Oromia Communications Bureau


Гео и язык канала: Эфиопия, Сомалийский
Категория: Новости и СМИ


This is official Telegram page of Oromia Communications Bureau

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Сомалийский
Категория
Новости и СМИ
Статистика
Фильтр публикаций












Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 8ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa taa'aa jiruun gabaasa qaama raawwachiistuu irratti mari'achuun raggaasiseera.




"Oomishaafi Oomishtummaa dabaluuf hojii hojjetameen bu'aan jajjabeessaa argamaa jira"
Obbo Awwaluu Abdii
==
Oomishaafi oomishtummaa dabaluun kan alaa galu bakka buusuuf hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoo galmaa'aa jiraachuu Pirezidaantii Itti Aanaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Pirojektoota buleeyyii rakkoo dizaayiniifi kontiraaktarootaan wal qabatee dhaabbataniifi harkifatan qorachuun tarkaanfii fudhatamaa jiruun akka xumuramaniifi tajaajilaaf banaa ta'an taasifamaa jiraachuu Obbo Awwaluun eeraniiru.

Rakkoo kenna tajaajilaa jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Obbo Awwaluun tajaajila.uummataaf keennamu teeknolojiidhaan akka deeggaramu taasifamaa jira jedhan.

Tajaajila mootummaa qaqqabamaa taasisuuf gurmaa'insi Gandaa haaraa hundaa'uun dhiyeenyaan tajaajila kennuuf hojii hojjetameen bu'aan jajjabeessaa argamaa jiraachuus Obbo Awwaluun ibsaniiru.






"Ji'oota ja'an darbanitti miseensota Buusaa Gonofaa mi.4.8 ol horatameera!"

Shimallis Abdiisaa,PMNO










Tajaajila Lammummaatiin hojiin qarshii Biliyonaa 200 olitti tilmaamamu raawwatameera
==
Mootummaan naannoo Oromiyaa baajata murtaa’aa jiru karaa qusannaafi of-eeggannoo qabuun hojiirra oolchuuf yaaliin taasise keessatti hojiiwwan tajaajila lammummaatiin raawwatamu milkaa’ina argamsiiseera.
Ji’oottan jahan darban keessa tajaajila lammummaa daran cimsuudhaan humna, beekumsa, ogummaafi qabeenya qabu walitti qindeessuun hojiiwwan garaa garaa qarshii biliyoona 222.95 tilmaamamu raawwatameera.




Qondaaltonniifi humni WBO qawwee gadi qabanii harka nagaa olqabanii boqonnaa haaraa qe’ee Oromootti saaqan isaan gootota yeroo hundaati: Pirezidaant Shimallis Abdiisaa
=

Oromoon itita aadaafi dudhaa beekumsa ganamaan masakamee nagaafi nageenya tiksa. Ooltee bultee isaa keessattis nagaaf iddoo olaanaa kan kennu qofa osoo hin taane nagaan kan waaqatis jedhee uummata amanudha. Kanaafis nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi jedhee kan darbeef galateeffachaa kan dhufuufis ni kadhata.

Uummata nagaa jaallatu, nagaaf bulee nagaas lallabuu fi nageenyi bu’uura waan hundaa ta’uu tolchees beekuudha.

Haata’uu malee, waggoottan darban keessa humni hidhatee socho’u Qe’ee Oromoo qe’ee kabajaafi safuun beekkamtu keessatti safuu cabsuun haadhaa hiyyeessaa boochise, kan horee dafqa isaa nyaachuu dadhabee gochaa sukanneessaatu irratti raawwatame.

Gochaa kana qolachuudhaaf mootummaan harka tokkoon hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjechaa; gama biroon obsaa fi bilchinaan carraawwan karaa nagaa hunda duguugee itti fayyadamuudhaan waamicha yeroo adda addaa irra deddeebiíin dhiyeessaa turee jira. kanaafis harka nagaaf diriirse osoo hin dachaafatiin daandiin nagaa filannoo hin qabu kan jedhu bu'uuuraan itti amanee hojjechaa tureera.

Ummanni keenyas gidiraa guyyaa guyyaan irra gahaa jiru balaaleffachuun Farda lugaamee, Qotiyyoo camadee, Gaammee baasee, Dargaggeessatti Qanbarrii hidhee akka aadaatti waamicha nagaa taasisaa turee jira.

Mootummaan naannoo Oromiyaas gaaffii uummata isaa eeyyantaa guutuun fudhatee qondaaltoota waraana bilisummaa Oromoo gaaffii nagaa simatan wajjin waliigaltee nagaa mallatteessuun boqonnaa haaraan saaqamuu danda'eera.

Qondaaltonnii fi miseensonni waraana bilisummaa Oromoo qawwee gadi qabanii gaaffii araaraa simatan isaan dhugumaan gootota yeroo hundaati. Gaafa diinni jibbiinsa Oromoo fi sabootaan machaa’ee keessaa fi alaan ilkaan nutti qaratu; roorroo uummataa ofiirraa deebisuuf araaraan uummatatti makamuu caalaa aantummaa fi quuqama uummatummaa gochi agarsiisu hin jiru

Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna WBO bwaamicha uummataaf kabaja kennitanii nagaan dhuftan hundaaf maqaa kootii fi maqaa Ummata Oromootiin galatoomfachuun barbaada.

Mootummaan keenya humna waamicha karaa nagaa filatee galeef waliigaltee araaraa taasifame hojitti hiikuu irratti kan argamu yommuu ta'u; kanaafis koreewwan garaa garaa dhaabbatee hojiin haaromsaa gadi fageenyaan hojjetamaa jira. Leenjii haaromsaa kanaan ajandaawwan dhimma biyyaa, dhimma misoomaa fi nageenya keenyaa irratti waligaluun milkaa’inasaafis xiyyeeffannaan hojjetamaa kan jiruudha.

Mootummaan keenya ammas taanaan qaama waamicha karaa nagaa fudhatee karaa nagaan nan qabsaa’a, garagarummaa jiru marii fi marabbaadhaan hiikuuf waliigaltee araaraa raawwachuuf fedhii qabu jiraannaan faayidaa ummata keenyaatiif jecha balballi keenya banaa ta’uu ibsuun barbaada.

Uummanni naannoo keenyaas qilleensa nagaa bubbisuu eegale sadarkaa boodatti hin deebine irraan ga’uuf tumsa irraa eegamu hunda taasisuu qaba.




Jal’isii Bonaatiin Lafti hekt. miliyoona 2.9 hanga ammaatti Qamadiin misoome
==
Naannoo Oromiyaatti misooma misooma Qamadii Boneetiin hanga ammaatti lafa hekt. Miliyoona 4 misoomsuuf karoorfame keessaa qophiin lafaa heektaara miliyoona 3.2 kan taasifame yoo ta’u lafti heektaara miliyoona 2.9 sanyiin uwwisameera.
Misooma Jallisii Boneetiin Bara oomishaa 2016 keessatti oomisha Qamadii lafa hektaara miliyoona 2.8 jal’isiin misoome irraa callaan kuntaalli miliyoona 102.2 argamuu danda’eera. Bara kanas muuxxannoo waggaa darbee dachaan dabaluun lafa hektaara miliyoona 4 misoomsuuf hojjetamaa jira.

Показано 20 последних публикаций.