Barruu Beektotaa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Psychology


Seenaa Namootaarraa Maal baranna?
«Barataan yoo jiraate, barsiisaan eessayyuu jira!»
Barnoota walii galaa
Buy ads: https://telega.io/c/barruu_beektotaa
Contact Us: @Gech_Ab

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Psychology
Statistics
Posts filter


DUBBIILEE HAYYOOTAA

#1. "Yeeyyii Yoo Hin Dandeenye, Tasuma Bosona Hin Seenin"

#2. Waraana Leencaa Dhibba Kan Sareen Hoogganamu Yoo Uumte, Leencoonni Dirree Lolaatti Akka Sareetti Du'u, Saroota Dhibba Kan Leencaan Hooganamu Yoo Uumte Garuu, Saroonni Sun Hundi Leenca Fakkaatanii Lolu!

#3. Wal Dhabdee Yeroo Dheeraa Jechuun, Gareen Lamaanuu Dogongora Jechuudha.

#4. Fuula Haqa Dhabdummaa Duratti, Cal'isuun Cunqursaa Waliin Wal Xaxaadha.

#5. "Sabboonaan Waa'ee Dhaloota Dhufaa Jiruu Yaada, Namni Siyaasaa Immoo Waa'ee Filannoo Dhufuu Yaada."

#6. "Dur Hatanii Hidhaman, Har'a Garuu Yoo Dhugaa Dubbatan Nama Hidhu"

#7. Reebichi Ummata Wallaalaa, Qaama Gowwaatti Ibidda Qabsiisanii, Miidhaaf Karaa Saaquudha.

#8. Nama Tokko Ga'uumsa Isaatii Ol Yoo Keesse, Akka Inni Ga'uumsa Keetii Gad Si Hin Keenye Ofirraa Eegi.

#9. Namoonni Waa'ee Hir'ina Namootaa Haasa'an Baay'een Isaanii, Namoota Hanqina Isaanii Isa Guddaaf Xiyyeeffannoo Hin Kennineedha.

#10. "Yeroo Bineensootaan Loltu Of Eeggadhu, Akka Isaan Keessaa Tokko Hin Taane."

#11. "Namni Jabaa Ta'u Qaba, Ta'u Baannaan Gonkuma Hin Ta'u."

#12. Qajeelfama Xixiqqatti Yoo Amante Qajeelfamni Kee Guddaan Ni Kufa

#13. Leenci Hammam Yoo Beela'eyyuu Cooma Malee Marga Hin Nyaatu, Kanaaf Ulaagaa Kee Irratti Harka Hin Kennin.

#14. Namoonni Waa'ee Kee Akka Hin Dubbanneef, Furmaanni Isaan Dhaggeeffachuu Dhiisuu Qofa.

#15. "Addunyaa Kana Irra Namoota Lamaatu Jira, Kan Baruu Barbaaduu Fi Kan Amanuu Barbaadu". 🤝

@Barruu_Beektotaa 📔


🌸 Sababiilee hin yaadamne gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan... ↪️ See More

             👇👇👇
             ✨banaa✨
         .  ✨banaa✨
               👆👆👆👆


🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯


Jechoota Hayyootaa

"Yeeyyii Yoo Hin Dandeenye, Tasuma Bosona Hin Seenin"

Waraana Leencaa Dhibba Kan Sareen Hoogganamu Yoo Uumte, Leencoonni Dirree Lolaatti Akka Sareetti Du'u, Saroota Dhibba Kan Leencaan Hooganamu Yoo Uumte Garuu, Saroonni Sun Hundi Leenca Fakkaatanii Lolu!

Wal Dhabdee Yeroo Dheeraa Jechuun, Gareen Lamaanuu Dogongora Jechuudha.

Fuula Haqa Dhabdummaa Duratti, Cal'isuun Cunqursaa Waliin Wal Xaxaadha.

"Sabboonaan Waa'ee Dhaloota Dhufaa jiruu Yaada, Namni Siyaasaa Immoo Waa'ee Filannoo Dhufuu Yaada."

"Dur Hatanii Hidhaman, Har'a Garuu Yoo Dhugaa Dubbatan Nama Hidhu"

Reebichi Ummata Wallaalaa, Qaama Gowwaatti Ibidda Qabsiisanii, Miidhaaf Karaa Saaquudha.

Nama Tokko Ga'uumsa Isaatii Ol Yoo Keesse, Akka Inni Ga'uumsa Keetii Gad Si Hin Keenye Ofirraa Eegi.

