Waan Waaqayyoo nu keessatti ilaaluu fedhuu
📖1 Tas 5:16-18 ¯¯¯¯¯¯ ¹⁶ Yeroo hundumaa gammadaa! ¹⁷ Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa! ¹⁸ Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Yesus Kristos kana gochuu keessan in fedha.
✍️ Waan Waaqayyoo yeroo hundumaa nu keessatti arguu fedhu keessaa inni tokko yeroo hundumaa gammaduu keenyadha.
➀. Gammaduu
☝️Kutaa olii kana keessatti gaafa ilaallu, "yeroo hundumaa gammadaa." jedha. Tarii haalonni yeroo hundumaa namaaf mijatoo, yeroo hundumaa kan namatti tolan, yeroo hundumaa kan namaaf guutan, yeroo hundumaas kan namaaf wal qixxaatan ta'uu dhiisuu malu. Haata'u malee macaafni, "Yeroo hundumaa gammadaa." jedha.
✍️ Nu Kiristiyaanota biyya lafaa irraa kan adda nu gadhu, biyyi lafaa, waan biyya lafaa argatanii gaafa isaaniif guutu in gammadu; gaafa dhaban immoo in gaddu. Sababni isaas gammachuun isaanii haala argamu irratti kan hundaa’uudha.
✍️ Nuti Kiristiyaanonni maddi gammachuu keenyaa gooftaa keenya malee haalota keenya waan hin taaneef, rakkina keessatis haa ta'u qannoo, yeroo hundumaa, haala kamuu keessatti gooftaatti gammadna.
✍️Iyyoob garbichi Waaqayyoo kanaaf, "Yeroo isaan amanuu dadhabanitti ani isaanitti nan kolfe; isaan fuula koo isa ifaas lafa hin ilaalchifne.”( Iyo. 29:24) jedhe.
✍️ Namoonni Waaqayyoo maddi gammachuu isaanii Waaqayyoon waan ta’eef, rakkina ulfaataa, ibidda fi haala hin mijanne kamuu keessa dhaabbatanii Waaqayyootti gammadu.
✍️ Kanaaf, Phaawuloosii fi Siilaas mana hidhaa keessa taa’anii Waaqayyoon faarfannaan utuu isaan galateeffachaa jiranii humni Waaqayyoo dhufee hundee mana hidhaa sochoosee; hidhaa isaanii hiikee; hidhaa isaanii duwwaas utuu hin taane, hidhaa warra hidhamaniis hiike. (HoE 16:25-26)
✍Waaqayyootti gammaduun keenya yeroo hundumaa mo’icha fida; kanaafidha Nahimiyaan, “Guyyaan kun gammachuu waan ta’eef, Waaqayyootti gammadaa, gammachuun Waaqayyoo humna keessan waan ta’eef.” Jedha. (Nah 8:10)
☝️Gammachuun keenya, eebbaa fi fayyina nuti waaqayyoon harkaa fudhannuuf murteessaadha.
📖Fak. 17:22 “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa.”
📖 Isa. 12:3 “Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbattu.”
➁.Kadhata
✍️ kadhanni, rakkina keessaa ba’uuf, dhukkubattii fayyuuf yookiin waan barbaannu argachuuf qofa iyya nuti gara waaqayyootti goonu duwwaa utuu hin ta'in, yeroo hundumaa utuu gargar hin kutin akka goonuuf kan nuuf kenname abboommii abboommii kakuu haaraati.
☝Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko Bartoota isaatti hime isaan barsiise. (Luq. 18:1-8)
✍️Yesuus Kiristoos immoo, "Abbaa firdii jal'aan namas Waaqayyoonis hin beekne kun haati Hiyyeessaa kun deddeebitee iyyuu ishee irraa kan ka’e firdii erga kenneefii waaqayyo immoo hammam caalchisee halkaniif guyyaa warra gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasuufiiree?" jedhe.
✍️ Kadhannaa sirriin waan garaa keenya keessa jiru, waan yaanne kadhachuu utuu hin taane, fedha Waaqayyoo kadhachuudha. Fedhi Waaqayyoo immoo yeroo hundumaa jaalala keenya utuu hin taane, jaalala isaa gochuudha.
✍️ Waaqayyoo gaafa gara biyya lafaa kanaatti nu fidu akeeka malee nu hin fidne, akeeka Waaqayyoo nu uumeef sanaaf jiraannee darbuuf immoo yeroo hundumaa jaalala Waaqayyoo of irratti waamuun barbachisaadha.
➂.Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffachuu
✍️Nuyi Kiristiyaanonni, akka warra biyya lafaa, kana taana taanaan lammaffaa dhalachuun keenyas gaaffii jala jira; nuyi namoonni Waaqayyoo wanta hundumaa keessatti Waaqayyoon galateeffachuutu nurra jira.
✍️Kanaaf, Iyyoob garbichi Waaqayyoo ijoolleen isaa, qabeenyi isaa dhumanii harka duwwaatti hafu qullaan garaa haadhakootii dhufe, qullaakoon gara lafaatti deebi’a, Waaqayyootu kenne Waaqayyootu fudhata. maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu jedhe.