhugnaa. Jennaan iftuun eebbaatti bilbiltee dafii kottu jetteen. Deemnee nyaannee dhugnee taphannee gidduutti simaleen lafaa kaatee qubeelaa tokko natti laattee ofii isheetiis tokko fuutee natti keessee anis itti kaa'e. XUMURAMEERA! SI-MALEE!

Waan dubbiftaniif galatoomaa. Asoosama kanarraa waa akka barattan shakkii hin qabu. Yaadaa fi jajjabina qabdan nattin qusatinaa namni kamuu yaada fi jajjabina qabu karaa comment ykn karaa keessaà naaf barreessuu danda'a.

Asoosama birootii haa fufuu warronni barbaaddan comment godhaa ✅

Share➠ @asoosamaafiwalaloo
Share➠ @AsoosamaafiWalaloo


Simaleen immoo mataa raaftee "mucaa nuti barbaadaa jirru" Jettee imimmaan lolaasuu jalqabde. Iftuunis "Abdii jechuun isa kanaa?" Jettee deebiteemmoo yaadashee deebifattee "tasgabbaayi" naan jettee jennaanin anis naa galuu dinnaan taa'ee imimmaan maddiirra na yaa'e. Simaleen ol jettee
"maal taatee Abdiiko maalif garaa jabaattee? Maalif hamma kana of dhoksite? Kan badde barbaacha baatee maalif nama barbaadan taate? Kan deemte deebisuuf jettee maalif deebi'uun si dhibe?" Naan jennaan homaa dubbachuu dadhabeen ka'ee miilla isheetti kufe. Gad jettee lafaa ol na kaaftee natti maramte. Teenyees waanan ta'e hunda utuun hin hambisinan itti hime. Iftuun kitaaban akka tasaa fidee dhufe utuu gala gaggalchituu walaloo tokkotti baate. "Abdii Walaloo mata dureensaa simalee jedhu tokkon arge isiniifan dubbisa " jette. "Lakki natu dubbisa" jedheen kitaaba wol harkatti qabne. Achumaan simaleen "lamaan keessaniyyuu kennaagaan an nan dubbisaa" jettee kitaabicha fuutee walalocha dubbisuu jalqabde.

