Репост из: Think Positive💡
Dhiifama Baay'ee Ulfaataa Ta'e! 🆘
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔻 Dhiifama hunda keessaa inni baay’ee ulfaataa ta’e ofiif dhiifama gochuudha. Badiin kanaan dura hojjenne ofuma keenya akka komannu (ceephaanu) nu taasisa. "Animee balleesseera, bakkan yaade dhiisee bakkan hin yaannetti argameera, waanan gochuu qabu dhiisee waan hin malle raawwadheera" jennee of kommanna! Eeyyeen dur hundumti keenya dogoggora hedduu raawwannee turre ta'a; har'a garuu guyyaa haaraa waan ta'eef wanta darbe yaadannee yeroo keenya qisaasessuu utuu hin taane, muuxannoo fudhannee fuuldura keenyarratti hojjechuu qofa nu barbaachisa. Wanti utuu hin beekin hojjenne hundi kaleessa keenya akka dhabnu nu taasiseera. Har'a keenya garuu lammaffaa akka nu jalaa fudhatu goonee badii biraa akka hin daballe, kan darbe hundaaf dhiifama haa goonu! 👍
Think Positive