Amantiiእምነት


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Amharcha
Toifa: Din



Kanal geosi va tili
Efiopiya, Amharcha
Toifa
Din
Statistika
Postlar filtri




🌟ULFINA ISA MUL'ACHUUF JIRU🌟

📌Dhiphinni keenya si'anaa kun, ulfina isa nuuf mul'ifamuuf jiruu wajjin wal bukkee qabamee, ilaalamuu akka hin dandeenyetti nan lakkaa'a.
📌Uumamni hundinuu, mul'achuu ijoollee Waaqayyoo dhimmanii eeggachaa jiru.
📌Uumamni wanta gatii hin qabne akka ta'u godhameera;
➥inni illee ofii isaatii akkas ta'uu hin barbaanne, garuu isuma isa uumetu akkas isa godhe;
➥Haa ta'u iyyuu malee, akkas ta'uun isaa abdii qaba ture.
📌Uumamni, garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in ba'a;
➥luba ba'uun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti in geessa.
📌Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna.
📌Uumama sana duwwaatu aada miti; nuyi warri hafuura Waaqayyoo akka qabdiitti arganne iyyuu, ilmummaatti guddifamuu, namummaan keenya inni fooniis furamuu, dhimminee yeroo eeggannutti garaa keenyatti in aadna.
📌Nuyi abdiidhaan fayyine; abdiin ijaan argamu immoo abdii miti; namni waan ijaan argu in abdataa ree ?
📌Wanta ijaan hin argine yoo abdanne garuu, obsaan in eegganna.
📌Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara;
➥nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta'utti hin beeknu;
➥hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul'isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata.
📌Hafuurichi akka jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif in kadhata;
➥Waaqayyo inni garaa namaa fonqolchu immoo, yaada hafuurichaa in beeka.
📌Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa;
➥isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha.
📌Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate,
➳fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.
👉Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera;
👉warra waame immoo qajeelota isaan godheera;
👉warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.

GOOFTAAN KENYAA YESUUS HIN CAALAA 🙏✊

    🙏♥️Galatoomaa!!!♥️🙏
      °°°°°°Halkan Gaarii°°°°°°
Nagaan bulaa❤










HIN SODAATINA/ አትፍሩ

Waaqayyo ofuma isaatii si dura in adeema, sii wajjinis in ta'a, inni si hin dhiisu, si hin irraanfatus; hin sodaatin, hin na'inis!" jedheen.(K/Deebii 31÷8

" በፊትህም የሚሄድ እርሱ እግዚአብሔር ነው ከአንተ ጋር ይሆናል፥ አይጥልህም፥ አይተውህም አትፍራ፥ አትደንግጥ አለው።"
(ኦሪት ዘዳግም 31: 8)

GOOFTAAN KEENYA YESUUS HIN CAALAA🙏✊

ጌታችን እየሱስ ይበልጣል🙏✊


🏮WAAQAYYO HIN JIRU JEDHANII WARRA AMANAN MALLATTOOLEE ISAANII🏮

1⃣. ILAALCHA WARRA GANANII (Atheism)
➥ Gantoota jechuun jiraachuu Waaqayyootti gonkumaa kan hin amanne jechuu dha. Waa‘ee yoo fudhanne karaa sadii ilaaluu dandeenya:-
➳ #A . Hojii ykn jireenya isaanii kan ganan.
➳ #B . Waaqayyo tasumaa hin jiru kan jedhan.
➳ #C . Keessatti amannii afaaniin kan ganan akkasumas afaaniin amananii keessa isaanitti kan ganan.
➥Haala kanaan baay‘een amantoota ofiin kan jedhan ganaa jiru. Sababni isaa laphee isaaniin in amana yoo jedhan iyyuu hojii isaaniitiin gananiiru. #Kanaafuu hundumtti keenya ofii keenya ilaaluu qabna malee kan birootti qofa quba qabuu hin qabnu. Ana ofiima koo irraa na eegi jechuu wayya. Gooftaan nu haa gargaaru!🙏

2⃣. JIRAACHUUN WAAQAYYOO TASUMA BEEKAMUU HIN DANDAA'AMU KAN JEDHAN (Agnosticism)
➥ ilaalcha kana namoonii hordofan akkuma warra Waaqayyo jira jedhaniitti odeeffannoo saayinsaawwaa ta‘een jiraachuu Waaqayyoo beekuun akka hin dandaa‘amne sababa mataa isaanii dhiyyeesu.

3⃣. WAANTI HUNDIMUU WAAQAYYOO DHA; WAAQAYYOOS WAANTA HUNDUMAATI WARRA JEDHAN
(Pantheism)
➥Akka warra kanaatti immoo Waaqayyo uumama hundumaa keessa jira. Kana jechuun warra lubbuu qaban keessaas warra lubbuu hin qabne keessaas jira,
➥Waaqayyo jechuun wanta mul‘atus uumama hin mul‘atines jedhu.
➥Waanti hundinuu kan barabaraatti dhufaatiin isaanis kan mul‘atu waantota irraati jedhu.

4⃣. WANTOONNI ADEEMSA KEESSA DHUFAN WARRA JEDHAN (Evolutionsts View)
➥Akka warra kanaatti immoo yeroo ammaa kana wanti argaman adeemsa yeroo keessa uumaman ykn dhufan malee uumaa tokkotu uume hin jedhan.
➳ Dhala namaas waa‘ee hojii isaanis ta‘e yaada isaanii kan gaafatu Waaqni hin jiru jedhu.

5⃣. WAAQAYYO BAKKA JIRAATU TOKKO QABA; GARUU DHALA NAMAA GIDDUU HIN JIRU KAN JEDHAN
(Deism View)
➥warri kun immoo Waaqayyo waan uumettii namoota dabalatee walitti dhufeenya hin qabu jedhu.
➳Waaqayyo biyya lafaa kana uumee deemera. Dhala namaattis dhimma hin qabu jedhu.

6⃣. WALITTI DHUFEENYA HUMNOOTA LAMAA JIRA MALEE HUMNA QABEESSA TOKKOTU JIRA WARRA JEDHAN (Dualistic View)
➥Akka ilaalcha warra kanaatti immoo humnaan kan walgitan barabaraan kan jiraatan lamatu jiru kan jedhu dha. Kunis ifaa fi dukkana, gaarii fi hamaa, Waaqayyoo fi seexana waliin humna wal qixaan kan waliin tokko isa biraa cinatti hojetaa kan jiraatan malee qofaa isaatti Waaqa jabaa fi humna qabeessa kan ta‘e hin jiru jedhu.

7⃣. ILAALCHA WARRA WAAQOLII BAAY'EE HORDOFANII (Polytheistic View)
➥ ilaalichi warra akkanaa immoo waaqolii baay‘ee waaqessuu kan jajjabeessu dha. Sababa yeroo kaa‘an waaqni inni tokko yoo dheekkame gara waaqa isa biraa deemuun waaqessuutu dandaa‘ama jedhu. ➥Qofaa isaa waaqeffamuu waaqni barbaadu yoo jiraate, inni off ummaa dha jedhu.
➳#kanaafuu waaqa tokkicha yaadni jedhu hin jiru jechuun barsiisu.

👆🙄 Armaan olitti kan ibsaman ilaalchi garaa garaa marti sagalee Waaqayyoo ta‘e Macaafa Qulqulluun waan barsiisu irraa baay‘ee kan fagaatani dha.
➥Jiraachuu Waaqayyoo karaa ittiin beeknu tokkoo fi tokko qofa.
➳Kunis karaa mul‘ate qofaan amanuu dha. Kana jechuun immoo namni tokko Waaqayyo jira jedhee waan amane qofaaf Waaqayyoon beekeera jechuun hin dandaa‘amu.
➥Namni tokko Waaqayyoon akka waaqummaa isaatti beekera jechuuf yoo xiqqaate wantoota afur guutuu qaba. #Isaanis :
➳Waaqayyoon yoo amanu,
➳Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu isaatti amanee yoo fudhatu,
➳Gooftaaf yoo ajajamu fi
➳Jaalala Waaqayyoon yoo jiraate dha.

