God's Word Presence! [GWP-MEDIA]📺


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Религия


Qol 3:16
Namni Kamu Argamuu Dubbii Waaqayyoo Keessa Akka Jiraatuuf Gargaaruun ba'aa Keenya!
Yaada Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉 @Believe_In_Christ79
YOUTUBE : https://youtube.com/@gwpofficial2025?si=1NU8rM-ztMZtiyt7

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Религия
Статистика
Фильтр публикаций


⭐️ Qulqulloota Dhiiga Kiristoosiin Bitaman Waliin Tokkummaatti Waaqayyoon Galateeffachuu, Faarfachuu, Kadhachuu akkasumas Ayyaana isaa Irra Waliin Qooddachuu Jaalladhaa!


Faarfannaa 122:1
1 “Gara mana Waaqayyoo dhaqna!” yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade.

⭐️Bor, Waldaa Deemuu Hin Dagatiinaa! Kanas Barteef osoo hin taane; Dhugumaan Argama Waaqayyoo Tokkummaa Qulqulloota Gidduu Jiru Hawwuudhan akkas godhaa!!

✨Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u! (2Qor 13:13)

⭐️Halkan Gaarii!!

LIKE | JOIN | SHARE  📣GWP MEDIA


🏵️Bartoota 12'n keessaa kan Yeesuus erga Du'aa Ka'ee booda deebisee, "𝐍𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐭𝐚𝐚?" jedhee gaafateen eenyu true ❓
Опрос
  •   A) Yohaannis
  •   B) Yaaqoob
  •   C) Phexros
  •   D) Filiphoos
1 голосов


🏵️Haannaa fi Elqaanaadhaa "𝐒𝐚𝐚𝐦𝐮'𝐞𝐥" yoo tahe, Zakaariyaasii fi Elsaabeexif___________ taha.
Опрос
  •   A. Ermiyaas Raajichaa
  •   B. Siimson
  •   C. Yohaannis
  •   D. Anbaaqom
  •   E. Yohaannis Cuuphaa
7 голосов


🔴LIVE

🔶Amantoonni Wangeelaa Yeroon Isaan Biyya Kanaaf Hin Barbaachistan, Isiniif Biyyi kun Iddoo hin qabdu jedhamaa turan tureera.


🔈Paaster Tsaadiquu Abdoo || Pireezidantii Kaawunsilii Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa

🙏Waaqayyo Beekaadha!

LIKE | JOIN | SHARE 
📣GWP MEDIA


🔴LIVE

⭐️Kaawunsiliin Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa Dhaabbata Biligraham IvaanJelistic Association Waliin ta'uun Lallaba Wangeelaa Jamaadhaanii Bakka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adde Adaanach Abeebee fi Namoonni Kumaatamaan Lakka'aman argamanitti Geggeeffama Jira.

🔥Kiristoos Qofti Karaadha, Dhugaadha, Jireenyadhas!!

LIKE | JOIN | SHARE
 
📣GWP MEDIA


✔Dubbistanii?
Опрос
  •   A. Eeyyee
  •   B. Lakki
6 голосов


👩‍🎓👨‍🎓 Qo’annaa Wangeela Yohaannis Kutaa 6ffaa 📖Boqonnaa 1ffaa


📍Koottaa Ilaalaa
[Yohaannis 1:35-51]

🪧Dubbiin dhuga bahumsa Yohaannis Cuuphaa Dhugaa isaaf mul'ate irraa ka'uusa kutaawwan qo'annaa keenyaa darban irratti ilaalleerra. Kanas Yohaannis akkas jedhee dubbata "Ani ofii kootii kana argeera, inni kun ilma Waaqayyoo ta'uu isaas dhugaa ba'eera” jedhe (Yoh  1:34).

🔸Dhugaa ta'uu waan tokko gaafa arginu waa'ee wanta sana nu caalaa dhibbaan dhibbatti amanee kan dhugaa ba'u hin jiru.



📌Dhugaa baatii Yohaannis cuuphaan gara Yesuus kan dhufan akkuma Gooftaan "koottaa ilaalaa" isaanin jedheen isaanis isa wajjiin oolanii arganiiru waan ta'eef cal jedhanii taa'uu hin dandeenye. Kanaanis isaan  warra kaaniifis dubbachuu jalqaban (Yoh 1:37-41).

🪧Yeroo baay'ee lallaba akkasumas mul'ata namootaan aja'iba jennee beekna ta'a; Garuu Nuti mataan keenya akkuma Gooftaan jedhe itti siqne ilaaluuf osoo yaalle; Waanta namoota biroof haasofnu, Gooftaa biraa isa safaramee hin dhumne Mul'ata Jireenyaa baay'ee ni arganna.

