Yerusaalem Haaraa


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Религия


Barnoota Dhufaati Goofta Yesus, Dhugaa Wangeelaa, Taate Bara Dhumaa, Qo'annaa Macaafa Qulqulluu, Kitaabilee hafuuraa PDF fi kan kana fakkaatanidha.
Buy ads: https://telega.io/c/Yerusaalem_Haaraa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Религия
Статистика
Фильтр публикаций


Yosefif_aboon_kenname

Uma. 41; 38 - 43
Mootiin Gibxii ergasii hojjetoota isaatiin, "Nuyi nama hafuurri Waaqayyoo keessa jiru akkasii kana argachuu in dandeenyaa?" jedhe. Mootiin Gibxii yommus Yoseefiin, "Erga Waaqayyo kana hundumaa akka ati beektu godhee, namni hubataanii fi ogeessi akka keetii hin jiru; ati mana koo irratti gooftummaa in fudhatta, sabni hundinuu akka ati ajajjutti in abboomamu, ani immoo teessoo mootummaa koo duwwaadhaanan si gararraa jira" jedhe. Mootiin Gibxii ammoo Yoseefiin, "Kunoo, ani guutummaa biyya Gibxii irratti aboo siif kenneera" jedhe. Kana booddee mootiin Gibxii amartii mallattoo isaa harka isaattii baasee, harka Yoseefitti in kaa'e; uffata quncee talbaa ba'eessa irraa hojjetames itti in uffise; dirata warqees morma isaatti kaa'eef. Konkolaataa isa kan isaatti aanu irras isa teessise; warri fuula isaa duraa labsanis, "Gad jedhaa, qoomma'aa!" in jedhu turan; mootichi akkasitti Yoseefin guutummaa biyya Gibxii irra kaa'ee, aboos kenneef.

“Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha.”
Yoh. 1:12
namnii yesusin qabu aboo qaba.

Ameen.


📖 Ibr. 12:2 Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.
❓MAALTU AKKA NAMNI IJASAA GOOFTAARRAA KAASU NAMA GODHA?
➀. JAALALA BIYYA LAFAA
📖1YOH 2:15-17 Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru. ¹⁶ Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba'a malee, abbaa biraa hin ba'u. ¹⁷ Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.
👉 Biyya lafaaf waan biyya lafaatti hidhamuun akka namni ijasaa waaqayyorraa kaasee waan biyya lafaarra akka inni ijasaa kaa’u nama godha.
👉Deemaas biyya lafaa jaallachuurraa kan ka’e ergama wangeelaa dhiisee Tasalooniqee keessa bade.
📖2 xim 4:9-10 Ariitiidhaan gara koo dhufuuf dhama'i! ¹⁰ Deemaas biyya lafaa kana jaallatee, ana buusee mandara Tasaloniiqee dhaqe; Kiresqes biyya Galaatiyaa, Tiitoosis immoo biyya Dalmaatiyaa dhaqe.
➁. QABEENYA YOOKAAN HORII JAALLACHUUDHA
👉‘COMFORT ZONE’n Jireenya hafuuraaf balaa qaba.
👉Namoonni baay’een rakatanii utuu hin taane quufa keessatti waaqa irraanfatu.
👉 Isra’elonni yeroo mana gurbammaatii ba’an sana utuu hin taanee, mana garbummaatti ba’anii nyaatanii erga quufanii booddee Waaqayyoon irraanfatan.
📖Kes 8:12-14 Kanaa achi ati yeroo nyaattee quuftu, manneen gaggaariis ijaarrattee yeroo keessa jiraattu, ¹³ saawwan kee fi bushaayeen kee yeroo wal horan, meetiin kee fi warqeen kee yeroo baay'atu, wanti ati qabdu hundinuus yeroo guddatu, ¹⁴ yommus ati garaa keetti ol of qabuu in jalqabda, Waaqayyoon gooftaa kee isa biyya Gibxii mana garbummaa sana keessaa si baases in irraanfatta.
👉Kadhanni solomoon inni guddaan, "Quufee akkan sin wallaalleef iyyoomeemmoo akkan si hin salphisneef jedhee waaqayyoon kadhate." isa jedhu ture. (Fakk 30:9)
👉 Haa ta'u malee akka kadhannaa isaa sana ta'uu hindandeenye. Qooda kanaa carraa jireenya walqixxaateef itti fayyadamee Of wallaalee. Dubartoota 700 fi saajjatoo 300 fuudhe, dubartoonni kunneenis karaarraa isa kaachisanii Moolek waaqa tolfamaa waaqeffachuutti deebi’e.
👉 Kana jechuun, "Waaqayyorraa ijasaa kaasee gara waaqa ormaatti ijasaa deebise." jechuudha.
📖1Mot. 11:3-6 Solomoon durboota moototaa dhibba torba in fuudhe; saajjatoota immoo dhibba sadii qaba ture; dubartoonni isaa kunis yaada isaay karaa irraa in jal'isan. ⁴ Solomoon yeroo dulloometti dubartoonni isaa yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jal'isan; kana irraa kan ka'e Solomoon akka abbaa isaa Daawit garaa isaa guutummaatti Waaqayyo gooftaa isaaf hin kennine. ⁵ Inni yaada isaatiin Ashtaarot waaqayyittii tolfamtuu warra Sidoonii fi Moleek waaqayyo tolfamaa warra Amoonotaa isa ciiggaasisaa duukaa in bu'e.
👉Horiin hundee wanti hamaan irraa latuudha.
📖 1Xim. 6:8-10 Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga'a. ⁹ Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay'ee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu. ¹⁰ Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa'atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay'eedhaanis of waraananiiru.