"•••SIMALEE•••
Deemus hamman barbaade
Miillakoo fageeffadhee
Naaf tolus natti hirratus
Waanan fedhes argadhee
Obsees obsa yoon dhabe
Yoon dadhabes si eeguu
Turtus daftee naaf dhufuu
Yoo nuffites na arguu
Simalee homaan qabu
Suma rakkoof furtuunkoo
Siin ala dua kooti
Eenyun beeku onneenkoo
boollati buutu buutee
Gaarati baatus baatee
Daandiiti ceetu ceetee
Rakkinas dandamattee
Qaaritee dhufte diddee
Onneen simalee jettee
Gaarummaa tokko dhabdus
Taatus gara laafessa
Onneen koo suma jetti
Simalee maaltu baasa."
Jettee ija keessa na ilaaltee ija narraa fudhachuu didde. Anis takka callisee ilaaleen "kottu na cina taa'i" n jedheen. Tole jettee dhuftee na cina teesse. Gammachuudhaan guutameen "ati garuu yoom dhufte. Iftuu woliin karaa maalii fira?" Jedheen gaafadhe. Achumaan simaleen "ati kan duraan iftuu wallaalteyyuu nama ajaayiba" naan jette. Anis gaaffii natti ta'ee "jechuun" jedheen deebiseef. Simaleenimmoo "iftuu jechuun obboleettii carraadha. Carraa isa gaafati hidhamtee si gaafachuu dhufne na woliin dhufe." Jennaan fuullikoo gurraachatti deebi'e. Edaa hirmii maatiikootiin nyaachaa jira kan abbaakoo narraa fixe abbaa iftuuti ture. an garuu harra akkanni hin duuneef jabeesseen eegaa jira. Yaa anaa, sagaleekoo ol kaaseen "maal hojjechaa jirtuu? Maaf na maraachituu? Maalan isin godhee? Abbaankee maatiin qabu hundumaa narraa fixee mangaagaa rakkinaatti na rakkisee kunoo immuttiillee rakkina kootiif narraa addaan baasee gaafanni ofii caffaru an isan eega. Ammammoo maal na gochuufi? Kan hafe ana. Eessan deemaree isiniif." Jedheen sagalee guddaadhaan dubbadhe. Simaleenimmoo gatiittiikoorra harka keessee ija keessa na ilaaltee "maaf waan hundumaatti ariifattaa?. Kaleessi harra miti borimmoo guyyaa biraadha. Akkuma maatiikee diige balleessaasaatiin adabamee kunoo haadha manaasaa dhabee ijoollee isaatti utuu hin araaramin jira. Eenyullee gatii harkasaa hin dhabu kan kennuufimmoo si'i utuu hin taane. Hojii harkasaati. Waan abbaan iftuu yakka hojjeteef iftuun adabamuu qabdii? Namni tokko maatii tokkos ta'e biyya tokko bakka hin bu'u. Balleessaa ofiitti ofumaa gaafatamu. Kanaaf tasgabbaa'i. Akkumati deemteen hojii baayyeerra turre. Fedhesaanis immuttii fidee torban tokkoo ol si eegee dhabee woraqaa ragaa mana barumsaatii baaseefii isa biratti barachaa jirti. Kaleessayyuu as finfinnee isaan woliinan ture. Immuttiinis baayyee si yaaddeetti..." Naan jettee Utuu isheen haasaa mi'aawu kana natti himtee hin xumurin "eessa jirtiree ka'aa hin deemnaa ka'aa maaloo" jennaan simaleen "dura haasaa Amma dubbatteef iftuu dhiifama gaafadhu" naan jette. Anis ka'een "iftuuko dhiifama guddaa" jedheen itti maramee "kottaagaan hin deemnaa" jedheen akka maraachuu woyii ta'e. Isaanis natti kolfaa simaleen fedhesaatti bilbiltee hoteela naannoo keessan jiru sanatti nu eegaa jetteen. Iftuunimmoo nu dudduubatti haftee silkii haasa'uu jalqabde. Fixxees nu qaqqabde maalif akkasheen nu dhoksite naan galle.Akkuma hoteelicha geenyeenis gara immuttiitti fiigeen itti maramee ittii bahuu dide fedhesaas ammadhee nagaa gaafadheen hanga sa'atii 11tti achuma turre.
.
.
.
@AsoosamaafiWalaloo