🔸Har'a waa'ee Gooftaa dhugaa bahuuf duubatti kan hafne; Gooftaatti Siquu dadhabuu keenyaan goginsi mul'ataa nu mudatee ta'uu danda'a. Furmaanni Isaas Gooftaatti Dhihaachuudha.

📌Mee Laaluuf Akka nuuf Mijatutti Kutaa Kana (Yohaannis 1:35_51) Bakka saditti qooduun mata duree kennineefii haa ilaallu.

1. Hoolaa Waaqayyoo

[Yohaannis 1:35-37]

35 Borumtaas immoo Yohannis bartoota isaa keessaa namoota lamaa wajjin in dhaabata ture.
36 Yohannis utuu Yesus achiin darbuu ilaalee, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo” jedhe.
37 Bartoonni isaa lamaan kana dubbachuu isaa dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an.

🪧Yohaannis Cuuphaan kan inni arge Hoolaa Waaqayyooti. Abrahaam akkuma Waaqayyo isa ajaje mucaa isaa aarsaa gochuuf yeroo jedhutti, Waaqayyo ofi isaati gidduu galee dhiisi erga jedheeni booda ofii isaa Hoolaa aarsaa isa qopheesse itti argisiise (Seera Uumama 22:12-13).

🔸Eeyyee aarsaan keenya xiqqoonii fi guutummaatti jireenya keenyaan Waaqayyoof of kennuun; Waaqayyo irraa isa ta'ee fi Dhalootaaf kan ga'u akka arginuuf nu gargaara.

📌Waaqayyo biyya lafaa oolchuudhaaf gara biyya lafaa kan inni erge; Hoolichi Aarsaa Cubbuutiif ta'u Yesuus Kiristoosidha. Bara kakuu moofaa keessatti namni cubbuu yoo hojjete akka seerichaatti dhagaadhaan wagaramee haa du'u jedha; Haa ta'u malee Karaan inni ittiin adaba du'aa jalaa ba'uu danda'uu fi abdiin isaa Hoolaa gara Luba qabatee dhufu qofaadha. Namni cubbamaan kun du'a hoolichi bakka isaa du'uufiin qofa Jireenya isaa itti fufsiifachuu danda'a (Seera Leewwotaa 4:32-35).

🪧Waaqayyo biyya lafaaf kan inni kenne Hoolichi Faasikaa qalamee, Humna du'aa waan mo'ateef; Amantiidhaan gara isa kan dhufan hundumaaf bara baraan sababa fayyina isaanii in ta'a. Sababni isaa Inni Du'aa Ka'uu fi Jireenya ta'uu isaatiini (Roomaa 6:5, Yohaannis 11:25)

✨Eebbifamaa ⭐


| Kutaa 6ffaa Boqonnaa 2ffaan itti fufa |
|Kutaa darbe (5ffaa) argachuuf |
👉🏼 Kutaa 5ffaa

📝 Robera

|JOIN kan jettu tuquun Chaanaalii Keenyatti makamaa |

LIKE | JOIN | SHARE 
📣GWP MEDIA


Akka Baay'een Keessan Filattanitti amman Isinii Gadhiisa!
Isinimo Share akkasumas react gochuun nu waliin ta'a!❤️


📝Qo'annaan Wangeela Yohaannis Kutaa 6ffaan
Опрос
  •   A. Har'a Haa Gadhiifamu
  •   B. Bor Haa Gadhiifamu
38 голосов


🏵️Macaafni Qulqulluun Kakuu Moofaa Walumaa galatti Kitaabota Meeqa of Keessaa qaba❓
Опрос
  •   66
  •   27
  •   39
  •   81
31 голосов


"Isin warra maqaa koo sodaattaniif garuu aduun qajeelummaa inni qarri isaa fayyina of keessaa qabu isiniif in ba'a; akka jabbii goorana keessaa ba'ees gad baatanii in burraaqxu" Caqasa kana🖕Kutaa M/Q keessaa Eessaa arganna ❓
Опрос
  •   Miikiyaas Raajichaa 4
  •   Muul'ata Yohaannis 20
  •   Faarsaa Daawit 55
  •   Miilkiyaas Raajichaa 4
  •   Wangeela Luqaas 17
24 голосов


💠"CIMII DHAABBADHU!"


✝️ 1Qor.1:8 “Guyyicha gooftaa keenya Yesus Kristos sanatti akka isin warra yakka hin qabne taataniif, gooftichi hamma dhuma barichaatti isin in cimsa.”