Garasaa ilaalaa!

📖 Lakk 21: 8-9 Waaqayyo immoo Museedhaan "Bofa sibiila boorrajjii tolchii utubaatti rarraasi! Namni bofni idde gara isaa yoo ilaale in fayya" jedhe. ⁹ Museen kana irratti sibiila boorrajjii irraa bofa tolchee utubaatti in rarraase; namni bofni idde hundinuu, gara bofa sibiila boorrajjii irraa tolfame sanaa yeroo ilaaletti in fayye.
🐍 Israa'eloonni, biyya edom bira darbanii deemuudhaaf karaa gara galaana diimaa geessurra bu’an. Garuu, karaarratti obsa dhabanii, lafa onaatti nu fixuuf biyya gibxii nu baastanii, buddeenni nyaatamuufi bishaan dhugamu hin jiru jedhanii musee fi waaqayyo irratti dubbatan.
🐍 Kanaaf waaqayyo bofa hadhaa qabu isaanitii erginaan isaan keessa namoonni baayyeen dhuman. Kanaaf namoonni gara musee dhufanii siinis waaqayyoonis yakkineerraatii bofa kana akka nurraa deebisuuf waaqayyoon nuuf kadhadhu jedhan.
🐍 Waaqayyos museedhaan deebisee " Bofa sibiila diimaarra tolchiitii mukarratti rarraasi; namni gara bofa sibiila diimaa sana ilaaluu hunduu ni fayya." jedheen.
🐍 Kanaaf namni hiddame hundinuu hadhaa sanaan akka hin duuneef gara bofa isa fannifamee ilaalee fayya ture.
🐍 Waaqayyo saba sanatti araara agarsiisuu barbaadee, akka museen boficha sibiila boorrajjiirraa tolchee fannisu taasise malee, boficha keessa humni fayyisuu jiraatee miti. Kanaafuu bofichi akka waaqeffamu hin barbaanne waaqayyo.
👉 Kakuun moofaa gaaddidduu kakuu haaraati. Ofiisaa qama miti. Qaama kan inni uffate kakuu haaraa keessattidha.
🐍 Bofichi inni sibiilaa boorrajjiirratti fannifame sun, fakkeenya Kiristoos isa dhufee cubbuu ilmaan namootaatiif fannifamuuf turee sana malee isa isaan iddoo Waaqaa buusanii itti sagadaniif miti.
📖Yoh 3:14 “Museen lafa onaa keessatti bofa sibiila diimaa muka irratti akka ol fuudhe, ilmi namaas immoo akkasuma muka irratti ol fuudhamuun in ta'a,”
👉 Israa'eloonni garuu hamma bara Hisqiyaas mootichi ka’ee mo’uutti fakkeenya bifa sibiila boorrajjiirraa tolfame sanaatiif hixaanaa aarsaa sagadaafii turan.
👉 Hisqiyaas garuu akkuma mo’een, akkuma abaabiliisaa Daawit waan ija Waaqayyoo duratti qajeelaa ta’e hin hojjete. Iddoowwan sagadaa aarsaa Waaqa tolfamaa diigee; Nawushtaan bofa sibiila boorrajjii irraa bara Museetti tolfame sana hin caccabse.
👉Nawushtaan jechuun bofa sibiila boorrajjiirra hojjetame jechuudha. Hamma bara Hisqiyaas ka'ee iddoo aarsa isaa diigutti, waaqeffannaan kun akka Waaqayyoo gara isaanii hin ilaalleetti gidduu isaanii taa'ee aarii waaqayyoo isaan irratti bobeessa ture.
2 MOT 18:1-4 "Hose'a ilmi Elaa mootiin Israa'el mo'ee waggaa sadaffaa isaatti, Hisqiyaas ilmi Ahaaz immoo mootii Yihudaa in ta'e. ² Hisqiyaas mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii shanii ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa digdamii sagal in mo'e; haati isaa "Abiiyaa " ² jedhamti; isheen intala Zakaariyaas. ³ Hisqiyaas kun akkuma Daawit abaabilii isaatii wanta ija Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e hundumaa in hojjete. ⁴ Iddoowwan sagadaa warra ol ka'oo in diige, utuboota akka dhagaa qulqullaa'ootti ilaalaman in caccabse, bifa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu mukkeetii irraa qiqqirixamanii tolfaman in jigse; Israa'eloonni hamma bara sanaatti fakkeenya bofa isa Museen sibiila boorrajjii irraa hojjetee ture sanaaf ixaana waan aarsaniif, Hisqiyaas immoo fakkeenyicha bofaa isa "Nehushtaan" jedhamu sana in caccabse."
🔊 Wanta akka nuyi waaqayyoon in ilaalleef ija hafuura keenya jaamse hundinuu iddoosaatii haa ka’u.
👉Macaafni qulqulluun nuti ilmaan Waaqayyoo yeroo hundumaa gara isaa akka ilaalu nutti hima. Kanaaf haala kam kessattu, gara Waaqayyoo ilaalaa deemuu qabna.
📖 Fars 34:5 “Gara isaa ilaalaa, fuulli keessanis haa ifu! Deebitaniis qaaniidhaan lafa hin ilaaltan.”
👉 Jalqaba amantii keenyaafi xumuraa amantii keenya isa ta’eYesuus irraa ija keessa kaasuu hin qabnu. Yoo akkas ta’edha fiigichi keenya kan fiixaan ba’uu kan danda’uudha.


SEEXANA QANESEE YESUS JIREENYA NUUF LAATE

📖 Yoh. 10:10 “Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera" jedhe.”
✍️ Seexanni hatuu, qaluu fi balleessuurra kan darbe ergama dhala namaatiif ergama / kennaa gaarii hin qabu.
✍️ Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubaadhaa in dhufa; abbaa ifaa bira gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru. (Yaq. 1:17)
✍️ Ilmi Waaqayyoo garuu hojii seexanaa diiguuf mul'ate; holonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufe.
🔊 Akkuma macaafni “Horiin yookiis mi'i namni tokko ollaa isaatti imaanaa kennate, mana namichaa keessaa yoo duraa hatame, hattuun sun yoo argame dachaa lama haa baasu!” jedhu, (Bau. 22:7) hattichi inni eebba kee, fayyaa kee, Nagaa fi gammachuu kee hate qabameera.
🔊 Boojuun kees harka hattichaatii siif gadhiisifameera!
📖 Er. 30:17 “Diinonni keessan, 'Isin Xiyoon ishee gatamte, ishee namni dhimma ishee hin qabnee dha' yoo isiniin jedhan iyyuu, ani immoo madaa keessan nan fayyisa, gogaa haaraas isa irratti nan biqilcha; kana ana Waaqayyotu dubbate.”
🔊 Madaa namni siif beekuuf hin beekne, madaa dhokotaaf mul'ataa ati itti aadaa jirtu, Humna dhiiga hoolichaatiin supheera!
🔊 Ajajeera, madaa hafuuraa madaa fooniif yaadaatti fayyi!
Ameen


🎆 Channelee filatamoo kanneen hin qabdan taanan gadi tuquudhaan join, follow taasisaa!
🚩🚩 ➖➖🚩🚩

╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~


🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@JCP_CHURCH 🛰
┃_
@marsiltvworldwide 📺
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa 🔵
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@MIIRA_JECHOOTA ‼️
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@Sona_Official1 🌹
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
Oro Inspire Center
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@morning_tips 💐
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Walaloo_jaalalaa24 ❤️
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide 💢
┃_
@gaggeessummaa24🕖
┃_
@feeling_love123 ❤️
┃_
@miira_jaalalaa ❤️
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@Maaranaataa_Yesuus ✉️
┃_
@Dirree_Faarfannaa
┃_
@Now_speak_English
┃_
@revealjesus 📕
┃_
@YerooFarfannaa 🎼
┃_
@shoppinggeni 🏷️
┃_
@Spoken_English24 🎓
┃_
Plumbing Work 🚰
┃_
@Academy_365😀
┃_
@ethioacadamic ✍️
┃_
@haadha_manaa_ogeettii ❤️
┃_
@DayStarBooks 📚
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
Christian Living 📖
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@oro_liverpool_fc 🏅
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
@kbdstyles 🎹
┃_
@Dirree_Faarfannaa 🎸
┃_
@academic_research_center📕
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@Dire_Sport ⚽️
┃_
@sportnews_724 🏐
┃_
@Lifetips30
┃_
Idea Creative🔝
┃_
@Cryptoanalysisofficial 🌐
┃_
Daily Quotes 🗣️
┃_
@Jaala_Dhugaa ✉️
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
@kaayyoodhugaa 📩
┃_
Garee Telegram Banaa
┃ 👇👇
┃_
@Daandii_Guddinaa 🔊
┃_
@caaffata_qulqullaaa 📖
┃_
@research_helping 📝
┃_
@orotv24 📺
┃_
@learningtips123 🚸
┃_
@graphicsmaker123 🧩
┃_
@gaggeessummaa_com 🔔
┃_
@real_Madridfc123 8️⃣
┃_
@gaaela_gaariifamily 🧾
┃_
@dirree_bohaartii 😀
┃_
@be_positive24
┃_
@youth_center1 👭
┃_
@haadhamanaaogeettii ❤️


┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 😀

Contact: @Getu_Abera


EENYUDHA FIRRI WAAQAYYOO?

📖 YOH 15:15 “Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga'e hundunaas isin beeksiseera.”
👉 Ani garboota isiniin hin jedhu,
👉 Garbichi isa humnaan bitamee hojjetu waan ta’eef mana gooftaasaa hin beeku.
👉 Namni tokko firootasaatiif jireenyasaa dabarsee kennuurra kan caalu jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u.
👉 Fira keenya isa dhugaa waan ta’eef ofiisaa dabarsee of nuuf kenne, du’asaatiin lubbuu keenya fure.
👉 Firri afaanii, firri horii fi firri nyaataa baay’eedha.
👉 Firri dhugaan nuuf du’e, firri dhugaan lubbuu keenya fure yesuus qofadha.
👉 Fira fakkaata nama wajjin kan jiraatan, fira fakkaata kan nama miidhan jiru, firri fira caalaa namatti aanummoo jira, innis yesuusidha.
📖 Fakk 18:24 “fira fakkaatanii kan nama balleessan jiru, firri obboleessa caalaa namatti aanus immoo jira.”
✍️ Yesuus fira keenya isa dhugaa waan ta’eef nuuf du’e, qullaa nuuf buusee nuuf dhiige.
🔊 Firri keenya dhugaan isa. Fira keenya dhugaa waan ta’eef inni nuuf yaada.
✍️ Kanaafidha yesuus Alaazaar gaafa du’e, alaazaar fira keenya dhaqnee dammaqsina jedhe
📖 Yoh 11:11“Yesus kana erga dubbatee booddee, "Alaazaar firri keenya rafeera, ani immoo dhaqeen isa dammaqsa" isaaniin jedhe.”
❓ Namoota akkamiitu Fira waaqayyoo ta'u?
➊. NAMOOTA AMANTII
👉 Abram abbaan amantii keenyaa, fooniin sanyii Waaqayyoo hin turre.
👉 Orma nama biyya Uur, biyya kalaadotaa ture. Inni garuu Waaaqayyotti amanuudhaan fira Waaqayyoo jedhamee Waamame. Amantiidhaan fira Waaqayyoo ta’e.
📖 Yaq. 2:23 “Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa, "Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaa'ameef" jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo jedhamee in waamame.”
👉 Karaa abbaan amantii keenya Abram irra dhufe, Eebbas ta’e karaan fayyinaa karaa Amantiiti. Nus mucaa Waaqayyoo kan taane, fooniin irraa dhalannee utuu hin taane karaa amantiiti.
👉 Yesuus jalqaba gara biyya ofiisaa, gara namootasaa dhufe. Isaan garuu isa hin simanne.
❓ Namoota akkamiitu Fira waaqayyoo ta'u?
❷. WARRA ABBOOMMOTA ISAA EEGAN YKN RAAWWATAN
✍️ Abboommii Waaqayyoo kan hin eegnee, seera waaqayyoorraa kan daddarbuu fira Waaqayyoo ta’uu hin danda’u.
✍️ Dubbii Waaqayyoo dhagaa’anii hojiirra kan hojiirra oolchan hundinuu fira Waaqayyooti.
📖 Yoh 15:14 “Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti.
❸. NAMOOTA KADHATAA
👉 Kadhannaa jechuun jecha. Jechi ittiin kadhatamu sunimmoo dubbii waaqayyooti.
👉 Namoonni jireenya kadhataa qaban, addunyaa hafuuraa isa sirrii keessa jiraatan fira Waaqayyooti.
👉 Waaqayyo akka nama fira isaa wajjin dubbatuutti muse wajjin dubbachaa ture.
📖 Bau. 33:11 “Waaqayyo akka nama firaa wajjin haasa'uutti fuula isaa duraa Museetti in dubbata ture; yommuu Museen iddoo buufataatti deebi'u Iyaasuu ilmi Nun dargaggeessichi isa gargaaru sun immoo balbala dunkaanichaatii hin mittiqu ture.”

Ameen




QOROMSAAN ILAALAMANI DARBUU KEESSAAN DHUFA.

✍️ Qorumsi waan namni jaallatee itti galuu utuu hin taane waan fedhii fi yaada namaa ala namatti dhufudha. Qorumsi yeroo jalqaba nama mudatu waan nama naasisuu fi abdii nama kutachiisu yoo ta’ellee, achi keessatti namni obsa, amantii, danda’uu fi caalaatti gar Waaqayyootti siquu namatti hora. 📖 1Phe. 1:5-7 ⁵ Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a.⁶ Amma yeroo gabaabduudhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo ta'e iyyuu, isa sanatti immoo baay'iftanii in gammaddu. ⁷ Warqeen inni baduuf jiru iyyuu ibiddaan in qorama; amantiin keessan inni warqee caalaa gati-jabeessi immoo, guyyaa Yesus Kristos itti mul'achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina akka argatutti qoramee in ilaalama.
✍️ Qulqullinii fi miidhaginni (the quality and beauty) hafuuraa kan inni dhufu morkee (challenge) sana keessatti.
📖 IYOB 23:10 “Haa ta'u iyyuu malee, inni karaa koo in beeka, yeroo inni qoree na ilaaluttis akka warqeetti nan ba'a.”
✍️ Akkuma Warqeen warqummaansaa ibidda keessa erga darbee fudhatamu, jireenyi kiristaanummaas qorumsaan ilaalamanii erga darbanii fudhatama.
📖 Isa 48:10-11¹⁰ Kunoo, akka meetiitti yoo ta'uu dhabaatte iyyuu, si qulleessuudhaaf rakkina isa akka ibiddaatiin ani si qoreera; ¹¹ ani ofuma kootiif, ofuma kootiif jedhee kana nan godha; maaliifan maqaan koo akka balleeffamu godha? Attamittanis ulfina koo kan biraatiif kenna ree?
✍️ Qormaanni mana barumsaatii dhiyaatu akka sadarkaa barumsaatti namaaf dhiyaata. Qorumsi kutaa 6ffaaf dhiyaatu kanuma kuticha malee kan kutaa 8ffaa hin ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo kan kutaa 12ffaa hin ta'u. Akkasuma hamma dandeettii keenyaatiin ol-waaqayyo nu hin qoru. Haa ta'u malee kiristaanni kamiyyuu qorumsa matasaa qaba.
📖 1Qor. 10:13 “Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”
✍️ Ilaalamanii erga darbanii booda barbaadamu, jireenya, ulfinaafi mo’icha isa caalutti darbuu fi fira Waaqayyoo ta’uutu jira.
📖 ZakZak. 13:8-9 ⁸ Guutummaa namoota biyyichaa keessaa harka sadii keessaa harki lama rukutamee in dhuma; haa ta'u iyyuu malee, harka sadii keessaa harki tokko isa keessatti in hafa; ⁹ harka sadii isa hafe sanas ibidda keessa buusee, akka meetii fi akka warqeetti qoree nan ilaala; yommuu isaan maqaa koo waammatan, ani immoo isaaniif nan dhaga'a; 'Isaan saba koo ti' nan jedha; isaanis, 'Waaqayyo gooftaa keenya' in jedhu" jedha.
Ameen


Yohannis 14:15

15 Yesus itti fufee, "Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu.


Sagalee kana keessati of ilalimee Haadho koo!

@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio


⛪️Abdii Qabdanitti Gammadaa⛪️

📖 Rom 12:12 Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!
† Namoota baay’eedhaan “Abdii Qabdaa” yommuu jedhan. Waan irra jiru ialaaleeti mogolee dhaba (hamilee of buusa). “abdii maaliin qaba; jireenyikoo, keessikoo kana fakkaata, anaanoo rakkinni na fixeera, anaanoo dhukkbni na fixeera” jedhanii yaadu.
† Rakkinakee hinilaaliin, wanta amma keessa jirtu sana ilaaltee abdii hin kutatiin, wanta ittiin dhaalamtee jirtu sana ilaaltee abdii hinkutiin, … ati abdii qabda! Yesuus abdii keeti!
† Namani abdii qabu rakkina ittiin dhaalamee jiru sana hinilaalu.
† Namani abdii qabu; obsa hindhabu.
† Namani abdii qabu; kadhachuuf mogoleensaa hinbu’u; yeroo hundumaa fuula Waaqayyoo dura turtee Waaqayyoon kadhatta.
† Gaafa Waaqayyoon kadhattu; abdiikee cite sun, rakkinni si marse sun ka’ee lalisuu jalqabda.
† Waaqayyoon kadhachuun, Waaqayyoon waammachuun; yeroo obsa fixatanitti, yeroo rakkattanitti, yeroo garatti goran wallaalanitti, yeroo abdii kutatanitti, … jajjabina dhugaa siif fiduu jalqaba.
† Rakkinafi isa obsa si fixachiise keessaa ba’uudhaaf; isaa ittiin dhaalamteen qabamtee socho’uuf, isa aggaammatte bira ga’uudhaaf yommuu abdii kutetti, yeroo obsa dhabdetti, yeroo sodaatte keessatti, … Yesuusiin ilaalaa gaafa kadhattu, gaafa adeemtu garuu abdiinkee in lalisa.
† Abdii warra dhabdaniif, warra fira dhabdaniif, hojjetanii warra milkaa’ina dhabdaniif Yesuus Kiristoos Abdii Keessanidha!
📖 2 Qor 4:8 Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin kutannu.
† Rakkinni jira, arii’atamni jira, muddamni jira, … garuu ittiin hinqabamtu, garuu ittiin kuftee dhaalamtee hinhaftu, garuu ittiin cabdee badduu hinbaatu!
† Nuyi warra waan goonu wallaalla miti, warra abdii kutatus miti.
† Nuyi jiraachuuf warra abdii qabudha, hojjechuuf warra abdii qabudha, deemuudhaaf warra abdii qabudha… .
† Biyyi lafaa warri Gooftaa hinqabne yoo abdii dhabaniyyuu; nuyi Yesuus Kiristoos isa abdii nuuf kenne sana qabna. Kanaaf abdii qabna.
📖 Ibr 10:23 Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha; kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamnaa!
† Hojjechuuf abdii qabduu? Deemuuf abdii qabduu? Fayyaan keessaan akka deebi’uuf abdii qabduu? Abdii jireenyaa sana, abdii hojjetanii milkaa’uu sana Yesuus Kiristoostu isiniif kenne.
👉 Abdii jireenya kennu isiniif dhufeera!

Ameen.




Amani malee hin sodaatin!

📖 Luq. 8 ⁴⁹ Utuu inni kana dubbachaa jiruu immoo namni geggeessituu mana sagadaa sanaa tokko, ergaa himuu dhufee,Yaayirosiin, "Intalli kee duuteetti si'achi barsiisicha hin dhamaasin!" jedhe. ⁵⁰ Yesus garuu kana dhaga'ee Yaayirosiin, "Hin sodaatin, 'amani duwwaa! Isheenis in fayyiti" jedheen.
👉 Yesus utuu inni tuuta namootaatiin marfamee jiruu gaggeessaan mana sagadaa isaanii tokko gara Yesus dhufe. Kana gidduutti garuu dubartittiin dhiigni ishee waggaa 12 dhangala'e tokko garaasheetti Shaashara wayyaasaa yoon xuqe nan fayya jettee waan yaaddeef murteeffattee isa xuqnaan Yesus, "Intala koo amantiin kee si fayyiseera." ittiin jedhe. Utuu isaan kana ilaalaa jiraanni jarri tokkos dhufanii Yesuusiin Yaayirosiin, "Intalli kee duuteetti si'achi barsiisicha hin dhamaasin" jennaan Yesuus kana dhaga'ee Yaayirosiin, "Hin sodaatin, 'amani duwwaa!" jedheen.
👉 Macaafa qulqulluu kana keessa si'a 365 ol hin sodaatin jedhamee caafamee jira.
📖 Isa. 43 ¹ Amma garuu yaa Yaaqoob, yaa Israa'el, Waaqayyo inni si uume, inni si tolches, "Ani si fureera hin sodaatin, 'Ati kan koo ti' jedhees maqaa keetiin si waameera; ² yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani sii wajjinan jira, yommuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, arrabni ibiddaas si hin qabatu;
👉 Bishaan keessa baata malee hin liqimfamtu; abidda keessa darbita malee hin gubattu.
👉 HoE. 27 ²⁴ 'Hin sodaatin yaa Phaawulos, mootii warra Roomaa dura dhaabachuuf jirta; kunoo, Waaqayyo ayyaana isaatiin, namoonni warri si duukaa jiran hundinuu du'a akka oolan, in godha' anaan jedhe. ²⁵ Kanaafis jabaadhaa yaa jarana! Akkuma ergamichaan anatti himame, akka inni ta'uuf Waaqayyoon nan amanadha.
👉 Isa haalli siin jedhu dhageessee hin sodaatin; isa haalli kee jedhu utuu hin ta'in isa waaqayyo waa'ee kee jedhutu raawwata.

Ameen


📖 Iyo. 1 ²⁰ Kana irratti Iyoob lafaa ka'ee gadda irraa kan ka'es uffata isaa tarsaasee, mataa isaas haaddatee, lafatti gad gombifamee in sagade. ²¹ Achumaanis, ''Qullaa koon garaa haadha kootiitii ba'e, qullaa koos biyyootti nan deebi'a; Waaqayyotu kenne, Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!'' jedhe. ²² Kana hundumaa keessaa Iyoob hin yakkine, ''Dabaa hojjette'' jedhees Waaqayyoon hin hadheessine.
✍️ Haati manaa isaa immoo, "Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii du'i!" jetteen. ¹⁰ Iyoob garuu isheedhaan, "Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbatta; wanta gaarii'o Waaqayyo harkaa in fudhanna, wanta hamaas immoo hin fudhannuu ree?" jedhe; kana hundumaa keessaa Iyoob waa dubbatee hin yakkine.
✍️Wan Xinnoo irratti gaafa galateeffannu Waaqayyoo ballinatti nu baasa, rakkina keessatti Waaqayyoon gaafa galateeffannu Waaqayyoo ulfinatti nu baasa.
Galatoma.


chalo 18:
Waan Waaqayyoo nu keessatti ilaaluu fedhuu

📖1 Tas 5:16-18 ¯¯¯¯¯¯ ¹⁶ Yeroo hundumaa gammadaa! ¹⁷ Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa! ¹⁸ Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Yesus Kristos kana gochuu keessan in fedha.
✍️ Waan Waaqayyoo yeroo hundumaa nu keessatti arguu fedhu keessaa inni tokko yeroo hundumaa gammaduu keenyadha.
➀. Gammaduu
☝️Kutaa olii kana keessatti gaafa ilaallu, "yeroo hundumaa gammadaa." jedha. Tarii haalonni yeroo hundumaa namaaf mijatoo, yeroo hundumaa kan namatti tolan, yeroo hundumaa kan namaaf guutan, yeroo hundumaas kan namaaf wal qixxaatan ta'uu dhiisuu malu. Haata'u malee macaafni, "Yeroo hundumaa gammadaa." jedha.
✍️ Nu Kiristiyaanota biyya lafaa irraa kan adda nu gadhu, biyyi lafaa, waan biyya lafaa argatanii gaafa isaaniif guutu in gammadu; gaafa dhaban immoo in gaddu. Sababni isaas gammachuun isaanii haala argamu irratti kan hundaa’uudha.
✍️ Nuti Kiristiyaanonni maddi gammachuu keenyaa gooftaa keenya malee haalota keenya waan hin taaneef, rakkina keessatis haa ta'u qannoo, yeroo hundumaa, haala kamuu keessatti gooftaatti gammadna.
✍️Iyyoob garbichi Waaqayyoo kanaaf, "Yeroo isaan amanuu dadhabanitti ani isaanitti nan kolfe; isaan fuula koo isa ifaas lafa hin ilaalchifne.”( Iyo. 29:24) jedhe.
✍️ Namoonni Waaqayyoo maddi gammachuu isaanii Waaqayyoon waan ta’eef, rakkina ulfaataa, ibidda fi haala hin mijanne kamuu keessa dhaabbatanii Waaqayyootti gammadu.
✍️ Kanaaf, Phaawuloosii fi Siilaas mana hidhaa keessa taa’anii Waaqayyoon faarfannaan utuu isaan galateeffachaa jiranii humni Waaqayyoo dhufee hundee mana hidhaa sochoosee; hidhaa isaanii hiikee; hidhaa isaanii duwwaas utuu hin taane, hidhaa warra hidhamaniis hiike. (HoE 16:25-26)
✍Waaqayyootti gammaduun keenya yeroo hundumaa mo’icha fida; kanaafidha Nahimiyaan, “Guyyaan kun gammachuu waan ta’eef, Waaqayyootti gammadaa, gammachuun Waaqayyoo humna keessan waan ta’eef.” Jedha. (Nah 8:10)
☝️Gammachuun keenya, eebbaa fi fayyina nuti waaqayyoon harkaa fudhannuuf murteessaadha.
📖Fak. 17:22 “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa.”
📖 Isa. 12:3 “Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbattu.”
➁.Kadhata
✍️ kadhanni, rakkina keessaa ba’uuf, dhukkubattii fayyuuf yookiin waan barbaannu argachuuf qofa iyya nuti gara waaqayyootti goonu duwwaa utuu hin ta'in, yeroo hundumaa utuu gargar hin kutin akka goonuuf kan nuuf kenname abboommii abboommii kakuu haaraati.
☝Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko Bartoota isaatti hime isaan barsiise. (Luq. 18:1-8)
✍️Yesuus Kiristoos immoo, "Abbaa firdii jal'aan namas Waaqayyoonis hin beekne kun haati Hiyyeessaa kun deddeebitee iyyuu ishee irraa kan ka’e firdii erga kenneefii waaqayyo immoo hammam caalchisee halkaniif guyyaa warra gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasuufiiree?" jedhe.
✍️ Kadhannaa sirriin waan garaa keenya keessa jiru, waan yaanne kadhachuu utuu hin taane, fedha Waaqayyoo kadhachuudha. Fedhi Waaqayyoo immoo yeroo hundumaa jaalala keenya utuu hin taane, jaalala isaa gochuudha.
✍️ Waaqayyoo gaafa gara biyya lafaa kanaatti nu fidu akeeka malee nu hin fidne, akeeka Waaqayyoo nu uumeef sanaaf jiraannee darbuuf immoo yeroo hundumaa jaalala Waaqayyoo of irratti waamuun barbachisaadha.
➂.Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffachuu
✍️Nuyi Kiristiyaanonni, akka warra biyya lafaa, kana taana taanaan lammaffaa dhalachuun keenyas gaaffii jala jira; nuyi namoonni Waaqayyoo wanta hundumaa keessatti Waaqayyoon galateeffachuutu nurra jira.
✍️Kanaaf, Iyyoob garbichi Waaqayyoo ijoolleen isaa, qabeenyi isaa dhumanii harka duwwaatti hafu qullaan garaa haadhakootii dhufe, qullaakoon gara lafaatti deebi’a, Waaqayyootu kenne Waaqayyootu fudhata. maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu jedhe.


