Dhalootni kan ijaaramu barnootaan yoo ta'u Barnoota deeggaruun immo, kutannoo lammii hundaa gaafata."
- Dr. Tolaa Bariisoo - Hog BBO
___
BBO- 28/02/2017 Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo tibbana Godinaalee Oromiyaa keessa naanna'uun supparviizyinii barnootaa gaggeessaa kan jiran ta'uun ni beekama.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota gahumsa qabu horachuun kan danda'amu hoggansi barnootaafi hawaasni barnootaa adeemsa baruu - barsiisuu hanga mana barnootaafi daree barnootaattii gadi bu'ee daawwachuun deeggarsa barbaachisaa ta'e taasisuun kan furamu waan ta'eef supparviizyiniifi deeggarsa wal irraa hincinne taasisuun barbaachisaadha.
Kanuma bu'uureeffachuun jilli Dr. Tolaa Bariisootiin durfamu guyyaa 27/02/2017 Harargee, #Magaalaa_Maayaatti argamuun Supperviizyinii Barnootaa gaggeessaniiru.
Manneen Barnootaa Magaalaa Maayaa keessa jiran, Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Addaa Sad. 2ffaa Haramayaa, MB Sad. 2ffaa Haramayaa, MB Sad. 1ffaa(1-8)Addeelleefi Bu'uura Boruu 2 tti argamuun daree barnootaa galuun, mana kitaabaa, labraatoorii, mooraa manneen barnootaa daawwachuun haala manneen barnootaa irratti barattootaafi barsiisota mari'achiisaa oolaniiru.
Jilli Dr. Tolaan durfamu kun #Ministeera Barnootaa irraa Ministir Deetaa Barnoota Walii Galaa aadde Ayyalach Isheetee, Ministir Deetaa Barnoota Olaanoo obbo Korraa Xunshee, #Daayirektara_Tajaajila _Madaallii_Barnootaafi_Qormaataa_Biyyoolessaa Dr. Isheetuu Kabbadaa garee isaanii waliin, #Pirezidaantii_Yunivarsiitii_Haramaayaa Dr. Jamaal Yusuuf garee isaanii waliin, #Kantibaa_Magaalaa_Maayaa Dr. Ifraah Waziir garee isaanii waliin ta'uun daawwannaa daree barnootaa, mooraa MBfi marii barataafi barsiisaa waliin gaggeessaniin rakkoowwan sadarkaa Ministeera Barnootaatti, Biiroo Barnootaa, Bulchiinsa Magaalaatti, Waajjira Barnootaa Bu/Magaalaatti hiikamu furmaata kennuuf kan waadaa galan yoo ta'u, rakkoowwan manni barnootaa furuu qabus adda baasuun kallattii kan kaa'an yoo ta'u barattootnis gahee isaanii akka bahan gorsa kennuun jajjabeessaniiru.
Manneen Barnootaa Magaalichaa haala adda addaatiin deeggarsa kennaa kan jiru Pirezidaantiin Yunivarsiitii Haramaayaa Dr. Jamaal Yusuuf Yunivarsiitiin isaanii deeggarsa manneen barnootaaf kanaan dura taasisaa jiran caalaa akka itti fufan himaniiru.
Dr. Jamaal Yusuuf Mana Barnootaa Sad. 2ffaa Haramaayaatti kan baratanii turan ta'uu ibsuun barattoota mana barnootichaatiif muuxannoo qaban qooduun barattoota jajjabeessaniiru.
#Kantibaan_Bulchiinsa_Magaalaa_Maayaa Dr. Ifraah Waziir gaaffilee barsiisota irraa ka'an #waa'ee_kenna_lafa_jireenya ilaalchisee barsiisota otuu hin argatin harca'anii hafan hundaaf yeroo gabaabaa keessatti kan kennan ta'uu waadaa galaniiru.
Manneen barnootaa hanqina adda addaa qaban Gumii Tiraansiformeeshinii Barnootaa (#GTB) cimsuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf daran akka hojjatan dhaamsa dabarsaniiru.
#Daayirektara_Tajaajila_Qormaata_Biyyooleessaa Dr. Isheetuu Kabbadaa barattootaaf #haala_qophii_Qormaata_Biyyoolessaarratti_gorsa_barattootaaf_dabarsaniiru.
#Qormaatni_biyyoolessaa_kutaa_12ffaa kan qophaa'u kitaaba barataa keessaa kan bahu ta'uu himuu, barataan kitaaba barataa kennameef boqonnaalee hundaa baratee xumureefi tasgabaa'ee qo'ate hundi shakkii tokko malee darbuu akka danda'an barattootaatti himaniiru. Dabalataanis, Dr. Isheetuu Kabbadaa barattootni qormaata darbuuf hundaa ol dhiphachuu ofirraa ittisuun bilisaa ta'anii tasgabiin hojjachuun isaan irraa akka eegamu dhaamsa dabarsaniiru.
Gareen Ministeera Barnootaa irraa dhufanis Manneen Barnootaa keessa naanna'uun ilaalaa kan turaniifi marii barattootaafi barsiisotaa waliin gaggeeffame irratti kitaabotni barataa Sadarkaa 2ffaa barattoota Bulchiinsa Magaalaa Maayaa hunda 1:1n wal gahuu isaa gammachuu isaanitti dhagahame ibsuun hanqinoota leenjii barsiisotaa, labraatorii, ICTfi kkf irratti BBO waliin ta'uun furmaata kennuu irratti akka hojjatan ibsaniiru.