Kutaa 113✍️
#Waan_Nuu_Kennameef_Osoo_Hin_Taane_Abbaa_Kennichaa_Sababii_Arganneef_Gammaduu_Qabna.
Jireenya keenya keessatti madda gammachuu keenyaa isa sirrii beekuun baayyee barbaachisaadha.Nama baayyeef maddi gammachuu isaa Yesuus isa Abbaa kennaa hundumaa osoo hin taane, wantoota xixiqqoo Yesuus akka itti jiraannuuf nuuf kenne irra dhaabatee jira.Ani garuu akka kiyya tti dhugaa gammachuu dhalli namaa hubachuu qabu tokko kanaan sinitti himuu barbaaduun qaba.
Innis Yesuus isa Abbaa kennaa hundumaa ta'e ta'uu isaa isiniif qooduun jaalladha.
✍️Namoonni baayyeen gammachuu isanii waan yeroo irra jira.Kana yeroon jedhu kanneen akka mana, konkolaataa, gaa'ila, hiriyyaa gaarii qabaachuu, sadarkaa barnootaan guddachuu,biyya gaarii ta'ee keessa jiraachuu fkk fdha.Kun garuu akka macaafa qulqulluutti madda gammachuu dhugaa kiristiyaanaa akka hin taane bareechinee beekuu qabna.
✍️Yesuus,nama waa uumuu danda'u uumee osoo jiruu, akkamitti namni waan uumaan akka ittiin jiraannuuf nuuf kenneef dursa akka kennu anaaf iyyuu hin galu.
Qalbii hafuuraatti deebi'uun keenya dirqama nama waaqayyoof jiraachuu barbaadu tokkooti.
✍️Hamma qalbii keenya haala keenya irraa hin kaafnetti Yesuusiin arguu hin dandeenyu.
Dursa argachuun kan maluuf Yesuus qofa akka ta'e beekuu fi gammachuu isa keessaa argameen immoo jireenya hiika qabu jiraachuu caalaatti wanti nama gammachiisu hin jiru.
Namoonni baayyeen madda gammachuu isaanii isa sirrii waan adda hin baafanneef gaafa wanta gaarii qofti ta'eef gammadu.
Fakkeenyaaf:Yeroo barumsa xumuran, yeroo mana ijaarratan, yeroo dhala godhatan, yeroo konkolaataa bitatan qofa gammadu.
Wanta guddaan nuti hubachuu qabnu, Waaqayyo sababii gammachuu keenyaa kana hundumaa irra hin caala.
Namni Yesuusiin of keessaa qabuu fi hafuuraa qulqulluutiin guutame yeroo hundumaa, danqiiqaa hundumaa gammachuu qaba.
✍️“Waaqayyo gammachuu garaa isaaf waan kennuuf, namni bara jireenya isaatii badhaadhuma iyyuu hin yaadatu.”
— Lal. 5:20
Namni Waaqayyo beekumsa dubbiisaa baayyiseef badhaadhummaa lafa irraaf dursa hin kennu, kan lubbuu isaaf dursa kenna.
✍️Namni lubbuu isaa dursa kennu immoo Waan Waaqayyoon gammachiisu hojjeta.
“Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbattu.”
— Isa. 12:3
“Obboloonni tokko dhufanii, dhugaatti qabamtee akka jiraattu, dhugaadhaaf amanamuu kee mul'isanii yommuu dubbatan, guddaan gammade Ijoolleen koo dhugaatti qabamanii jiraachuu isaanii dhaga'uun gammachuu koo ti; gammachuu kana irra caalus hin qabu.”
— 3Yoh. 1:3
Walumaagalatti namni Yesuusiin beekuu fi isaaf iddoo olaanaa kennu, gammachuu haalaan olii qaba.
Kanaafuu Waan Waaqayyo siif ittiin akka jiraattuuf siif kennetti gammaduu kan caaluu Waaqayyuma mataa isaa madda gammachuu kee godhadhu yeroo sana jireenya boqonnaa gaarii of keessaa qabu jiraatta.
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk