Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu
Gorsa Dargaggeeysa islaamaa
#Dargaggeeysi Islaamaa yoo akkam tahe ofiifii hawaasa isaatiis fayyada ⁉
Dargaggeeysi hawaasa tokkoof utubaa akka taheefii inni toluun hawaasni toluu inni baduun hawaasni baduu akka tahe wal naman gaafachiisu
Dargaggeeysi kheenya qabxiilee asii gadii tana yoo qabaate ofiis fayyadee hawaasa isaatiis (Islaamaatiis) fayyaduu dandaya ⤵⤵⤵⤵
⏩Diin (Amantii) ofii barachuu qaba
Amantiin Islaamaa amantii qabatan duniyaafii aakhiraa ittiin milkaa'an tan seera of dandaye qabduudha kanaaf dargaggeeysi Islaamaa seerota isii kanneen akka👇👇👇👇👇👇
✅Aqiidaa
✅Akkaataa itti Rabbiin gabbaramu
✅Akkaataa namoonni ittiin wajji dalagatan (hojjatan)
✅Siiraa Rasuulaa S A W
✅Siraa Sahaabotaatiifii seera amantichaa kannneen hafaniis tolchee beekhuu qaba
⏩Haala jireenya isaa hunda kheeysatti "warroota Rabbiin isaaniifii beeyladaanuu garaagarummaa hin qaban" Ja'ee isaan dubbate san imaama godhatuu dhiisee Hadiisaafii quraa'aana imaama godhatee jala deemuudha qaba i
⏩Qalbiin isaa(Dargaggeeysaa Islaamaa) yeroo hunda masjiidatti rarra'uu qaba
#Qalbiin tee yeroo hunda masjiidatti rarra'uun👇
✅Guyyaa hamaa san gaaddisa Arshii Rabbii jala akka teeysu sitaasisa
✅Rakkoon /yaanni sitting jiru akka sirraa furamu sitaasisa
✅Munaafiqummaarraa walba akka taatu sitaasisa
⏩Rahima ofii maxxanfachuu qaba
Dargaggeeysi Islaamaa aanaa /Rahima isaa guutumaa guututti maxxanfachuu qaba !
Irra guddaan Rahima isaa ammoo haadhaafii Abbaa isaati
Haadhaafii Abbaa isaatiin
✅Hin dandayu jechuun
yaroo Ifii human baafsee isaan humna fixatan👇
✅Ishiish isaaniin ja'ee isaan balfuun
yaroo isaan wahuma fedhaniifuu sidubbisan Sagalee aaraatiin dubbataa ija itti babaasuun amala dargaggoo mulimaatii miti
⏩Saahiba filatuudha/maraxatuudha
Saahibni wahuma saahibni dalagu dalaga kanaafuu namoota ⤵⤵⤵
✅Yeroo wajjiin teeysu nama hamachuurraa gara Rabbi zakkaruutti as sideebisan
✅Yeroo salaanni gahe kha'i gara masjiidaati deemnaa siin ja'an
✅yeroo hunda qura'aana Rabbii qara'uurrattiifii kheeyrii adda addaa irratti si kakaasan saahibuu qabda ‼
@Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost