Фильтр публикаций


Tuulamni Ijoollee sadii qaba.Isaanis Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namooti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagayan akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoon ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaatiin moggaafatee irra jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo; Odituu, Ummee(Tum’e) fi Liiban jedhamu. Isaan kunniinidha kan har’a sadan sooddoo jedhamanii beekaman. Lafti Sooddoo naannoo Shawa kibba lixaa, Kibba laga Hawaas (Awaash)irraa hamma Arsiisi fi daangaa naannoo uummattoota kibbaa ga’a. Karaa kaabaa immoo Bachoofi Galaan, Kraaaa lixaa, Waliisoo wajjin wal daangessa.

Giddu galli siyaasaa fi amantii Odaa Nabee yoo ta’u,giddu galli heeraafi seera kan itti tumaniifi labsii labsan Odaa kallachaa jedhama. Aanoti Sooddoo ,Daacii , Walisoo, Tolee, bu’ii, Qarsa Maalimmaan fi Soddoo Daacii yemmuu ta’u karaa ba’aatiin Maqii dugdaa, karaa kibbaatiin, aanaa bu’iitiin daangeffama. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalle Sooddoon ilma daaccii yeroo ta’u, Daacciin Ilmaan sadii godhate sadan sana keessaa inni tokko Sooddoo dha. Isaan kaanimmoo Galaaniifi Aboo jedhamu.

Goototni ilmaan Oromoo lakkaa’amanii hindhuman. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti Taddeesee Birruu, Abdiisaa Aagaa, Waaqoo Guutuu, Oliiqaa Dingilii fi kan kana fakkaatan yeroo mara kaafna. Egaa goototi kunniin, Ilmaan Oromoo fi lafa Oromiyaa naannoo adda addaarratti kan dhalatan ta’uun beekamaadha. Akkuma kana ilmaan Oromoo damee Tuulamaa warra sadan sooddoorraa goototi dhalatanis hedduudha.

Bara Xaaliyaaniin biyya keenya weerarte gootummaa olaanaa raawwatanii diina biyya weeraruu dhufe wajjin kokkee walqabanii gootummaa isaanii kan mirkaneessan ilmaan Oromoo baayi’ee maqaa dhahuun ni danda’ama.Abdiisaa Aagaa,Jeneraal Taaddasaa Birruu Oliiqaa Dingilfi isaan kaanis maqaa dhahuun ni danda’ama. Gootota Oromoo dame Tuulamaa ilmaan sadan Sooddoo keessaa hedduu maqaa dhayuun ni danda’ama. Duula Xaaliyaanii 1ffaa fi 2ffaa irratti kan hirmaateefi Duula Maqaleefi aduwaarratti gootummaa guddaa kan raawwatanii beekamtii guddaa argatan keessaa kan maqaansaa akka biyyoolessaatti waamamu Dajjaazimaachi Baalchaa Safoo (abbaa nafsoo) damee Tuulamaa ilma Oromoo hidda Sooddoo ta’uunsaa beekamaa dha.

Gootootni sadan Sooddoo heddumminaan haa jiraataniyyuu malee akka fakkeenyaatti goota jalqabaa kan ta’an Suuraa Goota Sooddoo, Baalchaa abbaa Safoo (Abbaa Nafsoo) kanatti Fayyadamneerra.

Dajjaazimaachi Baalchaan bulchaa naannoo Sidaamoo fi boodammoo Harar ta’uun tajaajilaa turaniiru. Xaliyaaniin lafa abbaa isaanii weeraruuf yeroo dhufe sana rukutuudhaan gootummaa guddaa raawwataniiru. Baalchaan Dajjaazimaachi Baalchaan Soorama ba’anii utuu jiranii Xaaliyaaniin deebitee biyyaa weerartee jennaan dulloomeera jedhanii utuu hin taa’in umrii waggaa 73ffaa isaatti,”… biyyi koo diinaan weeraramtee gabroomuu ishee taa’ee hin ilaalu jechuudhaan, xaaliyaaniitti duulanii utuu lolanii lubbuun isaanii dabarte.

Goototi ilmaan Oromoo Sooddoo isaan qofaas miti, Gootota lafti Sooddoo biqilchite keessaa gootummaa isaaniitiin kan beekaman Dajjaazimaachi Baqqalaa wayyaa Obsees isaan tokkodha. Gootummaa olaanaa raawwataniif maqaa isaaniitiin manni barumsaa finfinnee keessatti moggafamee yaadannoof jira. Gooti ilma Oromoo lafti Sooddoo biqilchite keessaa kan gootummaa isaaniitiin beekaman, Dajjaazimaachi G/maariyaam Gaarii Godaanadha.

Gootummaa isaanii kanaafis yaadannoo akka ta’uuf maqaa isaaniitiin magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu manni barumsaa Lise G/Maariyaam jedhamu maqaa isaaniitiin moggaafame.Yeroo baayi’ee garuu maqaan abbaafi akkaakayyuu isaanii barreessitoota mootummoota dabraniin hin ibsamne.

Egaa kabajamtoota dubbistootaa! goototi sadan Sooddoo baayi’eedha.Kan akka Dajjaazimaaci Ganamee Badhaanee, Fituwararii Merdaasaa Gadaa,Fituwraarii Taddesee Gananame, Qenyi azmach Bayyanee Guddataa Awaash, akka akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya.

Sooddoon lafa abbaasaa Oromoorra kan jiraatuufi aadaasaa kabajee kunuunsee eeggatee hidda sanyii Oromoo Oromummasaatiin boonudha.

@etbisahusen


NADHII GAMMADAA
Kutaa 1ffaa

Qabsaawaa Oromoo
Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne.
Seenaa Duuba
Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa
Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate. Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa Islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba.
Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee
Yuunivarsiitii Finfinnee gale.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame.
ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e.
Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja’a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.
Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’ee jiraafi lubbuun jiraan isaa kan hinbeekamne nama seenaa guddaa qabuudha. Nadhii Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Namnii namaaf falmuuu haa barbaadamu ilaalun gaariidha.
Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa kan qabuudha. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa;
1. “Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya.!”
2. “Osoo halagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru.!”
3. “Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti.!”
4. “Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani.!”
5. “Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo bakkayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.”
6. “Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu.”
7. “Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu.!” fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira.”...itti fufa
@etbisahusen




Odaan Bultum Odaalee shanan keessaa quxusuu dha. Garuu Heera Oromoo raggaasisuu fi guutuu gochun Odaalee Shanan keessaa Odaa hangafaati. Heeri Oromoo bakka amma Odaan Bultum jiru kanaa fi #Siidaa_Dandee jidduti dhume. Odaa Bultumii fi Sidaan Dandee fageenya kiloo meetira lamaa walirraa qaba. Qaamni kamuu kan Heera Oromoo qorachuu fi hubachuu barbaadu Heeraa fi Seera gadaa Oromoo Iddoo kana jidduu dhaqee hanga hin qoratinitti hojiin isaa guutuu hin tahufi. Ituun warra heera Oromoon ittiin bulaa turte guutte dha. Heera Ittiin bulmaata Saba bal'aa kanaa guutuu dandayyuu jechun waan laaftuu miti, waan salphummatti lafaa ka'ameetuma raawwatamuus miti. Hayyummaa,Tasgabbii, Waldhageettii fi marii guddoon Aadaa Oromooni Ituu ittiin beekamani fi amala Ona Ituu keessatti barbaadamu waan tureefi.

https://t.me/etbisahusen


HAYILEE FIDAA✌️

Kutaa 1ffaa

Doktor Hayilee Fidaa (1939-1979) nama siyaasaa yoo ta'u hogganaa
Warraaqsa Sooshaalistii Guutuu-Itoophiy
aa (irra caala maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun beekkama) ture. Gumaachasaa keessa inni guddaan
Dargii bakka bu'uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyooleessa baasuu isaatini. Kana malees, Dr Hayileen qorannoo adda addaa qubee Afaan Oromoorratii fi caasluga Afaan Oromoorratti godheen beekkama.
SEENAA DUUBAA
Hayilee Fidaa Wallagga keessa magaalaa Arjootti dhalatee Naqamtetti guddate. Hayileen barnoota sadarkaa tokkoffaa Mana Barumsaa Arjootti yoo baratu sadarkaa giddu galeessa (kutaa 5-8) ammoo Naqamtetti mana barumsaa yeroo sana Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hayila Sillaasee I jedhamutti barate. Barnootasaa ittuma fufuun, sadarkaa lammaffaa Finfinneettii Mana Barumsa Jeneraal Wiingeetitti barate qaphxii olaanadhaan xumure. Kana booda barsiisaa ta'ee qacaramuun Dadaritti waggaa tokko barsiisaa ture.
Bara 1961tti, Hayileen Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota ji'ooloojii baratee qaphxii guddaadhan eebbifame. Dr Hayileen barata cimaa ture; barnoota sadarkaa lammaffaa A kudhanii fi B lamaan xumure. Yuunivarsiititti ammoo qaphxii 4.0 fiduudhan barata kabajaa ta'ee (great distinction) eebbifame. Erga eebbifamee booda, achuma
Yuunivarsiitii Finfinneetti, Dippartimentii Ji'ooloojitti Gargaaraa Eebbifamaa ta'ee akka barsiisaatti qacarame.
Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti erga waggaa tokko barsiisee booda barumsa digirii lammaffaa itti fufuuf gara Firaansi deeme.
Dr Hayileen Firaansitti jalqaba barumsa
Ji'oofiiziksii , itti aansee waggaa lamaaf ammoo Sosooloojii baratee eebbifame. Hayileen sochii Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi keessatti godhurraan kan ka'ee fi mootummaa Hayilasillaasee waan balaaleffatuuf, paaspootii fi iskoolaasrhiippinsaa jalaa haqame. Sababa kanaaf biyyatti deebi'uu waan hin dandeenyeef, wagga lamaaf mana barumsaa Firaansi tokkotti qacaramee barsiisaa ture. Ittii aansee, paaspoortii dhoksaadhan imbaasin Itoophiyaa kan Jarmanii keenneefin gara Jarmanii deemee,
Yuunivarsiitii Hambargitti waggaa lamaaf barsiise. Amajjii 1975 erga Warraaqsi dhoo'ee booda gara
Itoophiyaatti deebi'e....itti fufa

@etbisahusen


JIRRA.

Jirra dhugaa rabbii
Jireenya quuqamaa
Hin sobnu dhugaansaa
Yeroo hundaa nuuf gama
Jirra dhugaa waaqaa
Jireenya irraangadee
Hidhaa sammuu ofii
Jiruu waa babbade

Jirra ijaan boo'aa
Mar'immaan bilchaachaa
Keessaan wal akaa'aa
Walitti gubachaa
Jirra gowwoomsinee
Gaafgaafis gowwoomnee
Lammii fira ofiitti
Qomootti alagoomnee

Jirra dhugaa Uumaa
Dalga sassararree
Yaadaan achi teenyee
Qaamaan waliin tarree
Orma kokkomachaa
Ofiis gaaga'amaa
Eeyyee isumatu
Jireenya jedhama.

