Sammuu Qulqulleessuu
~Akkuma uffanni keenya xuraawu,sammuun ilmq namaatis ni xuraa'a.
Uffata xuraa'e saamunaadhan miicinaan ni baasa sammuu xuraa'ehoo maalin qulqulleesina?
Wantoota sammuu kee keessatti kuufamanii bakka milkii kee irraa si dhoogan heddutu jira.
Qaamonni akka sammuun kee xuraawuuf gahee taphatan immoo:_
~Haala guddina kee
~Naannoo kee
~Mana baruumsaa
~Manneen amantaa
~Aadaa
~Maatii
~HiriyootaHubadhu, Isaan asii olitti yaamne kunniin sammuu xuraaye qulqulleessuf illee gahee isaanii ol aanaadha.
~~
Sammuu koo qulqulleessuuf maaltu narraa eeggama.
Sammuu keenya qulqulleessuuf gochi inni duraa xurii sana ofirratti argee jijjiruuf murteessudha.
Sana booda wantoota gadii kana raawwachuu
🌱Kitaabota xiinsammuu dubbisuu
🌱Ilaalcha nan danda'a(I Can) jedhu gabbifachuu(Tarii gochawwan adda addaa irratti hirmaachun ta'uu danda'a)
🌱Namoota mul'ata qaban waliin hidhata uumuu
🌱Leenjiwwan ijaarsa dhuunfaa fudhachuu
Thought Power