🔎 Osoo gooftichi har'a ykn boru dhufee akkam taana laata?


📍Guyyaa gooftaan ulfina guddaadhaan ijoolleesaa gara ofii isaatti fudhachuudhaaf dhufu guyyaa gooftichaa jedhameera. Guyyaa sanatti waanti guddaan na yaachisu garuu eessa dhaabbannee, maal hojjechaa osoo jirruu gooftichi deebi'ee dhufa laata, isa jedhudha.

🪧Warra yakka hin qabne akka taanuuf gooftichi ofii isaa yakka keenya ofirratti baatee fannootti ol ba'eera (1Phex.2:24). Erga yakkicha nurraa fuudhee ofii isaarra kaa'ee eenyuyyuu deebi'ee yakkichaan akka qabamu fedha Kiristoos miti. Kanaaf yeroo inni deebi'ee dhufutti yakka malee argamuun nurraa barbaadama.

📍Mee koottaa of gowwomsuu dhiifnee itti yaaduun nuuf haa ta’u. Kanaaf hamma dhuma barichaatti yakka malee dhaabbachuuf nuyi ofii keenya karaa kamiinuu akka hin dandeenye beekna. Garuu karaan ittiin danda’amu nuuf mul'ifameera. Karichis ayyaana Waaqayyooti (Tit.2:11-12).

🪧Nuyi dadhaboota, takkumaa ofii keenyaan fedha gooftichaa jiraachuu akka hin dandeenye beekna; garuu gooftichi ofiima isaa akka cimsee nu dhaabbachiisus in beekna. Kanaaf ganamaaf galgala, yerootti yeroo malee hafuura qulqulluudhaan guutamnee akkuma jirru kanatti,  kadhannaadhaan fuula gooftichaa deddeebi'uu duwwaatu nu baasa. Ameen!

.......EEBBAAF  TA'AA!!


📝Wabi Gobana || Bible Preaching Site

✨Guyyaa Gaarii Qabaadha!

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


🏵️Macaafa Qulqulluu keessatti "𝐁𝐨𝐪𝐨𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚" jedhamee kan waamamu maalidha❓
Опрос
  •   A) Roomaa 8
  •   B) Faarfannaa 23
  •   C) Fakkeenya 3
  •   D) 1 Qorontoos 13
  •   E) 2 Qoronxoos 13
39 голосов


🏵️Barreessitoota Macaafa Qulqulluu Kakuu Haaraa keessaa Inni Kitaabota caalaatti barreesse eenyudha❓
Опрос
  •   A) Pheexiros
  •   B) Yohaannis
  •   C) Phaawulos
  •   D) Yaqoob
  •   E) Luqaas
41 голосов


✨Mul'ata Yohaannis 21:16

6 Akkasumas, “Ta'eera! Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf.

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


Galaatiyaa 5:24-25


24 Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru.

25 Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya.

Oolmaa Gaarii!!


LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


🫶Maatii Keenya Jaallatamoo, Chaanaalii Keenya #Share Gochuun Namoota biroo bira akka qaqqabu gochuun Akka Isaan Nu Waliin Dubbicha Qooddataniif gargaara🙏🙏

🎇Halkan Gaarii!!

👉🏼https://t.me/Gosp22
👉🏼https://t.me/Gosp22
👉🏼https://t.me/Gosp22

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


🏵️ Boqonnalee isaan qaban irratti hundaa'uun Isa Kamtu 𝐒𝐨𝐛𝐚❓
Опрос
  •   A. Mat:: 28
  •   B. Mar:: 16
  •   C. 1Qor :: 16
  •   D. Mul :: 24
  •   Dan :: 12
20 голосов


🏵️Kanneen armaan gadii keessaa "𝐋𝐨𝐥𝐭𝐮𝐮 𝐉𝐚𝐠𝐧𝐚" jedhamuun kan waammamu Isa kami❓
Опрос
  •   A. Daawit
  •   B. Giidewon
  •   C. Siimson
  •   D. Iyyaasuu
35 голосов


🔥Har'as Waaqayyoon Galateeffachuu Hin Dadhabiinaa! Rakkina fi Yaaddoo Keessanii ol Waaqayyo Inni Hundumaa Danda'u jira!!

Seera Ba'uu 15:2

2 Waaqayyo humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyina koo anaaf ta'eera; inni Waaqayyo koo ti, ani isa nan jajadha; Waaqayyo isa kan abbaa kootii ti, ani isa ol ol nan qaba.

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA

Показано 20 последних публикаций.