    🙏♥️Gαℓαтσσмαα!!!♥️🙏
      °°°°°°Υєʀσσ Gααʀιι°°°°°°
   
sнαʀє waliif
          https://t.me/amantiidhan


Maatewos 12÷7-8 Obboleessa Obboleettii ''GARA LAAFINA QABADHAA.Wanta Hundumaa irratti mo'icha argatutti . . . . 7 Garuu inni, 'Ani gara laafina malee, aarsaan barbaada miti jedhu, maal jechuu akka ta'e utuu hubattaniittu ta'ee, warra yakka hin qabnetti yakka hin murtan turtan. 8 Ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha" isaaniin jedhe. . KUNI SAGALEE GOFTAA KEENYA YESUSII.


Farfannaa 73÷11-28
WAAQAYYOON QABAACHUUN WAAN HUNDUMAA IRRA CAALUU ISAA BIRA GA'UU

11 Isaan immoo, "Waaqayyo attamitti beekuu danda'a ree? Isa hundumaa gararraa biras waa beekuun jiraa ree?" in jedhu. 12 Ilaa! Jal'oonni warra akkasii ti, yeroo hundumaa of irraa bu'anii in jiraatu, jabaachaas in adeemu.

13 Yoos immoo ani ofumaan garaa koo qulqullinatti eeggachuuf dhama'ee ree? Yakka akkan hin qabne argisiisuufis ofumaan harka koo dhiqadhee ree? 14 Guyyaa guyyaatti dha'ichi anatti bu'eera, ganama ganamas adabamuun na eeggata ture.

15 Utuun, "Akkuma isaanii nan dubbadha" jedheera ta'ee, dhaloota ijoolleen kee keessa jiran biratti amanamuu dhabee, isaanis akka garagaggalan nan godhan ture.

16 Yeroo ani kana hubachuuf jedhee itti yaade immoo, rakkisaa ta'ee anatti argame. 17 Hamma ani mana qulqullummaa Waaqayyootti galee, jarri sun gara dhumaatti maal akka ta'an hubachuu bira ga'etti, na rakkise.

18 Dhuguma iyyuu ati lafa mucucaatu irra isaan in dhaabachiifta, kukkufanii akka caccabanis in goota. 19 Attamitti battalatti badiisi sodaachisaan isaan irra ga'e, attamittis dhidhimanii naasuu guddaadhaan xaph jedhan!

20 Akka wanti abjuudhaan argan yeroo dammaqan dhabamu, akkasumas yaa gooftaa, ati yommuu kaatu, bifa isaanii akka waan hin jirreetti in ilaalta. 21 Yommuu jireenyi anatti hadhaa'e, yeroo onnee na tumates,

22 ani nama gowwaa, nama waa hubachuu hin dandeenye ta'ee, si duratti akkuma horii marga dheeduun ture. 23 Haa ta'u iyyuu malee, ani yeroo hundumaa si biratti nan hafa, atis harka koo mirgaa in qabda;

24 ati gorsa keetiin ana in geggeessita, kana booddees ulfinatti ana in fudhatta. 25 Waaqa irratti si malee eenyuun nan qabaadha ree? Lafa irrattis si malee maalan eeggadha ree?

26 Foon koo, keessi namummaa koos yoo gad dhuman iyyuu, Waaqayyo garaa koo in jajjabeessa, bara baraanis qooda anaaf in ta'a. 27 Kunoo, warri si irraa fagaatan in balleeffamu, warra amanamuu dhiisanii kan biraatti goranis ati in fixxa.

28 Waa'ee koof yoo ta'e garuu, Waaqayyotti dhi'aachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa, hojii kee hundumaa himuudhaaf, ani da'oo si godhadheera.