"Ati rakkina kee in irraanfatta; akka bishaan yaa'ee darbee duwwaatti isa in yaadatta.
Jireenyi kees guyyaa saafaa caalaa in ifa, dukkannis akka ganamaa in ta'a" Ameen!
Iyo 11:16-17


Dammaqaa!

📖1Tas. 5¯¯¯¯¯¯⁵ Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti.⁶ Egaa kottaa in dammaqnaa, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifnaa!
✝️Of qabuu jechuun of bituu, of abboomuu, of dhowwuu jechuudha.
✝️Waanuma namatti dhufe akka hin dubbanne ykn akka hin nyaannee, bakka namatti toe hundumaa akka hin dhaabbannetti of qabuudha.
📖1Qor 9:27“Ani warra kaan dorgomeetti waamee ofii kootii akkan keessaa hin hambifaneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda'u haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta'a.”
✝️Of abboomuun waan guddaadha.
❓Harra maal irratti dammaquu qabna?
➀.Haxxummaa Seexanaa Irratti
📖1Phe. 5¯¯¯⁶ Kanaafis Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga'u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa!⁷ Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!⁸ Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.
✝️Seexanni hin du’u, abdii hin kutatu; yeroo kamiyyuu in naanna’a, karaa barbaada. Kanaaf, dammaquu barbaachisa.
✝️Seexanni gowwomsaadha yookin fakkeessaadha; wallaalchisaadhas.
📖2Qor 11:14 “Seexanni iyyuu ergamoota ifaa fakkaachuudhaaf waan wallaalchifatuuf, kun waan dinqisiisu miti.”
✝️Kana adda baafachuu fi dammaqanii taa’uun barbaachisaadha.
➁. Bara Irratti
✝️Namoonni baayyeen, “Nagaadha, rakkoon hin jiru.” Utuuma jedhanii badiisi isaan hin beekin irra ba’a.
📖1Tas 5:3 “Namoonni, "Nagaa dha, gabii dhas" utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru.”
✝️Barri gad hin taa’u; waan hamaas waan gaariis baatee dhufuu danda’a. wanta barri baatee deemu hubachuu kan danda’u nama dammaqaadha.
📖1Sen 12:32 “Sanyii Yisaakor keessaa yericha kan hubatan, Israa'elis maal gochuun akka ta'uuf warri beekan, aantii isaanii warra ajaja isaanii jala jiran hundumaa wajjin angafoota dhibba lama turan.”
✝️Barichi kan hubatanii Isiraa’eliin maal gochuun akka isaaf ta’u kan himan ijoollee Isaakor dhibba lamatu turan.
➂. Of Irratti Dammaquu Qabna.
✝️Eessan jira, maal gochaan jira? Adeemsikoo attamii?” jedhanii of ilaaluun baay’ee barbachisaadha.
📖1Qor 10:11-12
¹¹ Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga'eef immoo barumsa akka nuuf ta'uuf caafame. ¹² Kanaafis namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!
✝️Waldaan Laa’odeqiyaa, “Ani jira.” Ofiin jetti, garuu duutuudha; uffadheen jira jetti garuu garuu qullaadha; nan arge jetti garuu jaamaadha. Of irratti dammaquu hin dandeenye.
📖Mul 3:17 "Atis, 'Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru' in jetta; ati nama gadadamaa namni boo'uufiin ta'u, deegaa, jaamaa, qullaas ta'uu kee hin beektu.”

Haa damaqnuu!


“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!”
— Filp. 4:4
Obbolota koo jalatamoo biyyaa lafaa kana irraa kan nama gammachisuu bayyeen jirachuu danda'u garu kan yero murasatii nuyii itti kan gamanuu fi ittin kan gamanuu ilmaa waaqayyoo qofa dhaa. ilmaa waaqayyoo yesusti gamada.


Dubartii qaroo(ija) hin qabne tokkotu sababa ija hin qabneef gaafa hundumaa of jibbiti,jireenya ishiis, ofis abaarti. Guyyaa tokko namichi tokko ija isaa lamaan isheedhaaf kenne. Isheenis yeroo jalqabaaf lafa agarte.hiriyaan (kaadhimaan) ishii hir'ina ishii waliin kan hedduu ishii jaallachaa ture tokko dhufee "amma egaa si waliin gaa'elatti seenuun barbaada, natti heerumtee na wajjiin jiraachuu dandeessaa?" jedhee gaafate.

ishiinis gaafa ol jettee ilaaltu innis akkuma ishii duraanii qaro dhabeessa akka ta'e yommuu hubattu baay'ee naate."ani gonkumaa sitti hin heerumu" jetteen.

Kaadhimaan ishii sunis boo'icha guddaa erga boo'ee booddee xalayaa tokko barreesseefii deeme.xalayichis "ijakoo lamaaniif of eeggadhu" kan jedhu ture.edaa ija ishiin ittiin lafa agarte sun kan isaa ture....

Baay'een keenya gaafa jireenyi keenya fooyya'u lafa kaleessa waaqayyo nu kaasee fi namoota haala keenya rakkisaa kaleessaa sana keessatti gatii nu wajjiin kaffalan hin yaadannu.kun immoo nu tuffachiisa.

* Arraba amma qabdu kanaan jecha fokkisaa dubbachuukeen dura namoonni dubbachuu hin dandeenye immoo akka jiran beeki.
* nyaata nyaachaa jirtu hin miyaa'u jechuukeen dura namoonni waan nyaatan hin qabne akka jiran beeki.
* jireenya jibbuukeen dura namoonni utuu jiraachuu barbaadanii har'a du'anfaa akka jiran yaadadhu.
* Ijoollee keetti aartee, gungumuukeen dura ijoollee dhabanii kan boo'an akka jiran yaadadhu.
* quba namatti qabuukeen dura atis mudaa akka qabdu yaadadhu.
* fageenya hamma kanaan konkolaataa oofaa ykn miilaan deemaa jettee aaruukeen dura namoonni fageenya kana deemuu dhiisiitii siree irraa gad buhuu hin dandeenye akka jiran yaadadhu.


💔 Hundeen Jaalala dhugaa yaadota gurguddoo 5n kanneen... See More

🗣️ Amalootaa fi haasawa dubartiin tokko jaalala ittiin ibsattu keessaa muraasni,,..
      👇
   See More
   See More


🎆 Channelee filatamoo kanneen hin qabdan taanan gadi tuquudhaan join, follow taasisaa!
🚩🚩 ➖➖🚩🚩

╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~


🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@JCP_CHURCH 🛰
┃_
@marsiltvworldwide 📺
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa 🔵
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@MIIRA_JECHOOTA ‼️
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@Sona_Official1 🌹
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@kuusaa_Kitaabota_Haaraa
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
Oro Inspire Center
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@morning_tips 💐
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Walaloo_jaalalaa24 ❤️
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide 💢
┃_
@gaggeessummaa24🕖
┃_
@feeling_love123 ❤️
┃_
@miira_jaalalaa ❤️
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@Maaranaataa_Yesuus ✉️
┃_
@Dirree_Faarfannaa
┃_
@Now_speak_English
┃_
@revealjesus 📕
┃_
@shoppinggeni 🏷️
┃_
@Spoken_English24 🎓
┃_
Plumbing Work 🚰
┃_
@Academy_365😀
┃_
@ethioacadamic ✍️
┃_
@haadha_manaa_ogeettii ❤️
┃_
@DayStarBooks 📚
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@xinsammuu1 😀
┃_
Christian Living 📖
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@oro_liverpool_fc 🏅
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
@kbdstyles 🎹
┃_
@Dirree_Faarfannaa 🎸
┃_
@academic_research_center📕
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@Dire_Sport ⚽️
┃_
@sportnews_724 🏐
┃_
@Lifetips30
┃_
Idea Creative🔝
┃_
@Cryptoanalysisofficial 🌐
┃_
Daily Quotes 🗣️
┃_
@Jaala_Dhugaa ✉️
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
@kaayyoodhugaa 📩
┃_
Garee Telegram Banaa
┃ 👇👇
┃_
@Daandii_Guddinaa 🔊
┃_
@caaffata_qulqullaaa 📖
┃_
@research_helping 📝
┃_
@orotv24 📺
┃_
@learningtips123 🚸
┃_
@graphicsmaker123 🧩
┃_
@gaggeessummaa_com 🔔
┃_
@real_Madridfc123 8️⃣
┃_
@gaaela_gaariifamily 🧾
┃_
@dirree_bohaartii 😀
┃_
@be_positive24
┃_
@youth_center1 👭
┃_
@haadhamanaaogeettii ❤️


┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 😀

Contact: @Getu_Abera

Показано 20 последних публикаций.