Gidduutti Carraan "simale kottu hin deemnaa" jedhe.Simaleenis nyaata naaf fidde natti laattee "homaa miti wanti hundiyyuu hin darba of hin rakkisin eessayyuu hin deemtu at of rakkiftee of hin miidhin gara galgalaa dhufeen si ilaala" naan jettee nagaa natti dhaamtee deemte. Anis akkuman laaqanakoo nyaadhee xumureen gaaffiidhaaf barbaadamta naan jennaan deemee gaaffiitti dhiyaadhe. Gaaffiilee adda addaas na gaafatanii hattuudha jedhanii na amansuus yaallaan milkaa'uu dadhabnaan gaafasuma na gadhiisan. Anis akkuman achii baheen akka nama maraatee uffatan qabu sisirreeffadhee wantoota deemsaaf na barbaachisan tokko Tokko mijeeffachaa utuun jiruu simaleen akkan mana adabaarraa hiikame dhageessee dhuftee "maal gochaa jirtaa Abdiiko" naan jette. Anis "bor immuttii barbaacha finfinneen deema jedheeni" jennaaniin "maaf gowwoomtaa waan agartu sitti fakkaatamoo. Mo lakkoobsa moobaayilaa isaammoo fudhatteettaa?" Naan jette. Anis woraqatan irratti barreesse gaafan giiphiikoo keessa ilaalu hin jiru. Baayyee ofittii aareen "fudheen ture" jedheen deebiseef "hin gatteeree...akkasittiin deemuu hin qabdu?" Naan jette. "Cita mormaa nan deema maleen" jedheen.
"Maal taatee Abdii barumsahoo?"
"Yeroon qaqqaben baradha"
"Ishi anahoo eenyutti dhiifte"
"Maal taatee siiko takkaa irraa adda bahee hin beekuum. Imaanaa haatikoo natti laatteedhaam isheerraa addaan bahuufillee yaadee hin beekuum ishee malee firakoo abbaakoo haadhakoo kanan jedhu hin qabuum"
"Si hubadheera hamma kana ariifachuun maalifi"
"Rakkoon qabu dafeen deebi'a"
"Tole waan ittiin deemtummoo qabdaa?"
"Eeyyeen 1500 qaba. Dheengadda gaafa poolisoonni nu qaban..." Jennaan gidduutti simaleen addaan na kuttee "abdii poolisiirkaa hatte akka hin taane " anis mataa raaseen eeyyee jechuukoo mirkaneesse. Kanarratti simaleen utuu waan tokko hin dubbatin aariidhaan gara manaa galte. Anis uffatakoo sisirreeffachuu itti fufeen sa'atiin hirribaa gaafa gahu. Deemee duddaan ciiseen yaaduu jalqabe "amma ati yoo simalee dhiiftee deemte carraan inni dur isheerraa adda hin baane itti fayyuu isaati. Kanaan booda ati isa bade barbaaduuf isa of harkaa buusaa jirta. Hin agartuu haasaa isaanii akkasaan itti haasa'an. Takka turraanimmoo kansaa godhee dhuunfata. Gaddikee gaddashee kan ta'e yaadnikee yaadashee kan ta'e gaafati gammaddu si woliin kan gammaddu Gaafa ati dhiphattu fala kan siif barbaaddu. Maaf akkasitti mufachiifta" Naan jedha. Ammas yaadnikoo biraanimmoo "haatikee akkasin wol gargaartanii ofii nama taataniif ofiisheetii of rakkiftee isin nyaachisa utuu hin baratin isin barsiisaa kan turte akka isin woliin nama taataniifi ati garuu harra imaanaasheen sitti laatte nyaachuuf oliif gadi oofamta kan ati immuttii hin barbaanne eenyutu barbaadaa. Si malees eenyuun qabdii?" Jedhee deemsaaf na kakaasa. Gidduuttis isan kophaakoo jiru yaadeen kan dur immuttii woliin turremmoo tilmaama. Kanisheen kana naaf hojjedhu jettee hojii manaa natti agarsiifattu. Kan isheen na haammattee na dhungattee na taphachiiftee bakka abbaas,haadhaas,obboleessaas,obboleettiis buutee natti mullattu gaafasheen hamma beektu na gorsitu sanafaatu natti dhagahama. Kanumafaa yaadeen imimmaan Ija na gugguuta. Bor akkan deemus murteesseen utuuman yaadaan dhiphadhuu xiqqoo woyii rafeen ganamaan gara dhaabbata konkolaataa deeme. Akkuman achi gaheenis konkolaataa gara finfinnee deemtu argeen ol itti seenuuf miilla gaafan itti kaa'u harki tokko dudduubaan qabee uffatakoo harkise. Gaafan gala galee ilaalu simaleedha. ITTI FUFA.....

Kutaa 11ffaan akka dafee dhiyaatuuf like fi share godhaa 👌
Comment jalatti kutaa 11ffaa jedhaa barreessaa ✍️

