"Abdii hin kutatiin" Jack Maa"
Nan milkaa’a jedhee yaadee hin beeku!
Sooressa beekamaa biyya Chaayinaatti 1ffaa Jack Ma“ Ani maatii homaa hin qabne, hiyyeessa; harka qalleessa irraan dhaladhe.
Carraan gaarii na mudatee hin beeku
Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 1ffaa (primary School) si’a 2n kufe.
Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 2ffaa (High School) si’a 3n kufe.
Qormaata biyyoolessaa qophaa’inaa (Preparatory School) si’a 2n kufe.
Harvard Yuunivarsiitii seenuu barbaade qormaata seensaa si’a 10n kufe.
Hojiifis ulaagaa guutee hin beeku
Hojii humnaas ta’e dhaabbata hojjechuuf wanta ani hin yaaliin hin jiru.
Induustirii garagaraa 30 ol ta’an keessatti qacaramuuf dorgomeera, hundi isaanii iyyuu ulaagaa hin guuttu jedhanii na deebisu. Keessa ba’anii kan na arrabsan, natti dheekkamaniifi na tuffatanis jiru.
Kaan dhiisaati Pooliisii biyyaa ta’u barbaade dorgomeera, garuu naaf hin taanee. Yeroo tokko nama shaniif baasanii jennaan shan taanee dorgomne, nama afur fudhatanii anan ulaagaa hin guuttu jedhanii na hambisan.
Walumaagala anaan namni dhuunfaas ta’ee gareen, dhaabbanni mootummaas ta’e miti mootummaa kan ani keessatti fudhatame hin jiru. "Dorgommiin tokko nama 24 barbaada yoo ta’e; 23 fudhatanii anaan kuffisu.
• Dorgommiin tokko nama 10 barbaada yoo ta’e; 9 fudhatanii anaan kuffisu
Kana irraa kan ka’e:
o Ani nama carra dhabeessa
o Nama abdii hin qabne
o Nama ulaagaa hin guunne
o Nama tuffatamaaf gatamaa
o Nama milkaa’inaaf hin uumamnedha jedheen of yaada ture. "Garuu akkas miti: "Har’a yeroon taa’ee yaaduu kufaatiin koo yeroo sanaa milkaa’ina koo har’af sababa ta’eera!. "Ulaagaa guutuu dhabuun koo, tuffatamuuf salphachuun koo gaafasii har’a kabajaan na ga’eera!."Milkaa’inni harki caalu kufaatii keessa darba! Ani har’a: Sooressa beekamaa (1ffaa) Biyya Chaayinaati.
"Kaleessa dhaabbata namaa keessa hojjechuuf jedhee carraan dhabe, har’a geggeessaa Kaampaanii
Alibaba.com ti. Jack Ma.
Seenaa kan irraa maal baranna..
Yaada keessan nu barreessaa