OGEETTI


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Образование


HAADHA MANAA OGEETTII! Gaa'ela milkaa'af. Channel view kan jedhu tuqi! Join godhi!
Contact: @GAAFFIFDEEBI

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Образование
Статистика
Фильтр публикаций


3, ❤️Haadha manaa ogeetti.❤️

Haadha manaa gaari akkasumas dubartii gaaridha. Hawaasaf, firaaf alagaaf akkasumas abbaa manaa isheef gaaridha. Ogummaatin mana ishee bulchiti. Yaada hamaaf iyyuu deebi gaari waan laattuf manni ishee gabiitti jiraata.
Ogummaa ishee keessa kan ba'ee mullatu:

1, amala abbaa manaa ishee beekti. ni  kabaji. Ni kabajii jechuun amalli sun gaaridha jechuu miti. Hamaas ta'uu gaari amala isaa dandeesse karaa gaari jiraachisti., amala badaa isaaf qoricha isaa beekti.

2, yeroo marii abba manaa isheef mijatu beekti. Dhiiraf yeroon hundumtu haadha manaa isaa waliin mariyachuuf isaaf hin mijatu. Yeroo baayyee dhiirri Yaada dhiyaatu tokkoof deebi nagaa kennuuf ykn marii milkaa'aa taasisuf miirri inni keessa jiru murteessadha.
Fkn
👉bakkeetti ykn biirootti nama biraa walin wal lolee ykn aare yoo gale dafee maati osaaf saganta marii hin dhiyeessu.
👉Beelaye ykn dadhabee yoo gale amma nyaate boqotutti mariif eyyemama hin ta'u.
👉Ciisichi ykn wal qunnamtin gaa'elan hin gammanne yoo ta'e mareef karaa hin laatu.

Yaaduma guddaa fi ulfaata ta'e akkasumas dhimmi sun isa ilaallatu yoo ta'e iyyuu yeroo itti hin tolle sanatti "ano hin beeku" jedha, ykn jalaa callisa. Yeroo kana immoo yoo miira isaa hubatte malee haati mana jeeqamte lola biraa kaasu dandeessi.
3,......
http://t.me/ogeetti_jaalala


Itti fufa


Haadha manaa Ogeetti!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Dubartoonni baayyen dubarti gaari dha malee haadha manaa gaari miti.
Dubartonni haala jireenya isaanitin:
1, Dubartii Gaari qofa
2, haadha manaa gaari qofa
3,dubartii gaari; akkasumas haadha manaa gaari.
4, haadha mana gaaris dubartii gaaris kan hin taane.
Ta'anii jiraatu. Qabxii madaalli kana hawaasa fi abbaa manaa isaani biraa qabu.
🛌🛌🛌🛌🛌🛌🛌🛌🛌
1👉Dubartii gaari qofa. Dubartii gaarii qofaa kan jennu, hawaasa naanno isheetin qabxii madaallii isheef galmaa'eenidha.

🙌🙌🙌🙌 Bakkee keessatti kan akka ishee hin jiru. Hawaasa  naanno ishee keessatti jaallatamuudhaf baayye dhamaati.
😩Mana keessa immoo abbaa manaa abidda irra keesse buddeena itti bilcheessiti.
😌Boqonnaa malee jiraachifti. Mullatee Dubbi ta'ee jaarsummaatin akka hin hiikamne jallinni ishee irratti beekamuu dhiisu danda'a.
😂Yoo barbaachisaa ta'e ijoolle ishee of duuka buuste abba manaa ishee acuucci.
🤭Kabaja hin laattuf,
😂akka ijoollen abbomamanif hin gootu,abbaa gaari miti jettee ijoolle isheetti himti.

😂ollaattis ta'u hawaasa keessatti maqaa isaa kaasu hin barbaaddu.
👴utuu isheef danda'amee hooggansa maati fudhachuudhaf waan hundumaa dura fiigde murteessu yaalti.
👎👎👎Dubartiin akkasii haadha manaa gaari miti. Garuu akka iddii bakkeedhaan qofa waan bareedduf hawaasa keessatti dubarti gaari jedhamu dandeessi. Hiddii bakkee malee keessi ishee bareeda miti. Abbaan manaa ishee garaan isaa gubachuu irra darbee,  hiriyaa isaa kan baayye jaallatutti boo'e hamma ishee himatutti miidhamee jiraata. Isheen akkasi kun haadha manaa ogeetti miti.
🙅🙅‍♂🙅‍♂🙅🙅🙅🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅🙅‍♂🙅🙅‍♂🙅🙅🙅‍♂🙅🙅‍♂🙅🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅‍♂🙅🙅🙅

2, haadha manaa gaari qofa. Isheen kun abbaa manaa ishee qofaaf gaaridha.  Namni biraa isheef waayyu miti. Fira jaallachuu fi rakkoo isaani qooddachun isheedhaaf ba'aa ulfaatadha. Yoo barbaadde fira abbaa manaa iyyuu loltee of irraa faccisuuf hin saalfattu. Hawaasni naannoo ishee qucaacummaa ishee kana irratti waan beekaniif, waan baayyee irraa hin abdatani. Yoo abbaan manaa firaaf waan gaari tokko godhe abba manaa ishee ni adabdi.mana isheef dhama'achuu ni jaallatti. Jireenya hawaasummaa baayye hin qabdu. Namoonnis kan waliin jiraatan ishee jaallatanii utuu hin taane sodaatani ykn abbaa manaa ishee kabajanii ta'uu danda'a.Abbaan manaa ishee nama biraaf ykn maati isaaf illee  garaan isaa jibbaan akka guutu jechoota dubbii kaasan dudubbachuu ni jaallatti. Jibbaa uumudhaan baayye gammaddi. Isheen kunis haadha manaa ogeetti miti.

3,

Itti fufa


Tole mee waa'ee haadha manaa Ogeettii waan xiqqoo erga ilaalle booda itti deebi'an!http://t.me/ogeetti_jaalala


6, irra deddeebi'ee waan ati hin qabneen si jajuu ykn ol si kaasuu baayisa yoo ta'e,  sayikolojii jaalalatin si bituu yaadeeti itti yaadi. Manni ashawaa fi simmintoo qulqulluu hin taaneen ijaarame dafee jiga. Biyyoon ashawaa keessa kanaaf miicama. Namichi miicamuu qaba.
7, Waa'ee waan tokkoo irratti kan harra sitti aasa'e yeroo biraa immoo hirraanfatees haata'u bareechuuf jedhe jijjiiree yoo sitti haasa'e sobaan si burjaajessuu barbaadeeti, akeekkadhu......

Itti fufa

http://t.me/ogeetti_jaalala


OGEETTI:
Waan si jaallatu fakkaata!

Fakkaata jechuun ta'eera jechuu miti. Namoota baayye yeroon ilaalu waan tuubboon jaalala qaama isaani hundumatti godhame fakkaatu. Miira daqiiqa muraasa fayyadamanii sin jaalladha namaan jedhu. Miiraan oogganamnaan sin jaalladha jechuun hin barbaachisu sin fedhe ykn sin barbaada jechuudha malee. Jecha sin jaalladha jedhu bakka galuu hin mallee galchanii jaalala waan burjaajessaniif  namoonni dhugaadhan nama  jaallatan yaada isaani ibsachuudhaf baayyee rakkatu.namoonni akkasii Rabsitoota jaalala fakkatani nama ija isaaniitti tole hundumaa hawwaa fi jechaan burjaajessa jiraatu. Gama kanaan kanan baayye komadhu dargaggoota dhiirati. Shamarranis waan dhiirri dubbate akka sagalee waaqatti waan amananiif yakka raawwatame kana jalaa bilisa jechuu koo miti. Boor gaa'ela ijaarte akka jiraattu beekun harra dirree gaa'ela seeni bara eeggadhu jechuu miti. Dirree gaa'ela seenani itti jiraatu malee bara gaa'elaa eeggatu miti.

Hanqaaquun ykn killeen yeroo ilaalan ni bareeda, yoo bilchaates ni miyaawa. Lafa bu'ee yoo cabe garuu irratti tufanii bira darbuu malee ijaan iyyuu ilaaluf namatti hin tolu. Garaajis hin qabu. Yaa Shamarree of eeggadhu! Yeroo baayyee dhiirri gaaffi jaalala yeroo siif dhiyeessu dafe gara yaada kee kan dhufu gaa'ela akka ta'e ani iyyuu beeka. Innis yeroo si gaafatu akka waan harra si fudhatee galuutti jechoota si amansiisan walitti qindeesse sitti hima. Akka waan guyyaa gaa'elaa qabate si bira  dhufeetti muddame yeroo si muddu dhugaa sitti fakkaate tole jechuu dandeessa. Erga ati tole jettee immoo sababa funaanuutin si amansiisuu fi of jala si oolfachuu jalqaba. Miilake jala taa'ee si kadhate erga ati tole jettee immoo qolee kee irra taa'ee si bulchu amala dhiira isa dhokataadha. Gaaffi dhiirri si gaafatu keessaa Gaa'elli mata duree ta'ee dhufa taanan dhaabadhu itti yaadi. Deebi ofii kee isaaf kennitun milkaa'uu fi miidhamu kan si dandeessisu bakka ati jirtu dha. yeroon isaa siif yeroo ati gaaffi kana deebisuuf ga'umsa qabdu miti yoo ta'e miidhamu dandeesssa. Baayyeen ijoolle shamarrani warri umuriin bilchaato hin taane gaaffi jaalala maalin deebisu beektu? Gochaa dhan deebisu. Gaaffiin jaalala eyyee ykn lakki tin deebi'a malee......