Namoonni Waa'ee Hir'ina Namootaa Haasa'an Baay'een Isaanii, Namoota Hanqina Isaanii Isa Guddaaf Xiyyeeffannoo Hin Kennineedha.

"Yeroo Bineensootaan Loltu Of Eeggadhu, Akka Isaan Keessaa Tokko Hin Taane."

"Namni Jabaa Ta'u Qaba, Ta'u Baannaan Gonkuma Hin Ta'u."

Qajeelfama Xixiqqatti Yoo Amante Qajeelfamni Kee Guddaan Ni Kufa

Leenci Hammam Yoo Beela'eyyuu Cooma Malee Marga Hin Nyaatu, Kanaaf Ulaagaa Kee Irratti Harka Hin Kennin.

Namoonni Waa'ee Kee Akka Hin Dubbanneef, Furmaanni Isaan Dhaggeeffachuu Dhiisuu Qofa.

"Addunyaa Kana Irra Namoota Lamaatu Jira, Kan Baruu Barbaaduu Fi Kan Amanuu Barbaadu".

Lafa nagaa oolaa 🤝

@Barruu_Beektotaa 📔


💥 Jaalala keessatti wanti dagatamuu hin qabne gurguddoon 10 kanneen beektuu?... 👉 See More

➡️ See More
See More


❤️‍🩹 “Gaarummaa fi tasgabbiin, obsi, badhaasa Rabbi Warra isa dhaga'aniif kennudha... Itti fufii dubbisi,...↪️ As tuqi
👍💘
👇👇👇

         █║ █▀█ █║█ '█▀
         █║ █║█║██║█▀
         ▀▀ ▀▀▀    ▀.   ▀▀


🛒 Sponsar: Love and Truth


SI ARGUU HIN FEDHU

✍️ Barataa tokkotu yeroo hunda haadha isaa jibba. Sababa haati isaa ijji ishee tokko qofa ta'eef haadha ija tokkee qabaachuun isatti hin tolu. Yeroo hunda "ijuma kee kana arguu hin barbaadu wayyaatiin maradhu!" jedhee harmee isaa kana argaa jibba ture. "ati hiriyoota koo biratti na qaanessita si arguu hin fedhu" jedha ture.

Gaaftokko mana barumsaa inni baratutti ayyaana maatii barattootaatu kabajamuuf jedha. Barattoonnis, maatii isaanii fudhatanii mana barnootaa deeman. Inni garuu harmee isaa dhoksee qofaa isaa deeme. Haati isaa kunis nama irraa dhageessee, "mucaan koo otuu ani jiruu akkamitti qofaa dhaabata" jechuun mana barumsichaa dhaqxee isa barbaaddee bira teesse. Innis akka isheen hin dhufne waan beekuuf yommuu ishee argu na'ee, fuulli isaas gurraacha'e. "Ani ija kee arguu hin barbaadu siin hin jennee?" jedhee achitti dhiisee bakka jijjiirrate.

Yeroo sagantaan xumuramee gara qe'eetti galuuf jedhanis harmeen isaa kun isa wajjin qajeelte. Mucaan ishees, "ati hiriyoota koo biratti na qaanessite, ilma haadha ija tokkee jedhamuu irra otoon du'ee naaf wayya" jechaa aaree boba'e. Barattoonni tokko tokkos "hey hey ijji haadha kee tokko garam dhaqee?" jechuun itti qoosuu jalqaban. Innis kan duraa caalaa aaree gubate. Gara manaatti galuu jibbee biyya biraatti bade. 

Achittis turtii yeroo booda carraa barnootaa argatee gara biyya biraa deeme. Haati isaas abbaa manaa waan hin qabneef qofaa taatee baay'ee yaaddofte. Dhiphinaaf yaaddoo irraan kan ka'es ni dhukkubsatte.

Mucaan ishee immoo barumsa xumuree hojii argatee jira. Bultii ijaarees abbaa ijoollee ta'e. Harmeen isaas sababa inni ishee jibbuuf mana isaa dhaquu sodaatte. Gaaftokko garuu murteessitee iddoo mana isaa nama gaafattee bira deemte. Akkuma mana isaa deemteen balbala rurrukutte. Mucaan ilma ishee yommuu balbala bantu jaartii ija tokkootu balbala irra dhaabatti. Mucattiin sunis ni baqatte.