@etbisahusen


Har'a gaazeexaan Bariisaa faayidaa
siyaasaatiif jedhamee kan qophaa'u malee faayidaa eenyummaa saba
Oromootiif jedhee miti. B
baay’inaan waa’ee eenyummaa
Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti. Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo har’a sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaa fi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra ga’uuf kaayyoo balla’aa baasuudhaan Wiirtuu Qaama Qindoominaa dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera.
Bara 1974 daba mootummaan Hayila Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaa’e. Kana keessattis Baaroon miseensa ta’ee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hinta’iniin rakkoo keessa galafamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa
Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayila Sillaasee cunqrsaan irra ga’aa ture hundaa kan ofitti haammatu dhaaba Wala’ansoo saba balla’a cunqursamoota Itoophiyaa ‘Ye Itoophiyaa ciqunooch abiyootawwii Tigil’ jedhu hundeesse. Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan of-keessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu of-tuulummaasaa dabalaa deemuun dhaaba ‘EMALEDHI” jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baay’een gara qabsootti seenuu jalqaban....itti fufa

@etbisahusen


BAAROO TUMSAA
Kutaa 2ffaa
QABSOO KEESSA SEENUUSAA
Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin ta’uun Waldaa wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera.
Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘lafti qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo ture. Baaron goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka’e ture.
Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf mana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera.
Haalli Baaro ofi garee hojjetootaa kanaa namoonni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyani. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera. Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni
Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef Waldaa Dhaaba Dhidheessaa jedhu uume. Mul’anni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hinlaanneef yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu mootummaa kanaaf goota hinjilbeenfanne ture. Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hin lakkoofne.
Baaroo Tumsaa bara 1964 aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii ijaarrate. Aadde Warqinash Bultoo biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jirtuu bara 1982 loltoota amanamoo
Mangistuu Haayilamaariyaamiin ajjeefamte. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii jeneraal Demisee Bultoo yoo taatu, abbaanshii obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho’aadhaan waan kabajameef, diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture.
Barruu amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti dubbifamuu fi jaallatamu The Oromos voice against tyranny document 1971 jedhamu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka ga’u taasiseera. Barreeffamni kun gara Amaariffaattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hintaane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra ga’aa ture barruun kun of keessatti waan qabatee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba Oromoo ittiin bariisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972tti
Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qo’atee yeroodhaaf garuu gaazeexaan Bariisaa qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan Dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche.


goota akka isaa hin dhalchine sangoomsanii, waan kolfaa godhanii turan. Garuu namni kun Gootaa fi uumamumaan qaroo waan tureef, umurii isaa guutuu haroo qotee, akka bishaan haroo sanaa keessaa loon Arsii dhugu, akka ilmaan Oromoo aannan loon saniin guddatan immoo Nafxanyaa balleessuudhaan gumaa isaa akka baasan dhaammatee darbe jedhamaa. Haroon sun HAROO QEERROO jedhama. Seenaan qaroo Fi Gooticha Oromoo kanaa fulduratti qoratamee barreeffamuu qaba. Siidaan illee dhaabachuufii mala. Hogganaan Waraana Oromoo Arsii Bara sanaas Dhumarratti waa dhaammatew darbe.

"The hour has not come, but it will come;...our children will see the departure of the oppressor."--Roba Bultum

Hiiknisaa: "Amma yeroo keenya miti;...yeroon keenya ni dhufa; yommus ijoollee keenya biyyaa ba'umsa cunqursitootaa ni argu;"" jedhan gotichi Oromoo Roobaa Bultum.

@etbisahusen


Namichi kun waraana Minilikiin bakka torba madaa'ee booji'amee ture. Namichi fira birattis diina birattis goota beekamaa ture. Habashoonni Oromtichi Madoo Booji'an kana tumanii akkanni
@etbisahusen


Minilikii fi Oromoo
KUTAA 2ffaa

Minilik Oromoo fi Ummata Kibbaa irratti duulee oromoo hundumaa Kolonii ofii godhe. Minilik bara bittaa isaa keessaa gara waggaa 30 oliif oromoo waraanuudhaan dabarse. Minilik gorsaa fi gamnooma warra adiitti fayyadamee oromoo moksee horiidhaan bitee Walirratti duulchisaa ture.
De Salvaic akkas jedha:
A) Oromoon Osoo tokkummaa qabaatee, hanga galaanaatti ni moo'a ture.
B) Bara Duula Minilik Osoo Oromoota gidduutti Walmormiin hin turre ta'ee, Qawween Minilik, Eeboo fi heddummina oromoo irraa hin hafu ture.
C) Oromoon diina dagachiisee gamtaadhaan yommuu lolu orma harka Shan jaha caalu yeroo inni moo'u arguun Waanuma baramedha.

De Salvaic Qeesii kaatoolikiiti. Kaayyoon isaa Oromoo amantii Kaatoolikii fudhachiisu ture. Gareen De Salvaic waan kana jabeessee hojjechuutti ture.Minilik hojii Qeesota Faransay kana argee, osoon Qeesii akka keessan jabaatee hojjetu argadhee, Oromoo cabsuuf Qawween hin barbaachisu ture." Jechuudhaan barreesseera.

Kanarraa kan hubannu yoomiyyuu Hawwiin jaraa  OROMOO CABSUU QOFAADHA.

Minilik umurii isaa guutuu Oromoo waraanaa fi Walwaraansisaa ture. Gantuu Oromoo Kan akka Goobenaa Daaccii fayyadamee Oromoo Oromoodhaan cabsee ofjala galchee oromoo Mara koloneeffate.

Koloneeffate Jechuun jechuun Ummata tokko humnaan Cabsanii, itti galanii biyya isaa irraa fudhatanii bulchiinsa isaa diiganii, Aadaa fi safuu isaa balleessanii, kan ofii bakka buufatanii, Qabeenya isaa irratti abbaa ta'anii Ummata sana roorroon bulchuudha. Minilik warra roorroo dide gootota, hayyoota oromoo gara laafina tokko male ajjeesee fixe.

Fknf: Akkaataa waraanaa Bara sanaa gazexaan Amerikanii ze Newyork times jedhamu akkaş jedhee barreessee ture.

The New York Times, Published Feb 26, 1895, The incident was described as MINILIK TRIBLE EXPEDITION:
"The tribunal says today "the recent expedition which King minilik sent against the oromo tribes, In Abysinia, selew 7000 tribesmen and captured 15,000 men."
Hiiknisaa:
Mataduree fuula shororkeessaa Minilik jedhu jalatti Guraandhala 26 bara 1895, tibbana mootiin shawaa minilik, Waraana shororkeessaa Ummata oromoo gosa Arsii 7,000 qalee 15,000 immoo booji'e. Jechuudhaan barreesse.
Minilik Ummata Arsitti yeroo 7 duulee ture. Yeroo jaha Ummata Arsiitu Nafxanyaa Moo'e. Arsiin Fuula Torbaffaa irratti mo'ame. Minilik Fuula yeroo tokkoo qofaan Oromo arşivi 12,000 akka ajjeese seenaan ni raaga. Haawwan Oromoo Harma mureee, gootota immoo harka muraa ture. İsa kanaaf seenaan Anolee ragaadha.
Egaa Waraanni Minilik yeroo jaha mo'amee wanna kana Mara yaaleera. Hoggantoonni waraanaa Habashaa warra faranjii Kan akka jeneraala raashiyaa Dajjaach Liyiontiif Jedhamanii fi warra faransaayi hedduu warra meeshaa waraanaa hammayyaa fi leenjii waraanaa hammayyaa qaban turani.

Egaa oromtichi Arsii Wanna kana Mara dura dhaabatee lolee, lubbuu ijoollee isaa Fi qabeenya ofii itti wareegee yeroo jaha Nafxanyaa moo'ee ofirraa deebisaa turee, yeroo Torbaffaa irratti mo'ame. Garuu yeroo Waraanni Minilik takkaa mo'amee, Deebi'ee of Ijaaree, Bayyanatee itti Deddeebi'u Maalif Arsichi akkuma injifateen, Waraana Minilik duukaa bu'ee hin balleessinee?

Waraanni Arsii Bara sanaa Habashoota duukaa bu'ee rukutee Masaraa isaanii balleessuuf, goottummaaf dandeettii ni qaba turee.