Leave commen kan jedhu tuqxani yaada naaf laachu ni dandeessu
Galatooma.
Itti fufa.

http://t.me/ogeetti_jaalala

Akeekkadhu!

Waan si jaallatu fakkaata kutaa 2ffaa , ammas shamarraniif

Hariiroo jaalala jalqabuuf yeroo jettu dhiira:

1, yeroo kan  siif hin laanne, akkuma sin wal bareen ykn gaaffi jaalala sif dhiyeessen ariifate si mudda yoo ta'e, miiraan oogganama jira ykn hinaaffaa ykn na darbuu hin qabdu yaada jedhu keessa jira ta'a. kanaafu Yeroo tasgabbaa'u fi harka keessa si galfatu si dagachuu fi filannoo biraa deemuu waan danda'uuf daftee hin kufiin. Namni akkasii suusi shamarran aasofsiisu qabaachuu danda'a. Adda baafadhu!

2, yeroo hundumaa ol of kaasuutin qabeenya isaa,maati isaa, fi hiriyoota isaa sitti dhaadata yoo ta'e, maatin koo waada naaf galaniiru waan akkasii naf kennuuf,waan akkasii immoo naf bituuf jechaa jiru jechuu jaallata yoo ta'e, akka waan si bitachaa jiruutti ykn kana irraa hin haftu jedhuutti yaada jira ta'uu danda'a. 
3, gaaffi jaalala sii gaafateef da'ootti wal agarree waa raawwachuutin deebi waliif laanna jedha yoo ta'e, deemsa gaa'ela isa sirrii irraa waan maqeef akeekkadhu. Da'oon daana'oo shamarraniiti.

4, amma adeemsa jaalala jalqabne adeemsa keessa gara gaa'elaatti dhufna jedha taanan akeekkadhu, Gaa'elli yaali keessa milkaa'a utuu hin taane mirkaneffatte fi milkeeffatte itti galta. Ati nama yaali jaalala irratti geggessan miti.

5, tajaajilaa ykn nama waaqayyoo fakkaatee raajummaa fi lallaba sitti baayisa dhufa yoo ta'e, adda baafadhu, Gaa'elli raajummaan hundeeffame baay'een hin jiru. Waaqayyo jalqabatti waantota baayyee "kun haata'u" jedhee uume. Fknf ifni haata'u jedhe. Kun sagalee raajummaati, garuu nama itti yaade harkaan hojjete. Yewaanin gaafa tolches sagalee itti baasu wallaalee Addaamin raffisee irraa tolche miti. Gaa'elli adeemsa mataa isaa danda'e qaba.


Rakkoon nama kana maalidha jettanii yaaddu?




☘🍀🍀Manaa fi badhaadhummaa abboota irraa in dhaalu, haati manaa hubattuun garuu kennaa Waaqayyoo ti.❞
Fak. 19: 14
http://t.me/ogeetti_jaalala
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅


🌹❤️Galgala tokko mooraa keessa waliin naanna'anii bashannanu jalqabani.harka ishee mudhii isaatti martee hammattee deemaa utuu jirtuu,dhugumaan harka ishee qabee mudhii isaa irraa hiikee, harka isaa mirgaatin harka ishee bitaa, bitaa isaatin immoo mirgaa ishee qabee dhaabate.caallisee ija ishee keessa ilaale,"Ogeettii koo" jedhe,isheenis jalaa owwaachuudhaf dadhabde hudhamte. Ija isaa keessa ilaaltee dhabatte, innis akkas jedhee jalqbe

👉jaalalli aarsaa qaba
👉aarsaan wareegama qaba
👉wareegamni yaadannoo qaba
👉kan yaadatu seenaadha
👉seenaan kunuunsa barbaada
👉kunuunsi galma ga'insa barbaada
👉galma ga'uun milkaa'uudha
👉milkaa'insi hojii barbaada
👉hojiin karoora barbaada
👉karoorri itti yaadu barbaada
👉itti yaaduun of kennuu barbaada
👉of kennuun hojicha raawwachuufidha.
👉hojicha raawwachuun marii barbaada
👉mariin wal dhaga'uu barbaada
👉Wal dhaga'uun immoo jaalaladha.
👉wal dhageenya yoo ta'e waan bundumaa waliif galteedhan jiraachuu waan dandeenyuuf wal jaallachuu maaltu nu dhorkaa Jedhee gaafate.isheenis .....🌾💐🌼🌼🌻🌻🌹🌹🌷🌹🥀🥀🥀🌼💐🌹🌹https://t.me/ogeetti_jaalala


warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.❞
Isa. 40: 31


☘🍀❤️Uma. 2
²⁴ Kanaafis dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u. Namichii fi haati manaa isaa qullaa isaanii turan, lamaanuun isaanii garuu wal hin saalfatan.❞
https://t.me/ogeetti_jaalala


Haati manaa dandeessuun abbaa manaa isheetiif gonfoo dha, isheen yeellaasiftuun garuu, akka dhukkuba lafee bososiisuu ti;❞
M.Fak. 12: 3
https://t.me/ogeetti_jaalala


💟💔Nagaan isiniif haata'u kabajamoo maati chaanneli Ogeetti!
Gaaffilee heedduun dhiyaachaa jiru. Gaaffilee kanaaf walumaan deebii akka itti laannu abdiin qaba. Duraa duuban waan deebifnuuf obsaan wal eegu akka qabnu asumaan wal yaadachifna

Gaaffiin yeroo lamaaf irraa deebi'ee dhiyaate, "jaalalli jaama dha jechuun yeroo maal ta'udhaa? Kan jedhudha
👉, jechamoota jaalalli ittin beekamu keessaa tokko jaalalli jaamadha kan jedhamu dha. Jechi kun waan lamaaf(2) dubbatamuu danda'a.
1, jaalalli filannoo dhuunfaa waan ta'eef namni ati jaallatte nama biraa biratti hin jaallatamne ta'uu danda'a. Yeroo kana namni biraa sun si ilaalee akka ofi isaatti si yaade, maalif nama kana jaallatte jedhee akka comment si gochuutti ni dubbata.
2, gochaa jaalalli nama nama jaallate irratti raawwatutu jaama isa jechisiisa. Namni jaalala dhugaa nama jaallate waantoota muraasa kanneeniif jaamaa jedhamuu danda'a. isaanis:
1, namni nama jaallate nama jaallate sana malee nama biraa jaalalaaf hin ilaalu.
2, mudaan nama jaallatame sanaa jaalalaan waan aguugamuuf hin argamu. Kanaaf utuu hin jaallatin dura ilaallachuun gaaridha. Sababiin isaas yoo jaalalli qabbanaa'eef mudaan sun mullachuu danda'a.
3, namni nama jaallate; nama jaallate sana qofa yaada malee namni biraa maal akka isaan jedhu hin yaadda'u. Nama hin saalfatus. Namni yoo bira jiraate iyyuu jaalallee isaaf bakka guddaa kenneefi taphachiisa


💟💟Gaa'ela Eebba qabu dheebodhu☘☘❤️


🌹🌹🌹🌹❤️Jaalala! 🍀🍀🍀🍀


💜


❤️✅❤️Waan Of harkaa qabdu jabeessi qabadhu! Yeroo of harkaa qaban waan guddaa hin se'ani, Warqiin Of harkaa qaban sibiila fakkaatti! Jaalala fi jaallallee kee kunuunfadhu!☘☘🍀🟣💋🟣🍀🍀🟣☘☘☘💋💋🌼🌼🌼💋💋🌼🌼🌼🌼🌼🌼

https://t.me/+QNXXug-yutQyNmVk


Dhukkubni lafee dhukkuboota jiran keessa baayye sodaachisaa fi kan boqonnaa namaaf hin laannedha. Lafeen namaa yoo cabe jireenya namatti dukkaneessa, obsa nama dhowwata, hamma fayyutti aaduu fi dhiphachuun itti fufa. Gaafa fayyan uffeee natti fureera jedhu! Haati manaa lafee cinaachaati. Ati gaa'ela hin qabdu taanan boqonnaa fi gammachuu maali qabdaree? Lafeetu lafee irra cabee qofaa jira waan ta'eef dhiphachaa fi rakkachaa jirta. Kanaafidhaam kan Addaam namichi jalqabaa haadha manaa argatee "amma reefuu ta'e" jedhe!
Gammachuu isa caalu argachuuf jireenya Gaa'ela filadhu!

https://t.me/+QNXXug-yutQyNmVk


Jaalalli yoo si qabe ati cimaa ykn dadhabaa ta'uu keetin miti. Kennaa uumaman si keessa jirutuu yeroo isaatti of mulliseeti malee. Ciminnii fi dadhabinni kee akkataa jaalala qabannaa fi itti fayyadama keetin madaalama. Jaalala si keessaa fi jaalallee kee seeran qabadhu.
https://t.me/+QNXXug-yutQyNmVk


Siimboof miidhaginni qaama alaatin mullatu ni darba, jijjiiramuus danda'a. Gammachuun achirraa argamus muraasa. Dubbiin ogummaan guute garuu laphee nama qabbaneessa. Gaa'ela jaalalaaf gammachuun guutef lafee dugdaati.
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹☘☘❤️🍀🟣🍀🟣🟣❤️❤️❤️https://t.me/+QNXXug-yutQyNmVk

Показано 20 последних публикаций.