Singer Megertu Official


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Религия


Barsiisa macaafa qulqulluu, faarfannaa, ergaalee hafuuraa guyyaa guyyaan ni argattu.
https://adsly.me/@singer_megertu_official
Buy ads: https://telega.io/c/+Kk4BOOez0WM1ZmY0
youtube.com/@Singer_Megertu_Official
Contact: @Megertu_Dhugasa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Религия
Статистика
Фильтр публикаций


👉9. Guutummaa biyya lafaa irratti ni mo’a
✓ Bitaa biyya lafaa kanaa kan ta’e Diyaabiloosii fi hafuurota hamoota lafarraa haxaa’ee ni
balleessa (Mul 20:1-3)
✓Mootummoonni biyya lafaa hundi bittaa isaa jalatti ni kufu (Mul 11:15-18, Dan 2:36-45)
✓Lafa irratti waggaa kumaaf yeroo inni mo’utti amantoonni isa wajjin ni mo’u (2Xim 2:11,
Mul 20:6, 22:5)

🤝Yeroo bulchiinsa isaa waggaa kumaa kana keessatti biyya lafaa hundumaa irratti👇
✓ Nagaa guutuutu ta’a
✓ Qajeelummaa guututu ta’a
✓ Eebba guutuutu ta’a.

👉10. Warra du’oo hundumaa irratti ni murteessa
✓Mootummaa isaa kan waggaa kumaa booda teessoo adii irra ni taa’a (Mul 20:11)
✓Du’aa ka’uu isa duraatti warri hin ka’iin (warri du’an) firdii fudhachuuf teessoo isaa dura ni
dhaabatu (Mul 20:12)
✓Maqaan isaanii Macaafa jireenyaa irratti barreeffamee waan hin argaminiif gara kuufamaibiddaatti isaan darbata.
✓Firdii kanas namummaa isaa guutuudhaan raawwata (Yoh 5:22, 27)

👉11. Kiristoos waaqaa fi lafa isa haaraa keessatti
✓Ulfina dhaaltummaa Waldaa kiristiyaanaa ni mul’isa (Mul 21:2)
✓ Namoota gidduu ni buufata (bula) (Mul 21:3)
✓Inni ofii isaatii isaanii wajjin ni jiraata, Waaqayyo isaanis ni ta’aaf (Mul 21:3)
✓Amantoota dhiphina isaanii raawwatee isaan irraanfachiisa (Mul 21:4)
✓Waan hundumaa haaraa godha (Mul 21:5)
✓Achitti mana qulqullummaa fi giddu galeessa (bakka) waaqeffannaa Waldaa Kiristiyaanaa
(Yerusaalem ishee haaraa) ni ta’a (Mul 21:22)
✓Yerusaalem ishee haaraadhaaf ibsaa ishee ni ta’aaf (Mul 21:23, 22:5)
✓Hojjetoonni isaa fuula isaa ilaalaa ni sagaduuf (Mul 22:3-4)
Hojjettoonni isaa, isaa wajjin ni mo’u (Mul 22:3-5)

#Ameen Gooftaa Yesuus Dafii Koottu!

#Ayyaanni siniif haa baayyatu 🙏

🤝“Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa! Wanta kana keessaa tokko illee kan hafu hin jiru, kan achi keessaa qomoo isaa dhabus hin jiru, Waaqayyo ofii isaatii kana dubbateera, hafuura isaatiinis walitti isaan qabeera;”
— Isa. 34:16

#Galatoomaa


👉3. Abaarsa ta’e
✓Namoonni hundinuu seera eeguu dadhabuu isaaniitiif abaarsa jala jiru (Gal 3:10, Kes 27:26)
✓Mukatti kan fannifame hundinuu kan abaarameedha jedhamee waan barreeffameef bakkakeenya abaarsa ta’e (Kes 21:23, Gal 3:13)
✓Kanaaf abaarsa isaanii akka irraa fudhate kan amanan hundi seericha eeguu dhiisuu
isaaniitiin abaarsi itti dhufu ture raawwatee guutummaatti hafeeraaf (Gat 3:13)
✓Seericha eegee nan qullaa’a kan jedhu hundi garuu amma iyyuu abaarsa seerichaa jala jira
(Gal 3:10, 1:6-9)

👉4.Bakka bu’ummaan du’uu (substitutionary death)
✓Abbaan isaa cubbuu biyya lafaa hundumaa isa baachise (Isa 53:6)
✓Kanaafuu Abbaan isaa Yesuusiin cubbuu keenya isa godhe (2Qor 5:21)
✓Miindaan yookiin gatiin cubbuu du’a waan ta’eef bakka keenya bu’ee gatii cubbuu keenyaadu’aan adabame (1Phex 2:24, 1Qor 15:3)
✓Sababa du’a isaatiin kan isatti amanan hundi; sababa cubbuu isaaniitiif du’aan akka
adabamanii fi sana booda firdii jalaa walaba akka ta’an mirkaneeffameera (2Qor 5:14,15,
Rom 4:23-25)

👉5.Warra Du’an keessaa ka’uudhaan qajeelummaa keenya mirkaneesse
✓Yakka cubbamootaa baachuudhaaf inni raawwatee qulqulluu, seera hundumaa kan eege,raawwatee cubbuu kan hin hojjenne ta’uu qaba (Kes 12:5, Lew 4:3, Ibr 7:26)
✓Seera hundumaa kan eege, cubbuus kan hin qabne yoo ta’e jireenyatti jiraachuun ni ta’aaf
(Lew 18:5, His 20:10, Rom 10:5, Gal 3:12)
✓Cubbuu keenyaaf yoo du’e iyyuu adabbii cubbuu keenyaa guutummaatti fudhachuu isaa finuyiin immoo qajeelota bara baraa ta’uu keenya mirkaneessuudhaaf warra du’an keessaaka’e (Rom 4:24-25)
✓Isatti kan amanu hundi cubbuu isaaniitiin hin jiran, kanaafis firdii bara baraa jalaa walaba
ta’aniiru (1Qor 15:17)

👉6.Gara samii (Waaqaa)tti ulfinaan ol bahee
✓ Biyya lafaa irratti hojii itti kenname hunda raawwachuun Abbaa isaa kabaje (Yoh 17:4)
✓Aarsaa bara baraaf ta’u al-tokko (yeroo tokko) dhiheessuun xumure (Ibr 10:12)
✓Biyyi lafaa yoo fudhachuu dhaabaates waaqa irratti fudhatamuun isaaf ni ta’a (HoE 3:21)
✓Salphina guddaadhaan akka jiraate waaqa irratti ulfina guddaadhaan fudhatame (1Xim 3:16,Fil 2:9-11, Ibr 2:9)
✓Diinota isaa hundumaa hamma guyyaa bituutti “ mirga” Abbaa isaa taa’e
“Mirga jechuun ” Humna ibsa (Ibr 2:5-9, 1Qor 15:25, Far 110:1)

👉7.Angafa lubootaa ta’uudhaan amantoota hunda tajaajiluuf
✓Waaqayyo mamii malee kakaadhaan angafa lubootaa godhee isa muude (Ibr 7:20-22)
✓Godoo ishee waaqa irra jirtu keessatti waa’ee keenyaaf isa duraa ta’ee galeera (Ibr 6:17-20)
✓Waaqayyoo fi namoota gidduu dhaabachuudhaan iddoo isaanii bu’ee ni ilaalamaaf (Ibr 9:24)
✓Inni Waaqayyoo fi amantoota gidduutti golgaa guutuu, qulqullaa’aa fi mudaa hin qabneta’uudhaan ni tajaajila (Iba 10:19-20)
✓Kanaafis karaa isaa gara Waaqayyootti kan dhiyaatan hundi; qajeelotaa fi mudaa kan hin
qabne ta’anii karaa Kiristoos akka dhiyaatan karoora (maree) bara baraa kan ture hojiitti
hiikamuu danda’eera (Efe 1:4, Ibr 7:25)
✓Sababa kanaatiif amantoonni yeroo isaan barbaachise hundumaatti sodaa tokko malee ijajabummaa guutuudhaan gara mirga Waaqayyootti dhiyaachuu ni danda’u (Efe 2:18, Ibr10:19-20)
✓Inni yeroo hundumaa godoo qulqullaa’aa isa waaqa irraa keessatti tajaajilaa keenyadha (Ibr
8:1-2, 9:11-14)

👉8.Lammaffaa gara biyya lafaatti ulfinaan deebi’uu isaa
✓Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos ulfina guddaadhaa wajjin lammaffaa qaamaan gara biyyalafaa kanaatti ni deebi’a (HoE 1:11, Zak 14:5, Mar 14:62, Mul 1:7)
✓Jalqabatti Waldaa Kiristiyaanaa fi isatti amananii warra boqotan (obbaafatan) qulqullootahundumaa gara samiitti (waaqaatti) ol isaan buta (1Tas 4:13-18)
✓ Guutummaa biyya lafaa irratti waggaa torbaaf qorumsi sodaachisaan ni dhufa (Mul 4:19, His38, 39, Zak 14)
✓Duraan dursanii qulqulloota butamanii wajjin biyya lafaa irra ni dhufa (Qol 3:4, Zak 14:5,
Mul 19:14)
✓Wangeelaaf warra hin abboomamiin hunduma isaanii ijaa ba’a (2Tas 1:6-11)


#Barbaachisummaan sababni qoramuu isaas nu gargaaruudhaafi (Ibr 2:18)
✓(a)Yesuus Kiristoos guutummaatti nama ta’uun maaliif barbaachisee?

👉Ergamaa Yohaannis ergaa isaa kan barreesse “Yesuus nama guutuu miti” kan jedhu barumsidogoggoraa yeroo ka’etti ture. (1Yoh 4:2-3)

🤝Dosetizimii (Docetism):- Dokiyo jechi jedhu jecha Girikii yeroo ta’u hiikni isaas fakkaachuu
yookiin dhihaachuu jechuu yeroo ta’u nama fakkaate malee nama hin taane kan jedhu
barumsa falaasafaa (kalaqa sammuu isaa) ture.

🤝Barbaachisummaa guutummaatti nama ta’uu Yesuus Kiristoos
👉(a)Bakka bu’ummaan abboomamuudhaaf (For representative obedience)

#Addaam sanyii dhala namaa bakka bu’ee abboomamuu diduudhaan cubbuu hojjete.
Kanaafis namni hundi sababa irra daddarbaa Addaamiif kan cubbuu hojjetuu fi kan irra daddarbu ta’e. (Uma 2:15, 3:8)Irra daddarbaa Addaamiif kufiinsa isaa.

✍️Karaalee cubbuu ittiin galan sadan (3)’n (1Yoh 2:15-16)Dubartittii fi Abbaa manaa ishee
👉Bareedina ijaa -------------------------------------
√Ijatti kan nama hawwatu.
👉Kajeellaa (hawwa) foonii …………………………√Nyaachuudhaaf kan miidhagu.
👉Jireenyaan kooruu (boonuu)………………………√Ogummaadhaaf gaarii akka ta’e argite.

#Kiristoos sanyii dhala namaa hundumaa bakka bu’uudhaan abboomame. Kanaafis sababa abboomamuu isaatiif kan isatti amanan hundaaf qajeelummaan ni lakkaa’amaaf (Luq 4:1-13,Rom 5:18-19)
✓Bareedina ijaa: --------------
✓Ulfina mootolee lafa irraa itti agarsiise.
✓Hawwa (kajeellaa) foonii:--Yeroo inni beela’etti dhagicha daabboo godhi ittiin jedhe.

#Jireenyaan boonuu: ----------Yoo ilma Waaqayyoo taate kan irraa of darbadhu ittiin jedhe.
✓Kiristoos Addaam isa gara booddeeti(dhumaati )((1Qor 15:45)
✓Addaam nama isa duraa ture Kiristoos garuu nama isa lammaffaadha.

#(A)_Addaam isa jalqabaa (Rom 5:18-19)
👉Hin abboomamne
👉Irra daddarbaan isaa qajeelummaa Addaam isa boodaa biratti baay’ee baay’ee xinnoodha
👉Sababa kanaaf namoonni hundinuu ni du’u
turan
#(B)_Addaam isa gara boodaa (Kiristoos)
👉Guutummaatti abboomame
👉Baay’inni qajeelummaan isaa baay’ina cubbuuaddaam isa duraa irra baay’isee baay’isee nicaala.
👉Sababa kanaatiif namoonni bara baraan ni
mo’u.

🤝(b)Bakka bu’ummaadhaan du’uu fi akkasumas aarsaa ta’uuf
✓ Waaqni sababa hin duuneef foon isa du’u uffachuun isa barbaachise (Yoh 1:14)
✓Karaa du’a isaatiin taayitoolee (aboo) jiran diiguuf foonii fi dhiiga hirachuu isa barbaachise(Ibr 2:15-17)
✓ Kanaafis aarsaa Kakuu moofaa hundumaa bakka bu’uudhaan dhiifamuu cubbuu guutuu ta’eargachiisuu akka danda’uuf aarsaa ta’uutu irra ture (Yoh 1:29, Ibr :22-28, Ibr10:1-18)
Kanaafis Yesuus Kiristoos kan du’e sababa mataa isaatiif utuu hin ta’iin sababa namootaatiifwaan ta’eef du’i isaa bakka bu’umsaan du’uu (Substitutionary death) jedhama.

🤝(c)Waaqayyoo fi Nama gidduutti giddu galeessa (angafa lubaa) ta’uudhaaf.
👉Inni Waaqa guutuu ta’uu isaatiin Waaqayyo fuul-dura dhaabachuu kan danda’uu fi nama
guutuu ta’uu isaatiin amantoota dadhabbii isaanii keessatti isaan gargaaruu kan danda’u
ta’eera (1Xim 2:5).
👉Sababa namummaa isaatiif qoramee waan beekuuf (kan qorame waan ta’eef) garaa nuuf
laafuu ni danda’a (Ibr 2:18, Ibr 4:15-16).

🤝 Hojiilee Fayyisaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos namummaa isaatiin hojjetu👇
👉1. Foon (nama ) ta’uu isaa ( Incarnation)
✓Waaqayyo kan ta’e Sagaleen foon ta’uu (Yoh 1:14)
✓Waaqni foon uffatee mul’ate (1Xim 3:16, 1Yoh 4:2)
✓Akka bifaa fi fakkeenya namaatti mul’ate (Fil 2:6-8)
✓Waaqni hin mul'anne qaama argamu uffatee namoota gidduu buufate (Yoh1:14, Mat 1:23)
✓Cubbuu irraa kan hafe akkuma keenya nama ta’e (Ibr 4:15)

👉2.Bakka bu’ummaadhaan abboomamuu (Representative Obedience)
✓ Seera hundumaa eegee jiraate (Mat 5:17)
✓Fedha abbaa isaa qofa raawwachuu (gochuudhaan) jiraate (Yoh 4:34, 5:30, 6:38, 17:5)
✓Seera kan kennee fi abboomaa kan ture ofii isaatii abboomamuu bare (Ibr 5:8)
✓Kana hundumaas kan godheef abboomamuuf waan ta’eef, abboomamuu tokkicha YesuusKiristoosiin kan isatti amanan hundaaf akka waan abboomamaniitti akka lakkaa’amanii fiqajeeltota akka ta'aniif (Rom 5:15-21).


👉 YESUUS KRISTOOS NAMA GUUTUU TA'UU ISAA(NAMUMMAA ISAA/ABSOLUTE


✓Durbarraa dhalachuu isaa:-Haala dinqisiisaadhaan durba kan turte Maariyam irraa dhalate.Isheenis humna Hafuura Qulqulluutiin abbaa foonii malee isa ulfoofte (Mat 1:18-20)
✓Raawwiilee sagalee raajotaatiif durbummaan ulfaa’uu ishee qofa utuu hin ta’iindurbummaan da’uun ishees barbaachisaa ture.
#Kanaafis mucichi (Yesuus) ilma Waaqayyoo isa qulqulluu ture (Luq1:34-36)

👉Barbaachisummaa Durbarraa sanyii dhiiraa malee dhalachuu isaa 👇

✓a.Fayyinni guutummaatti kan dhufu Waaqayyo biraa qofa waan ta’eef
✍️Namni tattaaffii isaatii fi fedha isaatiin tasuma iyyuu fayyuu hin danda’u. Kanaafuu karaa. ayyaanaa fayyisuu Waaqayyoo eeggachuutu irra waan tureef.
✓b. Karaan eeyyummaan isaa nama guutuu fi Waaqa guutuu ta’e ittiin qaama tokko ta’uu danda’u karaa kana qofa waan tureef
👉Yesuus maatii foonii utuu hin qabaatiin Waaqa irraa foon guutuu uffatee utuu bu’eera ta’eenama guutuu ta’uu isaa mirkaneessuun hin danda’amu ture.
👉Yesuus akkuma keenya haadhaa fi abbaa foonii irraa utuu dhalateera ta’ee tasuma iyyuu
Waaqa guutuu ta’uu isaa mirkaneessuun hin danda’amu ture.
✓c.Nama guutuu ta’uun isaa fi sanyii cubbuu irraa walaba (bilisa) ta’uun isaa kan ittiin
mirkanaa’e dha.
👉Yesuus akka namoota biroo itti fufiinsa sanyii Addaamiin kan dhalate miti. Sanyiin kan
lakkaa’amu karaa dhiiraa malee karaa dubartiitiin miti.
🤝Hafuurri Qulqulluun Maariyam cubbuu qabaattu iyyuu gara Yesuusitti akka hin darbine hojiigolguu isaa hojjeteera (Luq 1:35

👉.Amaloota Namummaa Yesuus Kiristoos👇

🤝a.Yesuus qaama (dhagna) namaa uffateera
Akka mucaatti dhalateera (Luq 2:7). Akka ijoolleetti, ogummaan, beekumsaan,qaamaanis ni guddata ture (Luq 2:40,52)
🤏 Ni dadhaba ture (Yoh 4:6)
🤏Ni beela’a ture (Mat 4:2)
🤏Ni dheebota ture ( Yoh19:28)
🤏Ergamootni isa ni tajaajilu turan (Mat 4:11)
🤏Lubbuu isaa harka Waaqayyootti adaraa kennate ( Luq 23:46)
🤏 Yeroo warra du’an keessaa ka’etti qaamni namummaa isaa guutummaatti qaama (dhagna)
du’aa ka’uu uffatee ka’eera. Kanaafuu qaamaa fi lafee kan qabu malee hafuura hin turre (Luq
24:39) fuula isaanii durattis nyaata nyaateera (Luq 24:42, Yoh20:17,20,27, Yoh 21:9-13)
🤏Hundumtuu utuu ilaalanii qaamuma ittiin ka’e sanaan gara waaqaatti (samiitti) ol ba’eera.(HoE 1:9).

#Kanaafuu Yesuus deebi’ee kan dhufu qaamaan malee hafuuraan miti.
✓b.Yesuus sammuu namummaa qaba.
🤏Ogummaatti ni guddata ture.
🤏Akkuma ijoollee warra kan biraa hundumaatti, nyaachuun, deemuun, dubbisuu fi k.k.fbarachaa guddatte. Ajajaa (abboomaa) kan tures abboomamuu barate (Ibr.5:8)
✓c.Lubbuun Yesuus fedha namummaa qabdi turte
🤏Lubbuun kutaalee sadii qabdi:
1. Fedha
2. Miira
3. Beekumsa
✓Lubbuun isaa ni dhiphatti turte (Yoh 12:27)
✓Hafuura isaatiin ni dhiphata ture (Yoh 13:21)
✓Lubbuun isaa ni gadditi turte (Mat 26:38)
✓ Ni ajaa’ibsiifata ture ( Mat 8:10)
✓Ni gaddaa, akkasumas ni boo’a ture (Yoh 11:35)
🤝Sagalee guddaadhaa fi imimmaaniin ni kadhata ture (Ibr 5:7)

#Yesuus Kiristoos Nama isa Tokkicha isa Raawwatee Cubbuu hin Qabne
✓Yesuus Kiristoos nama guutuu yeroo ta’u, sanyii namaa isa cubbuudhaan manca’e irraa adda kan isa godhu raawwatee cubbuu kan hin hojjenne ta’uu isaati. Namni jalqaba gaafa Waaqayyo isa uume cubbamaa hin turre, akkasuma Yesuus akka namicha isa yeroo jalqabaa sana cubbuu irraawalaba(bilisa) kan ta’e nama guutuu ture jechuu dha.
✍️Ani ifa biyya lafaa ti (Yoh 8:12). Ifni ibsituu dhugummaa (haqummaa) fi qulqullummaa ti.
✓Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu nan hojjedha (Yoh 8:29). Abboommii abbaa isaa ni raawwata ture (Yoh 15:10), Philaaxoosis yakka tokko illee isa irratti hin argine (Yoh 18:38).

🤏Fakkeenya foon isa namni cubbamaan uffatu uffate malee cubbamaa ta’ee hin mul’anne(Rom 8:3)Cubbuu tokko illee hin qabu (cubbuu tokko illee hin beekne) ture (2Qor 5:21).
✓Qoramu iyyuuraawwatee tasuma iyyuu cubbuu hin hojjenne (Ibr 4:15). Inni hamaadhaan hin qoramu waan ta’eef (Yaq 1:13).
✓Qulqulluu fi mudaa kan hin qabne cubbamoota irraa adda kan ba’e nam guutuu ture(Ibr 7:26, 1Phex 1:19, 2:22, 3:38, 1Yoh 2:1, 3:5)




QOROMSAAN ILAALAMANI DARBUU KEESSAAN DHUFA.

✍️ Qorumsi waan namni jaallatee itti galuu utuu hin taane waan fedhii fi yaada namaa ala namatti dhufudha. Qorumsi yeroo jalqaba nama mudatu waan nama naasisuu fi abdii nama kutachiisu yoo ta’ellee, achi keessatti namni obsa, amantii, danda’uu fi caalaatti gar Waaqayyootti siquu namatti hora. 📖 1Phe. 1:5-7 ⁵ Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a.⁶ Amma yeroo gabaabduudhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo ta'e iyyuu, isa sanatti immoo baay'iftanii in gammaddu. ⁷ Warqeen inni baduuf jiru iyyuu ibiddaan in qorama; amantiin keessan inni warqee caalaa gati-jabeessi immoo, guyyaa Yesus Kristos itti mul'achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina akka argatutti qoramee in ilaalama.
✍️ Qulqullinii fi miidhaginni (the quality and beauty) hafuuraa kan inni dhufu morkee (challenge) sana keessatti.
📖 IYOB 23:10 “Haa ta'u iyyuu malee, inni karaa koo in beeka, yeroo inni qoree na ilaaluttis akka warqeetti nan ba'a.”
✍️ Akkuma Warqeen warqummaansaa ibidda keessa erga darbee fudhatamu, jireenyi kiristaanummaas qorumsaan ilaalamanii erga darbanii fudhatama.
📖 Isa 48:10-11¹⁰ Kunoo, akka meetiitti yoo ta'uu dhabaatte iyyuu, si qulleessuudhaaf rakkina isa akka ibiddaatiin ani si qoreera; ¹¹ ani ofuma kootiif, ofuma kootiif jedhee kana nan godha; maaliifan maqaan koo akka balleeffamu godha? Attamittanis ulfina koo kan biraatiif kenna ree?
✍️ Qormaanni mana barumsaatii dhiyaatu akka sadarkaa barumsaatti namaaf dhiyaata. Qorumsi kutaa 6ffaaf dhiyaatu kanuma kuticha malee kan kutaa 8ffaa hin ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo kan kutaa 12ffaa hin ta'u. Akkasuma hamma dandeettii keenyaatiin ol-waaqayyo nu hin qoru. Haa ta'u malee kiristaanni kamiyyuu qorumsa matasaa qaba.
📖 1Qor. 10:13 “Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”
✍️ Ilaalamanii erga darbanii booda barbaadamu, jireenya, ulfinaafi mo’icha isa caalutti darbuu fi fira Waaqayyoo ta’uutu jira.
📖 ZakZak. 13:8-9 ⁸ Guutummaa namoota biyyichaa keessaa harka sadii keessaa harki lama rukutamee in dhuma; haa ta'u iyyuu malee, harka sadii keessaa harki tokko isa keessatti in hafa; ⁹ harka sadii isa hafe sanas ibidda keessa buusee, akka meetii fi akka warqeetti qoree nan ilaala; yommuu isaan maqaa koo waammatan, ani immoo isaaniif nan dhaga'a; 'Isaan saba koo ti' nan jedha; isaanis, 'Waaqayyo gooftaa keenya' in jedhu" jedha.