GAMADA YAA WARRA WAAQAYYOOF ADDA BAATANII


1Yohannis 2÷3-4 3 Abboommii isaa eeguudhaan isa beekuu keenya in hubanna. 4 Namni, "Ani isa beeka" jedhee, abboommii isaa immoo hin eegne sobduu dha, dhugaanis isa keessa hin jiru.1ኛ ዮሐንስ 2
³ ትእዛዛቱንም ብንጠብቅ በዚህ እንዳወቅነው እናውቃለን።
⁴ አውቄዋለሁ የሚል ትእዛዛቱንም የማይጠብቅ ውሸተኛ ነው እውነትም በእርሱ ውስጥ የለም።


NAGGAN WAAQAYYO ISSIINIF HAA TA’U Akkam jirtu jalatamoo hordoftoota channel kana hundi kessan. Yaroo kanatti yada tokko issiinif qabanee dhufnejira. Kunis har’a kasse haala waaqayyo nu gargareen sagalee waaqayyo walif hiruun. Dhugaba'iisaf wantota amantiitti nu guddisan share walif goochudhan wal jajabessina...




Hundumtu Dhugicha Bekna Jedha.
Garu maliif ittin hinjiratu sababni issa maliif ? karaa kessattin naaf Debisa Obbolewan Channel Kanna




5"#Addunyaan_Garamitti_Deemaa_Jirtii?

1) Biyya Ugaandaa keessatti Macaafa Qulqulluu gubuun mul'achaa jira.

2) Ejjummaan Afrikaa Kibbaatti eeyyamameera; eenyuuyyuu kana booda sababii ejjaatiin nama tokko iyyuu mormuu hin qabu.

3) Biyyootni humna guddaa wajjiin hariiroo uumuu barbaadan hundinuu #hoomoosekshuwaalummaa (hariiroo wal qunnamtii saalaa kan saala wal fakkaataa) shaakaluu fi deeggaruu akka qaban Ameerikaan mirkaneessite.

4) Wal qunnamtii saalaa kan firoota dhiigaa gidduutti godhamu (incest) seera mirkaneessuu fi Jarman mallatteessitee jirti; akkaataa seera kanaattis obboleessaa fi obboleettiin, haati ilma ishee wajjiin, abbaan intala isaa wajjiin akka wal fuudhuu danda'an eeyyama.

5) Magaalaan Miyaamii wal qunnamtii saalaa kan badhee irraa labsaa jirti; kana jechuun namni wal qunnamtii saalaa barbaade kamiiyyuu waldaa amantiitti, daandii irratti, gabaatti, dirree kubbaa miilaatti fi kkf irratti rakkoo tokko malee raawwachuu akka danda'uuttiidha.

6) Kanaadaan wal qunnamtii saalaa kan bineensota wajjiinii (bestiality) eeyyamteetti. Ispeen immoo manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi yuuniversiitiiwwan keessatti filmiin poornoogiraafiin akka daawwatamu eeyyamteetti.

7) Seera qabeessummaa daldala wal qunnamtii saalaa (commercial sex work or prostitution) kan daa'immanii. Maarki Luuker 'namni umriin isaa waggaa 10 gadii kamiiyyuu fedhii saalaa qaba waan ta'eef akka isaa wal qunnamtii saalaatiin hin guuttanneef eenyuuyyuu isaan dhorkuu hin danda'u' jedhee falmeera.

8) Dhuma irratti Ameerikaan waldaa seexanni itti sagadamu ifaan ifatti bantee jirti.

Yaa obboloota! Dhumni barichaa dhiyaatee jira. Ol butamuunis gahee jira.
Yesuus dafee dhufa! Maaraanaataa!

Kiristaanotni jeeqamaa jiru; seexanni lubbuu hedduu akka isaan araara Waaqayyoo hin arganne gochaa jira.

👉Yoo daqiiqaa tokko qabaatte ergaa kana share godhi!

