#
Dhaloota_Feesbuukii fi dhaloota #buukii (#Kitaabaa!)
Jaarraan amma keessa jirru, jaarraa 21ffaa yoo ta'uu, jaarraa #Globalization yookan #addunyummaa jedhamuu dhaan beekama. Wanta fedhii keenyaa akka barbaannetti, yeroo barbaannetti argachuu dandeenya! Ammoo #Tekinooloojiin kunis akkuma galaanaa dhufee waan nurra dhangala'e natti fakkaata. Addattu jaarraa bilbila sochootuu harka keenyaatiin fayyadamnee, ta'iiwwan addunyaa kana maraa #Justnow dhaan hordofaa oolludha.
Yeroo ammaa kana miidiyaaleen hawaasaa (#Socialmedia'n) biyyoota garaa-garaan hojjetamanii, dhalootni halkaniif, guyyaa (Akkuma obbo Shimeen jedhan sana😁) irraa burraaqaa oolludha. Sun ammoo "akkuma faayidaa mataa isaa qabu, dhiibbaas ni qabaata!" Jedheen yaada!
#Akkamitti--?
Akka natti fakkaatetti, miidiyaalee hawaasaa (#Socialmedia'n) hordofnu, wantoonni achirratti barreeffamanii jirani, barreeffamoota sadarkaa #Odeeffannoo (Information) irra hin dabarredha. Keessumattuu, miidiyaalee hawaasaa keessaa #Feesbuukii!
#Erga akkas ta'eetii, sadarkaa odeeffannoo irra dabarree beekumsa #Knowledge) argachuuf maal gochuu qabnaree isa jedhuuf----
Kitaabotni, (#Books) kan jedhaman ammoo, akka miidiyaa hawaasaa osoo hin taane, sadarkaa odeeffannoo irra kan darbee fi sammuu dhalootaa ijaarudha;dhaloota sababatti amanus uumuu kan danda'u #Feesbuukii osoo hin taane; #Book dha!
#Walumaagalatti, beekumsa argachuuf dubbisuu;odeeffannoo argachuuf ammoo #miidiyaalee hawaasaa haa fayyadamnuun dhaamsa barruu kanaati
!
#Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!
✎ join. ❤️ JOIN
✎share. ❤️JOIN
👇👇👇👇👇
🫵
@Kaayyoodhugaa 🫵
@Kaayyoodhugaa