Dubinisaas “dhugaan birmaduu nama baasa.”(Yoh 8:32). Tooftaa qo’annaa macaafa qulqulluu guddifachuudhaan sagalee waaqayyoo barataan kamiyyuu akka abbuuru abdii qaba. Barbaacha gooftaa hubachuun wallaalummaadhaa nama basa. Fedha sagalee waaqayyoo kan nama hubachiisu, jireenya namaa kan jijjiiru fi eebba isaa kan nama hirmaachisu kadhata godhachuun immoo murteessa dha.
The pursose of biblical hermeneutics is help us to know how to properly interpret, understand, and apply the bible (sirni hiika macaafa qulqulluu bu’aan inni nuuf qabu akkatti macafa qulqulluu sirriidhaan hiikne beeknuun, hubannee jireenya keenyaaf akka oolchinuufi dha). Biblical hermeneutics keeps us to intended meaning of scripture and away from allegorizing bible verses that should be understood literaly (sirni hiika macaafa qulqulluu yaada hiika macaafa qulqulluu nu eegsisa, akka hubannaa sirna barreeffama luqqisiiwwan macaafa qulqulluu irraa kaanne nu eega).
The passage must be interpreted historically, grammatically, and contextually (seenaan keeyyata macaafa qulqulluu, seer-luga fi qabiyyeen keeyyataa dirqama hiikamuu qaba). Interprating historically means we must seek to understand the culture, background, situation propted the text (keeyyata seenaadhaan hiikuu jechuun dirqama aadaa hubachuudhaaf, seenaa dugduubee fi haala caafatichaaf ka’umsa ta’e qo’achuu dha). Interpratng a passge grammatically requires one to follow the rules of grammar and recognize the nuances of Hebrew and Greek (keeyyata seer-luga isaanii hiikuuf namni tokko seeraaf hint afaan Ibrootaa fi Giriikii ordofuu barbaachisa).
E.g when paul writes in Titus “ our great God and savior, Jesus Christ” in titus 2:13 the rules of grammar state that God and savior are parallet terms and they are both in a position to Jesus Christ. in other words, paul clearly calls Jesus “ our great God” ( “Yesuus Kristoos, Waaqayyo keenya is guddaa, Fayyisaa keenyas” ibsi seer-lugaa kan argisiisuu Waaqayyoo fi Fayyisaan termoota wal fakkaatoo dha. Lamaan isaani iyyuu Kristoos bakka bu’uu argisiisu. Jechan biraan phaawuloos iftummaadhaanYesuus yommuu waamu” waaqayyo keenya isa guddaa dha”. Interpreting a passage contextually involves considering the context of verse or passage when trying to determining the meaning (keeyyata qabiyyee isaatiin hiikuudhaan hiika barbaaddame addaan baafachuuf qabiyyee waraabbii yaadan qabanii ilaaluu dha.
The context inludes the verses that immediately preceding and following, the chaper, the book, and most broadly, the entiring bible (qabiyyeen kan of keessatti qabatu duraa duuba waraabbiwwanii, boqqonnaa, kitaaba, fi bal’inaan ilaaluu, fi guutummaa macaafa qulqulluu ti). Kaayyoon sirna hiika macaafa qulqulluu sagalee waaqayyoo jireenyaan/gochaan mul’isuu dadhabuu irraa waan nu eeguuf baruu qabna (the purpose of biblical hermeneutics is to protect us from misapplying scripture). God’s word is truth (yoh 17:17), we want to see the truth, know the truth, we want to live for the truth as best we can, and that why biblical hermeneutics is vital (“sagaleen waaqayyoo dhugaa dha”, dhugaa arguu barbaannaa, dhugaa beeku bira ga’uu barbaannaa, amma dandeenyu dhugaadhaaf jiraachuu barbaanna, kun maaliif sirni hiika macaafa qulqulluu bu’uura waan ta’ee fi dha). (hermeneutics)