Share➠👇👇👇
Share➠👇👇👇
@asoosamaafiwalaloo


•••••#SIMALEE•••••
#asoosama_jaalalaa
•••••#KUTAA_10FFAA•••••



"Simalee..... Ani waan tokkoyyuu hin ta'u. Adaraa immuttii imaanaa sitti kenneera. Ana fi si'iin malee fira hin qabdu. An hin jiru taanaan eessaa nyaatti? Eessa teessi? Garaa naaf laafiif. kophaasheedha adaraa wanta taate ta'i immuttii sa'a 11tti mana barumsaatii fuudhii ofittii naaf qabi. akkati rakkattu nan beeka. adaraa ishees dhabee qobaa akkan hin taane. Onneekoorraa Sin jaalladha." jedheen simaleetti hime.
Simaleenis ija booyichaaf waadaatiin tole jette. Lafa deemaa jirtu dhiiftees gara manaatti deebite anis poolisoota faana bu'een gara mana adabaa deeme. Ergan achi dhaqees boqonnaa hin arganne Maaltu ta'a laata jedheen yaada keessikoos baayyee sodaata Yeroon seerashee eeggattees aduun nii dhiite. Yaaddoonkoo narraa hin galu sodaankoos hin dhaabbatu mucaa haatikoo imaanaa natti kennitee deemte dhiisee eessan jiraa? Maal hojjechaan jiraa. Jedheen gaaffiidhaan of dhiphisa. hirriba mitii dadhabbiin yaadaa iyyuu natti hin dhaga'amu. Akkuma isaatti si'a tokko ilaalaa sia tokkommoo ija wolirraa utuun buufadhuu lafti naaf bari'e. Kan balleessakootii dhiiseen bakkeerraa maalan dhaga'a laata jedheen gurra qeensa. Garuu simbirri yaada naaf fiddullee hin argamtu. Garaankoo oliif gadi borcameen mana adabaa (sirreessaa) jala taa'een utuun yaada yaaduu sa'ati laaqanaa gahe. Poolisiin tokkos dhufee "Namni si barbaada" naan jedhe. Akka gammaduu ta'een "kun immuttiima taati" jedheen awwaara ofirraa haxaa'een gara nama na barbaaduu deeme. Gaafan deemu simaleen fuula buuftee dhaabatti. Dargaggeessi tokkos ishee woliin dhaabata ture. Akkuman fuulashee argeenis gaaffiin xiqqoonshee na keessatti uumameen bira deemee nagaa gaafadhe. Isheenis nagaa na gaafattee gara mucicha isa ishee woliin dhufeetti gala galtee "hin irraanfattemoo mucaa nu woliin barachaa ture carraadha. Dheengadda kan naa bilbilee dhufaan jira jedhe sana" naan jette. Akka nahuus akka aaruus ta'een akka nama hin beeknee "oo akkam obboleesso" jedheen nagaa gaafadhe. Innis gaafuma afaan hiikkatu "oo akkami dur gaafa woliin barannu baayyee duuriyyee turte nan yaadadha ijoollees wolitti naqxa harkakee of soofteefaa Abo jettee of irratti barreessita kanarratis barsiisaan wol lolta nama dhiba ammayyuu duuriyyuma kee hin dhiifne jechuudhaam" jedhe. Baayyee na ajaayibee na aarsee. Gara simaleetti gala galee "siiko maal taatee? Immuttiinoo meerre?" Jedheen gaafadhe .
"Immuttiin..." Jettee afaan keessa qaqqabatte. "Maal taatee plz natti himi" jedheen itti siqe "kaleessa akkuman gara manaa galeen sa'atii immuttiin itti mana barnootaarraa baatu gaafa gahu deemee ishee fuuchuuf jennaan abbaankoo akkan manaa hin baane na dhorke harra waan finfinnee deemeef uffatasaa akkan miicuufiif na ajajee ture. Akkan hin baane waan na akeekkachiiseef gara hiriyaakoo biiftuutti bilbileen akka isheen achi deemtu itti hime...." Jettee gidduutti qilleensa fudhattee. "Anis ergan uffata xumureen booda mana biiftuufaa gaafan dhaqu immuttiin achi hin jirtu...akkuman immuttii achii dhabeen biiftuudhaan meerre immuttiin jedheen gaafadhe biiftuun immoo mana barumsaa isaanii deemee gaafadhee akka gara manaatti galte natti himan anis ariitiidhaan gara manasaanii gaafan deemu fedhesaan isaanii ishee bira ture akkuman dhaqeen dhiifama obboleettiiko abdii agarteettaa jedhee na gaafate anis abdiin akka hidhame gaafan itti himu baayyee gaddanii immuttiin baayyee boosse kanaan booda falli gaafa dhibu fuudheen deema malee kophaashee dhiisee hin deemu jennaan lakki anoo nan du'a malee Abdii dhiisee biyya kanaa hin deemu jechuun imimmaan duwwaa taate. Fallii fi wanti goonu waan dhibeef fedhesaan fuudhee deeme naan jette" jettee simaleen gara fuulakoo ilaaltee imimmaan dhangalaafte. Anis raata'een hafe maraachuutu na qabe. Lafuman dhaabadhu sanattin ofirra gadi taa'e. "Utuuma jettuu kophaatti na galchiteetta. Kanarra maal akkan ta'u barbaadde. Ammahoo maaltu si hafa" jedheen mataa qabadhee gadduu jalqabe.
.
.
.
@asoosamaafiwalaloo


❤️ Shamarree kajamtuu ta’ii jiraadhu! ... See More
👆👇👇

See More
See More


💘 Gatiin kee guddaa akka ta'e beeki. Dhiira kamiifuu jettee eenyummaa kee isa gatii guddaa qabu sana gad hin buusin!... See More


➡️ Channel jaalatamoo ergaalee ajaaibsiisoo fi barsiisoo ta'an qabu kana irratti gadi tuquudhaan JOIN taasisaa! ➡️ JOIN 📌

1️⃣

     'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>JOIN ➿➿'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>
    JOIN 😀😀'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>

2️⃣

    MORE JOIN  ➿➿
   MORE JOIN ➿➿


3️⃣
     MORE JOIN  ➿➿
    MORE JOIN ➿➿


𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
@Getu_Abera


           Ibsaa Mallattoo

Yeroo tokko magaalaa xiqqoo tokko keessa nama qaro dhabeessi  tokko ni jiraata ture. Namni kun Yeroo hunda halkan yeroo manaa  bahu  ibsaa ibsame harkatti qabata ture.
Gaafa tokko galgala akkuma barsiifata isaa ibsaa qabatee manaa bahe. Akka inni karaa walakkaa gaheen namoonni afur karaattii itti  dhufan. Akkuma namicha arganiin itti qoosu jalqaban.
Inni tokko akkas jedhe;"Gochi nama kanaa 'Hanqaaquu keessa huuba barbaadu' isa jedhan sana." Jedhee mammaake.
Inni lammaffaan;"Yaa harree dugda madaa maaf daaraa gangalataa maaf xaarii dabalata. "Jedhee mammaake. Wal harkaa fudhanii kolfan
Isaanis akkuma namicha bira gahaniin   " Yaa namichaa,ati silaa ijaan hin argituu maaliif ibsaa baattee deemtaa?"jedhanii qoosaa fi tuffiin gaafatan.
Namichi qaro dhabeessi sun  safuudhaan, "Ibsaan kun anaaf osoo hin taane, isin namoota ijaan argaa jirtaniifi. Akka anatti hin buunee mallattoo akka isiniif ta'u barbaadeeti."jedhe.
Isaanis jechii fi gochi nama sana isaan rifachiise. Dhiifama gaafatan.

safuu:
Dubbachuu kee dura si'a lama yaadi. Hojiin nama tokkoo hanga siif nama biraa hin miineetti hanga abbaa hojjachaa jiru fayyadetti keessa galanii borcuun gaarii miti.

@asoosamaafiwalaloo


✨ Imalli cimaa fi dadhabsiisaan yeroof kan namatti dhaga'amu ta'us, humni achi keessatti kuufattu Jabina. Ofitti amanamummaadha. Dirree moo'ichaati... See More

↪️ See More
See More
.


Amaloonni barbaachisoo ta'an kan jijjiirama guddinaa fidan 10... See More


🌸😳 Sababiilee gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan kanneen beektuu as tuquudhaan dubbisaa...↪️ See More

             👇👇👇
         ✨banaa✨
         . ✨banaa✨
               👆👆👆👆


🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯


✅ "Yeroo baay'ee dhalli namaa  rakkina mo'atee jireenya qananii jiraachuu kan isa dhorku Sababiilee gadi fageenyaan beekamoo hin taane 7tu jiru... ➡️ See More

↪️ See More
See More
.