✍Maaliifiidha mana nyaataafi dhugaatiitti dadammaqiinsaan oollee gaafa gara waldaa dhufnu kan mugnuuf?

✍Maaliif waa'ee Waaqayyoo haasa'uun kan nutti ulfaatee hamii olii gadi oofuun kan salphateef?

✍Maaliifiidha ergaa Waaqayyoo namaaf qooduu dadhabnee ergaa hin taane walitti kan erginuuf?

🛩Ergaa kana namoota birootiif share ni goota moo hin barbaaddu?

⛪️Yesuus akkas "Yoo isin namoota fuulduratti ana gantan anis Abbaa koo fuulduratti isin gana" jedha!

💒Yoo Yesuusiin jaalatta ta'e ergaa kana hiriyoottaniif garee beektu hundumaatti share godhi!

⛳️⛳️




Farfannaa bayyee namatti toluu kanaan Ebbifama share walif gochuun hiriyoota keessanin ga'aatii ga’ee kessan ba'aa....


ከቀናት ባንዱ ቀን ከሰሀታትም በአንዷ ሰሀት ከደቂቃዎችም በአንዷ ደቂቃ ሁሉም ታሪክ ይሆናል
ከእርሱ ከጌታችን ቃል ውጪ ሁሉም ይልፋል ::ሁላችንም ነበር ነበርች ነበሩ ተብለን ታሪክ እንሆናለን
ያቺ ከእለታት መካከል የማናቃት አንዷ ቀን ሳትመጣ በፊት ምን ሰራን ምን አይነት ትርጉም ያለው ህይወት ኖርን? ከራሳችን ከፍላጎታችን ያለፈ ለስጋችን ሳይሆን ለነፍሳችን ስንል ምን ሰራን? 😐😐
"በጉብዝና ወራት ፈጣሪህን አስብ"እንደተባልነው እውነት ወጣትነታችን ፈጣሪን በማሰብ ነው እየኖርን ያለነው? ሁላችንም ለራሳችን እንመልሰው 🙄
እውነት እስቲ እያንዳንዳችን ወደ ውስጣችን እንመልከት ከእድሜአችን ቀድሞ ያረጀብን የደከመብን ምንድንው እንዳንራመድ የያዘን??
እንግድነት ወደ እዚ ምድር እንደመጣን እንደምንመለስም እያሰብን እንራመድ
ለትውልዱ እናስብ ከእኛ ምን እየተማረ ነው?
በግንብ እና በጣራ የተገደበ ህይወት መኖርን እናቁም ክርስትናን እንኑረውና ለብዙዎች መዳን ምክንያት እንሁን ሌሎች መልካችንን ሲያዩ የክርስቶስን መልክ ይዩ::
መብራትን አብርቶ ከእንቅብ በታች ማንም እንደማያኖረው በግልጥ እንዲታይ ከፍ ባለ ስፍራ ላይ እንደሚያኖረው ክርስቶስ የአለም ብርሀን በውስጣችን ካለ ለምን እንደብቀዋለን? በኛ ላይ ጎልቶ እንዲታይ ለምን እንከለክለዋለን? እሱ ኮ ጨዋ ነው ፈቃዳችንን ይፈልጋል እንፍቀድለት
በዚች ምድር ለቆየን አይቀር የብዙዎች መዳን ምክንያት እንሁን
እኛ ከሌለን አለም ብርሃን የላትምና ጨለማ ውስጥ ትኖራለች
እኛ ከሌለን ምድር ጨው የላትምና በጣም ትመራለች
👉ስለዚህ እኛ ክርስቶስን የቀመስን ፍቅሩን ያየን ብርሃን ነንና
ለምድራችን እናብራ😇😇😇

ወጣትነታችን ለሱ ለሞተልን ብቻ!!!

Goftaan Keenya Yesuus Hin caala. 👍✊


Bitcoin account namota banachu barbadanif kuno banachu dandesu

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

861

obunachilar
Kanal statistikasi