Singer Megertu Official




Maqaa gochaa Fi humna yesus ibsan
┄┄┄┄┄❅☕️❅┄┄┄┄
1️⃣ Abbaa bara baraa. Isa. 9:6
2️⃣ Abbaa firdii. Mat. 12:18, HoE 10:42
3️⃣ Abdii(abdatamaa)...Mat. 12:18, 1xim 1:1
4️⃣ Angafa nagaa. Isa. 9:6
5️⃣ Ameenii isa ta'e. Mul 3:14
6️⃣ Abboomaa/ajajaa jabaa...Uma 49:10
7️⃣ Amanamaa...Mul 19:11
8️⃣ Addaam isa lammaffaa...1Qor 15:45
9️⃣ Angafa Tiksootaa. 1Phex 5:4
1️⃣0️⃣Amaanu'eel. Isa 7:14, Mat 1:23
1️⃣1️⃣ Alfaafi Omeegaa. Mul 1:8, mul 22:13
1️⃣2️⃣ Angafa Lubootaa. Ibr 4:14
1️⃣3️⃣ Ayyaanaan guutuu...Wan.Yoh 1:14
1️⃣4️⃣ Bakkalcha barii. Mul 22:16
1️⃣5️⃣ Bifa Waaqayyo ittiin namatti mul'atu. Qol 1:15
1️⃣6️⃣ Buddeen Waaqarraa bu'e. Wan.Yoh 6:32
1️⃣7️⃣ Bilisa kan nama baasu. Wan.Yoh 8:32
1️⃣8️⃣ Boqonnaa/boqochiisaa. Mat 11:28
1️⃣9️⃣ Buddeena Jireenyaa. Wan.Yoh 6:30
2️⃣0️⃣ Balbala Hoolotaa. Wan.Yoh 10:11, 10:9
2️⃣1️⃣ Du'aa Ka'uudha. Wan.Yoh 11:20
2️⃣2️⃣ Dhugaa...Wan. Yoh 14:6, mul 19:11
2️⃣3️⃣ Dhirsa Misirro. Mat 9:15
2️⃣4️⃣ Dhagaa golee qajeelchu. Far 118:22
2️⃣5️⃣ Durumaa kaasee kan jiru. Wan. Yoh 8:58
2️⃣6️⃣ Dhuga baatuu amanama. Mul 3:14
2️⃣7️⃣ Eebbifamaa. 1Xim 6:15
2️⃣8️⃣ Ergamoonni kan sagadaniif. Ibr 1:6
2️⃣9️⃣ Ergamaa/Hawaariyaa. Ibr 3:1
3️⃣0️⃣ Ergamoota kan Ergatu. Ibr 4:14
3️⃣1️⃣ Fayyisaa aango-qabeessa. Luq 1:59
3️⃣2️⃣ Fayyina. Ibr 5:9
3️⃣3️⃣ Fayyisaa. wan.Yoh 3:6-18, 1Yoh 4:14
3️⃣4️⃣ Furii. Rom 11:26, Isa 59:20, Luq 24:19
3️⃣5️⃣ Garraamii. Mat 11:29, Fil 2:5-9
3️⃣6️⃣ Gooftaa Hunduma gararraa jiru. Efe 1:22
3️⃣7️⃣ Gaanfa Fayyinaa(Giriikiidhaan). Luq 1:69
3️⃣8️⃣ Gooftaa Ulfinaa. 1Qor 2:8
3️⃣9️⃣ Guddaa. 1Qor 10:4, Luq1:32, Ibr 4:14
4️⃣0️⃣ Gorsaa Dinqii. Isa 9:6
4️⃣1️⃣ Gooftaa nama hundumaa. Mat 8:2, HoE 10:36
4️⃣2️⃣ Gooftaa Gooftotaa. mul 17:14, mul 19:19
4️⃣3️⃣ Hoolaa Faasikaa. 1Qor 5:7
4️⃣4️⃣ Hojjataa Qulqulluu. HoE 4:27
4️⃣5️⃣ Hojjataa Filatamaa. Mat 12:18
4️⃣6️⃣ Hundumaa kan danda'u. Mul 1:8
4️⃣7️⃣ Hoolaa Waaqayyoo. wan.Yoh 1:29
4️⃣8️⃣ Hidda Daawit. Mul 5:5
4️⃣9️⃣ Humna Waaqayyoo. 1Qor 1:24
5️⃣0️⃣ Ificha dhugaa...wan. Yoh 1:9

834 0 18 1 24

in other words, paul clearly calls Jesus “ our great God” ( “Yesuus Kristoos, Waaqayyo keenya is guddaa, Fayyisaa keenyas” ibsi seer-lugaa kan argisiisuu Waaqayyoo fi Fayyisaan termoota wal fakkaatoo dha. Lamaan isaani iyyuu Kristoos bakka bu’uu argisiisu. Jechan biraan phaawuloos iftummaadhaanYesuus yommuu waamu” waaqayyo keenya isa guddaa dha”. Interpreting a passage contextually involves considering the context of verse or passage when trying to determining the meaning (keeyyata qabiyyee isaatiin hiikuudhaan hiika barbaaddame addaan baafachuuf qabiyyee waraabbii yaadan qabanii ilaaluu dha.

Singer Megertu Official


Seensa Sirna hiika Macaafa Qulqulluu
Kitaabonni macaafa qulqulluu akkamitti hubachuun akka danda’amu ibsa hedduu ta’anis, Isaan keessaa gaariin muraasa dha. Beektota macaafa qulqulluu hiikan ta’uuf duwwaa otoo hin taane karaa ittiin macaafni qulqulluun jireenya keenya wajjin walitti firoomu barbaadufis waamamneerra. Sirni hiikuu macaafa qulqulluu (hermeneutics) rakkoowwan macaafa qulqulluu keessatti nama quunnaman hiikuuf faayidaa guddaa qaba. Kun immoo hojii garaagarummaa beektotaa fi amantoota gidduu jiru dhiphisuuf yaalu dha. Dhiphinni beektotaa inni guddaan warra jalqaba turaniif hiika attamii qaba ture? Kan jedhudha. Sagaleen waaqayyoo jalqabatti haala seenaa sirrii keessatti kan kenname ta’u illee, sagaleen kun yeroo hundumaa jiraataa ta’ee akka hojjetuu fi amala addaa akka qabu hubachuu qabna.
Beekaan macaafa qulqulluutti amanu tokko dubbisni macaafa qulqulluu tokko hiikni inni nuuf kennu hiika duraan kenne akka ta’e ni hubata. Kun immoo hojiiwwan lama akka hojjennu nu taasisa: -1ffaa, dubbisichi dubbiftoota warra jalqabaaf hiika maali akka kennu hubachuun barbaachisaa ta’uu isaa argisiisa. Kunis isa durii qo’achuu (excegesis) jedhama. 2ffaa, haala adda addaa har’a keessa jirru keessatti ergaa walfakkaatu dhaga’uu dha. Hiikoon lammaffaa kun immoo sirna hiikuu(Hermeneutics) jedhama. Kaayyoon qo’annaa macaafa qulqulluu hojiiwwan kana lamaan haala gaariin raawwachuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba. Macaafni qulqulluun sagalee waaqayyoo kan bara baraa waan ta’eef, dubbisuu, hubachuu fi isaaf abboomamuu qabna.
Barnoota 1ffaa
Sirna Hiika Macaafa Qulqulluu Beekuu
Biblical hermeneutics is the study of the principles and methods of interpreting the text of bible (sirni hiika macaafa qulqulluu qaleelfamootaa fi tooftaalee ittiin macaafa qulqulluu hiikan qo’achuu dha (1Tim 2:15)). Sirni hiikoo macaafa qulqulluu yeroo hundaa macaafa qulqulluu haala gaariidhaan hiikame dha. Sirni hiikoo hiika sirrii macaafa qulqulluu barbaadu dha. Namni dhugaa macaafa qulqulluu hubachuudhaaf sirna hiika macaafa qulqulluu beekuun murteessa dha. Beekumsa dhugaa sagalee waaqayyoo kana immoo hubachuun, abboomamuufi qabachuun dirqama dha. Sababiin isaas “dhugaan birmaduu nama baasa.”(Yoh 8:32). Tooftaa qo’annaa macaafa qulqulluu guddifachuudhaan sagalee waaqayyoo barataan kamiyyuu akka abbuuru abdii qaba. Barbaacha gooftaa hubachuun wallaalummaadhaa nama basa. Fedha sagalee waaqayyoo kan nama hubachiisu, jireenya namaa kan jijjiiru fi eebba isaa kan nama hirmaachisu kadhata godhachuun immoo murteessa dha.
The pursose of biblical hermeneutics is help us to know how to properly interpret, understand, and apply the bible (sirni hiika macaafa qulqulluu bu’aan inni nuuf qabu akkatti macafa qulqulluu sirriidhaan hiikne beeknuun, hubannee jireenya keenyaaf akka oolchinuufi dha). Biblical hermeneutics keeps us to intended meaning of scripture and away from allegorizing bible verses that should be understood literaly (sirni hiika macaafa qulqulluu yaada hiika macaafa qulqulluu nu eegsisa, akka hubannaa sirna barreeffama luqqisiiwwan macaafa qulqulluu irraa kaanne nu eega).
The passage must be interpreted historically, grammatically, and contextually (seenaan keeyyata macaafa qulqulluu, seer-luga fi qabiyyeen keeyyataa dirqama hiikamuu qaba). Interprating historically means we must seek to understand the culture, background, situation propted the text (keeyyata seenaadhaan hiikuu jechuun dirqama aadaa hubachuudhaaf, seenaa dugduubee fi haala caafatichaaf ka’umsa ta’e qo’achuu dha). Interpratng a passge grammatically requires one to follow the rules of grammar and recognize the nuances of Hebrew and Greek (keeyyata seer-luga isaanii hiikuuf namni tokko seeraaf hint afaan Ibrootaa fi Giriikii ordofuu barbaachisa).
E.g when paul writes in Titus “ our great God and savior, Jesus Christ” in titus 2:13 the rules of grammar state that God and savior are parallet terms and they are both in a position to Jesus Christ.




