Fak. 7
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁰ Yommus dubartiin tokko haxxummaadhaan, uffata halalummaa uffattee gad isatti baate.
¹¹ Isheen sagalee gad hin qabattu, mata-jabeettii dhas; isheen asii fi achi labdi malee, mana isheetti hin argamtu.
¹² Takka karaa irra, takka immoo walga'ii karaa keessa, takkas golee karaa keessa dhaabattee in eeggatti;
¹³ isheen qabdee, isa in dhungatti, ija-jabinaanis isatti dubbattee,
¹⁴ ''Har'a wareega koo waanan raawwadheef, aarsaa galataa dhi'eessuun ana irra jira;
¹⁵ kanaafan si simachuudhaaf gad ba'e, dhimmee si barbaadee tureen si argadhe;
¹⁶ ani uffata quncee talbaa isa biyya Gibxiitti bubburreeffamee hojjetame, siree koo irra afeera;
¹⁷ siree kootti qumbii, sabiriidhaa fi qarafaa firfirseera;
¹⁸ kottu hamma lafti bari'utti jaalala keenya iddoodhaan in ga'annaa, halkan guutuus itti gammadaa in bullaa;
¹⁹ abbaan manaa koo mana hin jiru, biyya fagoo dhaqeera;
²⁰ korojoo isaatti horii guuttatee fudhatee ka'eera, hamma ji'i gobbantutti deebi'ee manatti hin galu'' in jetti.
²¹ Isheen haasaa baay'eedhaan karaa irraa isa in kaachifti, itti kuuluu isheetiinis isa in giddisiifti;
²² yommus inni tokkichumaan akka sangaa qalamuuf oofamuutti, akka bosonuu futtaasaatti adeemtuuttis, ishee duukaa in bu'a.
²³ Hamma xiyyi mar'umaan ishee waraanutti, akkuma simbirri gara kiyyootti kaatutti, innis akkasuma wanti kun lubbuu isaatti akka adeemu utuu hin beekin itti in kaata.
²⁴ Ammas yaa ilmaan ko dhaggeeffadhaa, wantan jedhus yaadaan duukaa bu'aa!
²⁵ Garaan keessan gara karaa isheetti hin gorin, daandii ishee irra adeemuudhaafis karaa irraa hin kaatinaa!
²⁶ Isheen akkasitti namoota baay'ee madeessitee kuffifteetti, macca baay'ees ajjeefteetti.
²⁷ Karaan iddoo lafa jalaatti geessu mana ishee keessa in ba'a, gola mana du'aattis gad in buusa.
@Gaaela_Gaarii ✅
@Marriage_Counseling✉️✍️
@Gaaelabot