ASOOSAMA GABAABAA
💋DHUNGOO💋
KUTAA 1⃣🇫 🇫 🇦 🇦
Guyyaa waareedha sagaleen natti dhaga'amu bay'ee bareeda. Sagalee
sana dhageeffachaa bifa shamarree sanaan daawwadhe, diimtuu
dheertuu leemmannee tokkodha. Waawuu! jechaan ofittin haasa‟e.
Akkaataa kamiin akka kutaa ciisaakoo seente garuu bitaa natti galeera!
Akkamitti seente jedhee gafachuu baadhus ittuma siiqeen ciise, isheens
narraa hin dheessine maddiikoo na dhungatte. Guyyaatti itti ani yeroo
calqabaaf shamarreen dhungatame guyyaama kana ta‟uu hin hafu miira
natti dhaga‟ame hundaa himachuuf natti ulfaata. Natti tolus, na
sodaachiseera. Roobni ni rooba qorris ni jira ollaan maraa balbala
cufatanniiru anis manakoo cufadheen jira eessaan seentere? gaaffiin
kun annaafuu gaaffiidha.
Abjuu jechuuf abjuu miti guyyaadha; guyyaa keessaa wallakkeessa
sa'aa sagal hin ta'a. Mucayyoon bareeddinni ishee hooda! Reefnsi
mataa ishee luuccaan sun siree ani irra ciisee jiru guutee jira. Mudhiin
ishee ammoo qaba tokko hin guutu. Fuulli burtukaana qunca'e fakkaata,
addeenyi ilkaanshee cabbii guyyaa sana rooba makatee samii keessaa
gad darbame caalaa addaata quubni ishe harkaa halangaa, kan miillaa
ammoo miilla gogorrii waliin tokko. Callistee cinakoo ciistee maddiifi hareedakoo na susukkuumti.
Keessikoo na sodaate, maali yaa Waaqayyoo jaalalli daangaa darbaan
akkanaa , anoo durillee shamarran irraa carraa guddaa hin qabu kan
mootii dubartoota Addunyaa kanaa gita Monalizaa taate kana maaliif
na filatte? jedheen of gaafadhe; garuu, maal godha yeroon utaalee ka‟u
halkan keessaa sa‟aa toorbadha; Addeessi akka Ibsaa Masqalaatti iftee
dachee guyyaa keessaa sa‟aa ja‟a fakkeesiteetti; roobnis hin jiru.
Waanttin ani arge kun hunduu abjuudha. Eeyyeen Abjuudhuma !
Of gaafachuu irra darbee harkakoo bitaafi mirgaatu wal ammanuu
dadhabe. Nan hurgufame, ilkaankoo akka gitaaraa walitti rukutame
qaamnikoo maraa akka allaadduu na rom‟e. Maaliif akka hin jenne
jireenya addunyaa kanaa keessatti, ofi amanuurra nama amanuutu waan
salphatu fakkaata, tarii maliif? akkamiti ? jechaa yaada gaaffii keessa
seentaa laata? Hayyoonni xiin-sammuu akka jedhanitti, “Diinnike inni
hammaataan yaadakeeti dursii yaadakee moo’adhu” jedhu!
eeyyeen sirrii ta‟uus mala. Guuttummaa kitaaba 'DHUNGOO' yoo
dubbiste gaaffikee maraaf deebii quubsaa ni argatta, dubbisa gaarii!..... itti fufaa
Asoosamni kun baayye namatti tola kanaafu hiriyoota kessanif
yoo xiqqaate nama 20f #share
na jajjabeessuuf immo #like godha. 👇👇👇👇
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
yaadaaf👇👇👇👇
@Abbulaabot