Yaadi garaa kee maalitti hidhamee jira?


📢 Naahoom 1:7 (MACQUL) Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka;
📖 1 Seenaa 28:9 (MACQUL) Yaa Solomoon, yaa ilma ko, Waaqayyo inni ani abbaan kee waaqessu garaa nama hundumaa qoree waan ilaaluuf, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas waan hubatuuf, gooftummaa isaa beekiitii garaa guutuudhaan, fedha guutuudhaanis isaaf hojjedhu! Yoo isa barbaaddatte, isa in argatta; yoo ati isa barbaaddachuu dhiifte garuu, innis bara baraan si in gata.
▶ Namni bakkee namaa Ilaala; Waaqayyoo garuu wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru ilaala.
▶ Namni bu'aa yaada garaa isaa jiraata. Yaadni garaa kee yoo boora'e, jireenya kee booressa.
▶Wanti namni bakkeetti baasee dubbatuu fi hojjetu, wanta yaada garaasaa keessa jiruudha.
▶ Kanaaf macaafni qulqulluun Fakkeenya 27:19 irratti, "Bishaan nama isa keessa ilaale akkuma mul'isu, akkasuma yaadni namaas namichuma in mul'isa." jedha.
▶Qolaasaayis3: 2 kaasees yeroo dubbiftan akkas jedha,
📖 Qolosaayis 3:2 (MACQUL) Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!
▶ Biyya lafaa kana keessa yeroo jiraannu, cimsinee hojjechuu qabna; fiigicha nurraa eegamu fiiguu qabna; haata'u malee garuu, yaadni keenya isarratti utuu hin taane, isa waaqarraatti hidhamuu qaba.
▶ Yaadni namaa kun akka galaanaati; yoo hin hidhamu ta'e, nama fudhatee adeema.
▶ Yaadni kee akka bishaan gabatee keessaa akka inni asiif achii sin urgufnetti hidhamuu qaba.

Singer Megertu Official


Dinqiiwwan M/Q keessatti argaaman tokko tokko

1. Uumama biyya lafaa - Uma 1:1-31
2. Gargar bahuu Galaana Diimaa - Ba'u 14:21-31
3. Bishaan gara dhiigaatti jijjiirame - Ba'u 7:14-25
4. Dha'icha Gibxii - Ba'u 7:14-12:30
5. Manna samii irraa - Ba'u 16:14-35
6. Bishaan dhagaa keessaa bahu - Ba'u 17:5-7
7. Dhukkuba nadaayii Naamaan fayyisuu - 2Mot 5:1-14
8. Alaazaar ka'uu - Yoh 11:1-44
9. Nyaachisuu Namoota 5,000 - Mat 14:13-21
10. Yesus bishaan irra deemuu - Mat 14:22-33
11. Fayyina nama jaamaa - Yoh 9:1-41
12. Nama laamsha'e fayyisuu - Marq 2:1-12
13. Bishaan gara wayinii jijjiiruu - Yoh 2:1-11
14. Dubartii dhimma dhiigaa qabdu fayyisuu - Marq 5:25-34
15. Nama jinniin qabame fayyisuu - Marq 5:1-20
16. Obomboleettii tasgabbeessuu - Marq 4:35-41
17. Fayyisaa hojjetaa ajajaa dhibbaa - Mat 8:5-13
18. Du'aa ka'uu Yesus - Mat 28:1-10
19. Fayyisaa namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman - Luq 17:11-19
20. Fayyisaa nama laamsha'e bishaan kuufamaa Beetesdaa - Yoh 5:1-9

Kun dinqiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmaaʼan keessaa muraasa. Guutummaa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti kanneen biroo hedduutu jiru.

Olmaa_gaaari_qabaadha!!!!

