Репост из: Christian Living
BARRUUN KUN ICCITII OF KEESSAA QABA
❌ Seeraan ala warra albuuda kee qotaa jiran kana ofirraa oofi
✉️ Shamarran afurtu uffata ulfaataa qaama isaanii hunda haguuguu hin dandeenye gar-tokko qofaan uffatanii gara galma wal-ga'iitti ol seenu. Gaggeeessaan wal-ga'ii sanaas yeroo argu faara tolaadhaan simachaa isaan teessise. Itti fufees bara jireenya isaanii durboonni kun irraanfachuu kan hin dandeenye waa'ee isaanii akkas jechuudhaan waltajjii sana irratti dubbate.
Ija isaanii keessa ilaalaa dubbii isaa yeroo jalqabu, "Dubartoonni wantoota Waaqayyo uume keessaa baay'ee barbaachisoo fi mi'aa, akkasumas argachuuf aarsaa guddaa kan nama kafalsiisan ta'uun isaanii beekamaadha.
☆ Meetii eessaa baastu? Qotisa akkaan baay'ee booda lafa jala wantoota hedduudhaan haguugameetu argattu.
☆ Warqiin eessatti argama? Albuudota kan biroo jala dhokatee, dhagootaaf kattaawwaan jala haguugameetu argama. Isaaniin argachuuf hedduu qotuu fi hedduu barbaaduutu nama irraa eegama." jedhe.
Ammas ija isaanii keessa ilaalaa dubbii isaa yeroo itti fufu, "Qaamni keessan ulfaataa fi kan nama sodaachisu (laphee hatu) waan ajaa'ibaati. Dhaqni keessan warqee fi meetii, akkasuma albuudota kam irra iyyuu gati-jabeessaa fi simboo guddaa kan qabudha. Kanaaf dhaqna keessan akka ta'utti eeggachuu fi haguuguu qabdu."
Itti fufees, "Akkuma warqii fi meetii, qaama keessan isa mi'aa kana isinis akka ta'utti kan haguugdan, kan eeggattanii fi akka salphaatti abbumti fedhe kan hin arganne yoo gootan, warri meeshaa ittiin albuuda baasan qaban isa baasuu dura akkuma gara mootummaa dhaqanii albuuda baasuuf hayyama gaafatan, warri amanamoonni dursa gara maatii keessanii dhaquun dubbatu. Adeemsa safuu qabu erga adeemanii booda walii galtee isaanii mallattoon mirkaneessu, isa booda isinis ulfinni keessan gatii hammamii nama baasisuu akka danda'u shallagaa, maatiif hawaasa keessatti nama kabajaa ta'uu keessan mirkaneessitu.
#Garuu, albuuda gati-jabeessa(qaama keessan) kana akka ta'utti hin eeggattan, hin haguugdan yoo ta'e, warreen seeraan_ala albuuda baasan karaa seeraan alaa gara keessan dhufanii albuuda keessan akka qotan gootu jechuudha. Isa boodas dhamaatii fi gatii tokko malee albuuda gatiin hin madaalamne kana toluma isin keessaa fudhatu jechuudha."
✉️ Kanaaf Obboleettotakoo! Qaama keessaniif kabaja kennaa! "Warri dubartii immoo... keessa ba'uudhaan of kuuluu otuu hin ta'in, uffata qajeelaa fakkaatu akka ta'utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis haa ta'u." 1Xim. 2:9
🌐 Christian Living