Booda irra ilmi ishee gadi itti ba'ee, "ati maalumaaf jireenya kootti gufuu taataa jaartittii nanaa, ani si arguu hin fedhu siin hin jennee? Amma dafii ija koo duraa badi!" ittiin jedhe.

Isheenis waan gootu dhabdee gara qe'ee isheetti tirattee galte. Yeroo boodas dhukkubnishee itti hammaate. Ilmi ishee kunis waa'een harmee kanaa garaa isa nyaachuu eegale. Guyyaa tokko haadha warraa isaatiin, "guyyoota muraasaaf hojiif iddoo biraan deema" jechuun ishee sobee mana haadha isaa dhaqe. Haati isaa yommuu isa argitu, "ishoo mucaa koo baga dhufte. Ani akkuma ati argitu kana du'uuf qophiittin jira. Garuu osoo afuurri na keessaa hin ba'in dhugaa tokko sitti himuun fedha.

"Ani kanaan booda sin qaanessu, jireenya kees hin jeequ nagaan jiraadhu. Dhugaan jiru garuu, yeroo ati daa'ima turte osoo taphattuu, mukaan of waraantee ija kee tokko balleessite. Anis ati ija tokkoon guddachuu irra ani ija tokkoon du'uu wayya jedheen ija koo tokko of keessaa baasisee siif arjoome. Ati garuu ijuma kootiin barattee bakka guddaa geessee, hamaaf gaarii hunda argitee, ijuma kootiinis argaa koo jibbite. Kanas jaaladheen godhe, ammas nan si jaaladha. Nagaan taa'i" jechuun afuura dhumaa baafatte addunyaa kana irraas lubbuu dhaan darbite.

Mucaan ishee kun eelaa onnee horatee bara jireenya isaa guutuu dhukkuba gaabbii dhukkubsachaa jiraate. Kanaafuu haati ofii haadhuma!

Dhaamsa Koo:

♡ Haati ofii haadhuma;
♡ beektes wallaaltes,
♡ rakkattes godhattes,
♡ bareeddes fokkistes,
♡ qabaattes dhaabattees,
♡ dhiyaattes fagaattes,
♡ qurcooftes budoomtes,
♡ salphattes ulfaattes,
♡ gabaabattes dheerattes,
♡ qajeeltees meelattes,
♡ ijaa jaamtes ilaaltes,
♡ haati ofi haadhuma!

@Barruu_Beektotaa 📔


⚪ 💓 Onnee qulqulluun jaalalaaf hunduma dursee in bitama. Sababni Guddaan Eebba kanaa (5) as tuquudhaan dubbisaa...↪️ See More

👆👇👇💘

➡️ See More
See More


💡 Jaalalli onnee namaa seenuuf Sababni Guddaan 3,... See More


👉 Hojii Airdrop guyyaa guyyaadhaan Tether dollar 0.3$ Isin argachiisuu fi affeerraa namoota 10tiin 1$ isiniif kennuu kana ammuma eegala.

Guyyaa 4f affeerraa Nama tokkootiin carraa Dolara 50$ isiniif Kenna.
👇👇👇
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=6380763518
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 💰


“SI’A BAAY’EE KUFUUN KOO ANAAF KARAA FIIXAAN BA’IINSAA NAAF TA’E"

(Jecha Toomaas Edisoon ─ Abbaa kalaqaa fi argannoowwan 15 ol addunyaaf gumaache)

… Waa’ee namicha kanaa irra deddeebi’ee kanan barreessuuf waan baay’ee waanan irraa hubadheef isinis waa irraa barattu jedhee waanan yaadef malee ittiin isin jajjabeessuuf yookiin seenaa isaa isin barsiisuf miti.

Dhugaan jireenyaa fi iccitiin milkaa’inaa inni sirriin isa kana waan ta’ee fi dargaggoota ciminaa fi humna addaa of keessaa qaban baay’een utuma jiranii garuu kaka’uumsa gara milkaa’inaatti isaan geessu dhabanii waan laayyotti of ilaaluu keessaa bahuu akka qaban hubachiisuuf!

» Rakkoon rakkoo ta’ee kan hafu gaafa ati karaa qajeeladhaan furmaata itti laachuu dhiiftee akka rakkootti ilaalte qofadha.
» Rakkoon siif carraa itti qaramtee baatu ta’uu qaba. Carraa ati itti mul’ata kee dhugoomsitu ta’uu qaba.
» Jireenya kee keessaa wanti baay’ee cimaan, wanta ati akka cimaatti ilaalte qofaadha.
» Kan baay’ee cimaa ta’e si mataa kee malee rakkoo si qunname miti. Anatu rakkoo CAALAA cimaa dha jedhi of amansiisi!
» Ati rakkinaaf hiika addaa kennuu qabda.