Garuu akka Serra Gadaa Oromootti, Ummanni Gadaa tokkoon Bulu, Daga yookiin gabalaa(territory) isaa keessaa Bokkuu qabatee Bahuu hin qabuu seera jedhutu jira. Bokkuun yoo laga ce'e ykn gabala keessaa bahe akka bokkuutti hin ilaalamu; BOKKUU SALDHEE jedhama. Arsicha seera kanatu İsa ittise malee, Akkuma moo'een Duukaa Bu'ee ni adaba turee. Oromoon immoo kan seeraa GOOROO yookiin akka Gujiitti SEERA GABALAA tume, akka gosti oromoo tokko, daangaa gosa  oromoo kan biraa keessa seenee wal-hin waraanneef ture.

Gootota Arsii Barasii keessaa warreen Barabaraan yaadatamuu qaban keessaa nama maqaan QEERROO QADIIDAA jedhamuun beekamuutu ture.


BAAROO TUMSAA
Kutaa 1ffaa
Baaroo Tumsaa (1942-1977) sabboonaa
Oromoo fi qabsaawa mirga namummaa ti. Baaron kabajamuu mirga Oromootif falmaa kan ture yoo ta'u qabsoorratti lubbuunsaa dabarte.
Seenaa Isaa
Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.
Barnoota Isaa
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan
Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee
Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojachaa ture.....itti fufa

https://t.me/etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 8

MAKE OTHER PEOPLE COME TO YOU—USE BAIT IF NECESSARY

When you force the other person to act, you are the one in control. It is always better to make your opponent come to you, abandoning his own plans in the process. Lure him with fabulous gains—then attack. You hold the cards.

@etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 7

GET OTHERS TO DO THE WORK FOR YOU, BUT ALWAYS TAKE THE CREDIT

Use the wisdom, knowledge, and legwork of other people to further your own cause. Not only will such assistance save you valuable time and energy, it will give you a godlike aura of efficiency and speed. In the end your helpers will be forgotten and you will be remembered. Never do yourself what others can do for you.

@etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 6

COURT ATTENTION AT ALL COST

Everything is judged by its appearance; what is unseen counts for nothing. Never let yourself get lost in the crowd, then, or buried in oblivion. Stand out. Be conspicuous, at all cost. Make yourself a magnet of attention by appearing larger, more colorful, more mysterious than the bland and timid masses.

@etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 5

SO MUCH DEPENDS ON REPUTATION—GUARD IT WITH YOUR LIFE

Reputation is the cornerstone of power. Through reputation alone you can intimidate and win; once it slips, however, you are vulnerable, and will be attacked on all sides. Make your reputation unassailable. Always be alert to potential attacks and thwart them before they happen. Meanwhile, learn to destroy your enemies by opening holes in their own reputations. Then stand aside and let public opinion hang them.