🎲Jaalala keessatti " 😀" wanti guddaan miira walii ciminaan hubachuudha. Sababni isaa... ↪️ See More

▶️ See More
See More


Ergaalee Jaalalaa 10...➡️ See More


haadha kiyyaaf bitu qofa malee dhugaatii alkoolii dhugee waanan hin beekneef gaafa hiriyoonnikoo dhuguu dhaqan immoo birriin hojjedheen daabboo biteen kanneen akka ruuziifaa yoon birrii fooyya'aa hojjedhe biteen immuttiif immoo buskutii adda addaa biteen ishee gammachiisee waanan jiraadhuuf alkoolii baruu hin barbaadu. Gaafa simaleen ajajadhu jettu garuu anaaf mirriindaan jedheen.
Isheenis mucaa eegamtu waan taateef yeroo jalqabaa isheetiif harra dhiiraa wojjin hoteela teessee nyaatte. kanaaf dhugaatii alkoolii dhugdee hin beektu.
Kanaaf mirriindaama dhugnee mastiikaa (allaancaa) bitannee alanfacha gara magaalaa irraa gara naannoo qabbana qabu lafa magariisa namni tokko hin jirreetti qajeelle. Achi geenyees teenyee quba ishee qall'atee filaadhaan wol hin caalle sana rifeensakoo caakkaa walal fakkaatu kana keessa galchitee miillakoorra ciiftee miilla ishees wol irra keewwattee kolfaafi oduudhaan nu bohaarsiti. gaafa isheen kofaltu du'aan waan lafa keessaa socho'u natti fakkaata ilkaan ishee adii cabbii lafa hin geenye fakkaatu kana natti achii ol qabdee mataa ishee dhedheeraa kana narra ciibsitee fuula ishee diimtuu keessaa hin baane kana. Ijakoo dura qabdee jireenyakoo lafarratti waan jannata galte fakkeessite.
Na haasobsiisti haasaan harkaa hin dhumu an deebii hin dhabu. Akkasumattiin taphannee utuu hin quufin. Manatti gallee sa'atii immuttiin mana barumsaatii itti baatutti deemnee immuttii barbaannee fuunee gallee uffata ishee itti uffifnee moobaayila simaleetiin suura woliin kaanee taphachaa turre.
Simaleen "abdiiko sin jaalladha" jettee na haammattee gara immuttii ilaalti immuttiin immoo haartee simalee narraa dhiibdee na haammatti oduu duriifaa wolitti himnee hibboo wol gaafannee utuu of hin beekin taphanna.
Utuuma jennuu sa'atiin 1 ta'e. Tokko ta'uu isaa kan barre silkiin simalee Itti bilbilame iyyuu isaarrattidha. kan bilbile abbaa ishee ture. Hin naane ala gaafa ilaallu gurraachadha. Simaleenis sossodaachaa silkii abbaa isheerraa kaafte.
Abbaa "Hello eessa jirta hamma yoonaa?"
Simalee "he..he..hello abbaa dhufaan jira" jettee bilbila cuftee akkan ishee geessuuf na gaafatte anis waanan isheef gaddeef tole jedheen immuttii manatti dhiifneen woliin ka'e. Balbala isaanii dura geenyee balbala rurrukunne abbaan ishee balbala nuttii banee baatirii moobayilaa nutti qabe anaaf si maleedha. Hubatee na ilaale uffatikoo uffata worra...qabeenya quufee....... fakkaata fuullikoo garuu mucaa wasaaddarii sana fakkaata. Ammas natti siqee baatirii natti qabe ani garuu Abdiidhuma wasaaddariif hattichadha.
Cu'aaaaa...... Kaballaa haleel*laansaa cimaa ta'e tokkoon fuula simalee keessa kabale..... ITTI_FUFA

Kutaa 6ffaan akka dafee dhiyaatuuf like fi share godhi.
Comment jalatti kutaa 6ffaa jedhi

Share➠ @asoosamaafiwalaloo
Share➠ @asoosamaafiwalaloo

Показано 20 последних публикаций.