EENYUDHA FIRRI WAAQAYYOO?
📖 YOH 15:15 “Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga'e hundunaas isin beeksiseera.”
👉 Ani garboota isiniin hin jedhu,
👉 Garbichi isa humnaan bitamee hojjetu waan ta’eef mana gooftaasaa hin beeku.
👉 Namni tokko firootasaatiif jireenyasaa dabarsee kennuurra kan caalu jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u.
👉 Fira keenya isa dhugaa waan ta’eef ofiisaa dabarsee of nuuf kenne, du’asaatiin lubbuu keenya fure.
👉 Firri afaanii, firri horii fi firri nyaataa baay’eedha.
👉 Firri dhugaan nuuf du’e, firri dhugaan lubbuu keenya fure yesuus qofadha.
👉 Fira fakkaata nama wajjin kan jiraatan, fira fakkaata kan nama miidhan jiru, firri fira caalaa namatti aanummoo jira, innis yesuusidha.
📖 Fakk 18:24 “fira fakkaatanii kan nama balleessan jiru, firri obboleessa caalaa namatti aanus immoo jira.”
✍️ Yesuus fira keenya isa dhugaa waan ta’eef nuuf du’e, qullaa nuuf buusee nuuf dhiige.
🔊 Firri keenya dhugaan isa. Fira keenya dhugaa waan ta’eef inni nuuf yaada.
✍️ Kanaafidha yesuus Alaazaar gaafa du’e, alaazaar fira keenya dhaqnee dammaqsina jedhe
📖 Yoh 11:11“Yesus kana erga dubbatee booddee, "Alaazaar firri keenya rafeera, ani immoo dhaqeen isa dammaqsa" isaaniin jedhe.”
❓ Namoota akkamiitu Fira waaqayyoo ta'u?
➊. NAMOOTA AMANTII
👉 Abram abbaan amantii keenyaa, fooniin sanyii Waaqayyoo hin turre.
👉 Orma nama biyya Uur, biyya kalaadotaa ture. Inni garuu Waaaqayyotti amanuudhaan fira Waaqayyoo jedhamee Waamame. Amantiidhaan fira Waaqayyoo ta’e.
📖 Yaq. 2:23 “Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa, "Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaa'ameef" jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo jedhamee in waamame.”
👉 Karaa abbaan amantii keenya Abram irra dhufe, Eebbas ta’e karaan fayyinaa karaa Amantiiti. Nus mucaa Waaqayyoo kan taane, fooniin irraa dhalannee utuu hin taane karaa amantiiti.
👉 Yesuus jalqaba gara biyya ofiisaa, gara namootasaa dhufe. Isaan garuu isa hin simanne.

❷. WARRA ABBOOMMOTA ISAA EEGAN YKN RAAWWATAN
✍️ Abboommii Waaqayyoo kan hin eegnee, seera waaqayyoorraa kan daddarbuu fira Waaqayyoo ta’uu hin danda’u.
✍️ Dubbii Waaqayyoo dhagaa’anii hojiirra kan hojiirra oolchan hundinuu fira Waaqayyooti.
📖 Yoh 15:14 “Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti.
❸. NAMOOTA KADHATAA
👉 Kadhannaa jechuun jecha. Jechi ittiin kadhatamu sunimmoo dubbii waaqayyooti.
👉 Namoonni jireenya kadhataa qaban, addunyaa hafuuraa isa sirrii keessa jiraatan fira Waaqayyooti.
👉 Waaqayyo akka nama fira isaa wajjin dubbatuutti muse wajjin dubbachaa ture.
📖 Bau. 33:11 “Waaqayyo akka nama firaa wajjin haasa'uutti fuula isaa duraa Museetti in dubbata ture; yommuu Museen iddoo buufataatti deebi'u Iyaasuu ilmi Nun dargaggeessichi isa gargaaru sun immoo balbala dunkaanichaatii hin mittiqu ture.”
Ameen