Toomaas Edisoon, “Si’a  baay’ee kufuun koo anaaf karaa fiixaan ba’iinsaa naaf ta’e; kana akka kufaatiitti hin fudhadhu; akka barnootaatti malee. Sababni isaa karaalee hin hojjenne kuma kudhanin irraa baradhe.” jedhee dubbata. Kanaafuu atis “HIN KUFNE NAN KA’E MALEE” jedhii of irratti dubbadhu!

Eeyyee:

» Si’a baay’ee kufuun isaa nama guddaa ta’uutti isa fide.
» Maalif rakkinni na qunnama jechuun maaliifan NAMA  ta’a jechuudha.
» NAMA ta’uuf rakkina keessa darbuun dubbii dhumaati.

@Barruu_Beektotaa 📔






❤️ Dubbiilee humna qabeeyyii (powerful speeches) kanneen guyyaa guyyaadhaan ofirratti dubbadhu! Milkaa'ina kee bira gahuudhaaf sababa tokkollee ni dhabda!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

@Barruu_Beektotaa


⚪️ Telegram keessaan Premium Gochuu namoonni barbaaddan gatii muraasan isiniif gochuu dandeenya💠
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
3 Month - 1,840 birr 💠

6 Month - 2,730 birr 💠

1 Year - 4,500 birr 💠

🔣 Contact me:@Getu_Abera


💛 "Miira jaalalaa namatti dhaga'amu parsantiin 70% maal akka ta'e beektuu?...." ➡️ As tuquun dubbisaa.

👉 See More
See More


➡️ Waliin ta'uun,
➡️ Waliin hojjachuun,
➡️ Waliif Galuun
➡️ Yaada walii beekuun,

Karaalee ittiin guddinni mul'atu keessaa isaan guddaa dha.

@Barruu_Beektotaa


❤️ Durbi Jabduun gatii ishee gaarii gootee beekti 🤗.. Seenaa Ajaa'ibaa As tuquudhaan itti fufii dubbisi..

➡️ See More
See More


⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️

⚪️ Telegram keessaan Premium Gochuu namoonni barbaaddan gatii muraasan isiniif gochuu dandeenya💠
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
3 Month - 1,840 birr 💠

6 Month - 2,730 birr 💠

1 Year - 3,954 birr 💠

🔣 Contact me:@Getu_Abera


"Dhugaan wanta isa baraaru kamiyyuu hin barbaadu. Yeroo dhugaa dubbattan, ofuma isaatiin ragaa guutuu fi ga'aadha. Waan tokkoyyuu, gargaaraa tokkoyyuu hin barbaadu. Ofuma isaatiin dhugummaa mataa isaa ni qaba.

Sobni duwwaadha; ragaa kamiyyuu hin qabu. Akkas ta'ee utuu jiruuyyuu, soba dubbachuun namoota gowwoomsuu in dandeessu.

Tarii tokkoon isaa in beektu ta'a. Haa ta'u yyuu malee, soba kumaatamaan lakkaa'aman isaan kanneen keessaa, haala dubbattaniin, isa bu'uuraa baruun baay'ee rakkisaadha."
   


✅ Warri Dogs hojjechaa turtan baga gammaddan!

Amma yeroon itti baafattan dhufee jira... namoonni gurgurachuu barbaaddan keessaan na quunnamaa
➡️ @Getu_Abera


Forward from: GAGGEESSUMMAA
Account abbaa barbaaddee kanneen akka Facebook, Email.., any social media account cabsuun dokumant fudhachuu yoo barbaanne #App kanatu nu fayyada. Kanammo diina keenya irratti malee walii keenya irratti hojjechuu hin qabnu App kana buufachuuf link gadii kanaan seentanii Install godhattu
👇
https://apk.kbibleverse.com/learn-ethical-hacking-hackerx/


Forward from: Gutu Abera Official
🔗 Air Drop fi Telegram Bot kan sirrii kaffalan link isaanii bakka tokkotti argachuu kan dandeenyu chaanalii kana irratti.
Hojiiwwan kana hojjechuu yoo barbaaddan qofa join gochuu dandeessu
👇
Join
https://t.me/+61YIb3JPRw8wNDdk

20 last posts shown.