ASOOSAMA GABAABAA
💋DHUNGOO💋
KUTAA 7⃣ffaa
Dubbisa gaarii
......Garuu murtee du'a lubbuu guyyaa sana fudhate. Atimmoo, “Amboo
dhaabbattee sirbite” jeette? ishee Haaceen, "Yaa jabbilootakoo,
jabbiloota Odaa jalaa kan nama nyaatu nu kessa jira,” jedhes hin
dagattiinkaa!" jettee imimmaan lakkuu harcaaste. Dhiisi jedheen maddii
maddii ishee lamaan irraa imimmaan haxaa'uu eegale. Osoo kanaan jirruu abbaan Amartii utalchaan kutaa yaalii arifachiisaa
duruu cufaa hin qabne sana utaalee seene. Garaankoo iddoo lamatti
hirame, wanti lubbuu qabu tokko mataakoo iddo hodhame keessa
deeme. Obbolleessishee Harmeenshee osoo hin hafiin wal guuraanii
dhufan. Jechoonni isaan ittiin na arrabsan hunduu kan hiyyuummaakoo
qeequ qofaadha. Kanan sodaadhe hin hafne sagaleen isaanii kutaa ani
keessa ciisee jiru sana goole. Sammuunkoo boqonnaa dhabnaan
bakkuma sana ciiseen immimmankoo akka Rooba Gannaatti harcaasaa
akkanan jedhe,
SIN YAKKINE
Gaafa gaafi na
dhukkuba Beekee waansaa hinhimadhu
Gaaf gaafi na gugguba
Yoon hafuura baafadhu
Osoon Daamaa hin takaaliin
Bulloo maafan leenjisee
Harmeenkoos nan abaarre
Abbaankos na eebbise
Osoon sin argiin ooluuf
Manniikee silaa ollaa
Dhooksinee wal jaallana
Maatii keenyammoo
hin sobna Abbankee yoo na argu Akka qeerransaa harqa Harmeenkees na mil'chuuf Ijakoo jibbu argaa Dallaa keesaaniin demaan Akka joobiraan marsa Obboleesiikees silaa Na argu na arbsa
Yoo gaangoo leenjisani
Jilba maaliif sakaalu
Yoo arga na jibbanis
Jibba maalif fandaalu
...ittifufaa
GALATOOMAAA!!!!!
Yaadni kessan na fayyada kanaafuu isinis yaada qabdan nun gaahaa hiriyoota kessaniifis #like #share godha!!!
@Abbulaabot