ASOOSAMA GABAABAA
😘 DHUNGOO 😘
KUTAA7️⃣FFFAA
Namoonni chaanalii kanaaf haaraa taatan 👉 @Asoosamaafiwalaloo seenuun dubbisaa!
DUBBISA GAARII
...jibba maaliif fandaalu
Anoo sin jaaladhe malee
Waan biraa sin yakkine
Hidhiikee xuxxoon addas
Kan biraakee hin argine !!
Tole Egaa...
Abbaan kee yoo na argu
Ijji maaliif dhukkuba?
Hinaaffaa keenyaaf jecha
Harmeen dhabuun hirriba!
Obbolessikee anaan
Nyaapha maaliif godhate?
Halalarraa na argu
Daandii gatee baqate!
Orma maaltu dhiphise
Naaf sitoo wal jaalate!!
Kanuma qofaan yaadadha achii booda wanta raawwate tokkollee hin
yaadadhu, mana keenyattin of arge, garuu akka durii koo utuu taa'ee
taphadhuu of hin argine. Harka koofi miillakoo lamaan irra cancalatu
jira; uffanni qaamarra nan jiru. “Wayyoo dhuguma amma nan
maraadhee?” jedheen boo'a. Manuma abbaakoo keessattan cancalaan
hidhame! maaliif na hiitu anoo hin maraanne? jedheen kadhachuu
eegale garuu nan dhaga'an garaa natti jabaatan. Erga guyyaa sanaa manaa hin ba'u Amartii koos mil'adhee hin beeku. Carraan ishee akkam ta'a laata? jechuun ofin gaafadha.
Maatiinkoo
harka qal'eeyyiidha. Abbaan koo mooraa Yuuniversiitii Amboo keessaa
biqiltuu bishaan obaasuun nu jiraachisa. Harmeen koo immoo hodhaa
hodhuun gurgurtee waan nyaatamu nuuf bitaa nu guddifti. Maatiin koo
hundinuu ganamaan ka'anii bakka, bakka hojii isaanii deemaniiru
obboloonni koo: Dinaa'ol, Olaanaa, Kumaa, Mo'aa, hunduu bakkee hojii
idilee isaanii hojii guyyaa bakkee kophee qulqulleessanii fi ba'aa baatan
deemaniiru; obboleettii koo ishee xiqqoo Leellisee qofaatu na eeguuf na
biratti hafe. Sagalee laafiffadheen, Leelloon jedhe; na jalaa calliste
maraataa jalaa maaf qabu silas! irra deddeebiseen Leelloo maaloo nan
beela'e jedheen kadhachuun eegale, jechoota filee qindeessee ittiin
injifachuuf tarreessee toora galchee kadhachuu koo ittan fufe
injifatamuu hin haftu, dhuftee fuuldurakoo dhaabbattee, "Maal
barbaadde?" jettee na ifatte. Wayyoo maraatuun inuma ifatamti duruu
wayi carraa ofii kanaa, "Nan beela'eem Leellookoo" jedheen kadhadhe........ itti fufa...
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦!!
@Asoosamaafiwalaloo