@etbisahusen




Lookhoo!
---------------- kutaa 2ffaa
" ulee lookhoo lamaan muree,
Lachuu ulaagaadhaa
Geeysee maalan godha,
lookhoo muruun Aadaadhaa.
Macaacilee cabsii,
Qaccee baalaan dhooysii
Wanii dhooysan dhumtee,
Siin wal dhabnee obsii."
-------
Warri gurbaa tokko gaafa ilma isaaniitiif intala takka kadhachuuf karra Ambaa dhaqan, jalqaba heera guutachuu qabantu jira.
Guyyuma intala San qaadhimatan San Abbaafi
Haatii gurbaa mana warra intalaa keessatti ulee lookhoo suuqqatan. Wani kana godhaniif tokko yoo warri intalaa, intala tana nama biraatiif kanne,ykn intaltti nama biraa jala deemte, haatii gurbaa ulee lookhoo tana qabachuun qaadimaa ilmi isii tahu heeraan falmatti.
Kan lamadaa, gaafa gurbaan kun intala tan manatti galfate booda yoo akka taasaa itti roorrise intaltti tun ulee lookhoo ( siinqqee) tana qabachuun mirga isii heeraan gaafatti.
Akkuma beekamu Aadaa fuudhaafi heeruma oromoo keessatti gostii gurbaa hirmaannaa guddaa qabdi. Gaafa gurbaan isaanii intala takka fuudhuuf guyyaan muraasnii hafe, ykn gaafa Ayyaamnni cidhaa gahe, gostti gurbaa kana harka halangaa kaayan. Mal'attoon halangaadhaa akkuma beekamu aangoo qofa ossoo hin tahiin mal'attoo itti gaafatamuummaa fudhachuutii.
Guyyaa kana irraa kaassee gurbaan kun mirga jaarttii isaa eeguu keessatti haa tahu hawaasa keessatti warra daadaa isaatiif fakkeenya gaarii tahuuf dirqama gosa irraa fudhata.
Heerri gosaa kun, heera fuudhaafi heeruma sirna gadaa odaa bultum keessatti beekamaadha. Namni halangaa harkatti qabachuun hayyamameef Jara sadii qofa. Ilmi dhiiraa gaafa fuudhu inni ol'aanaadha jaarttiin isaatiis ol'aantuudha. inni bultii Afurtama halangaa harkatti qabata.guyyaa kana keessatti warra daadaa isaa, warra sadarkaa doorii fi raaba keessa jiru bultti irratti kakaasaa. Bakka dhaqe hundatti " dammaqi"
Jechuun hamilee daadaa isaa kakaasa.
Isiin hamma umrii isii ulee lookhoo ykn siinqqee San mana keessa ol kaayatti.
Gaafa guyyaa cidhaa, yeroo gara mana intalaa deeman hiriyyoonni isaa warri fardaan isa dabaalu, martti isaanii filaa diimaa suuqqatan.
Warri hafe " beellamaan dhufe, sirbii qeeyroo "
Jechuun dhichisaa hamma mana intalaa geessu.
Yeroo mana warra intalaa gahan hiriyyoonni intalaa hullaa duratti gad bahuun heellee taphatan keessaa takkaan isiin yaadachiisa.
" heellee Agoobara naannoo
Agoobara heellee (2)
Lagaalaga saakhayyee Agoobara heellee
Gurbaan dhufe Addiyyee Agoobara
Naannoo, Agoobara heellee.."
' Armaan gadii gaaraa hurree qabu
Gaara hurree qabu
Way soddaan dhufe
Ka harkaa halangaa qabu
Ka harka halangaa qabu..."
Guyyaa cidhaa San, yeroo intaltti mana haadaatii ulee lookhoo harkatti qabattee gad baatu, hiriyyoonni isii, warri Addee waliin turan akkana jechuun weedduu heelleetiin gaggeesan:-
" Lookhoon baate, ulee lookhoon baate
Addeen tan Ambaa taate. (2×)
Lookhoo wal cinnaan lagarraan magartee
Heellee Martuu raasuun duruu sidabrtee,
Addeen tan Ambaa taate.
Silaa akka keenyaatiin addaan nun baasanii
Hiree maal goonagaa heeruman oolanii,
Addeen tan Ambaa taate.
Muraada kee gahee warraa si khanatee
Guyyaan kee Arrumaa jajjaabaadhu Aaddee,
tan Ambaa taate.

https://t.me/etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 4

ALWAYS SAY LESS THAN NECESSARY

When you are trying to impress people with words, the more you say, the more common you appear, and the less in control. Even if you are saying something banal, it will seem original if you make it vague, open-ended, and sphinxlike.

Powerful people impress and intimidate by saying less. The more you say, the more likely you are to say something foolish.

@etbisahusen


The 48 laws of power

LAW 3

CONCEAL YOUR INTENTIONS

Keep people off-balance and in the dark by never revealing the purpose behind your actions. If they have no clue what you are up to, they cannot prepare a defense. Guide them far enough down the wrong path, envelop them in enough smoke, and by the time they realize your intentions, it will be too late.

@etbisahusen

Показано 20 последних публикаций.