Kanan deemee sirraa baheef
Kanan jooraa baraa taheef
Wanti ani si komadheef
Sababni ani si dhokadheef
Na hubachuu waan diddeefi
Anaan ooduu waan fiddeefi
Miirota koo waan wallaaletifi
Jaalala koo waan awwaaltefi
Waan harki kee na ganeefi
Waan amalli kee naa gameefi
Malee ............
Miidhaa kee tasa hin yaanne
Si miidhufis ani hin yaallee
Ani ammas......
Ati miira kee sirreessina
Jaalala koo mi'eessinaan
Akka kalee gaarii taanan
Miironni kee anaaf naanan
Waa'een koo yoo siif gale
Orma hin fedhu an si malee
Garuu..........
Akkuma kalee bultee deemnan
Gola namaa ati seennan
Ati jijjiirran dhibeen fayyaa
Si firraarra orma wayya
Hilkaan seeqaa yoo na miite
Yaadan qabdee yoo na hiite
Waliin hin waarru.......
Mana ta'aa ala ilaalaa
Fira akkasiirra orma caala
☔️☂️☂️☂️☂️☂️☂️☂️☔️
➪
@Wiirtuu_wolaloo 🦋
➪
@Wiirtuu_wolaloo 🦋
☔️🦋🦋🦋🦋🦋🦋🦋☔️