Oduu sportii


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Спорт


ODUU ISPOORTII ⚽️⚽️⚽️
Primier league ⛳️
Laliga ⛳️
Serie A ⛳️
Bundesliga ⛳️
ligue 1 ⛳️
fi oduulee kubbaa miillaa kanneen biroo hunda ni argattuu
Buy ads: https://telega.io/c/odusportii

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Спорт
Статистика
Фильтр публикаций


Репост из: Abduu wave
Oduu Gammachiisaa 🙏

Akkuma kanaan dura beektan mansuur Jamaal guyyaa Har'aa group tokko isiniif banee jira.

Maarree isiniis add member gochuu qofaan badhaafamaa

Badhaasni qophaa'e QARSHII 100k dha. Guyyaa lama qofaafi

Add member gochuu qofaan maqaafi lakkoofsa account keessan erguufii hin dagatinaa.

Linkii
@mansuur_jamaal1
@mansuur_jamaal1


Goolii eegaa Astoon Viilaa lammii Arjentiina Emiliyaano Martiinez badhaasa goolii eega cima bara 2024 injifachu danda'eera.

@odusportii @abhcr297


Aleehandro Garnaacho injifateera !

Taphataan Maanchistar Yuunayitid Aleehandro Garnaacho bara dorgommii darbe goolii Evartan irratti lakkoofsiseen badhaasa Puushkaash injifachu danda'eera.

@odusportii @abhcr297


Fifa best 11 of the year.

Riyaal Maadriid - 5
Maanchistar Siitii - 3
Baarseloona - 1
Astoon Viilaa - 1
Arseenaal - 1

@odusportii @abhcr297


Leenjisaan Riyaal Maadrid Caarlo Ancheelotti leenjisa cima bara 2024 jedhamuun badhafamaniiru.

@odusportii @abhcr297


Vinisiyees injifachu danda'eera !

Taphata Riyaal Maadrid lammi Biraazil Vinisiyees Juuniyeer taphata cima 2024 jedhamuun badhaasa FIFA MENS PLAYER injifachu danda'eera.

@odusportii @abhcr297


“ Mo'ichi nuuf mala turee " Arteetaa

Leenjisaan Arseenaal Mikeel Arteetaan qabxii tapha Evartan waliin taasisan irratti argatanitti gammachuun akka isanitti hin dhaga'amne dubbataniiru.

" Taphicha injifachu dadhabu keenyatti baayyee areera " kan jedhan Mikeel Arteetan taphicha sirritti injifachu qabna ture jechuun isaanii dhaga'ameera.

" Evartan akka isaanii kubbaa kallattii isaa eegattes ta'ee kallatti hin eeganne akka isaan yaalan hin eyyamneef dabalataniis taphicha to'achuu dandeenyeera " jedhaniiru.

" Deeklan Raayis jijjiramee kan ba'ee mirri gaarii waan itti hin dhaga'amneef dha Maartiin Odeegaard garuu kan jijjiramee kan ba'ee Taaktikaaf dha " jechuun dubbataniiru.

@odusportii @abhcr297


Liivarpuul fi Arseenaal qabxii gataniiru !

Dursaan Priimeer Liigii Ingilaand Liivarpuul dirree isaa irratti Fuulhaamiin keessumeesse 2 fi 2 n taphicha xumuru danda'eera.

Gooliiwan Fuulhaam Perieera fi Muuniz yommuu lakkoofsisan kan Liivarpuul immoo Gaakpoo fi Diyoogo Joota lakkoofsianiiru.

Arseenaal Imreets irratti Evartan keessumeesse 0 fi 0 n taphicha xumuru danda'eera.

Arseenaal bara dorgommii kana si'a ja'affaa qabxii hirmachuun tapha xumureera.

Tapha biraattiin Niiwkaastil Yunaayitid Leestar Siitii 4 fi 0 n injifachu yommuu danda'uu Ipswiich Taawun Woolvsiin 2 fi 1 n injifateera.


Sadarkaan Liigii isaanii maal fakkaata ?

1️⃣ Liivarpuul :- Qabxii 36
3️⃣ Arseenaal :- Qabxii 30 
9️⃣ Fuulhaam :- Qabxii 24 

Gooliiwan lakkawaman ilaaluuf - https://t.me/+phSM6ZbdgZJlMDE8

Taphootni isaanii itti aanu maal fakkaata ?

Sanbata - Kriistaal Paalaas fi Arseenal

Dilbata - Tootinhaam fi Liivarpuul

@odusportii @abhcr297


Seeneegal leenjisaa haaraa mudteetti !

