#Oduu_Ammee
Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti barattoota uffata gurraacha uffataniifi barattoota hiriira balaaleffanna taassisan poolisoonni adamsa jiru.
Ajjeechaa Salaaleetti garee fiinxaaleyyiin taasifame sababeeffachuun Yuunivarsitii garaa garaatti barattoonni hiriira balaaleffanna taassisuun saba isaanii akka horiitti ciibsamanii qalamaa jiraniif sagalee ta’aa jiru.
Kanuma sababeeffachuun Yuunivarsitii Dirre Dhawaatti barattoonni karaa nagaan sagalee isaanii dhageessisanii turaniiru. Haa ta’u malee yeroo ammaa kana Yuunivarsitichatti barattoota hiriira balaaleffannaa kana irratti hirmaatan kaaffee seenanii akka hin sooranne dhorkuu, barattoota uffata gurraacha uffatan adamsuufi dorsisaa jiraachuu odeessa keenya moorichaa irraa odeeffannee jirra.
Poolisoonni yeroo ammaa kana barattoota uffata gurraacha uffatan adamsanii qabaa kan jiran yommuu ta’u barattoonni gama isaaniitiin “Lammii keenya akka horiitti qalameef gadduullee nu dhorkan” jechuun gocha moorichaa kanatti akkaan gaddu himaniiru.
Barattoonni hanga karaa nagaan gadda isaanii ibsatanitti qaamni nageenyan eegsisa ofiin jedhu tarkaanfii akkasii fudhachuun safuudha!
https://t.me/Oromiastudent_s