Singer Megertu Official

787 0 10 1 20

Tajaajilaa fi Ergama isaa(1).pdf
872.3Кб
Kunooti dubbisa itti eebbiifamia




Humna dubbii waaqayyootti amani


📖 Ibroota 4:12 Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a.
📖 Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha; hin dulloomu, hindadhabus. Barri hojjechuusaaf humni hojjechuusaa itti hindarbu. Yeroo hundumaa haara'aa adeema.
📖 Dubbiif barruuleen namaa moofa'aa adeema. Kon gooftaa garuu yeroo hundumaa haaraadha.
🔊 Isa biyyi lafaa arguu hindandeenye, morgaaf dhuka, kaleef ribuu keessan keessa galee in mura.
🔬Meeshaaleen qorannoo fayyaa kanneen akka 'CT-scan fi ultrasound' bakka dhibeen kee jiru fi gosa dhibee qaama keessa jiruu adda baasuu danda'a. Meeshaan hafuura hamaa adda baasu gaaru hin jiru. Sagaleen waaqayyoo hafuurota sana qoree ilaaluudhaaf humna qaba.
📖Ermiyaas 23:29 Dubbiin koo akka ibiddaa mitii ree Akka burruusa dhagaa kattaa caccabsuus mitii ree?
✍️ kana jechuun, 'isa qola xa'e ingubaa, isa dhagaa fakkaatee siyaaddesse immoo sirraa daaka.'jechuudha.
📖 Dubbiin Waaqayyoo ijaaruufis yoo ta'e diiguuf, dhaabuuf yoo ta'es buqqisuuf, muruufis humna qaba.
📖 Faarfannaa 29:3 Sagaleen Waaqayyoo galaana irraa in dhaga'ama, Waaqayyo inni ulfina-qabeessi in kakawweessa'a; inni galaana gurguddaa irrattis waaqayyummaa isaa in argisiisa. 4 Sagaleen Waaqayyoo humnaan in dhaga'ama; sagaleen Waaqayyoo surraadhaan in sochoosa. 5 Sagaleen Waaqayyoo muka gaatiraa in caccabsa; Waaqayyo muka gaatiraa tulloota Libaanon in caccabsa. 6 Inni tulloota Libaanon akka jabbii, tulluu Siiriyonis akka dibicha gafarsaa in burraaqsisa. 10 Waaqayyo bishaan badiisaa gara irraa iyyuu taa'eera; Waaqayyo bara baraan mootii ta'ee teessoo irra in taa'a.
🔊 Waaqayyoo haalota, bishaan badiisaaf uumama gararraa jira!
✍️ Akkuma seera biyya lafaatti dhimmi keessan yoo isin duraa qabame ol iyyannoon keessan sadarkaa gandaatii eegalee hamma Federaalaatti deemtu. Federaalli murteessinaan gandi diduu hindanda'u. Akkasuma manni maree 'sadantichaa' murteessinaan biyyi lafaa diduu hindanda'u.
🔊 Dhimmikee Mana maree sadantichaa (Trinity council) dhaa siif murtaa'eera.
💪 Humni maqaa yesuus, sagaleesaa keessaan hojjeta. Humna sagalee waaqayyootti amani.




Jechoota Jajjaboo kitaaba "Ga'umsa Dhokataa keessake jiru Gad-dhiisi" jedhu keessaa hamma tokko walitti qabee siniif dhiyeesseera itti dhiyaadhaa.

Eebboo koo kitaaba kana dholoota kanaaf bu'aa buusa jettee hiikuukeef guddaa si galateeffadha.

Kuno itti dhiyaadhaa:

🔜 Waaqayyo jireenya keef karoora qaba.

🔜 Kaayyoo kee argachuuf Uumaa kee wajjin hariiroo qabaachuu qabda.

🔜 Kitaabni Qulqulluu siif maanu'aalii Waaqayyooti. Wantota si barbaachisan, qajeelchawwanii fi akeekkacjiisawwan kee beekuu fi itti jiraachuu si barbaachisa.

🔜 Hojiin ga'umsa dhokataa kee akka ittiin gad dhiistuuf karaa Waaqayyo siif kennedha.

🔜 Waaqayyo sii fi dandeettiiwwan keetti ni amana.

🔜 Gatii fi dandeettiinke hamma Waaqayyo siin jedhe ga'a.

🔜 Waanta Waaqayyoon caalu yaaduu, karoorsuu fi il-yaaduu hin dandeessi, sababni isaas Waaqayyo Madda il-yaada keetiiti.

🔜 Tokkoon tokkoon keenya hoji-manee fiixaan baasnu qabannee gara Addunyaa kanaa dhufna.

🔜 Ga'umsi dhokataanke gad dhiifame dhaala addunyaati.

🔜 Ga'umsa dhokataa daangaa hin qabne of keessatti qabattee gara Addunyaa kanaa dhufte.

🔜 Waan hojjette caalaa waan guddaa hojjechuu ni dandeessa.

🔜 Waaqayyo waan hundumaa ga'umsa dhokataa wajjin uume.

🔜 Waaqayyo madda ga'umsa dhokataa hundumaati.

🔜 Waaqayyo yommuu si barbaade, ofii isaatti dubbate.

🔜 Waaqayyo irraa dhufte.

🔜 Waan Waaqayyo si irraa barbaadu hojjechuu dandeessa, sababni isaas humna ittiin sana hojjettu si keessa hin keenye taanaan inni hojicha akka hojjettu sin gaafatu.

🔜Waaqayyo kaayyoo jireenya keetii ni beeka.

🔜Waaqayyon alatti ati kaayyooke hin beektu
Jedha.

Waan xiqqoo tokko qofaan sin biraan ga'e.

Kitaaba ba'eessa kanatti fayyadamaa! Kitaaba baay’ee waa'ee walitti dhufeenya uumamaa siif Waaqayyoo gudduu jiru sin hubachiisee, sababii Waaqayyo sin uummateef akka jiraattaniif sin gargaara. Sababiinsaayyu Waaqayyo nama hundumaa sababii uummateef waan qabuuf. Akkasumaan namni uumame Addunyaa kana irra hin jiru Waaqayyo nama hundumaa karooraan uummate.


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Filp 4:13

13 Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.


Singer Megertu Official

Показано 20 последних публикаций.