- Gareen biyyaaleessa Seeneegal ji'oota dura Aliiyo Siisee aangoo irraa kaasuun isa ni yaadatama. Amma immoo leenjisaa haaraa muddu isaanii gareen biyyaaleessaa Seeneegal ifa godheera.

- Gareen biyyaaleessa Seeneegal taphata isaanii dura Paapee Tiyaaw leenjisaa gareecha gochuun muddeera.

- Paapee Tiyaaw aangoo irraa ka'uu Aliiyoo Siisee booda leenjisaa yeroof ta'uun akka dursee turee ni yaadatama.

@odusportii @abhcr297


Arseenaal taphattootni isa dirreetti deebi'uufi !

- Taphataan sarara ittisa Arseenaal lammii Biraazil Gaabreel Maagaales shaakala hojjechu jalqabuun isa ibsameera.

- Haalaa kanaanis Gaabreel Maagaales garee Arseenaal har'a Evartan keessumeessu keessatti makamu danda'a.

- Riikaardo Kaalafiyoori ilaalchisee " Guyyaa Dooktarootti itti hin deebi'a jedhan ni eegna " jechuun Miikeel Arteetaan dubbataniiru.

- Oleeksaandir Ziincheenkoon miidhama isa muddatteen dirree irraa akka fagaatus leenjisaan Kilabiicha Miikel Arteetaan dubbataniiru.

@odusportii @abhcr297


Leenjisaan cima Priimeer Liigii Ingilaand ji'a sadaasa ifa ta'eera !

- Leenjisaan cima Priimeer Liigii Ingilaand bara dorgommii 2024/25 ji'a sadaasa ifa ta'eera.

- Leenjisaan Kilabii guddicha Marsiisayid Arnee Sloot leenjisa cima ji'a sadaasa jedhamuun filatameera.

- Arnee Sloot Liivarpuuliin dursuun taphoota ji'a sadaasatti taasisee sadan injifachu danda'eera.

- Leenjisaan lammii Neezarlaand Arnee Sloot badhaasa isa jalqaba kana fudhachu danda'eera.

@odusportii
@abhcr297


Taphataa cima Priimeer Liigii ji'a kana ifa ta'eera !

- Taphataan cima ji'a sadaasa Priimeer Liigii ifa ta'eera.

- Taphataan sarara fuldura urjii Liivarpuul Moohamad Saalahn taphata cima Priimeer Liigii ji'a sadaasa jedhameera.

- Moohamad Saalahn taphoota Priimeer Liigii ji'a sadaasatti taasiseen Goolii afurii fi kubbaa tokko mijjeessee kennu danda'eera.

- Moohamad Saalaahn si'a ja'affaa dha kan inni taphata cima Priimeer Liigii ji'a injifachu kan danda'ee.

@odusportii
@abhcr297


“ Kaayil Waaker bira ni dhabanna “ Maanchistar Siitii

- Maanchistar Siitiin taphata isaanii toora Sooshaal Midiiya addaa addaattin arabsoo sanyumma isa qaqabba jiru Kaayil Waaker cina akka dhaabatan ibsaniiru.

- Kaayil Waakar tapha Maanchistar Siitiin Juuventuusin 2-0 injifatame booda arabsoo sanyumma isa qaqabba jiraachu isa toora Sooshal Miidiya isaatti ibseera.

- Taphattichi toora Inistaagirami isa irratti arabsoon isa qaqqaba jiru fudhatama akka hin qabne ibsuun " qaamni wanti kun isa ilaalattu dhaabisu qaba " jedheera.

- Maanchistar Siitiin ibsa gaazexesitootaaf baaseen “ Arabsoowan sanyummaa addaa adda akkasi tasuma fudhatama hin qabu “ jedhaniiru.

@odusportii
@abhcr297


Cheelsiin injifateera !

- Konfireens Liigii Awurooppa tapha 5ffaa Cheelsiin 3-1 Astaana injifachu danda'eera.

- Gooliiwan mo'icha Cheelsii Maark Guehii 2x fi Reenato Viiga lakkoofsisu danda'aniiru.

- Cheelsiin Koonfireens Liigii Awuroppa irratti taphoota 5 taphatte injifachu danda'eera.

- Sadarkaa Koonfireens Liigiitiin meeqafa irra jiru ?

1️⃣ Cheelsii :- Qabxii 15
2️⃣4️⃣ Astaana :- Qabxii 4

@odusportii
@abhcr297


Taphata cima Chaampiyoons Liigii torbee kana !

- Taphataan sarara fuldura Arseenal Bukaayo Saakaan taphata cima Chaampiyoons Liigii torban kana jedhamdhuun filatameera.

- Bukaayo Saakaan tapha Chaampiyoons Liigii torbee kana Moonako waliin taasiseen Goolii 2 fi kubbaa 1 mijjeesse kennuu danda'eera.

- Sadarka isaan ittiin xumuraniis kana fakkaata :-

1ffaa Bukaayoo Saakaan

2ffaa Antuwaan Griizmaan

3ffaa Maayikil Oliise

4ffaa Maarko Bizoot

@odusportii
@abhcr297


Liivarpuul fi Cheelsiin tapha tola-ooltumma ni taphattu !

- Taphattoonni seenaawo Kilabii guddicha Ingilaand Liivarpuul taphatoota seenaawo Kilabii Landan Cheelsii waliin Anfiild Rooditti taphachu yaadu isanii ibsameera.

- Faawundeeshiniin gargaarsa Liivarpuul taphoota akkasii 9ffaa isaa Anfiild Rooditti taasisuuf qopha'uu isaanii ibsameera.

- Galiin taphicha irraa argamu guutuun Faawundeeshini Liivarpuuli fi dhabbatoota gargaarsa Cheelsii jalatti argamaniif akka oolu ibsameera.

- Taphoota 8 kanaan dura godhamaniin Liivarpuul Paawundii Miliyoona 7.5 funaanuun isa ibsameera.

- Taphni Kilaboota laman kana gidduutti taasifamu guyyaa gaafa 13/7/2017 taasifama.

@odusportii
@abhcr297


Kiliyaan Mebaapeen miidhamni akka isa muddate ibsameera !

- Taphataan lammii Faransaay Kiliyaan Mebaapeen miidhamni cinaa isa irratti isa muddachuun isa ibsameera.

- Kiliyaan Mebaapeen tapha Atalaanta irratti miidhama isa muddateen boqonnaa dura jijjirame ba'uun isa ni yaadatama.

- Sababa kanaanis Kiliyaan Mebaapeen guyyoota hin murtoofneef garee isaaf tajaajila laachu akka hin dandeenye ibsameera.

- Sababa kanaanis tapha Laaliga Riyaal Maadrid Raayo Vaayokano waliin taasisu akka isa darbu ibsameera.

@odusportii
@abhcr297


Turtii Alfoonso Deevis Baayer Muunik keessattii ?

- Taphataan Baayeer Muunik lammii Kaanada Alfoonso Deevis waliigaltee inni Kilabicha waliin qabu dhuma bara dorgommii kanaatti hin xumurama.

- Taphattichi hammayyuu waliigaltee isa hin haaromsine turtii isaas shakkii irra jira.

- Kilaboonni Laaliga Riyaal Maadrid fi Baarselonaan taphaticha mallatteesisu ni barbaadu.

- Dabalataanis Maanchistar Yuunayitid fi Liivarpuul taphaticha irratti fedhii agarsiisaniru jechuun Ze Atiletiks gabaasera.

- Baayer Muunik taphattichi akka inni waliigaltee isaa haaromsu ammaniiru , Taphatichis Kilabicha keesaatti gammada dha.

@odusportii
@abhcr297


Taphataan cima Chaampiyoons Liigii torbee kana eenyu ?

- Taphootni Chaampiyoons Liigii torbee kana itti fufu taasifamniiru.

Taphootni torbee kanaas yommuu xumuraman taphattootni cicimo kadhimammo torbee kana ifa ta'aniiru. Isaanis

● Maayikil Oliise ( Baayer Muunik )

● Bizoot ( Breest )

● Antuwaan Griizmaan ( Atileetiko Maadrid )

● Bukaayo Saaka ( Arseenal )

Eenyu ta'a jettani yaadu ?

@odusportii
@abhcr297


Baayer Muunik goolii eegan isa miidhamni isa mudateera !

- Goolii eegaan kilabii Bundas Liigaa Baayer Muunik yeroo kamii Maanuel Nuweer miidhamni akka isa muddate leenjisaan Kilabicha Viniseent Kaampaaniin dubbataniiru.

- Goolii eegaaan kun tapha yeroo darbee Kilabichi Baayeer Leeverkuseen waliin taasise irraatti taphata waliin walitti bu'iinsa uumameen miidhamni lafee cabuu isa mudachuun gabaafameera.

- Sababa kananis Maanuweel Nuweer 2025tti akka dirreetti deebi'uu gabaafameera.

Baayer Muunik bor galgala sa'atti 5:00tti Shaakatar Doonesk waliin akka taphattu ni beekama.

@odusportii
@abhcr297

Показано 20 последних публикаций.